BU’UURA HOJII GAAZEXESSUMMA
(FUNDAMENTALS OF JOURNALISM)
(Afol: 441)
Kan Qopheessan:
Amaanu’el Raagaa
Cimdii Waaqumaa
Yunivarsiitii Jimmaa
Kolleejjii Saayinsiifi Seeraa
Dame Barnoota Afaan Oromoofi Ogbarruutti
Barnoota Fagootiif Kan Qophaa’e
Guraandhala, 2003
Yiinivarsiitii Jimmaa
1
Baafata
Fuula
BOQONNAA 1
Seensa
1. Bu‟uura Hojii Gaazexessummaa................................................................... 1
1.1. Seenaa Achii‟as Dhufii Gaazexaa.......................................................... 1
1.1.1. Seenaa Hojii Maxxansa Addunyaa.................................................... 2
1.1.2. Gaazexeessummaa Biyyoota Addunyaa Sadaffaa Keessatti....... 17
1.1.3. Gaazexeessummaa Biyya Itiyoophiyaa Keessatti......................... 24
1.1.3.1. Seenaa Gaazexeessummaa Itiyoophiyaa................................ 27
1.1.3.2. Mootii Haayile Sillaaseefi Maxxansa (Pireesii)........................ 30
1.1.3.3. Mootummaa Dargiifi Maxxansa................................................. 34
1.1.3.4. Maxxansa Bara Mootummaa ADWUI....................................... 36
1.2. Qooda Gaazexeessummaa Rakkoo Hiikuu Keesatti.......................... 43
1.3. Gaazexeessitoota Gaarii Addunyaa KeenyaaQ.................................. 51
1.3.1. Gaazexeessaa Gaariin Waan Gochuu Hinqabne.......................... 54
1.3.2. Wantoota Gaazexeessaa Gaariiin Gochuu Qabu.......................... 55
BOQONNAA LAMA
2. Yaadrimeewwan Pireesii Afran................................................................... 57
2.1. Gaazexeessummaan Maali................................................................. 64
2.2. Gaazexaan Maali................................................................................. 66
2.3. Oduun Maali......................................................................................... 68
2
2.4. Gosoota Gaazexeessuu Afran............................................................ 74
1) Oduu (Knews).................................................................................... 75
2) Barreeffamoota Gaggabaaboofi Dhedheeraa Gadifageenyaan
Dhiyaatan (Fetchers).................................................................... 77
3) Barreeffamoota Ibsa Gadi Fagoo Qabaniifi Kaayyoo
Amansiisuu Qaban (Commentary)............................................. 78
4) Barreeffama Ibsa Ejjennoo (Editorial).............................................. 78
BOQONNAA SADII
3. Raawwii Hojii Gaazexeessummaa.............................................................. 79
3.1. Maddoota Oduu.................................................................................... 80
3.1.1. Madda Oduu Kallattiifi Amanamaa Tokkooffaa............................. 84
3.1.2. Madda Oduu Kallattii Lammaffaa................................................... 85
3.1.3. Madda Odeeffannoo Kallattii Sadaffaa.......................................... 86
3.2. Oduun Attamitti Argama.......................................................................... 88
3.3. Walga‟ii Ibsa Gaazexeessawaa............................................................. 91
3.4. Ibsa Gaazexeessawaa Barreeffamaa.................................................... 93
3.5. Afgaaffii (Interview).................................................................................. 95
3.5.1. Gosoota Afgaaffii............................................................................. 95
BOQONNAA AFUR
4. Akkaataa Oduuu Gaazexaa Itti Barreessan............................................... 98
4.1 Keeyyata Oduun Ittiin Jalqabu /Liidii.................................................... 100
3
4.2 Qbxiilee Dabalataa Oduu...................................................................... 108
BOQONNAA SHAN
5. Mala Barruu Gaazexaa Qopheessuu....................................................... 118
5.1 Seerota Guguddoo Barruun Gaazexaa Ittiin Bulu............................. 120
5.2 Mata Duree Oduu Barreessuu............................................................. 123
5.3 Qusannoo Jechootaa........................................................................... 125
5.4 Fuula-Bareecha Gaazexaa (Page Makeup)....................................... 127
5.5 Caasaa Dhaabbata Gaazexaa............................................................ 133
5.6 Ogeeyyii Gaazexaafi Ga'ee Isaanii..................................................... 134
5.6.1 Qopheessaa Olaanaa................................................................... 134
5.6.2. Rippoortaroota............................................................................. 135
5.6.3 Gulaaltota...................................................................................... 136
5.7 Akkaataa Oduun Gaazexeessuu Elektrooniksii Itti Barreeffamu 138
4
BOQONNAA 1
BU’UURA HOJII GAAZEXESSUMMAA
SEENSA
1.1. Seenaa Achii’as Dhufii Gaazexaa
Dhimmoonni jireenya hawwaasummaa, siyaasaa, dinagdee, amantaafi kan
biroo ilmaan namootaa wajjin walqabatan karaa kallattiis ta‟e karaa mit-
kallattiin ka‟umsaafi jalqabbii mataa isaanii qabaachuu ni danda‟u. Haaluma
kanaan, hojiin gaazexeessummaas jalqabbiifi ka‟umsa mataa isaanii kan
qaban ta‟us biyyoota garagaraatti ka‟umsi isaanii seenaa achii as dhufii mataa
mataa isaanii qabu. Kanaaf boqannaa kana jalatti seenaan achii as dhufaatii
hojii gaazexeessummaa sadarkaa addunyaatti, sadarkaa biyyoota addunyaa
sadaffaattiifi biyya Itiyoophiyaa keessatti maal akka fakkaatu ni baratta.
Kaayyolee Boqonnichaa
Barataa! koorsii kana qixa sirriitiin barattee yoo xumurte:
Seenaa achii as dhufii gaazexaa ni hubatta;
Gaazexaan biyyoota garagaraatti ka‟umsa adda addaa akka qabu ni
hubatta;
Seenaa achii as dhufii gaazexaa sadarkaa addunyaatti jiru ni baratta;
Seenaa achii as dhufii gaazexaa sadarkaa biyyoota addunyaa sadaffaatti
5
jiru ibsuu ni dandeessa;
Seenaa achii as dhufii gaazexaa sadarkaa biyya Itiyoophiyaa ibsuu ni
dandeessa.
1.1.1. Seenaa Hojii Maxxansa Addunyaa
Seenaan hojii maxxansa addunyaa haala waliigalaan yoohubatame, seenaa
hojii siyaasaa yookaan seenaa hojii sadarkaa mootummaatti ta‟u uummanni
akka beeku taasisuu waan ta‟eef haala amma irra jiru kanarra ga‟uuf bu‟aa
ba‟ii heddu keessa darbee kan dhufe ta‟uun isaa kan walnama gaafachiisu
miti. Kanaaf, jalqabbiin hojii maxxansa addunyaa keenyaa maal akka
fakkaatuufi bu‟aa ba‟iin inni kessa darbee as ga‟e maal akka fakkaatu mata
duree kana jalatti ni baratta. Mata duree kana jalatti qabiyyeen ati akka
hubattu sirraa eegamu akka kaayyootti akka asiin gadiitti taa‟eera. Dhuma
mata duree kanaarrattis, qabxiilee akka kaayyoo mata duree kanaatti
dhiyaatan raawwattee hubachuukee erga mirkaneeffatteen booda gara mata
duree isa itti fufuutti darbi.
6
Hojiin gaazexessuummaa yoom akka eegale sirriitti lafa kaa‟uun rakkisaadha.
Haata‟u malee qo‟attoonni hojii gaazexeessuummaa biyyoota garagaraa keessa
jiraatan ka‟umsa gaazexeessummaa biyyoota isaaniif bu‟uuraalee garagaraa
himu. Biyya Roomaa keessatti gaggeessitoonni waraanaa „Aktaa Durnaa‟ (Acta
Durna) jedhamanii beekamaniifi dhaloota kiristoosiin dura jiraataa turan,
milkaa‟ina waraanaa biyya isaanii guyyaa guyyaatti ta‟uufi waa‟ee jireenya
mootota biyya isaanii dhimmoota ilaallatan barreessanii lafa namoonni
baay‟een walitti qabamaniifi keenyanii gamoo gurguddaa biyya isaaniirratti
fannisaa akka turan seenaan ni hima. Jiraattonni biyyassiis wantoota guyyaa
guyyaatti ta‟u oduu himu kana dubbisuuf yeroo hundaa bakka
barreeffamoonni rarraafaman kana dhaqaa akka turan ogeeyyonni hojii
gaazexeessuummaa ni ni himu. Gochuma kana akka ka‟umsaatti fudhachuun
warri Aktaa Durnaa jalqabdootaa hojii gazexeessummaa addunyaa keenyaatti
yaanni jedhu beektota biyya saniifii boyyoota biro tokko tokko waliigalcha.
Biyya Hindii keessattis jaarraa 15ffaa keessa gartuun namoota kan
„Bakharnavisas‟ (bakharnavisas) jedhamanii beekamaniifi wantoota guyyaa
guyyaan biyya isaanii keessatti ta‟an barreessanii mootota biyya isaaniif ergan
akka turan seenaan ni hima. Dhimma kana bu‟uura godhachuun ogeeyyoonni
hojii gaazexaa biyyittii hedduun warri Bakharnavisas jalqabdoota hojii
gaazexeessummaa addunyaa keenyaa akka ta‟anitti yommuu kaasan achuma
keessaa ogeeyyonni yaada isaanii hinfudhannes ni jiru. Sababiin isaas,
gartuun namootaa sun wantoota haaraa biyyittii keessatti ta‟an haa
barreessaniyyuu malee kan isaan ergan mootota qofaaf waan ta‟eef
uummatichaaf tajaajilli isaan kennaan hinjiru ragaa jedhu lafa kaa‟u.
Gaazexeessaan tokko biyya dimokraasiin jiru keessatti hojiikoo jedhee kan
inni/isheen hordoofee ifa taasisuu qabu/qabdu, dhimma uummaticha ni
fayyada yookaan ni miidha jedhee yaadu yoo ta‟u uummatichi fayidaa isaafi
miidhaa isaa beekee dhiheenyaan hordofuu akka danda‟uuf qooda gama
isaan/isheen jiru amanamummaan bahuudha.
Ogeeyyota sabquunnamtii kan ta‟an namoonni Ayiriin Fikaankiifi Devid
M.Biraawun Istoon jedhaman lama kitaaba isaanii „Yaada Dabarsitoota‟
jedhamu keessatti akka lafa kaa‟anitti, namoonni ragaa walitti qabatanii
uummatatti dabarsan yeroo jalqabaaf gaazexeessitoota jedhamanii waamamuu
kan eegalan jalqaba jaarraa 17ffaa keessa akka ta‟e lafa kaa‟u. Akka beektonni
kun jedhanitti, gaazexeessaa/gaazexeessituu jedhamanii waamamuu qofa otuu
hintaane maqichis jaallatamaa ta‟aa kan dhufe erga maashiniin maxxansaa
uumameefi boodas teknoloojiin Raadiyoofi Televidzinii gara addunyaa
9
keenyaatti as bahee akka ta‟e beektonni kun waliigalu. Keessumaa, baroota
duriifi giddugaleessaa keessa biyyoota Awurooppaa keessatti oduu kan
daddabarsaa turan, mootota kan bashannansiisan, seenaa kan himaniifi kan
seenessan akkasumas wallooleen (poet/poetess) garagaraa kan turan ta‟us
hojiin gazexeessummaa bal‟inaan hawwaasicha kan tajaajiluu eegaleefi kan
babal‟ate oduu dhiheessitoota afaan Ingiliziin „reporters‟ warri jedhaman erga
hojii jalqabanii akka ta‟e beektonni lamee kun lafa kaa‟aniiru.
Akka beektonni lameen asiin olitti eeraman jedhanitti, hojiin
gaazexeessummaa haala hammaayyaa ta‟een kan eegale bara haaromsaa
Awurooppotaa jaarraa 14ffaa fi 16ffaa keessatti. Keessumattuu, biyya Biriteen
guddoo keessatti moototaa biyyittiifi dhaabbilee daldalaa garagaraaf ergaan
barbaachisaa ta‟e kan raabsamaa ture, akka jaarmiyaa tokkootti gurmaa‟anii
gartuu hojii oduu deddeebisuu irratti bobba‟aniin ture. Jalqaba jaarraa 16ffaa
keessa magaalaa biyya Jarmanii Awugisburgi keessatti dhaabbanni Fugersi
jedhamu tokko dameelee dhaabbilee isaa biyyoota Awurooppaa garagaraa
keessa faca‟anii jiraniif tajaajila oduu barbaachisaa ta‟e kennuuf dhaabbata
oduu mataa isaa hundeessee ture. Haaluma Fugeris wajjin walfakkaatuun
namoonni biroons hojii daldalaa bal‟aa kan qabaniifi tajaajjilli oduu kan isaan
barbaachisu dhaabbileefi namoota dhuunfaaf oduu qopheessanii gurguraa
akka turan Firaankiifi Birawunistoon addeessanii lafa kaa‟aniiru. Haalli kunis,
akka beektonni lameen jedhanitti, jalqabbii hojii gaazexaaf ka‟umsa ture.
10
Firaankiifi Birawunistoon akka jedhanitti, ta‟umsa gurgurtaa gaazexaa isa kan
biyya Jarmanii dursee kan ture bara 1513 keessa lola “Filoden Filditti” ta‟e
ilaalchisee xalayaan oduu fuula 12 qabu London keessatti maxxanfamee akka
ture beektonni lamaan asiin olitti eerre kun ni himu. Namoonni xalayaa oduu
qopheessan kunis yeroo sanatti hanqina maallaqaa qabu waan tureef
maxxansi isaanii yeroo isaa eegee kan ba‟u hinturre. Itti dabalees, maddi oduu
isaanii waajjiraalee mootummaa keessattiifi jaarmiyaalee daldalaa keessa kan
hojjetan lammiilee alaa irraa waan tureef sababa haala qilleensaa, lola biyyoota
jidduutti ta‟uufi warraaqsa uummataa garagaraa sababa godhachuun
maxxansi isaanii yeroo isaa eegee hindhiyaatu ture. Keessumaa biyya Ingilizii
keessatti yeroo sanatti torbanitti tokko maxxanfamee dhiyaataa kan ture
gaazexxaan „koraantos‟ (Corantos) jedhamu yeroo isaa eegee hinmaxxanfamu
ture. Sababa kanaaf, gaazexoonni biyya Ingilizii rakkoolee asiin olitti
eeramanirraan kan ka‟e torbanitti maxxanfamuun isaanii hafee torbee lamatti
maxxanfamuun dirqama isaanitti ta‟ee ture.
Bara kana keessa qopheessitoonni hojii gaazexaa kan turanis lakkoofsaan
baay‟ee xiqqaa turan. Abbaan qabeenyaa gaazexichaa yeroo baay‟ee
qopheessitootaafi maxxansitoota ta‟anii kan hojjechaa tura yoo ta‟u
gargaartonni isaaniimmoo maashinii maxxansaa qiqindeessuu, hojii oduu
barreessuufi gulaaluu garagaraa raawwachuufaa ture. Haaluma kanaan erga
turee booda jalqaqba jaarraa 17ffaa keessa hojiin gaazexeessummaa maqaa
„joornaal‟ jedhu argate maxxanfamuu jalqabe. Yeroo sana keessa maxxanfamaa
kan turan gaazexoonni kunis qabiyyeen isaanii aadaa, falaasama, ogbarruufi
11
jireenya hawwaasummaa uummataa akka ture himama. Jaarraa 18ffaa
keessas biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa keessatti bal‟inaan beekamaa kan
ture joornaaliin „The Tatler‟ jedhamu nama Sitil jedhamuun kan qopheeffamaa
ture yoo ta‟u joornaaliin „The Spectator‟ jedhus nama Josef Adsen jedhamuun
qophaa‟aa akka ture seenaan jiru ni agarsiisa. Jaarraa 18ffaa dhuma kana
keessa maxxanfamuu gaazexoota garagaraa wajjin walqabatees rakkinoota
hojii maxxansaa keessatti mul‟atan hojiin ceepha‟uus xiyyeeffannaa
barreeffamoota garagaraa ture. Baruma kana keessa babal‟inni gaazexaa
magaalota gurguddoo Awurooppafi Ameerikaarra darbee magaalota naannoo
jiran keessattilee bal‟inaan maxxanfamuu eegalee ture. Torbaniifi turban
lamatti maxxanfamaa kan tures guyyaa guyyaatti maxxanfamuu eegale.
Haata‟u malee biyya Awurooppaa keessatti haalli bara 1912tti ture hojii
babal‟ina gaazexaaf gufuu ta‟ee ture. Innis, mootummaan Ingilizii hojii
gazexaarratti gibirri akka kanfalamu gaafachuu isaa ture. Dhimmi gibiraa
kunis qo‟annoo ga‟aan otuu irratti hingaggeeffamiin kan ta‟e waan tureef hanga
1855tti qaamni hawwaasaa galiin isaanii gad-aanaa ture bitanii dubbisuuf
rakkachaa akka turan seenaan ni agarsiisa. Akkasumas hojii gaazexaa
eegaluuf eeyyama mootummaafi eeyyama daldalaa qabaachuunis akka
haaldureetti waan ilaalamaa tureef kunis gama isaan hojicharratti dhiibbaa
mataa isaa qoodeera. Bara sanatti, keessumaayyuu dhuma jaarraa 17ffaa
keessatti, biyyi Ameerikaa bitta kolonii Ingilizii jala waan turteef seera gibiraa
Ingiliziin hojii garagaraarra keessu keessumattuu gufuu guddina mirga
maxxansaarratti ta‟u kana qaama qabsoo mirga walabummaa isheetti dabaltee
12
mormiif hidhattee kaate. Haaluma kanaan, bara 1791 keessa foyyainni heera
Ameerikaa inni jalqabaa (The first Amendment) “kongiresiin Ameerikaa mirga
dubbachuufi maxxansuu (press) to‟achuuf seera baasuu hindanda‟u” jechuun
eejjennoo mirga pireesiif qabu agarsiise. Bu‟uura kana qabachuun beektonni
sabquunnamtii baay‟een akka waliigalanitti Ameerikaan biyyoota Awurooppaa
kamiyyuu caalaa ciminaafi guddina hojii gaazexaarratti qooda fudhatteetti
jedhu. Walabummaa pireesii mirkaneessuutti dabalees gaazexeessummaan
akka gosa barnoota tokkootti akka kennamu kan taasistes Ameerikaa turte.
Keessumaa gaazexoota Awurooppaa biratti kan hinbeekamne garuu
Ameerikaan kan hojiirra oolchite maqaan balballoomsitootaa yookaan
barreessitoota oduu gaazexicharratti akka bahu taasisuu yoo ta‟u
fayyadamtoonni gaazexichaas dhimmicharratti baay‟ee gammadoo turan. Akka
ragaaleen garagaraa lafa kaa‟utti, sababuma kanaan ture gaazexeessaan
Ameerikaa Hores Giriliya jedhamu jaalala gaazexaa inni barreessurraan kan
ka‟e kabajafi jaalala uummanni qabuufiin perezedaantummaa Ameerikaaf
akka dorgomu taasifamee kan ture.
Akkuma hojiin gaazexeessummaa miidhagaadha jedhamu ture kan qabiyyee
isaaniitiinis ta‟e qulqullina isaaniitiin baay‟ee gadi bu‟aa ta‟anii sadarkaa kutaa
biyyaatti gatii gadaanaan kan gurguraman turaniiru. Gaazexaan kutaa
biyyaatti qophaa‟u kunis dhimmoota kutaalee biyyaa waan xiyyeeffatuuf
gaazexeessittoota baay‟ee keessummaa dubartoota qacaree hojjechiisaa akk
ture hima. Dubartoonni kunis hojii barreessuu, mimmiidhagsuufi oduu
biyyoota alaaf tamsaasuurratti bobba‟anii hojjechaa turan. Haala kanaan ture
13
caasaan hojii gaazexeessummaa faara qabachaa kan dhufeefi sadarkaa adda
addaatti qoqqoodinsi bakkaas (position) kan mul‟ataa dhufe. Haaluma kanaan
maxxansiisaan gaazexaa tokkoo hojii bulchiinsa isaa hundaa keessumaa
adeemsa maxxansaa, qacarriifi ramaddii barreessitootaa, imaammata
gaggeessaa gaazexichaafi haala qabannaa maallaqaa irraatti kan hogganaa
ture yoota‟u hojii gulaaluu irratti kan hojjetummoo „maaneejiingi editer‟ kan
jedhamu ta‟ee innis hojii gulaaluufi barreessitoota hogganiirratti to‟ataa ta‟ee
gaggeessaa ture. Haalli kun har‟allee akkaatuma sanaan hojjechaa kan jiru
yoota‟u biyyaa biyyatti garuu garaagarummaan mul‟atu ni jira. Sadarkaaleen
bakkaa hojii gaazexaa keessatti haamul‟ataniyyuu malee barreessaan (reporter)
gaazexaa tokkoo lafee dugdaa hojii gaazexaa akka ta‟e beektonni hedduun walii
galu. Sababiin isaas, ogeeyyonni garagaraa bakka hinjirretti gaazexaa
qopheessanii dhiyeessuun ni danda‟ama. Garuu bakka barreessaan hinjirretti
gaazexaa dhiheessuun baay‟ee rakkisaa waan ta‟eefi.
Guddinni hojii gaazexaa jaarraa 20ffaa keessa sadarkaa guddaarra kan ga‟e
yoo ta‟u innis biyya Ameerikaa keessatti ture. Jaarraan kun seenaa gaazexaa
keessatti jaarraa malaanmaltummaa saaxiluu (the age of muckraking)
jedhamee beekama. Jalqaba jaarraa kanaa keessa gazexeessota dhugaa
baaftota (Investigative reporters) kan jedhaman waan mul‟ataniif isaanis
xiyyeeffannaa hojii isaanii godhatanii hanga akka barsiifata isaanii jedhamee
fudhatamuutti, malaanmaltummaa adamsanii saaxiluu hojii isaanii taasisanii
of dhiyeessan. Hojiin gaazexeessitootaa garee kanaa kunis, biyya Ameerikaa
keessatti ijoollota umurii isaanii malee hojii humnaa olii kanfaltii baay‟ee
14
xiqqaa ta‟een dalagan, mana sirreessaa keessatti adabamtoota seeraa irratti
gochi suukkanneessaafi mirga dhala namummaa sarbu jiraachuu isaa
saaxiluun uummatummaa isaa agarsiisaa hojichi humna uummataaf
dhaabbate ta‟uu mul‟isee ture.
Hojii gaazexeessummaa qorannaa (investigative reporting) keesatti baay‟een
gama fayidaa isaatiin kan eeramu haajiraatuyyuu malee haganuma immoo
gaazexeessonni tokko tokko fedhii baay‟ee jaallatamuufi kabajamuuf
qabanirraan kan ka‟e dhugaa jiru tokko guddisanii dhiyeessuufi waan hinjirre
tokko akka waan jiruutti, waan hintaane tokko akka waan ta‟eetti kan
dhiyeessan mul‟atanii ture. Gochi gaazexeessitoota akkanaa kunis
dhugummaa gaazexaarratti cilee kan dibuufi uummanni tajaajila odeeffannoo
barbaadu miira shakkiin akka deddeebi‟u qooda qabaate. Akkasumas,
uummatichi jibbiinsa gochicha irraa qabu mul‟isuuf hojii gaazexeessummaa
akkasiif maqaa „gaazexeessummaa keelloo‟ (yellow journalism) jedhu kenneefii
ture. Gaazexeessummaa keelloon hojii gaazexeessummaa dhugaa xiqqoo
qabatee daneessuun, waan hinjirre itti dabalee afarsu waan ta‟eef har‟as gocha
akkasii warra qabaniif maqichi ni tajaajila.
Haaluma kanaa wajjin walqabateen, jaarmiyaan mirga gaazexessitootaaf
dhabbates dhiibbaa garagaraa gazexeessitootarra ga‟u qolachuuf biyoota
Ameerikaafi Awurooppaa heddu keessatti babal‟achaa dhufan. Fakkeenyaaf,
biyya Ingilizii keessatti jaarmiyaan „dhaabbata tokkummaa gaazexeessitoota
biyyoolessa Birittaaniyaa‟ jedhu gaazexeessaan tokko dhugaa hojii
15
gaazexessummaa irraa maqee hindalagu jechuu isaatiin rakoon tokko tokko
hojjechiiftota isaarraa irra ga‟a yoo ta‟e deegarsa barbaachisaa ta‟e kennuufiif
kan dhaabbatedha. Keessumaa, biyya Faransaayii keessatti akka seera bara
1935 baheetti gaazexeessan tokko sababa hojii isaan dhiibbaan gama siyaasa
biyyitiin narra waan ga‟eef hojicha itti fufuu hindanda‟u yoo jedhe beenyaan
sammuu isaa jajjabeessuufi yommuu hojicha gad lakkisu kan ittiin hojii biraa
barbaadatu kanfaltiin gahaa ta‟e akka kennamuuf ajaja. Biyya Ameerikaa
keessattis oduu Raadiyoofi Televidzinii kan dhiyeessan baay‟een isaanii
miseensa dhaabbata pireesii biyyitii waan ta‟aniif hojicharratti rakkoon tokko
isaan muuddatee jennaan deegarsa barbaachisaa ta‟e ni kennaf.
Akkuma asiin olitti eerame hojii pireesii keessatti inni hangafaa gaazexaa yoo
ta‟u jaarraa 20ffaa keessammoo sabaalee himaa elektironiksii kan ta‟an
Raadiyoofi Televidziniin hojiirra oolan. Haaluma kanaa, karaa Raadiyootiin
oduun darbu yeroo jalqabaaf kan dhiyaate bara 1906 biyya Ameerikaa
Masachusetis keessatti yoo ta‟u Raadiyoon dhuunfaa hojii daldala dhuunfaa
beeksisuuf kan hojii jalqabemmoo bara 1921 achuma Amerikaa magaalaa
Filadelifiya jedhamu keessatti ture. Raadiyoofi Televidziniidhaan odeeffannoo
barbaadan uummata biraan ga‟uun waan filannoo biraa hinqabne ta‟uu isaa
mootonni biyyoota garagaraa gaafa hubatan bara 1920tii eegalee seera
sabaalee himaa biyya biyya isaanii ittiin to‟atan baasuuf oolanii hinbulle.
Faayidaa sabaalee himaan gama siyaasaafi daldalaan qabu kan hubatan
mootonni abbootii irree hedduun, sabalee himoonni fedhii isaanii tajaajiluu
jalatti akka daanga‟aniif humna mootummaa isaannii qofa jalatti to‟atan.
16
Biyyoonni akka Faransaayiifi Jarmanii otuu hinhafiin sabaalee himaa kana
fedhii siyaasaa isaani qofa guuttachuu jecha qabeenyaa mootummaa qofa
taasisanii hanga yeroo dhihootti itti gargaaramaa turan. Amma garuu haalichi
biyyoota eeraman keessatti bifa jijjiirratee tajaajila uummataaf kan oolu ta‟era.
Haala ilaalcha „monoppolii biyyoota hedduu kanaan adda ta‟een, biyyi
Ameerikaa, mirga qabeenyummaa Raadiyoofi Televidzinii nama dhuunfaa
kabajuun itti fayyadamarratti garuu mirgi nama yookaan dhaabbata biraa
akka hinxuqamne hordofuu filattee hojiirra oolchite.
1.1.2. Gaazexeessummaa biyyoota addunyaa sadaffaa keessatti
Beektonni garagaraa, addunya keenya kana dhimmoota garagaraa bu‟uura
taasifachuun ni qoqqoodu. Haaluma kanaan biyyoota sadarkaa dinagdee
isaaniin ammallee guddachuu hindandeenye biyyoota addunyaa sadaffaa
jedhanii waamu. Biyyoonni dinagdeen isaanii hinguddanne kunis haalli
gaazexaa biyya isaaniis akkuma kana fooyya‟iinsa kan barbaadu ta‟uun waan
walnama gaafachiisu hinta‟u. Kanaaf, jalqabbiifi guddinni hojii gaazexaa
biyyoota addunyaa sadaffaa maal akka fakkaatu mata duree kana jalatti ni
21
baratta. Haaluma kanaan, mata duree kana jalatti qabxiileen ati hubachuu
qabda jedhamee eegamu akka kaayyoo mata durichaatti waan siif dhiyaatee
jiruuf xiyyeeffannaa akka kennituuf akka asiin gadiitti taa‟ee jira.
22
Guddinni misooma dinagdee biyya tokkoo, akkuma wantoota biraa irratti ta‟u,
dhiibbaa inni guddina sabquunnamtii irratti qabu baay‟ee guddaadha. Waan
kana ta‟eef hojiin gaazexeessummaa biyyoota addunyaa sadaffaa keessa jiru
kan isa biyyoota addunyaa lammaffaafi sadaffaa keessa jirurraa raawwatee
adda. Sababiin isaas biyyoota addunyaa tokkoffaafi lammaaffaa warra
jedhamaniifi biyyoota addunyaa sadaffaa warra jedhaman jidduu
garaagarummaan guddina misooma dinagdee, teknoloojiifi barnootaa akkuma
jiru ogummaa gaazexeessummaa irratti gama leenjii kennuutiin, aadaafi
muuxannoo odeeffanoo argachuufi tamsaasuutiin, dandeettii adeemsa
ogummicha hojirra oolchuufi karaa hammayyaa ta‟een odeeffannoo
tamsaasuurratti meeshaalee jiran abbummaatiin gama qabachuutiin haalli jiru
akkuma waliigalaatti garaagarummaa waan agarsiisuufi. Yeroo ammaa kana
addunyaa keenya kana keessa guddinni teknoloojii odeeffannoo hammamilee
yoo jiraate haalli itti uummata keessa faca‟u biyyaa biyyatti garaagarummaa
kan qabu ta‟uun beekamaadha. Waan kana ta‟eef xiyyeffannaan hojii
24
gaazexeessummaa biyyoota addunyaa warra guddataniifi warra guddinarra
jiranii sadarkaa kaayyoofi dirqama hojiitiin garaagarummaa ifa ta‟e ni qaba.
Biyyoota indaastiriidhaan guddatan biratti kaayyoon hojii gaazexeessummaa
beeksisuu barsiisuufi bashannansiisuu yoo ta‟u xiyyeeffannaa guddaan kan
kennamu garuu beeksisuufi bashannansiisuurratti akka ta‟e waliigalama.
Sadarkaan barnootaa uummata biyyoota akkasii olaanaa waan ta‟eef barsiisuu
caalaa hojiin gaazexeessaa ta‟umsa garagaraa uummaticha gudduutti ta‟uufi
rakkinoota mirga dhala namummaatii walqabatee biyyoota garagaraa keessatti
ta‟u beeksisuudha. Itti dabalees hojiin gazexeessummaa biyyoota guddatanii
inni biraan uummaticha bashannansiisuudha. Kanaaf akka waliigalaatti
xiyyeeffannaan hojii gaazexeessummaa biyyoota guddatanii mirgoota dhala
namaafi nageenya hawwaasummaa uummataa mirkaneesuuf dhama‟uudha.
Bu‟uura hojii gaazexeessummaa biyyoota addunyaa sadaffaa yoo ilaalle garuu
haala kan warra biyyoota addunyaa lammaffaafi tokkooffaa irraa adda ta‟een
xiyyeeffannaan isaa barsiisuudha. Sababiin isaas, biyyoota addunyaa sadaffaa
keessatti sochii misooma dinagdee cimsuuniifi guddisuuf uummata gidduutti
jijjiirama amalaa fiduuf hojjechuu waan qabuufi. Kanaaf, uummanni biyyittii
jijjiirama amalaa fidee guddina misoomaaf akka kaka‟u barsiisuu keessatti
qoonni meeshaalee sabqunnamtii iddoo guddaan kan kennamuufii qabudha.
Biyyoota addunyaa sadaffaa keessumaa Afrikaa keessatti bara 1060 irraa
eegalee yeroo dheeraadhaaf haalli gaazexeessummaa aadaa, barsiifata,
falaasamaafi sirna barnootaa biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa kan giddu
25
galeessa godhate ture. Gaazexeesitoonni turanis biyyootuma sanatti ergamanii
kan leenjifamaniifi muuxannoofi aadaa isaaniin kan leenjifaman waan ta‟eef
baay‟een isaanii miira olaantummaa biyyoota sanaan kan tajaajilaa tura ta‟uu
isaa ragaan beektota hedduu ni agarsiisa. Waan kana ta‟eef biyyoonni
addunyaa sadaffaa (Afrikaa, Eesiyaafi Ameerikaa Kibbaa) walabummaa
biyyummaa isaanii hamirkaneeffataniyuu malee haala ogummaafi barsiifata
gaazexeessummaa biyyoota warra dhiyaarraa raawwatee jijjirama qaba
jechuun rakkisaadha. Sababiin isaas gaazexeessitoonni turan bittaa biyyoota
sanaa jalatti kan barsiifamaniifi erga biyyoonni isaanii bilisa ba‟aniis taanaan
gaazexeessitonni turan garuma biyyoota dhihaatti ergamanii kan leenjifan
waan ta‟eefi. Biyyoonni tokko tokko aadaa gaazexeessummaa biyya isaanii
haala qabatamaa biyyittiitti sirreessuuf dhaabbata leenjii ofii isaaniifi
barsiistota biyyoota isaanii adda baasanii kan hojjechuuf yaalan yoo ta‟u
yaanni isaanii kan fiixaan bahe hinturre. Sababiin isaas manneen leenjiifi
barsiisonni kan biyyoota isaanii haata‟uyyuu malee kitaaboleen irraa
barnoonni kennamu kan biyyoota warra dhihaa waan ta‟eef ammas dhiibbaa
aadaafi barsiifata warra dhihaarraa adda ta‟uun hindanda‟amne.
Gaazexeessummaan biyyoota addunyaa sadaffaa kan biyyoota guddataniirra
adda isa taasisu yaanni biraan biyyoonni Afrikaa yeroo baa‟ee fonqolcha
mootummaatii kan rakkattu waan ta‟eef mootummaan tokko yommuu darbu
gazexeessitoonni wajjin jiranis rakkoo keessa galu. Kana waan ta‟eef hojii
gazexeessitoota biyyoota kanaa olola mootummaa aangoorra jiruu afarsuu
akka ture beekamaadha. Kanfaltii isaanii kennamu ilaalchiseerree baay‟ee
26
xiqqaa waan ta‟eef innumtuu loogii mootummaa aangoorra jiruuf taasisaniin
wabummaan isaa kan mirkanaa‟u waan ta‟eef isarraa dabee jennaa rakkoorra
akka hingalle sodachisaadha. Kanaaf hojii gazexeessitoota biyyoota addunyaa
sadaffaa yoo addeessuun barbaachise soda mootummootaa jalatti kan kufe,
yaaddoo hojiirraa dhaabamuufi faayidaa dhabuun kan hudhamee jirudha.
1.1.3. Gaazexeessummaa biyya Itiyoophiyaa keessatti
Barataa, waa‟ee seenaa jalqabbii hojii gaazexaa addunyaa keenyaafi kan
biyyoota addunyaa sadaffaa hubattee akka jirtu ni abdatama. Mata duree
amma ilaaluuf jirru jalattimmoo waa‟ee seenaa jalqabbii hojii
gaazexeessuummaa biyya Itiyoophiyaa ni barata. Haaluma kanaa, biyya
Itiyoophiyaa keessatti seenaan jalqabbii hojii gaazexaa maal akka fakkaatu,
gaazexoonni jalqabaa kamfaa akka ta‟an, hojii gaazexeessummaa biyyattiif
wantoonni akka gufuutti ka‟an maalfaa akka ta‟an, hojiin gaazexeessummaa
baroota mootota Itiyoophiyaa garagaraa biratti bifa maal qabachaa akka
turaniifi ammas maal akka fakkaatan ni barata. Kanaaf, mata duree kana
jalatti, qabxilee ati akka hubattu sirraa eegamu akka kaayyoo mata durichaatti
akka asiin gadiittii dhiyaataniiru.
1.1.3.1. Seenaa gaazexeessummaa Itiyoophiyaa
Jaarra shanana har‟aa dura ture namicha Gutenberg jedhamuun maashiniin
maxxansaa uumee seenaa guddina ogbarruu addunyaa irratti jijjiiramaaf
sababa kan ta‟e. Haaluma kanaan walqabatee maashiniin maxxansaa kunis
gara biyya Itiyoophiyaa kan seene waggaa dhibba har‟aati. Biyya Itiyoophiyaa
31
keessa sirni mootummaa yeroo sana tures guddina ogbarruufis ta‟e nagaa
uummata biyyittiif mijataa waan hinturreef tajaajjilli hojii gaazexeessummaa
bakka kan qabu hinturre. Qubeen saabaa har‟a afaan Amaaraafi kan biroo
ittiin barreffamaa jiranis erga maashiniin maxxansaa Itiyoophiyaatti galee asis
rakkoo hojii maxxansaa ta‟ee itti fufe. Sababiin isaas, maashiniin
barreeffamaaf qophaa‟ee ture kan qubee laatiinii malee kan qubee saabaa
barreessu waan hinturreef faayidaan isaa dafee hojiitti hinjijjiiramne.
Dhimmichi har‟allee fayyadama kompiwutararrattillee rakkoo walfakkaatu
uumaa jira.
Gaazexeessummaan yeroo jalqabaaf biyya Itiyoophiyaa keessatti kan eegale
bara mootummaa Minilik lammaffaa ture. Bara 1966 ministeera beeksisaa
Itiyoophiyaatiin „paternis of progres‟ gaazexaan jedhamu akka kaa‟etti namni
jalqaba gaazexaa Itiyoophiyaa keessatti jalqabe nama Bilaatta G/Igzaabiher
jedhamu yoo ta‟u gaazexichis guyyaan itti bahaa tureefi maqaan gaazexichaa
hinbeekamne. Haata‟u malee gaazexichi torbanitti guyyaa tokko harkaan
barreeffamee bahaa akka tureefi mooticha Minilikiifi warra isaa wajjin hojjetaa
turaniif kan raabsamaa ture ta‟uun ibsichi ni agarsiisa.
Ministeerri beeksisaa asiin olitti eerame akka jedhitti, jalqabbii hojiilee
gaazexaa Itiyoophiyaa keessatti lakkaa‟amuu qabu jedhee kan kaasu inni
biraan gaazexaa Eeritiraa keessatti bara 1891 maxxanfamaa ture kan „koriyer
Eritireyo‟ jedhamuufi biyya Jibuutii keessatti bara 1899 maxxanfamaa kan
ture „Firanko Itiyoopiyen‟ kan jedhamudha. Gaazexoonni kunniin biyya
32
Itiyoophiyaan alatti haa maxxanfamaniyyuu malee bal‟inaan kan isaan
barreessan waa‟ee Itiyoophiyaa waan ta‟eef akka seenaa jalqabbii gaazexaa
Itiyoophiyaatti ilaalamuun isaanii barbaachisaa akka ta‟e ministeerichi
kaa‟eera. Gaazexaan koriyer Eritireyo jedhamu kunis afaan xaaliyaaniin kan
barreeffamaa ture yoo ta‟u gaazexaan Firanko Itiyoopiyen jedhamu garuu
afaan Faransaayiin barreeffamaa ture. Bara 1890 keessa magaalaa Hararitti
gaazexaan maxxanfamaa ture gaazexaa „ye Itiyoophiyaa saammintaawwii
gaazexaa‟ kan jedhamu yoo ta‟u kan inni maxxanfamaa tures afaan Amaaraafi
afaan Faransaayiin ture. Kaayyoon gaazexaa sanaas amala addaa dhukkuba
„qurcummaa‟ beeksisuufi gargaarsa yaalii dhukkubichaaf ta‟u barbaaduuf
ture. Hundeessaan gaazexichaa misiyoonii biyya Faransaayii kan ta‟e nama
abba Mari Barnard jedhamu yoo ta‟u mootichi Minilik gargaarsa maallaqaafi
hamilee kennaafii akka ture keessumaa bara 1905tti maashinii maxxansaa
kenneefii ture.
Gaazexaan „Ayimiroo‟ jedhamtus akkuma gaazexaa Bilaattaa G/Igzaabiheer
gaazexaa jalqaba turteefi harkaan kan barreeffamaa tutredha. Gaazexaan
kunis torbanitti yeroo tokko kan maxxanfamaa turte yoo ta‟u kooppii 24tu
qophooftee mooticha Minilikiifi warra isaa wajjin hojjetaa turaniif kennamaa
turte. Ayimiroon namicha lammii Girikii Muse Indiriyaas Kavadiyaa
jedhamuun kan qophaa‟aa turte yoo ta‟u qabeenyummaan isaas kanuma isaa
turte. Akka gaazexaa torbanitti afaan Amaaraan maxxanfamee bahuutti
Ayimiroon kan bu‟uurte bara 1881 yoo ta‟u maqichas kan kenneefi mooticha
Minilik ture. Ayimiroon mana maxxansaatti maxxanuu yommuu eegaltu
33
kooppiin qophaa‟ee bahu 200 ture. Qabiyyeen gaazexaa kanaa waa‟ee
bilisummaa Itiyoophiyaafi tokkummaa ishee waan tureef kaayyoo mooticha
Minilik tajaajilaa akka ture amanama.
Gaazexaa Ayimiroon booda gaazexoonni hedduun haa bahani malee kooppiin
hunduma isaanii waan hinjirreef isa kamtu kaayyoo maal qaba ture jedhanii
kaa‟uuf rakkisadha. Haata‟u malee gaazexaa kan akka „Biraaninnaa Selaam‟
jedhamufaa kan Ayimirootti aanee torbanitti maxxanfamee bahu keessa tokko
yoo ta‟u kan hundeenfamtes mootii Haayile Sillaaseen turte. Kan hundaa‟es
bara 1917tti yoo ta‟u bara mootichi ture kan isa tajaajilaa ture yoo ta‟u bara
Xaaliyaaniin Itiyoophiyaa bittemmoo Xaaliyaaniitu itti gargaaramaa ture.
Bara Xaaliyaaniin Itiyoophiyaa bitaa turtetti gaazexoonni turan gaazexoota
afaan Xaaliyaaniin barreeffaman yoo ta‟u „koriyer de empero‟, koriyer Eeritiriyo‟
fi “somaliya fashista” kan jedhaman turan. Gaazexoonni kunis Asmaraatti,
Finfinneefi Moqadishootti maxxanfamaa turan. Gaazexoonni kun afaan
Xaaliyaanii ta‟anii tajaajilaa haaturaniyyuu malee gaazexoonni tokko
tokkommoo weerrara xaaliyaanii mormuun kan hundeeffamanis turani. Isaan
keessaas gaazexaan „korespondens de Itiyophi‟ gaazexaan jedhamu afaan
Faransaayiin, Ingiliziifi Jarmaniin kan maxxanfamaa ture yoo ta‟u kan
maxxansiisa tures qonsilaa biyya Ostiriyaa Finfinnee keessa jiraataa ture bara
1920tii eegalee ture. Qabiyeen gaazexichaa fedhii Ingiliziifi Xaaliyaaniin
Itiyoophiyaa koloneeffachuuf qaban kan mormuufi keessumaa fashistiin
Xaaliyaanii waa‟ee Haayile Sillaasee du‟eera jedhee kan uummata
34
Itiyoophiyaatti himu soba ta‟uu agarsiisuu ture. Gaazexichis gargaarsa biyya
Farnsaayifi Ingiliziin kan qophaa‟aa ture yoo ta‟u afaan Amaaraans qophaa‟ee
iccitiin „aarbanyoota‟ Itiyoophiyaaf kennamaa tureera.
1.1.3.2. Mootii Haayile Sillaaseefi maxxansa (Pireesii)
Mata duree asiin olitti kaafne keessatti hojiin gaazexeessummaa biyya
Itiyoophiyaa mootummaa Haayile Sillaasee duraa eegalee kan ture ta‟uu
kaafnee turre.
Atse Minilik abbaa Itiyoophiyaa ishee hammaayyaati jedhamee beekama. Jechi
kun kan nama waliigalchu ta‟uu yaadonni agarsiisan:
Bara kana keessa Itiyoophiyaan bulchiinsa ministirootaa eegalte jedhama
Barnoonni hammayyaa Itiyoophiyaa keessatti kan jalqabe isaaniin jedhama
Tajaajilli telefoonaa, telegraamii, poostaafi Baaburaa kan eegale baruma
mooticha kanaa keessa akka ta‟e himama.
Akkuma waliigalaatti Atsee Minilik Itiyoophiyaa gara hammayummaati fiduu
kan hawwuufi adeemsa xiqqaa kan jalqabe yoo ta‟u isa inni jalqabe kana kan
babal‟iseefiifi xiqqo gara fooyya‟iinsaatti kan fide Atsee Haayile Sillaaseeti
jedhama. Gaazexaan Itiyoophiyaa isheen jalqabaa „Ayimiroon‟ kan jalqabamte
mootii Minilikiin yoo ta‟u kan hojiirra oolchuun baay‟ee itti gargaarame garuu
Atse Haahile Sillaaseeti jedhama. Muuxannoon uummataa gaazexaa dubbisuu
irratti ture cimaa waan hinturreefi hangi maxxansa gaazexichaas namoota
warra aangoorra jiranirra darbee uummata bira ga‟uu waan hindandeenyeef
faayidaan inni mooticha beeksisuurratti qabu ture xiqqaadha. Haata‟u malee
mooticha Haayile Sillaasee beeksisuuf baay‟ee hojjeteera. Kanumatti dabaluun
mootiin Haayile Sillaaseen bara 1917tti gaazexaa „Selaaminnaa Birihaan‟
jedhamu dhaabe.
Gaazexaa Ayimiroodhaanis ta‟e Biraaninnaa Selaamiin hojiin
hojjetame hojii uummata tajaajilu otuu hintaane mootichi mootii akka
kennaatti rabbi biraa uummataaf kenname ta‟u kan labsuufi uummanni
aangoo mootichaa akka muudama waaqaatti akka fidhatu kan ololu ture.
Gaazexaan Ayimiroo hanga weerara Xaaliyaanitti kan hojiira ture yoo ta‟u
weeraricha boodas mootichi akka aangoo isaatti deebi‟een gaazexaa „Addis
Zemen‟ jedhamu bara 1933 jalqabsiise. Addis Zemen akkuma jalqabeen
waggaa lamaan isaatti gaazexaan „Z Itiyophiyaan Heral‟ gaazexaan jedhamu
jalqabame. Gaazexoonni lameenuu olaantummaa, dhugummaa, tajaajilaafi
gargaaraa ta‟uu mootichaafi mootummaa isaa ololuurra darbee waa‟ee
uummata bal‟aa wanti kaasan hin turre. Bara 1958 irraa eegalee gaazexoonni
kunneen gaazexaa guyyaa guyyaan ba‟u ta‟ee hanga har‟aatti itti fufee jira.
Addis Zemeniifi Ze Itiyoophiyaan Heeraalditti dabalee baruma mootiI Haayile
Sillaasee keessa gaazexooni tajaajila kennaa turan lakkoofsaan ja‟a kan turan
yoo ta‟u isaanis Asmaraafi Finfinneetti kan maxxanfamaa turanidha.
Gaazexoonni kenneenis:
Yezaareyitu Itiyophiyaa
Sendeqalemachin
Hibiret
Ilkootii Diyaanoo
Al Alamiifi Bariisaa kan turan yoo ta‟u isaan lamee dhumarra jiran
kun ammalee kan maxxanfamaa jiran yoo ta‟u isaan kaan amma hojiirra
hijirani.
1.1.3.3. Mootummaa dargiifi maxxansa
Mata duree asiin olitti kaafne keessatti hojiin gaazexeessummaa biyya
Itiyoophiyaa mootummaa Haayile Sillaasee duraa eegalee kan ture ta‟uu
kaafnee turre.
Mootummaa Haayile Sillaase booda mootummaan dhufe akka dhufeen haala
bara mootummaa Haayile Sillaasee keessa ture kan fooyyessu fakkaatee ture.
Oolee bulee garuu gochaafi siyaasa mootichaarra ilaalcha hinfooyyofne
hinumaayyuu kan caalu ta‟ee argame. Gaazexaan bara kana tures ayidoloojii
sooshaalizimii hordofamaa tureen biyyittiin dhugaa, dimokiraasiifi falaasama
sooshaalizimiif qofa akka bitamaa taatu kan tajaajilan ta‟anii dhiyaatan.
Akka seenaan biyyattii jedhutti, bara 1953 yaaliin galagalcha mootummaa
ganaraal Mangistuu Niwaayiitiin gaggeeffameen asittiifi naannoo dhufaatii
warraaqsaatti uumamee kan ture haalli walaba ta‟anii mariiyataniifi yaada
ibsachuu bara dargii kana keessa deebi‟ee ukkaamame. Wantoonni
dhugaadhaan uummata keessa turan kan biraa, kan pireesii barasanan
haasa‟amummoo kan biraa ta‟ee argame. Uummanni beela‟aa akka waan
quufeetti, hacuucamaa akka waan isatti toleetti, waraanni biyyittii mo‟amaa
akka waan milkoomeetti, biyyittiin dhiigaa du‟aa otuu jirtuu akka waan
guddataa jirtuutti pireesii labsutu biyyittii keessatti hojjetaa ture.
1.1.3.4. Maxxansa bara mootummaa ADWUI
Mata duree asiin olitti kaafne keessatti hojiin gaazexeessummaa biyya
Itiyoophiyaa mootummaa Haayile Sillaasee duraa eegalee kan ture ta‟uu
kaafnee turre.
ADWUI (Adda Dimokoraatawaa Warraaqsa Uummattoota Itiyoophiyaa) erga
aangoo qabateen asitti haalli pireesii biyyittii haala mootota darbaniirra kan
fooyya‟e fakkaata. Maxxansa dura qorannoon yookaan maaltu akka
barreeffame dursamee qaama caasaa mootummaatiin mootota warra kaan
biratti gaggeeffamaa kan bara mootummaa ADWUI keessatti kan hafe
fakkaata. Gaazexaan dhuunfaadhaan akka maxxanfamu ifatti eeyyamamee
ture. Mootummaan Federaalawaa Dimokiraatawaa Ripabilika Itiyoophiyaa
labsii lakkoofsa 34/1985 irratti akka baaseetti mirgi pireesii biyyattii keessatti
kabajamaa ta‟uu mirkaneessee baaseera.
Haaluma kanaan gaazexoonni dhuunfaa biyyattii keessatti:
Oduu, ceephoofi dhimmoota adda addaarratti afgaaffii garagaraa caasaalee
mootummaa, namoota dhuunfaafii dhaabbilee garagaraa wajjin taasisuu ni danda‟u.
Komee, ceephoofi ilaalcha mataa isaanii mootummaa irratti qaban bukkee
qabanii akka ibsa guulaalamee barreeffameetti ni barreessu.
Ibsafiyaada paartilee mormituu warra mootummaan shororkeessisoota
jedhee isaan ariiyee ni keessumsiisu.
Yeroo tokko tokko tarkaanfii mootummaan dhimmoota
hawwaasummaa, siyaasaafi, dinagdee irratti fudhatu mormuun ni barreessu.
Haata‟u malee yeroo baay‟ee adeemsa isaanii keessatti mootummaadhaa wajjin
yommuu walitti bu‟an takka takkaa immoo haalli kanarra darbe gidduu
isaanitti yommu ta‟u sabquunnamtiin garagaraa ni mirkaneessa.
Walumaagalatti jalqabbiin mirga pireesii irratti mul‟atu gaarii yoo ta‟u akka
rakkootti dhimmoonni ilaalamanis ni jiraatu.
1.2. Qooda gaazexeessummaa rakkoo hiikuu keesatti
Addunyaa keenya kana keessatti akkuma nageenyi biyyoota garagaraa jiddiitti
jiru waldiddaanis ni jira. Waldiddaa biyyootaa jidduu jiru kanas furuuf
karaaleen adda addaa yoo jiraatanis karaan hojii gaazexeesummaa isa tokko.
Kanaaf, mata duree kana jalatti qooda gaazexeessummaan rakkoo hiikuu
keessatti qabu maal akka ta‟e ni barata.
Gaazexeessaan amala hojii isaan waldiddaa hambisuun kan irraa eegamu
miti. Wanti irraa eegamu waldiddaa jiru loogii malee karaa sirrii ta‟een
uummataaf dhiyeessuudha. Haata‟u malee karaa gaazexeessummaa gaarii
waldiddaan yommuu furmaata argatu yookaan yooxiqqaate hir‟atu ragaa
baay‟ee irraa ni argina. Karaalee waldiddaan furmaata argachuu danda‟u
heddu kan gaazexeessaan otuu hinbeekiin itti gargaaramu keessaa muraasa
yoo ilaalle:
1. Walqunnamsiisuu (channeling communication)
Oduun karaa sabquunnamtii darbu waldiddaa gartuu waldhaban jidduu jiru
loogii tokko malee gama dhageessisuutiin filanoo biraa kan qabu miti jechuun
ni danda‟ama. Yeroo tokko tokko sabquunamtiitti kan gargaaramu gartuu
tokko qofa ta‟ee gartuu inni biraan otuu dhimmi isaa hin dhaga‟amiin akka
waan badii kabuutti yommuu lakkaa‟amu ni jira. Haata‟umalee gartuun inni
biraas dhimmi isaa akka dhaga‟amu waan fedhuuf sabquunnamtiin dhimma
gartuu lamaaniiyyuu iddoo tokkotti gama dhiheessuutiin gahee guddaa qaba.
2. Barsiisuu (Educating)
Gartuun waldiddaa keessa jiru kamiyyuu inni biraa rakkoo maalirraa kan ka‟e
gara araaraatti dhufuu akka hindandeenye beekuu qaba.
Kanaaf, hojiin gaazexessaa gaarii ta‟e tokkoo gadi fageenyaan rakkoo gama
lamaaniin jiru yommuu qoratee ifa taasisu inni biraan rakkicha hubatee gara
araaraatti yookaan waan ni ta‟a jedhee yaadu murteessuun ejjennoo isaa akka
sirreeffatu gargaara.
3. Amanamummaa uumuu (Confidence-building)
52
Wal‟amanuu dhabuun garee waldiddaa qaban jidduu jiru tarii sababa
waldiddaa ta‟uurrayyuu darbee kan babal‟isu ta‟uuyyuu ni danda‟a.
Wal‟amanuu dhabuu garee lamaanii kanaafis sababa ta‟uu danda‟a dhimma
jedhamu sana sabquunnamtiin gadi qotee gaafa ifa taasisu shakkiin lamee
jidduu jiru dhibamee gara furmaata barbaaduutii deemuu ni danda‟u.
Gaazexeessaan oduu dhiheessuufi fakkeenya rakkoo walfakkaatuu kan
biroollee dhiheessuun garee waldhabanii jiran jidduutti araarri ta‟uu akka
danda‟u karaa agarsiisuu ni danda‟a.
4. Walhubee dhabumsa sirreessuu (Correcting misperceptions)
Sabquunnamtiin dhabiinsa walhubee gartuu lamaan jidduu jiru adda baasee
gabaasuun warri waldhiban sun gara rakkoo ofii isaaniifi waliisaanii beekuun
gara muddaa isaanii dhiphisuutti akka dhufan qooda ni qabaata.
5. Akka waliiyaadan taasisuu (Making them human)
Gartuun lameen yeroo tokko tokko otuu walhinbeekiin sababa adda addaan
qofa waldiddaan giddii isaaniitti uumamuu ni danda‟a. Kanaaf
sabquunnamtiin garee lameenuu walitti fidee maqaafi fuulaan akka walbeekan
yoo kan taasisu ta‟e haalichi muddaa isaanii gara laaffisuutti fiduu ni danda‟a.
6. Fedhii gartuu lameenii adda baasuu (Identifying underlying interests)
Waldiddaa gartuu garagaraa jidduutti fedhiin yookaan fayidaan tokko tokkoo
gartuulee maal akka ta‟e sabquunnamtiin adda baasee agarsiisuudhaan gara
haalichi itti deemuu danda‟u mala dhahuu ni danda‟a. Fedhii gartuun
garagaraa qaban kanas beekuun kan danda‟amu toftaa garagaraatti
gargaaramuun gaaffilee gadi fagoo gaafachuun ta‟uu danda‟a.
7. Karaa miirri mul’atu (Emotional outlet)
Waldhabdee gartuu garagaraa jidduu jiru otuu babal‟atee gara sadarkaa
cimaatti hindeemiin dura sabquunnamtiin karaa qaawwaa miira isaanii ittiin
dhageessisan ta‟ee yoo dhiyaate rakkichi gabaabumatti furmaanni dhufuufii
akka danda‟u walnamangaafachuusu.
8. Waan waliigalchu qabaachuu (consensus-building)
Qaamota waldhabdee keessa jiran gaafa gara araaraatti fiduun barbaachisu
soda deeggartoonni isaanii qopha qophaan qabaniif wabii kennuuf qabxiilee
gartuu lamaan gara waliigalchuutti fiduu danda‟u ifa taasisuun
sabquunnamtiin gahee guddaa bahuu danda‟a.
9. Furmaata fiduu (Solution-building)
Sabquunnamtii yeroo hundumaa waanuma gartuulee waldhaban gargartaasise
himuu qofa otuu hintaane dhugaa jiru tokko erga adda baasee agarsiiseen
booda waan furmaata ta‟a jedhee amanu gartuulee lameeniif dhiyeessuun gara
araaraatti waamuu nidanda‟a.
1.3. Gaazexeessitoota gaarii addunyaa keenyaa
Gaazexeesummaan akkuma gochaalee garagaraa amala gaarii jedhamuufi
yaraa jedhamu ni qaba. Kanaaf, amalli gaazexeessummaa gaariifi yaraa
jedhamu maal akka ta‟e mata duree kana jalatti ni baratta.
Lammiileen waldiddaa keessa jiran gara furmaata rakkoolee isaanii
barbaaduutti akka dhufaniifi furmaata amansiisaa akka dhufaniif
gaazexeessaa gaarii argachuun murteessaadha. Addunyaa keenya kana
keessatti gaazexeessonni bebbeekamoon qabxiilee waliigalaa ittiin hojii
gaazexeessummaa fiixaan baasan lafa kaa‟aniiru. Haata‟u malee
gaazexeessitoonni biyyoota adda addaa waan dhaqaniif seera pireesii garagaraa
biyyoota sanaan daangefamuudhaan ulaagaa waliigalaa giddu-galeessummaa
qabuun hojjechuuf heddu rakkatu. Sun ta‟uyyuu garuu gaazexeessonni seera
qabeeyyiin hunduu wanna hojjetaniifi akka qajeelfama hojii isaaniitti kan isaan
wabeefatan ulaagaa waliigalaa giddu-galeessummaa qabuufi biyyoota hundaa
keessatti fudhatamu qaba jedhanii amananidha. Haaluma kanaan har‟a
addunyaa keenyarrati jaarmiyaalee gazexeessitootaa kan ulaagaa waliigalaa
hojii gazexeessummaa irratti walii galanii jira 50 ta‟u. Isaan keessaa
federeshinii addunyaa gaazexeessitootaa kan jedhu isa tokkoofi isa hangafa.
1.3.1. Gaazexeessaa gaariin waan gochuu hinqabne.
Gaazexeesaa gaarin waan gochuu hinqabnedha qabxiilee jedhaman:
1. Maqaa balleessuu (defamatory):
Gaazexeessaa gaariin namni dhuunfaas ta‟e dhaabbanni kamiyyuu wanna
inni/isheen hingooneefi hintaane akka waan ta‟eetti sobee hidhiyeessu.
2. Dhaga’ee himuu (derivative)
Gaazexeessaa gaariin wanna sabaalee himaa biraan himame tokko ofii wabii
madda jalqabaa otuu hinqabaatiin irra deebi‟ee isuma himamee ture kan himu
ta‟uu hindanda‟u.
3. Jibbiinsa (Malicious)
Gaazexaan human qaba. Seenaafi maqaa gaarii balleessee uummata gidirsuufi
yadessuu ni danda‟a.haata‟u malee gaazexeessaa gaariin itti yaadee uummanni
akka yaaddoofi dhiphina keessa seenu hintaasisu.
4. Malaanmaltummaa (corrupt)
Gaazexeessaa gaariin matta‟aa nyaachuuf kan of qopheesse miti. Nama
yookaan qaama kamiifuu kan looguu ta‟uu hindanda‟u. Ogummaa isaas
hingurguru.
1.3.2. Wantoota gaazexeessaa gaariiin gochuu qabu.
Gaazexeessaa gariin amalli inni qabaachuu qaba jedhamee yaadamu:
1. Sirrummaa (accuracy)
Odeeffannoo sirrii ta‟e argachuun gaazexeessaa baay‟ee dhimmoota kaan
caalaa barbaachisaadha. Wantoonni gabaafamuu qaban hundi: qubee sirrii
wantootaa, wantoota akka isaan ta‟anitti dhiyeessuufi hiika sirrii wantoota
ta‟anii yookaan jedhamanii akeekkannaadhaan qopheessuun
barbaachisaadha. Gaazexeessaa gaariin odeeffannoo argatee jiru otuu
hingabaasiin dura waa‟ee isa argatee sana ragaafi deeggarsa wantoota isaa
ta‟uu danda‟an ga‟umsaan ni qabaata. Yoo kana hitaaneefi wantoonni
gabaafaman ragaan kan itti hir‟atu ta‟e odeeffanoo kennitoonni wantoota
jedhaniif mara dhugummaa isaaf hindhiphatan. Uummanni odeeffannichaan
tajaajilamus tajaajilicharraa amanamummaa dhabaa deema.
2. Alloogummaa (impartiality)
Gaazexeessaa gaariin loogiin ala ta‟uufi gara gartuu uumuurraa bilisa ta‟uuf
aarsaa barbaachisaa ta‟e kan baasudha. Gaazexeessaan loogiin ala ta‟uuf
wanni gudaan inni gochuun irraa eegamu walitti bu‟iinsa qaamolee adda
addaa jidduutti ta‟e tokko uummataaf yommuu dhiheessu gama lamaaniinuu
wanna jedhame otuu hin‟ukkaamsiin dhiyeessuu danda‟uudha. Uummanni
waanna qaamni tokko jedhe qofa dhaga‟ee darbuu otuu hintaane inni biraas
dhimmicha irratti waan jedhe dhaga‟uu fedha. Gaazexeessaan yaada
qaamoleen waldiddaa keessa jiran jedhan haala madaalawaa ta‟een dhiyeessu
uummata biratti jaallatamaafi kabajamaadha. Uummatichis rakkoodha jedhee
waan yaadu gaazexeessaa akkasiitti himuurraa duubatti hijedhu. Yoo kana
hintaaneefi gaazexeessaan gartuu qabatee kan gabaasu ta‟e uummata biratti
kan jibbamu ta‟uun isaa walnama hingaafachiisu.
3. Ittigaafatamummaa (responsibility)
61
Gaazexeessummaa gaariin waa‟ee uummata dhimmi isaanii gabaafamuufi
waa‟ee uummata dhimmichi isaanitti gabaafamuu dirqama qabachuu isaa
amana. Kanaaf gaazexeessaa gaariin madda odeeffannoo isaaf itti
gaafatamummaan waan irra jiruuf eegganna taasisa. Uummannis
gaazexeessaadhaaf odeeffannoo waan kenneef wabiin nagummaan isaa gaaffii
keessatti kufa yoo ta‟e odeeffannoo kennuurra kan of qusatu ta‟uun
beekamaadha. Waan kana ta‟eef gazexeessaa gaariin karaa amanamaa itti
odeeffannoo argatuufi isa argate sanammoo haala madda odeeffannoo isaa
balaarra buusuu hindandeenyeen gabaasuu danda‟u filachuun isarraa
eegama. Walumaa galatti qabxiilee asiin olitti eerre gaazexeessummaan of
keessatti qabate gaazexeessummaa amansiisaa jedhamuu ni danda‟a.
BOQONNAA LAMA
2. YAADRIMEEWWAN PIREESII AFRAN (THE FOUR THEORIES
OF THE PRESS)
Baroota garagaraa keessatti waa‟ee pireesii ilaalchisee ilaalchi adda addaa
gaggeessitoota fedhii adda addaa qaban biratti mul‟achaa akka tureefi har‟as
akka jiru beekamaadha. Gaggeessitoonni adda addaa kun fedhii isaanii
guuttachuuf jecha gaarummaadhaan yookaan hi‟eentaadhaan wanti isaan
pireesii biyyoota isaanii irratti taasisan ilaalchi pireesii addunyaa bifa adda
addaa akka qabaatu taasisa. Kanaaf boqonnaa kana jalatti gosoota
62
yaadrimeewwan pireesiiti kan jedhaman afran, maalummaa
gaazexeessummaan, maalummaa gaazexaa, oduun maal akka ta‟efi gosoota
gaazexeessuu afran adda baastee ni hubatta.
Gara qabiyyichaatti otuu hindarbiin dura garuu kaayyoo boqonnaa kana jalatti
akka ati hubattu barbaadamutu dhiyaata.
Bara 1963 keessa namoonni sabquunnamtii bebbeekamoon sadii, Firederek
Saayibert, Tiyodor Piterseniifi Wilber Sheram kan jedhaman waa‟ee walitti
dhufeenya sirna siyaasaafi pireesii jidduu jiru kitaaba isaanii „yaadrimeewwan
pireesii afran‟ jedhu keessatti lafa kaa‟anii turan. Yaadrimeewwan beektota
kanaan lafa taa‟ee tures:
1. Yaadrimee pireesii warra akka fedhanitti biyya bulchanii (The
Authoritarian theory of the press)
2. Yaadrimee pireesii warra walabummaa pireesii amananii (The
Libertanian Theory of the press)
3. Yaadrimee pireesii kooministii Sooviyeetiifi (The Soviet Communist
Theory of the Press)
4. Yaadrimee pireesii kan itti gaafatamni pireesii hawwaasa isaafi (The
Social Responsibility Theory of the Press) kan jedhudha.
Beektonni kun achii as dhufaati hojii gaazexeessummaa gama falaasama
siyaasaan, abbummaa pireesiin, walabummaa pireesiifi, humnoota pireesii
to‟ataniin ilaalanii kan qo‟atan ture.haala waliigalan yoo ilaalle pireesiin sirna
warra akka fedhanitti biyya isaanii bulchanii yookaan mirga pireesii eeganii
hordofuu ni danda‟a. Pireesiin ilaalcha waarra akka fedhanitti biyya bulchanii
65
hordofus hojiin isaa inni guddaan mootummaa giddu galeessaa deeggaruufi
issaaf dhaabachhuu yoo ta‟u pireesiin walabaa garuu mirga namoota
dhuunfaaf kan falmuufi lammiilee biyya tokkoo mootummmaa biyya isaanii
akka hinhacuucamne kan hojjetudha. Bara mootummaa mootii pireesiin ture
kunis kan uumames ta‟e kan inni to‟atamaa ture akkasumas dhimma tajaajila
isaa wanni ture mootichi akka waaqaafi bakka waaqaa ta‟ee kan jiru labsuufi
mirkaneessuu ture. Kanaafis maddi hojii gaariifi beekumsi fudhatamaan
mootichaf amanamuufi tajaajiluu akkasumas sirna isaaf bitamuun akka ta‟e
amansiisuun hojii pireesii Awuteritariyaanii kanaati. Ilaalchi pireesii
olaantummaafi muudaa malee ta‟uu moototaa amanee hojjetu kun yeroo
ammaa kana kan fudhatama hinqabneefi ilaalcha yeroon itti darbe akka ta‟e
beekamaadha. Ilaalchi akkasii kunis jaarraa 17ffaa keessa biyyoota Ingilizii,
Faransaayiifi Ispeen keessatti bal‟inaan kan hojiirra turedha.
Pireesiin walabaa garuu yeroo jalqabaaf gara hojiitti kan dhufe jaarraa 18ffaa
keessa ilaalchi ogummaafi beekumsaa beektota garagaraan biyyoota
Ameerikaafi Awurooppaa keessatti mul‟achuu yommuu jalqabedha. Bara sana
keessatti olaantummaa moototaafi muudaa malee ta‟uu issaanii amanuun
hafee olaantummaan kan kennamuufiin ta‟u heera mootummaa biyya sanaa
akka ta‟e beekanii hawwaasni yaada isaanii bilisaan ibsachuun akka qaban
barsiisuu ture. Kanaaf hojiin pireesii inni guddaan ollantummaa mootichaa
tajaajiluu otuu hintaane dhugaa waan ta‟e qoratee adda baasuun fedhii
ummatichaa tajaajiluu ture. Kanaaaf gaazexaan abbummaan isaa mootota
otuu hintaane akkuma meshaalee garabiraa harka namoota dhuunfaatiin
66
qabamanii dhugaa hawwaasa keessa jiru hawwaasaaf dhiyeessuu jalqaban.
Kanaaf barichi bara gaazexaa walabaa jedhamee beekama. Bara kana keessa
dhugaan kan mootonni jedhanidha yaanni jedhu hafee dhugaan kan
uummanni jedhudha yaanni jedhu mul‟atee bahe. Dhugaan uummata keessa
jiru kunis uummata keessaa bahee uummata bira akka gahuuf abbummaan
pireessii harka namoota dhuunfaatti qabamuu qaba yaanni jedhu mul‟atee
bahe. Itti dabalees gaazexoonni bara sana keessa turan dhaadannoo pireesiin
walabummaaf, walqixxummaafi obbolummaaf jedhu yeroo maraa mata duree
hojii isaanii godhatanii sosso‟aa akka turan ni himama. Biyyoota
mootiidhaanis ta‟e reppabilikiin bulan keessatti heerri mootummaa akka
olaantummaa humnaatti ilaalamuu qaba yaanni jedhuufi gaazexaan walaba
ta‟uu qaba yaanni jedhu biyyoota heddu biratti hanga walakkeessa jaarraa
20ffaatti fudhatama waan hinarganneef yaaduma olaantummaa moototaa
amanu hordofaa turan. Fakkeenyaaf; biyya Raashiyaa, Jaappaan, Jarman,
Xaaliyaanii, Ispeeniifi Ameerikaa kibbaa hanga yeroo dhiyootti Itiyoophiyaa
keessa bulchiifne turan olaantummaa bittaa moototaafi hoggantoota pireesii
biyyoota isaanii ta‟uu amananii kan sosso‟aa turani.
Bara soshalizimii keessattis haalli gaazexaa ture yoo ilaalame akkuma siyaasa
bara sana turee dhimmoota soshalizimii kan kaasaa ture akka ta‟e
beekamaadha. Keessumaa bara 1917 biyya Raashiyaa keessatti jalqabbii
warraaqsa soshalizimii wajjin walqabatee faara walabummaa argachuu
jalqabee kan ture hojii pireesi guutummaa guutuutti deebi‟ee harka warra
warraaqsota soshalizimii jalatti kufe. Haaluma kanaan, kana dura hojiin
67
gaazexaa inni guddaan barsiisuu, beeksisuufi bashannansiisuudha ejjennoon
jedhamee warra dhiyaan barsiifamaa ture deebi‟ee dacha‟uun gaggeessitoota
sirna soshalizimiin hojiin gaazexaa inni guddaan gurmeessuu, dadammaqsuufi
ilaalcha sooshaalizimii barsiisuufii tamsaasuudha ejjennoo jedhu qabate.
Keessumaa biyya Rashiyaa keessatti sabquunnamtiin meeshaa dhaabbata
paartii dafqitee bultootaati jechuun ifaa ifatti harka mootummaafi hojii
dhimma siyaasa deeggaruu irratti kan xiyyeeffachuu qabu ta‟uu ifatti lafa
kaa‟e.
Yaadrimeen inni xumuraa dhimma pireesiirratti jiru warra duraa sadanirraa
raawwatee kan adda ta‟e yoo ta‟u qabiyyee isaatiinis pireesiin abbumaan isaa
hawwaasa tajaajilu sana waan ta‟eef itti gaafatamummaan isaas isuma ta‟uu
qaba yaada rimee jedhu qaba. Kanaaf pireesiin to‟annaa mootummaarraa
walaba ta‟ee harka hawwaasa tajaajilu sanaa galuun hawwaasichaafi
hawwaasichaan tajaajila kennuu qaba ejjennoo jedhu qaba. Kanaaf, guddinni
dinagdee, siyaasaafi hawwaasummaa uummata biyya tokkoo karaa dhugaaf
amansiisaa akkasumas karaa iftoomina qaburra jiraa gaaffii jedhuuf deebii
argachuuf pireesiin to‟annaa mootummaarraa bilisa ta‟ee haala mootummaan
irra jiru sana uummata bakka bu‟e sanaaf ifa taasisuu qaba yaada jedhu kan
qabu, yaadrimee pireesii kan itti gaafatamni pireesii hawwaasf jedhu kana.
Mootummaan itti gaafatamummaan isaa hawwaasa waan ta‟eef iit
gafatamummaa isaa kana bahuufi bahuu dhiisuu isaa kana kan saaxiluu
danda‟u pireesii ta‟uu qaba. Inni kaan hafee, akka yaadiddamni kun jedhutti,
hanqina mootummaan biyya tokkoo qabu agarsiisuuf, yoo badiin jiraate
68
seeraaf gaafatamaa taasisuuf meeshaan inni guddaan pireesii waan ta‟eef
qaamolee mootummaa biyya tokkoo sadaniitti (seera baaftuu, seera
raawwachiiftuufi seera hiiktuu) dabalamee akka qaama mootummaa tokkootti
fudhatamuu qaba.
2.1. Gaazexeessummaan maali?
Shaakala lammaffaa
1. Yaanni rimee gaazexeessummaa jedhu maal jechuu akka ta‟e bakka
asiin gadi jirurratti barreessi.
__________________________________________________________________
__________________________________________________________________
69
__________________________________________________________________
_______________________________________________________________
Gaazexeessummaan barruuleef, Raadiyoof, televidziniifi gaazexaaf oduu,
barreeffamoota gaggabaaboofi dheeraadhaan, barreeffamoota ibsa ejjennoo
mul‟isaniifi sagantaalee raadiyoofi televidzinii garagaraan qopheessanii
ogummaa dhiyeessuuti. Barreeffamoota kana qopheessanii dhiyeessuunimmoo
ija ilaalcha ogummaatiin karoorsuu, odeeffannoo walitti qabachuu,
barreessuufi hojii gulaaluu gadifagoo ni barbaada. Gaazexeessummaan
qabiyyeefi bifa kan isaa ta‟e argatee bahee kan mul‟ate meeshaan maxxansaa
namicha Jarmanii Gutenberg dhamuun bara 1450tti erga uumameefi
Raadiyoofi Televidziniin erga uumamanii ture. Isa dura hojii
gaazexeessummaarratti kan tajaajila kennaa turan faarfattoota, seenaa
himtootaafi namoota dubbii qoolaa himaa turanii ture. Itiyoophiyaa keessatti,
akkuma beekamu atse Minilikii eegalee hanga Haayile Sillaaseetti
gaazexeessonni tura mana bataskaanaattii barnoota kan fudhatan yoo ta‟u
har‟a garuu gaazexeessaa ta‟uuf barnoota gaazexeessummaa barachuun
barbaachisaadha. Yoo xiqqaate barnoota afaanii kan barate ta‟uun
filatamaadha. Fayyadamaan gaazexaas namoota sadarkaa barnootaa
garagaraa qaban waan ta‟eef qophii isaarratti gama filannaa jechootaafi
yaadota qindeessannii barreessuutiin akeekkannaa gochuun barbaachisaadha.
Keessumaa, hojiin gaazexaa dhimmoota hawwaasummaa hunda waan
70
tutuquuf gaazexeessaan nama baay‟ee dubbisuufi dhimmoota
hawwaasummaa, siyaasaa, dinagdeefi, amantaa irratti nama beekumsa ga‟aa
qabu ta‟uun baay‟ee barbaadama. Gaazexeessummaan beekkamtiifi kabaja
guddaa kan gaazexeessitootaaf gonfachiisu yoo ta‟u kabajicha argachuufis
aarsaafi tajaajila guddaa kan gaafatudha. Kanaaf, ogummaa isaanii kanaraa
kabaja argamu kana argachuufi uummata isaaniif tajaajila amanama kennuuf
gaazexeessitoonni sadarkaa addunyaafi biyyoolessaatti aarsaa guddaa kan
lubbuu isaanii gaafatu kanfalanii darbaniiru.
2.2. Gaazexaan maali?
Shaakala sadaffaa
1. Gaazexeessaan eenyu akka ta‟eefi eenyu ta‟uu akka qabu mee barreessi.
___________________________________________________________________________

71
___________________________________________________________________________
Gaazexaan oduu, dhimmoota garagaraa irratti wanna barreeffamu,
barreeffama ceephoo, barreeffama ibsa ejjennoo, barreeffamoota beeksisaafi
kan biroos kan suuraafi ibsa dabalataa qaban ta‟ee yeroo murtaa‟aa itti
maxxanfamee kan ba‟udha. Kanaaf gaazexaan guyyaadhaan yookan
torbeedhaan maxxanfamee odeeffannoo ba‟udha. Gaazexaan gaazexaa
jedhamuuf wantoota barbaachisan keessaa:
Mana maxxansaa itti maxxanfamu kan qabuufi guyyaa murtaa‟aa itti
maxxanfamee gurgurtaaf uummataaf dhiyaatu kan qabu ta‟uu qaba.
Gaazexaan tokko guyyaadhaan dhiyaata yoo ta‟e guyyicha otuu
hindabarsiin torbeedha yoo ta‟emmoo torbicha otoo hindabarsiin
dhiyaachuu qaba. Maxxansi torbee dabarsee dhiyaata taanaan gaazexaa
jedhamuu hindanda‟u.
Loogii sanyii, amantaa, siyaasaafi aantee lammummaa irraa walaba
ta‟uu qaba. Biyya keenya keessatti maxxansi dhaabbata amantaafi
siyaasaa tokko tokko yeroo dhedheeraa turanii gara uummataatti kan
mul‟atan yoo ta‟u garuu gaazexaa jedhanii yeroo of waaman ni mul‟atu.
Kanneen akkasii kun garuu gaazexaa jedhamanii waamamuu
hindanda‟ani. Sababiin isaas, tokkoffaa amantaa yookaan paartii
siyaasaa isaanii qofa kan leellisaniifi kaaniinimmoo kan ceepha‟an waan
72
ta‟eef. Yaanni lammaffaanis, gaazexoonni kun yeroo dheeraaf badanii
gaafa fedhan qofa kan mul‟atan waan ta‟eefi torbee tokkoo booda
maxxansi dhiyaatummoo gaazexaa jedhamuu waan hindandeenyeefi.
Kanneen akkasii kunis gaazexaa otuu hintaane maxxansa yoo jedhaman
filatamaa ta‟a.
Waraqaan maxxansa gaazexaaf oolu dhimmicha qofaaf akka ta‟uu ta‟ee
kan qophaa‟u waan ta‟eef isatti fayyadamuu qaba.
Gaazexaan qabiyyeen isaa inni guddaan, gosa gaazexaa isaan kan
murtaa‟u ta‟uun biratti, oduu (news) kan dhiyeessu ta‟uu qaba.
Gaazexaan oduu hinqabneefi oduu qabu sana ragaadhaan deeggaree
hindhiyeessine uummataan bakka tajaajila isaa kan lakkisu ta‟uun
beekamaadha. Sababiin isaas uummanni gaazexaa dhimma isaa
hinkaafneefi dhimma isaa jallisee sobaan dhiyeessu yommuu argu
gaazexicha bitee dubbisuu irraa of eeggata. Kunis gatamuu
maxxansichaaf sababa ta‟a.
2.3. Oduun maali?
Shaakala afraffaa
1. Wanti himamu tokko oduudha jedhamuuf maal qabachuu akka qabu
73
mee barreessi.
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
Oduun beektota adda addaan hiika garagaraa akka qabaatu ta‟eetu himama.
Akkaataan isaan itti hiika itti kennan garagara haata‟uyyuu malee yaanni
rimeen isaan ibsuuf itti marsan tokkuma. Maalummaa oduuf yaadota
dhiyaatan keessaa akka addaatti kan dhiyaachuu danda‟u ibsa oduun kan
barreeffamu malee kan hiikamu (translate) miti jedhudha. Oduun wanna
haara uummata tokko keessatti ta‟e barreessanii dabarsuudha malee isa
barreeffamee taa‟e tokko hiikanii gadlakkisuu waan hintaaneef hiikni asiin
olitti kenname kun ni deemsisa.
Namichi biyya Ingilizii beekamaan Harold Ivansi jedhamu tokko oduun namoo
jedha. Namoonni wanni isaan dubbataniifi hojjetan oddudha. Walga‟iin
manneetii mareefi dhimmoota daldalaa garagaraa oduudha. Chilootiin
manneen murtiifi waajjiralee poolisii hunduu madda oduu waan ta‟aniif
oduudha jedha.
74
Namichi Mathiwu Arnold jedhamu tokko immoo oduun barreeffama ariitiin
qophaa‟udha jedha.
Galmeen jechootaa konsaayis Ingilish jedhamu tokko immoo oduun waan
haaraa ta‟e tokkorratti waan barreeffamee dhiyaatedha jedha. Kanaaf jedha,
ta‟umsa yookaan raawwii daqiiqaa yookaan saa‟atii kanaa dura ta‟eefi
uummataaf haaraa ta‟e tokkodha. Uummatichi odicha yommuu dhaga‟u
naasuufi dinqifamuudhaan kan dhaga‟uufi fudhatudha. Waan kana ta‟eef
oduu wanna nama gammachiisuu yookaan gaddisiisu, nama dinqisiisuu
yookaan ajaa‟bsiisu, nama naasisu yookaan koflchiisu labsii ta‟umsa yookaan
raawwii haaraati jechuu ni dandeenya.
Afaan Ingiliziinimmoo oduu jechi jedhu „news‟ kan jedhamu yoo ta‟u hiikni
gabaajee jechichaa (n = north, e = east, w = west, s = south) kan jedhu yoo ta‟u
oduu addunyaa keenyaa kallattii afranii yaada jedhu kan bakka bu‟u ta‟uu
beektonni ni eeru. Haaluma kanaan walqabatees jechi afaan Ingiliziin „news‟
jedhu madda gaazexaa ta‟uu agrsiisuuf afaanichumaan „newspaper‟ jechi jedhu
kennameefiira.
Oduun ta‟umsa yookaan raawwii haaraa ta‟e tokkodha yommuu jedhamu jechi
haaraa jedhu oduu umurii bay‟ee gabaabaa ta‟e kan qabu ta‟uu
agarsiisuufidha. Oduu haaraa ta‟ee himame tokko yeroo muraasaan booda
moofaa ta‟ee bira darbama. Oduun ganama himame tokko sa‟a booda kan
yeroon itti darbe ta‟uu danda‟a. Odichi hawwaasatti deebi‟ee himamuu
wantoonni barbaachisaa ta‟an:
75
Wanta raawwatee gabaafame sanatti wanti haaraan yoo dabalamee
argame
Dhimmichi jireenya hawwaasichaa yookaan siyaasa biyyittii karaa
kallattiis ta‟e miti kallattiin kan walitti dhufu yoo ta‟e.
Wanta raawwate tokkoo wajjin wantoonni waqabatanii dhufan yoo
jiraateefi ta‟umsi dhimmichaas iccitii guyyaa guyaan qoratamee
dhiyachuu qabu kan barbaadu yoo ta‟e.
Beektonni tokko tokko jechi haaraa jedhu umurii haaraa qabaachuu oduutti
dabalee kanaan dura bakka ta‟e sanatti wanna raawwatee hinbekne ta‟uusaa
agarsiisuuf kan ta‟eedha jedhu. Fakkeenyaaf; Sareen tokko nama yoo ciniinte
oduu ta‟ee himamuu hindanda‟u jedhu. Haata‟u malee faallaa isaatiin namni
otuu Saree ciniinee oduu ta‟uu danda‟a. Yaada kana yommuu xiinxallu garuu
sareen nama ciniintee haalli itti oduu ta‟uu danda‟u ni jira. Namni uummata
keessa jiraatu tokko haajaa isaa guyyaa guyyaarra otuu jiruu sareedhaan otuu
ciniinamee oduu ta‟uu dhiisuu ni danda‟a. Namichi ciniiname sun garuu
muummicha ministeeraa biyya tokoo otuu ta‟ee, gaggeessaa siyaasaa paartii
tokkoo otuu ta‟ee, kantiibaa magaalaa tokkoo otuu ta‟ee oduu keessaayyuu
oduu cimaa ta‟ee dhiyaachuu ni danda‟a. Kanaaf oduu ta‟ee kan himamuu
qabuufi himamuu hinqabne adda bahanii beekamuu qabu. Kan oduu ta‟uu
danda‟an hundaa tarreessuun rakkisaa ta‟us akka fakkeenyaatti kan eeramuu
qaban:
1) Balaa gaddisisaa
76
1.1. Kufee caccabuufi gubachuu xiyyaaraa akkasumas dhumaatii yookaan
ooltee imaltoota achi keessaa
1.2. Liqinfamuu, wayitti bu‟uufi gubachuu Donii akkasumas dhumaatii
yookaan ooltee imaltoota achi keessaa
1.3. Galagaluu, wayitti bu‟uufi gubachuu Baaburaa yookaan Konkolaataafi
dhumiinsa yookaan ooltee imaltootaa
1.4. Gubachuu manneeniifi isaa wajjin namaafi qabeenyaa irratti miidhaa
dhufe
1.5. Sochii lafaafii balaa lolaa akkasumas isaa wajjin namaafi qabeenyaarra
balaa qaqqabe.
1.6. Lolaafi daldala meeshaa lolaa wajjin walqabatee balaafi sodaa qaqqabe
1.7. Balaa yakka raawwattootaan, bineensotaan, hattootaafi saamtotaan
namaafi qabeenyaarra ga‟an ta‟uu danda‟a.
2) Baala hadoochaa
Sadarkaa addunyaatti gurgurtaa baala hadochaa gaggeeffamu
Faca‟iinsa baala hadoochaa sadarkaa addunyaafi biyyaatti ta‟uufi
babal‟ina suusii garagaraa
Sababa Baala hadoochaatiin rakkooleefi gocha yakkaa garagaraa
3) Dhimma maallaqaa
77
Saamama baankii, jijjiirraa maallaqaa seeraan dhalaafi isaa wajjin
walqabatee miidhaa jireenyaafi qabeenyarra ga‟u
Faca‟iinsa maallaqa sobaa
Maallaqa argachuuf gocha namoota beekamoofi maatii issaaniirratti
qoqqobbii ta‟u
4) Siyaasa
Sagantaa paartilee siyaasaa adda addaa gidduutti garaagarummaa
calaqqisu
Bu‟aa dorgommii filannoo paartilee siyaasaa addeessuu
Namoota siyaasaa aangoo qabatan, gadhiisan, guddatan, kufan,
ariiyaman, ajjeesaman kan jedhu
Malaanmaltummaafi gochaalee seeraan alaa namoota siyaasaan
raawwatamuu danda‟a.
5) Mootummaafi bulchiinsa
Walga‟ii mana maree bakka bu‟ootaa, dhimmoota akka gaaffiiti ka‟aniifi
yaadota waliigalteerra ga‟ame, akkasumas uummatichaaf fayidaa inni
qabu
Sagantaalee hojii bulchiinsa naannoo, raawwii danbiilee mootummaafi
faayidaa hojiitti jijjiiramuu danbiilee sanaa
78
Haala manneetii sirreessaa, haala adeemsa haqaafi eegumsa mirga dhala
namummaa kan ilaallatu
Tajaajila dhaabbata poolisii, haala hir‟inaafi to‟annaa yakkaa
6) Sochii dinagdeefi saayinsiifi teknoloojii
Imaammata biyyaa dinagdee wajjin deemu, midhaan nyaataafi qaala‟insa
gabaa
Haala gabaa ilaallatee marii garagaraa qaamota adda addaan
gaggeeffamu
Argamaafi fooyya‟iinsa bu‟aa saayinsii
Argama teknoloojii haaraafi faayidaafi miidhaa inni qabu
Saayinsiifi jireenya ilma namaa guyyaa guyyaa
7) Oduu biyya alaa
Biyyoota alaatti kan raawwatan jijjiirama aangoo siyaasaa, ajjeechaa ka‟umsa
siyaasaa, balaa adda addaa, daawwannaafi waliigaltee gaggeessitoota biyyaa,
lolaafi waliti bu‟iinsa biyyootaa, sagantaalee haaraa idile addunyaa,
dorgommiilee isportii addunyaa, dorgommiilee aartiifi argama saayinsii
addunyaa akkasumas argama seenaalee addunyaa ta‟uu danda‟a.
2.4. Gosoota gaazexeessuu afran
79
Shaakala afraffaa
1. Karaalee gaazexeen itti dhiyaatee uummanni tajaajila oduu argachuu
danda‟a jetti mee himi.
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
___________________________________________________________________________
Ogbarruun hawwaasaaf dhiyaatu tokko bifa hololoon, walaloofi barreeffama
tiyaatiraa jedhamee akka qoodamu, muuziqaanis; „kilaasikaal‟, „jaz‟, „fok
miyuzik‟fi „pop miyuzik‟ jedhamee qoodama. Haaluma walfakkaatuun
gaazexessummaanis, hawwasa tajaajila odeeffannoo barbaaduuf tajaajilicha
kennuuf gosoota afuriin dhiyaata. Isaanis:
1) Oduu (knews)
2) Barreeffamoota gaggabaaboofi dhedheeraa gadifageenyaan dhiyaatan (feture)
80
3) Barreeffamoota ibsa gadi fagoo qabaniifi kaayyoo amansiisuu qaban
(commentory)
4) Barreeffama ibsa ejjennoo (editorial)
1) Oduu (knews)
1.1. Oduun Maali?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Oduun gabaasa yookaan ibsa raawwii, seenaa, ta‟umsa haaraati. Gabaasichi
kunis oduu barreessanii dubbisan qofa yookaan suuraa isaa wajjin
televidziniin kan dhiyaatu ta‟uu danda‟a. Seenaan, raawwiiniifi ta‟umsi tokko
oduudha jedhamee himamuuf seenichi yookaan raawwichi dhugummaa kan
qabuufi ragaan kan deggarame ta‟ee ogummaa gaazexeessummaa eeggatee kan
barreeffameefi kan gulaalame ta‟uu qaba. Guyyaadhaan, sa‟aatiifi
daqiiqaadhaan kutaa addunyaa keenyaa kamiyyuu keessatti ta‟umsa
ajaa‟ibsiisaafi naasisaa ta‟e heddutu ta‟aa oola. Konkolaataafi baaburoonni
walitti bu‟u, xiyyaaronniifi do‟iin ni gubatu, namoonni ni du‟u ni madaa‟u,
biyyoota addunyaa sadaffaa keessatti fonqolchi mootummootaa ni gaggeeffama,
gaggeessitoonni siyyaasaa ni ajjeeffamu biyyoota garagaraa ni do‟atu, Hoolaan
ilmoo miilla shan qabdu dhalte kan jedhuufi kan biroos himamuu ni danda‟a.
Dhimmoonni kun guyyaa guyaan wantoota mul‟atan waan ta‟eefi oduu ta‟ee
81
himamuuf barreeffamee gabaafamuun baachisaadha.biyyoota addunyaa
sadaffaa keessatti, sababa adda addaan ta‟umsoonni baay‟een uwwisa
sabquunnamtii otuu hinargatiin hafanii oduu otuu hinta‟iin hafu.
Oduun akkaataa barreeffamaa isaan gosoota barreeffamaa biraa irraa adda.
Akkaataa barreffeffamaa isaa kanaanis oduun dubbistoota, dhaggeeffattootaafi
daawwattoota amala garagaraa qabaniin keessumsiisama. Namoonni tokko
tokko oduu siyaasaa kan jaallatan yoo ta‟u isaan kaan immoo kan ispoortii
jaallatu. Oduu daldalaafi dinagdee kan jaallatanis kan jiran yoo ta‟u isaa kaan
immoo oduu nama naasisuufi ajaa‟ibsiisu dhaga‟uu yookaan dubbisuu fedhu.
Namoonni tokko tokko immoo faayidaa oduu argachuutti waan hinamanneef
yookaan sababa biraan oduu argachuu hinfedhan. Waan kana ta‟eef haala
tokko tokko keessatti miidhamtoota ta‟anii argamu. Fakkeenyaaf, xumuramuu
waraana addunyaa kan hindhageenye namni biyya Jaappaan tokko erga
waraanichi xumurameen booda waggoota 35f lafa yommuu waraanichi jalqabe
dhokaatee ture holqa qotee bulaa tokko keessa jiraachaa turee gara
hawwaasaatti yommuu makamuu ajaa‟iba jedhamee ture.
2) Barreeffamoota gaggabaaboofi dhedheeraa gadifageenyaan
dhiyaatan (fetcher)
2.1. Oduun Alatti Karaan Biraa Tajaajila Oduu Kennuun Danda‟amu Ni Jiraa?
Maal Akka Ta‟e Mee Tilmaami.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
82
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Gosti gaazexeessuu kun dheeraa yookaan gabaabaa ta‟uu kan danda‟u yoo
ta‟u as jalatti dhufuu kan danda‟an barreeffamoota dhimma tokkorratti gadi
fageenyaan dhiyaatan, akka taphaatti ibsa waltajjii namotaa baay‟een
jiranirratti taasifamu (word pazzile), beektonni qorannoofi qo‟annoodhaan
ilaalcha isaan barreessan, waa‟ee dubartootaarratti barreeffama dhiyaatu,
akkaumas sagantaa televidzinii irratti sagantaa bashannanaarratti ibsa,
taphaafi gorsa fakkaatee barreeffama dhiyaatu ta‟uu danda‟a. Gosti
gaazexeessuu kun kaayyoon isaa inni guddaan wantoota uummata keessatti
yookaan bakka birootti raawwatan gadi fageenyaan maalummaa isaanii
uummata biraan erga ga‟aniin booda uummanni wanna barbaachisaa ta‟e
akka godhuuf gorsa kennuudha.
Gosti barreeffama akkasii akka waliigalaatti barreeffamoota qorannoofi
qo‟annoo oduu keessatti bal‟inaan uwwisa hinarganneefi barbaachisummaan
isaaniimmoo kan ba‟ee mul‟atu gadi fageenyaa ilaaluudhaan uummanni akka
hubatu taasisuudha. Barreeffamni kun dhimma ta‟e sana gamagamuu,
ceepha‟uu, yookaan gorsa kennuuf kan dhiyaatudha.
3. Barreeffamoota ibsa gadi fagoo qabaniifi kaayyoo amansiisuu
qaban
(commentary)
83
BOQONNAA SADII
RAAWWII HOJII GAAZEXEESSUMMAA
SEENSA
Amalliifi hojiin gaazexeessummaa qabaachuu danda‟u biyyaa biyyatti haala
siyaasa biyyittiin garaagarummaa waanqabaatuuf raawwiin hojii isaas bakkaa
bakkatti adda addummaa agarsiisuu ni danda‟a. Raawwiin hojii
gaazexeessummaa boqonnaa kana jalatti ilaalamu kunis dhimmoota oduun
attamitti argamuu danda‟a, maddoonni oduu maaliifi eessaa ta‟uu danda‟a,
84
walga‟ii gaazexeessitootaa, ibsa gaazexeessummaafi akkaataa afgaaffiin itti
gaggeeffamu kan ilaallatudha. Kanaaf dhimmoota asiin olitti akka raawwii hojii
gaazexeessummaatti kaafne kana tokko tokkoon haa ilaallu. Jalqaba mee
kaayyoo boqonnaa kana jalatti dhiyaatan ilaali.
Kaayyoo boqonnichaa
Xumura Mata duree boqonnaa kanaatti barattoonni:
Oduun tajaajila uummataaf oolu eessaa akka argamu himuu ni danda‟u
Maddoonni oduu kallattii meeqaa argamuu akka danda‟an himuu ni
danda‟u
Oduun ajaajila uummataaf oolu akkamitti akka argamu himuu ni
danda‟u
Maalummaa walga‟ii ibsa gaazexeessummaa adda baasanii himuu ni
danda‟u
Ibsa gaazexeessawaa barreeffamaa ibsa gaazexeessawaa kanneen biroo
irraa adda baasanii ni himu
Hojii gaazexeessuu keessatti afgaaffiin akkamitti akka gaggeeffamu
sirriitti himuu ni danda‟u
85
Hojii gaazexeessuu keessatti gosoota afgaaffii meeqatu hojiirra ooluu
akka danda‟amu adda baasanii ni beeku.
3.1. Maddoota oduu
Mee gara qabiyyee mata durichaarratti ibsa hinkenniin dura shaakala asiin
gaditti siif dhiyaate kana deebisuu yaali.
Shaakala tokko
1. Mee odeeffannoo kana dura qabduufi muuxannoo argitee dhageessee
beekturraa oduun eessaa dhufee tajaajilamtoota bira akka ga‟u ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
86
Oduuwwan uummataaf fayidaa Kennan uummata fayidaa isaanii fedhu kan
bira kan ga‟uu danda‟an karaalee heddu eeruun ni danda‟ma. Karaaleen itti
odeeffannoon uummata bira ga‟an kunis odeeffannicha kan biraa argachuu
danda‟u maddoota odeeffannoo qabaachuun dirqama. Maddoota odeeffannoo
hinqabu taanaan qaamni tajaajila oduu kennu kamuu oduuwwan
barbaachisaa ta‟aniifi ho‟aa ta‟an uummata biraan ga‟uu dadhabuu isaarra
darbeeyyuu oduuwwaan tamsaasu maraaf qaama wabii isaa ta‟uu danda‟u
argachuu hindanda‟u. Hanqinni kun immoo oduuwwan uumee tamsaasuu
danda‟eef itti gaafatamummaa fudhata jechuudha. Kanaaf, mata duree kana
jalatti maddi oduu qaama tajaajila odeeffannoo kennuu eessaafi eenyu ta‟uu
akka danda‟u ni barata. Barata! Mee gara qaama maddoota oduu ta‟uu
danda‟u jennee kaafnuutti hindeemiin dura shaakala asiin gadii hojjedhu.
Akka waliigalaatti maddoota oduu gaazexaa, barruulee oduu, tajaajila oduu
Raadiyoofi Televidzinii jalqabaa ta‟anii kan ka‟uu danda‟an oduu
qopheessitoota (reporters) dhaabilee sanaati. Oduu qopheessitoota kanatti
aansees bakka bu‟oota oduu dhaabbatoofi yeroo kan dhaabbatichaaf oduu
erganiifi darbee darbee taateewwan tokko tokko hordofanii galmeessuun
barreeffamaan oduu kan dhaabbatichaaf kennan qaama fedhii isaanin yeroo
boqonnaa isaaniitti tajaajila oduu kennanidha. Yeroo tokko tokko immoo
namoota dhuunfaa biraa oduun bilbilaan, telegraamiin, faaksiin, interneetiifi
xalayaadhaan ergamee dhufuun akka odeeffannoo ijootti uummataaf tamsa‟u
jiraachuu waan danda‟uuf qulqullina oduuwwan akkasiif ofeeggannaa
taasisuun barbaachisaadha. Haala kanarraa wanti hubannu, kanaaf,
87
dhaabbanni tajaajila oduu kennu tokko madda odeeffannoo keessaafi alaa
qabaachuu akka danda‟udha.
Akka waliigalaatti maddoonni oduu dhaabbilee sabquunnamtii kanneen asiin
olitti kaafne haata‟aniyyuu malee gama madda oduu gaariifi amanamaa ta‟e
argachuutiin oduu qopheessaa dhaabbatichaa kan fakkaatu dhaabbata
sabquunamtii kamiifuu akka hinjirre himama. Sababiin isaas, qopheessaan
oduu dhaabbilee sabquunnamtii tokkoo bakka itti gaazexichi, oduun
Raadiyoofi Televidziniin yookaan barruulee oduu itti tajaajila kennutti haala
hawwaasummaa, dinagdeefi guddinaa, akkasumas siyaasaafi aadaa
gadifageenyaan waan beekuufi. Dhimmuma kanaan walqabatee, namoota
yookaan dhaabbilee amanamoo odeeffannoo amanamoo kenuu danda‟an gadi
fageessee muuxannoo yeroo dheeraadhaan waan baruuf odeeffannoon gara
uummataatti darbu dhugummaan isaa kan dabalu ta‟a jechuudha.
Tajaajilamtoonni odeeffanichaas maqaa gabaaftota odichaafi dhaabbaticha
odeeffannoon ittiin darbu jaallachuun itti amanamummaan isaanii dabalaa
deema. Kanaaf dhaabbanni tajaajila oduu kennu tokko sababa jaallatamuu
oduu qopheessitoota isaa uumata biratti jaallatamuufi maqaa gaarii gonfachuu
ni danda‟a jechuudha. Gama biraatiinimmoo dhaabbanni tajaajila oduu kennu
tokko maddi odeeffannoo isaa qopheessitoota isaa yoo ta‟e odeeffannoo tamsa‟u
to‟achuuf isa hinrakkisu. Hanqinoota mul‟achuu danda‟an dhiheenyatti
sirreessaa deemuuf, akkasumas dorgommii odeeffannoo uummataaf
barbaachisu gara uummatichaatti fiduu keessatti milkaa‟aa ta‟a.
88
Faayidaan tajaajilli oduu tokkoo kan inni madaalamu danda‟u oduun dhiyaate
sun ilaalcha hawwaasichaa biratti hagam barbaadamaa akka ta‟een, dhiibbaa
inni uummaticharratti karaa gaarii yokaan hi‟eentaan geessisuun,
yookaanimmoo miira hawwaasichaa harkisuufi dadammaksuun dinqifannaa
uummata biraa qabuuni. Kanaaf oduu qopheessaan sabquunnamtii tokkoo
waan raawwatee gabaafamuu qabu tokko qixa sirriifi haqummaan isaa
mirkanaa‟een dabarsuurraan gamatti loogiin kan keessaa calaqqisu ta‟uu
hinmalu. Haala tokko tokko keessatti, fakkeenyaaf, oduu gabaaftonni tokko
tokko waa‟ee nama yakka suukkanneessaa dalage tokkoo yommuu gabaasan
walitti dhufeenya hiriyyummaa isaa wajjin qaban irran kan ka‟e lalaafisanii
yakkicha dhiyeessuun akkuma irraa hineegamne haaloofi aarii irraa qaban
bahuuf jecha haga barbaadamuun ol baasanii afarsuun hojii
gaazexeessummaa keessatti amala deeggaramu miti.
Oduun maddoota hedduu haaqabaatuyyuu malee haala waliigalaan yoo ilaalle
maddoota kallattii asiin gadii qabaata.
3.1.1. Madda oduu kallattiifi amanamaa tokkooffaa
Shaakala lammaffaa
1. Madda oduu tokkoffaafi amanamaadha kan jettu mee bakka asiin gad
89
jirurratti barreessi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Raawwiin yookaan taateen tokko lafa uumametti qaamaan argamee oduu
qopheessaan dhaabbata sabquunnamtii tokkoo dhimicha yoo ofiisaa argee
dhaga‟ee fudhate ta‟e maddichi madda kallattiifi amanamaa jedhama. Haala
akkasii keessatti gabaasaan odichaa qaamaan dhimmicha waan ilaalee argeef
carraan dubbichi akka shakkamu taasisu baay‟ee xiqqaadha. Haata‟umalee,
dhalli namaa amala uumamuma isaan guutuu waan hintaaneef darbee darbee
loogiin haala akkasii keessattis akka rakkooti ni mul‟ata. Fakkeenyaaf, bakka
tokko tokkotti loogiin halluu gogaa namootaan, sanyiidhaan, lammummaafi
afaaniin, lagaafi ilaalchaan, amantaan, akkasumas dinagdeefi
hawwaasummaadhaan yeroo tokko tokkommoo koorniyaadhaanillee yommuu
mul‟atu ni argama.
3.1.2. Madda oduu kallattii lammaffaa:
90
Shaakala sadaffaa
1. Madda oduu tokkoffaa erga barteen booda madda oduu lammaffaa ta‟uu
danda‟a kan jettu mee tilmaamakee kaa‟i.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Bakka raawwiin yookaan taateen sun ta‟etti namoota argamanii dhimmicha
arganii dhaga‟an gaafachuun odeeffannoo argames walbira qabanii wal
madaalsissuun akkasumas dhimmichi attamitti akka raawwate namoota ibsa
ogummaa kennuu danda‟an mariisisuun erga dhugummaa isaa
mirkaneeffateen booda oduu qophaa‟udha. Dhimmi tokko yommuu raawwatu
namoonni achi turan odeeffannoo uummanni waa‟ee dhimmichaa irratti
barbaaduuf baa‟ee barbaachisoodha. Waan argan sana akka arganiifi
dhaga‟anitti yoo gabaasan fayidaan isaa bay‟ee filatamaadha. Yeroo took took
garuu namoonni dhuunfaan kun sadarkaan barnootaa isaanii gadaanaa
ta‟uun, namoota dhimmicha raawwataniif ilaalcha gaarii yookan hi‟eentaa
qabaniin, dhimmicha xiyyeeffachuu dhabuun, haala fayyummaa isaaniirran
kan ka‟e odeeffannoo micciirame kennuu ni danda‟u. Rakkoo akkasii kana
hambisuuf yookaan xiqqeesuuf gaazexeessaan waan gochuu qabu keessaa
91
namoota achi turan garagarraa kan umuriin, barnootaan, saalaafi kan biroonis
adda ta‟an filatee madda odeeffannoo isaa taasisuu qaba.
3.1.3. Madda odeeffannoo kallattii sadaffaa:
Shaakala afraffaa
1. Madda oduu tokkoffaafi lammaffaa erga hubatteen booda madda oduu
sadaffaa ta‟uu danda‟a kan jettu mee tilmaamakee kaa‟i.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Afgaaffii taasisuun odeeffannoo argamudha. Fakkeenyaaf, waa‟ee argannoo
saayinsaawwaa ta‟e tokko gabaasuuf dhimmicha irratti nama beekumsa ga‟aa
qabu gaafachuun, waa‟ee rakkoo siyaasaa dhalate tokkoo gabaasuuf saayinsii
siyaasaa barate tokko yookaan gaggeessaa dhaabbata siyaasaa tokkoo
gaafachuun, waa‟ee rakkoo dinagdeefi daldalaa dhalate tokkoo gabaasuuf
nama barnoota Ikonoomksii barate tokko yookaan barsiisaa yuunivarsiitii
bizinesii barsiisu tokko gaafachuun oduu qopheessuun madda odeeffannoo
92
gosa kanaan ta‟a. Maddi odeeffannoo kallattii lammaffaas afgaaffiidhumaan
kan gaggeeffamu yoo ta‟u adda kan taasisu garuu isaan waan argan haasa‟u.
3.1.4. Madda oduu kallattii afraffaa:
Shaakala afraffaa
1. Maddi oduu afraffaa akka tilmaamakeetti maal ta‟uu danda‟a.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Maddi oduu gosa kanaa dhaabbilee garagaraarraa barreeffama ibsa gaazexaa
(press release), gabaasota waggaa kan dhaabilee garagaraan dhiyaatan,
yookaan barreeffamoota dhimmoota adda addaarratti qopheeffamanii bahan
ta‟uu danda‟a. Maddooleen oduu akkasii kun kallattiin oduu ta‟anii akka
dhiyaatan hin gorfamu. Garuu akka ka‟umsaatti qabatamanii qaama ibsa
ga‟aa kennuu danda‟u wajjin afgaaffii taasisuun odicha erga cimsanii booda
uummattaaf akka dhiyaatu gorfama.
3.2. Oduun attamitti argama?
93
Shaakala shanaffaa
1. Maddoota oduu biraa odoon akkamitti fudhatamuu akka danda‟u waan
dursitee beektu himi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Akkuma asiin olitti kaafne oduun maddoota adda addaa qaba. Haata‟u malee
maddoota kana biraa attamitti oduu fudhachuun danda‟ama yaanni jedhu
gaaffii deebii barbaadudha. Oduu qopheessaan tokko attamitti oduu argachuu
akka danda‟u beekumsa haa qabaatuyyuu malee muuxannoon waan itti
hir‟atuuf namoota muuxannoo ogummichaa qabanirraa gorsaafi qajeelfama
argachuun ni deeggarama. Gorsi namoota muuxannoo qabanirra namoota
warra gorsa barbaadaniif yeroo baa‟ee kannamus:
Maaltu dhufii jira laata? Maaltus ta‟e? kan jedhuufi kan biros
dhimmoota haaraa wajjin wantoota walqabatan xiinxaluuf
94
gaazexeessaan dheebuun qabaachuu qaba. Wanti kun maaliif ta‟e,
maaliifis hintaane gaaffiin jedhu yeroo hundaa qalbii nama akkasii
keessa deddeebi‟uu qaba.
Gaazexeessaa gaarii ta‟uu yoo feete waajira kee keessa teessee hinooliin.
Oduu gara waajjirakeetti dhufuu kan danda‟u yeroo tokko tokko qofa.
Kanaaf gara oduu argachuu dandeessutti achi baatee haala ofiif
mijeessuu dandeessa. Wantoota namoonni akka dhimma dhuunfaa
isaaniitti odeessaa oolan keessaa wanti oduu siif ta‟uu danda‟u heddutu
jira.
Waajjira kee keessa yommuu teessus taanaan, gaazexaafi barruulee
oduu dhaabbanni ati keessaa hojjetus ta‟e dhaabbanni tajaajila oduu
kannu biraa wanna maxxansee jiruu dubbisuu hindagatiin.
Namoota garagaraa bakka mana nyaataatti, mana dhugaatiitti, taaksiifi
bakka biroottis taanaan walbaruuniifi michoomuun odeeffanoo
argachuuf baay‟ee barbaachisaadha.
Bakka dhaqxee akka odeeffannoo argachuu dandeessutti afeerraan
yommuu siif ta‟u hinhafiin. Fakkeenyaf, mana murtii, walga‟ii
daldaltootaafi marii paarlaamaarratti argamuun oduu dhimma
uummataa heddu argachuu si dandeesisa.
Walga‟ii namoota biyya alaarratti akka argamtu yoo carraan sii ga‟e
duubatti hinhafiin. Namoota akkasii wajjin turuun gama lamaan si
95
gargaaruu danda‟a. Tokko, odeeffannoo biyya keessaarrattiifi biyya
alaarratti isaan qaban argachuun uummataaf dhiheessita. Lammaffaa,
marii taasifamu keessa muuxannoo bal‟aa ogummaa kee babal‟isuu
danda‟u argachuun namoota sana wajjin michummaa uumuu ni
dandeessa.
Imbasiilee biyya alaatti bibilbiluun, darbee darbeemmoo gara
waajjiraalee isaanii qaamaa dhaquun yaada walgegeddaruun gabbina
hojii gaazexeessummaaf ni gargaara.
Gara buufata Xiyyaaraafi Baaburaa deemuun namoota dhimma
garagaraarratti hojjetan quunnamuu
Yeroo tokko tokko immoo naanna‟aa jiraatturraa ach siqii deemiitii gadi
taa‟ii yaadi. Waan yaadde sana immoo barreessi. Xumura irratti wanna
yaaddee barreessite sana keessaa waan oduu ta‟ee si tajaajiluu danda‟u
baasuu akka dandeessu ni gorfama. Garri ati itti deemtee oduu
argachuu dandeessu kallattii heddu waan ta‟eef akka ogeessa tajaajila
oduu kennuutti sosochii gara nannoo itti oduun argamuutti taasisuun
oduu argachuun ni danda‟ama.
96
3.3. Walga’ii ibsa gaazexeessawaa
Shaakala jaaffaa
1. Maalummaa walga‟ii ibsa gaazexeessummaa waan beektu bakka asiin gadi
jirutti mee barreessi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
Dhimma waa‟ee biyyaa, idile addunyaa, yookaan naannoo ta‟ee xiyyeeffannaa
cimaa ta‟e barbaadu tokko gara uummata akka ga‟u yommuu barbaadamu
gaazexeessota adda addaa walitti gabuun ibsi irratti kennamaaf. Ibsi walga‟ii
adeemsa akkasiin gaazexeessotaaf kennamu kun walga‟ii ibsa gaazexeessawaa
(press conference) jedhamee beekama. Kaayyoon walga‟ii akkasii inni
bu‟uuraas, wanna haaraa ta‟e tokko, murtoo irra ga‟ame tokko, raawwiifi
ejjennoo haaraa qabatame tokko uummata biraan ga‟uun barbaachisaa ta‟ee
sabquunnamtiin barbaachisaa ta‟uun isaa yoo itti amanamudha. Kanaaf
gaazexeessitoota, qopheessitoota barruulee oduu, oduu dhiheessitoota
Raadiyoofi Televidziniifi kan biroos walitti qabuun ibsa dhimmichaarratti
97
kennuufiidha. Haalli akkasii kun gaazexeessitoota gosa garagaraa kan walitti
fidu waan ta‟eef lafa gabaa oduu jedhamee waamama. Walga‟ii akkasii
keessatti yaadonni haala gaaffiifi deebiin waan gaggeeffamaaniif oduu baay‟een
barbaachissa ta‟eefi dhimma biyya keessaafi ta‟e alaaf ta‟e kan itti argamudha.
Walga‟ii ibsa gaazexeesawaa keessatti gaazexeessitoonni gosa hundaa
walga‟anii yaada kan fudhataniifi kan kennan yoo ta‟u walga‟ii ibsa
gaazexeessawwaa bifa afgaaffiin gaggeeffamu keessatti garuu kan hirmaatu
yookaan kan gaafatu gaazexaa ta‟e yookaan Raadiyoo, yookaan Televidzinii ta‟e
tokko ta‟ee qaamota odeeffannoo kennuu danda‟u jedhaman hundaa ga‟ee
isaanis ni gabaasu amantaan jedhu fudhatameetu.
Walga‟ii ibsa gaazexeessawwaatiin wantonni uummataaf darban fayidaan isaan
hawwaasaaf kennan maal akka ta‟e akka waliigalaatti ilaalameetu malee
akkasumaan dhimmoota xixiqqaa ta‟an ta‟uu hinqabu. Wantoonni walga‟ii
akkasiirratti dhiyaachuu qaban bal‟aa haata‟ani malee tokko tokko eeruun ni
danda‟ama. Fakkeenyaaf, argama saayinsii ogeessa isaan dhiyaatu, ibsa
ogeessa fayyaa, ibsa qorannoo lafa keessaa, argama dawwaa haaraafi kan
biroorratti gaazexeessaan argamee oduu qopheessuu hinfeene hinjiru. Itti
dabalees, dhimmoonni yeroo baay‟ee walga‟ii ibsa gaazexaatiin himaman
dhimmoota siyaasaati. Gaggeesitoota biyyaa, paartii tokkoo, afyaa‟ii
paarlaamaafi kan biroos aangoo isaanii gadi lakkisuu fedhuu yookaan
dheeressuu yommuu fedhan walga‟ii akkasii waamuun beeksisu. Akkasumas
yommuu sagantaa filannoofii adeemsa isaa beeksisan, imaammata
mootummttaa dhimma dinagdee, hawwaasummaafi siyaasaa, waliigalteefi
98
waldhabdee mootummootaafi biyyoota garagaraa, lolaafi waraana biyya ofiifi
biyya biraa jidduutti ni ka‟a jedhamee sodaatamuufi ka‟ee jiru, carraa biyyaa
gaariifi soda, sochii lafaa, dhukkuba, lolaa, beelaafi kan biroo jiru ibsuu yoo
barbaadan walga‟ii kanatti gargaaramu.
3.4. Ibsa gaazexeessawaa barreeffamaa
Shaakala torbaffaa
1. Ibsi gaazexeessummaa barreeffamaan maali jettee yaada?
________________________________________________________________________

Waanta raawwate tokko, argama haaraa dhufe tokko, wanna haaraa ta‟e
tokkoofi dimmoota biroos adeemsa ogummaa gaazexeessummaa ofeeggannoo
qabuun qopheessanii barreeffamaan gaazexeessitootaaf dhiyeesuun ibsa
gaazexeessawaa barreeffamaa jedhamee waamamaa. Gaazexeesaan kamiyyuu
sanada itti kenname kana bu‟uura taasifachuun qabiyyee isaarratti jijjiirama
mul‟ateef itti gaafatamummaa fudhtee gabaasa. Jijjiirama qabiyyeerratti
uumamuuf itti gaafatamummaa haafudhatuyyuu malee gabaasa isaa keessatti
99
akka madda oduu isaatti kan wabeeffachuu qabu dhaabbatichuma ibsicha
qopheessee fide ta‟uu qaba. Yeroo tokko tokko ibsi gaazexeesawaa rakkoo
teknika barreeffamaa qabatanii gara gaazexeessitootaa dhufu. Yeroo kana
akkuma jirutti gara uummataati dabarsuun rakkoo biraa uumuu waan maluuf
sanadichi gaazexeessaa muuxannoo qabutti kennamee sirreeffamni afaanii
ta‟eefii gara uummataatti ba‟uu qaba.
Ibsa gaazexeessawaa barreeffamaa walga‟ii ibsa gaazexeessawaarraa wanni
adda taasisu odeeffannoo uummata bira akka ga‟u barbaadame sana yeroo
barbaadanitti uummata biraan ga‟uufi ibsichi walga‟ii gaazexeessawaatiin kan
himamee ture yoo ta‟emmoo yaadicha cimsuu baay‟ee barbaachisaadha.
Walga‟ii ibsa gaazexeessawaa keessatti wanni dhaga‟anii barreessan hagas
mara garaagarummaa uumuun isaa waan hin‟oolleef barreeffammaan
argachuu danda‟uun gaazexeessitootaaf akka carraatti wanna ilaalamudha.
Fakkeenyaaf, ogeessi dhimma fayyaa tokko yookaan, namni saayinsii
hawwaarratti qorannoo haraa argate tokko jechoota teknikaa kan ta‟anitti
gargaaramee walga‟ii ibsa gaazexeessawaa kan dubbatu yoo ta‟e barreeffamaan
garuu yaadicha akka ifaa ta‟utti qopheessee kan dhiyeessu ta‟uu walnama
higaafachiisu. Kanaaf, ogeessi gaazexaa ibsa gaazexeessawaa barreeffamaan
dhiyeessu kan muuxannoofi beekumsa ga‟aa qabu ta‟uu akka qabu beektota
heddu biratti waliigalama.
3.5. Afgaaffii (interview)
100
Afgaaffiin karaa gaazexeessaan wanna raawwatame yookaan raawwatamuuf
karaa jiru tokko uummtaaf ifa akka ta‟u barbaadee nama yookaan qaama
odeeffannoo kennurraa gaafatee uumataaf odeeffannoo kennudha. Afgaafiin
akka carraa namoota lama jidduutti waan gaggeeffamu otuu hintaane adeemsa
seera qabeessaan haala ifaa ta‟een gaaffiiffi deebii kaayyoo qabudha. Afgaaffiin
gosa barnootaa qo‟annaafi qorannaa barbaadan kan akka Saayikoloojii,
Soshiyoloojii, Saayikaatriifi kan biroottattis odeeffannoo gadi fagoo ta‟e
argachuuf karaa baay‟ee filatamaadha. Afgaaffii keessatti hangi baay‟ina,
bal‟inaa, qulqullinaafi amanamummaa odeeffannoo, beekumsaa kan guddatu,
gabbatuufi guddina dhabu yeroo baay‟ee qophii, beekumsa, dandeettii
hawwaasummaa uumuufi dadhabbina akkaataa gaafachuu gaazexeessaa isa
afgaaffii dhiyeessuuti.
3.5.1. Gosoota afgaaffii
Akka waliigalaatti afgaaffiin gosoota lama qabachuu danda‟a.
1) Oduu qopheessuuuf afgaaffii gaggeeffamu
2) Seenaa, hojiifi jireenya nama beekamaa tokkoo uummataaf dhiyeessuuf
afgaaffii gaggeeffamu
Kaayyoon gosa afgaaffii isa jalqabaa, dhimmoota uummataafi biyyaa wajjin
walitti dhufeenya wantoota qaban uummatichaf dhiyeessuu yommuu ta‟u
kanneen asiin gadiirratti afgaaffii dhiyeessuun ni danda‟ama.
101
Namoota siyaasaa daawwannaadhaaf gara biyyaatti dhufan waa‟ee
siyaasaafi dinagdee biyyoota lameenii akkasumas dhimma yeroo idile
addunyaa wanna ta‟erratti yaadaafi ejjennoo namichi yookaan qaamichi
qabu gaafachuu
Dhimmoota traafikii wajjin walqabatan poolisii traafikii, dhimma haqaa
wajjin kan walqabate nama seeraafi bbaa murtii, dhimma nama mana
yaalaatti otuu yaalamuu yookaan qaama biraan miidhamee yaalaamaa
otuu jiru du‟e tokkoo ogeessa fayyaa wajjin afgaaffii gaggeessuun
barbaachisaadha.
Haala guddina yookaan kufaatii dinagdee yeroo biyya tokkoo ilaalchisee
ogeessa dinagdee haasofsiisuun, haala nageenya daangaa biyyaa
ilaalchisee hoggantoota raayaa biyyaa, waa‟ee balaa ibiddaa ilaalchisee
itti gaafatamaa ittisa balaafi ibiddaa haasofsiisuun ni deeggrama. Yeroo
baay‟ee afgaaffiin gaazexaaf, sagantaa Raadiyoofi Televidziniif kan
gaggeeffamu yoo ta‟u darbee darbee gosoota gaazexeessuu biraafillee ni
gaggeeffama.
Gosti afgaaffii inni lammaffaa seenaa, jireenyaafii muuxannoo namoota
beekamoo uummataaf barnoota kennuu ni danda‟a jedhamee yaadamu
gaafatanii dhiyeessuudha. Gosti afgaaffii akkasii namoota bebbekamoo, haala
guddina isaanii, barnootaafi ogumaa isaanii uummanni akka beeku yommuu
barbaadamu afgaaffii gaggeeffamuu qabudha. Afgaaffiin akkasii erga
102
gaggeeffamee booda gaazexaa, barruulee oduu, Raadiyoofi Televidziniitti kan
dhiyaatudha.
BOQONNAA AFUR
103
AKKAATAA ODUUU GAAZEXAA ITTI BARREESSAN
Kabajamaa/tuu barata/ttu, boqonnaa kana jalatti akkaataa itti oduu
barreessan baratta. Hayyoonni barreeffamaa hedduun akka jedhatti,
mallattoon dandeettii barreessaafi qulqulina hojii isaatii inni guddaan jechoota
hedduu walitti cuunfee jechoota lakkoofsaan xiqqoo ta‟anii humna ergaa
dabarsuu qaban fayyadamuu isaati jedhu. Yaadni kun oduu barreessuu
keessattis baayyee barbaachisaadha.
Kaayyoo Boqonnichaa
Boqonnaa kana barattee gaafa xumurtu,
Maalummaa keeyyata oduun ittiin jalqabu (liidii) ni ibsita.
Gosoota liidiifi amaloota isaanii ni ibsita.
Akkaataa liidii itti barreessan bira nigeessa.
Akkaataa mataduree itti barreessan bira nigeessa.
Akkaataa itti qbxiilee dabalataa oduu barreessan bira nigeessa
Shaakala tokko
104
Barnoota mataduree kana jalatti baruuf deemtutti
utuu
hince'in gaaffilee armaan gadii mara akka sitti
fakkaatutti
deebisi
1. Keeyyati oduun ittiin jalqabu (liidii) maal ta'uu danda'a jettee yaaddaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
2. Kanaan dura gaazexaa yeroo dubbistu keeyyati jalqabaa oduu tokkoo isaan
itti aananirraa adda ta'uu isaa hubattee ilaaltee beektaa? Eeyee yoo jette ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
3. Oduu gaazexaarraa yeroo dubbistu attamitti filattaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
4. Qabxiileen dabalataa oduu maal maalfaa qabaachuu danda'a jettee
yaaddaa?
105
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
4.1 Keeyyata Oduun ittiin Jalqabu /Liidii
Ogummaa gaazexeessuu keessatti keeyyata jalqabaa oduun ittiin jalqabu
namni akka gaariitti barreessuu danda‟u gaazexeessaa ogummaa
barreeffamaatiin muudame jedhama. Keeyyati jalqabaa oduun ittiin jalqabu,
akka ogeessota gaazexeessuu biyya Ingliziitti “Lead” jedhama; akka
Ameerikaanotaatti ammoo “Intro” jedhama. Nus moojulii kana keessatti
Keeyyata jalqabaa oduun ittiin jalqabu jechuudhaa jecha liidii jedhutti
fayyadamna.
Liidiin hima tokko yookaan lama keeyyata qabuudha. Kaayyoon liidii gaaffilee:
Maaltu ta‟ee? Yoom? Eessatti? Eenyu? (kan eenyuu?/eenyuuf?) Maaliif?
akasumas Akkamitti? jedhaniif deebilee kennuufiidha. Kaayyoon liidii gaaffilee
eeraman kaniiniif deebii kennuu yaaluu yoo ta‟ellee hunda gaaffilee kanniinii
liidii keessatti deebisuu yaaluun barreeffamicha nuffisiisaa gochuu waan
maluuf akka dadhabinaatti lakkaawama.
Liidiin gaariitti barreeffamnaan akka ogeeyyiin gaazexaa jedhanitti, hojiin oduu
barreessuu harka shantamni akka xumurametti lakkaawama. Liidiin gaariin
gabaabaafi ifaa, xumura eeyyessaa (positive)fi raawwataadhaan kan
barreeffameedha. Barsiistonni gaazexeessuu hedduun waa‟ee liidii gaarii
106
barreessuu yeroo barsiisan kitaaba qulqulluu kiristaanaa keessatti, “Jalqabatti
Waaqayyo waaqaafi lafa uume” hima jedhu akka fakkeenya liidii gaariiti
fudhatu. Hima kana kan fakkeenya gaarii taasise, jechoota shan qofaan
uumama addunyaa guddaa kanaa dhi‟eessuu isaati. Liidii gaariin tokko:
1. Duraan dursee guddummaafi barbaachisummaa odichaa
agarsiisa,
2. Kallattii deemsa odichaa agarsiisa,
3. Ta‟umsoota odicha keessaa gaddisiisaa ykn gammachiisaa,
ajaa‟ibsiisaa ykn naasisaa hanga tokko agarsiisa.
Liidii gaarii barreessuun duraaduubni oduu haala kamiin ta‟uu qaba jedhanii
dhiphachuurraa nama oolcha. Sabani isaa, liidii gaarriin tokko duraaduuba
yaada dabalataa odichaa akka gaariitti waan mul‟isuuf. Kanaaf, ogeeyyiin
gaazexeessuu ciccimoo heddun oduu tokko barreessuf liidii shan ykn ja‟a
qopheessanii achi keessaa isa gaarii filachuudhaan oduu barreessuutti ce‟u.
Liidii gaarii dursanii barreessuun xiyyeeffannaafi fudhatama oduun tokkoo
argatu waan olkaasuuf yeroo itti fudhatanii bareechanii barreessuun bu‟aa
qabaata.
Liidii tokko barreessuun dura gaaffiin baayyee barbaachisaan gaazexeessaan
tokko of gaafachuu qabu, “Yaadni ijoo mata duree/dhimma an irratti
barreessuuf deemu kanaa maalii?” kanjedhu.
107
Deebii gaaffii yaada ijoo mata duree oduu barreessuuf deemtuu eega argachuu
yaalttee booda, gaffilee armaan gadii afran walduraa duubaan of gaafachuu si
barbaachisa.
1. Oduu an barreessuuf deemu keessaa ta‟umsi inni haaraan, yaadi
inni baayyee barbaachisaan ykn hamma har‟aatti mul‟atees ta‟e
dhaga‟amee hinbeekne isa kamii?
2. Abbaan ta‟umsichaa (kan raawwate) eenyuu? Ykn raawwii
ta‟umsichaa eenyutu dubbatee?
3. Akka liidii oduu kanaatti kan an fayyadamuu danda‟u jechi,
gaaleen ykn himni dubbisaa ofitti harkisuu danda‟u ykn kan
addan ba‟ee mul‟atu isa kamii?
4. Dubbistoota akka oduu kana dubbisaniif matimmi, xumurriifi, ibsi
jiran isaan kamii?
Liidii oduu qajeelfamoota toorfaman kanneen hordoftee eega barreessitee
booda sirrii ta‟uuf dhiisuu isaa addaan baafachuuf, gaaffilee yeroo hedduu
bu‟a qabeessummaa isaaniitiin beekaman armaan gadiiti.
1. Liidiin koo odichi amala oduu tokkoo guutummaatti qabaachuu
isaa ni agarsiisaa?
2. Liidiin koo yaada ijoo odichaa akka gaariitti addaan baasee
nimul‟isaa?
108
3. Liidii koo keessatti, deebileen gaaffilee: maal? Eenyu? fi kkf jedhan
sirriitti ifa ba‟anii nimul‟atuu?
4. Liidii koo keessatti maddi oduu ibsameeraa?
Liidiin kee sirrii ta‟uuf dhiisuu isaa addaan baafachuuf, gaaffilee, afran armaan
olii deebisuu kee barraan yoo xinnaate liidichi liidii ta‟uu isaa siif mirkaneessa.
Akkaataa ittiin barreessanirratti hundaa‟ee, liidiin garaagaraa jiraachuu mala.
Haata‟u malee, gaazexeessitoota haaraaf inni salphaan, Afaan Oromoo
keessatti duraa duuba: „Matima-Waahima-Xumura‟ jedhu kan qabu. Afaan
Inglizii keessatti „Subject-Object-Verb‟/SOV kan jedhu ta‟a.
Fkn. Qananiisaa Baqqalaa olompiikii addunyaalessaa kaleessa
magaalaa Roomaatti geggeeffamerratti rekoordii mataa isaa kan
meetra 3,000 sekoondii 3.2 n fooyyesse.
Fakkeenya liidii armaan olii keessatti kanniin gugurraacheffaman, Matima-
waahima-xumura tartiiba jedhuun mul‟atu.
Akka waliigalaatti, liidiin, Liidii kallattiifi Liidii balfate (Direct lead and Delayed
lead) jedhamuun bakka lamatti qoodama. Kan armaan olitti ilaalle liidii
kallattii kan jedhamu jalatti ramadama. Gosti liidii kanaa oduu kallattii ta‟e
barreessuuf nu fayyada. Oduun kallattii (Hard news) kanniin duraan
hinturreefi akka tasaa kanniin uumaman, kan akka balaa konkolaataa,
xiyyaaraa, baaburaa, dooniifi, balaa ibiddaa ykn ta‟uu danda‟a jedhamee kan
eegamaa hinturre kan akka lolaafi beelaati.
109
Liidiin balfate ammoo, barreeffamoota: yaada namaa ibsan, seenessuu waa‟ee
namoota dhuunfaafi kkf. Fakkeenyaafi waa‟ee Qananiisaa Baqqalaarratti oduu
kallattii kanaatiin yoo barreessine akkas jechuu nidandeenya,
“Gootichi mo‟uu malee mo‟amuu hinbeeku. Har‟as miila qullaa fiigee
mo‟umsa Roomatti gonfate sana Tookiyoottis irra deebi‟e.”
Haala ittiin odeeffannoo qindeessee dhi‟eessuun yoo ilaalle ammoo akka
gaazexeesitoonni Inglizii guguddoon jedhanitti liidiin bakka lamatti qoodama.
Isaanis, Liidii handa qabeessa (comprehensive) fi Liidii murta‟aa (specific)
jedhamu. Liidii hunda qabeessa (comprehensive) kan jedhamu yaadota
guguddoo odoo tokkoo gaggabaabsee dhi‟eessuudhaan ijoo odichaa liidii
keessatti kan dhi‟eessuudha. Liidii murtaa‟aa (Specific) kan jedhamu ammoo,
yaadota gurguddoo oduu tokkoo keessaa kan baayyee guddaa, baayyee
haaraadhaafi kan baayyee nama ajaa‟ibu addaan baasee dhi‟eessuudhaan
oduu sana kallattii sanaan kan babal‟isuudha.
Akka waliigalaatti, ogumaa gaazexeessuu keessatti yoo xinnaate akkaataalee
liidii itti barreessan saddeettu jira. Isaanis, liidii waldorgomsiisaa (Contrast
Lead), liidii waraabbii (Direct Quotation), liidii kallattii (Direct-Address Lead),
liidii jedhan jedhanii (Anecdotal Lead), liidii mammaakaa (Parody Lead), liidii
seenawaa ykn barruu heeraa (Historical or Literary Allusion Lead), liidii
ispoortii (Sport Lead), fi liidii ibsa/haasaa dhi‟eessaa (Speech Story Lead)
Jedhamuun beekamu. Akka waliigalaatti, liidii barreessuu keessatti seeronni
hordofamuu qban kudhantu jira. Isaanis kanniin aramaan gadiiti.
110
1. Liidiin kee sirrii akka ta‟uuf haalaan carraaqi.
2. Liidiin kee dhugaarraa akka hindabne godhi.
3. Liidiin kee gabaabaafi ifaa ta‟uu qaba.
4. Liidiin kee dheebuu dubbistoonni kee odeeffannoof qaban baasuu qaba.
5. Liidiin kee waan ati dubbisaadhaan jechuu feete dabarsuu qaba.
6. Liidiin kee dhugaa dubbisaan dubbisu waliin wal barsiisuu qaba.
7. Liidiin kee humna qabaachuu qaba.
8. Liidiin kee dubbistoota keetti kallattiidhaan itti dubbachuu qaba.
9. Liidiin kee haala salphaadhaan barreeffamuu qaba.
10. Liidiin kee barruu of danda‟ee ergaa dabarsu ta‟uu qaba.
Walumaa galatti maalunnaafi amaloota liidii akkasumas akkaataa itti liidii
barreessaniifi goosoota liidii armaan olitti ilaallee jirra. Kanatti aansinee
ammoo qabxiilee dabalataa oduu mata duree jedhu ilaalla.
Dalagaa 2: Barnoota mataduree armaan oliirratti
hundaa'iitii gaaffilee armaan gadii deebissi.
111
1. Liidiin maalii?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
2. Liidiin gaariin tokko maaliin beekamaa?
_____________________________________________________________________________

3. Akka waliigalaatti, liidiin bakka meeqatti qoodamaa? Maalfaati isaan?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
4. Liidii barreessuu keessatti seeronni hordofamuu qaban maal maalfaati?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
112

5. Akka waliigalaatti, ogumaa gaazexeessuu keessatti akkaataalee liidii itti
barreessan tooressi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
4.2 Qbxiilee Dabalataa Oduu
113
Qabxiileen dabalataa oduu kan argaman gaazexeessaadhumiti mataa isaan
bakka ta‟umsaatti argamuudhaan odeeffannoolee inni funaanerraa, namoota
bakka ta‟umsaa turan gaafatee kan argaterraa, sababa taayitaa isaaniitiin
namoota ta‟umsichatti dhinya qaban gaafatee odeeffannoo argaterraa yookaan
ammoo dhimmicha namoota beekan irraa gaafatee odeeffannoo argaterraati.
Fakkeenyaaf waa‟ee ta‟umsa Somaaleelaandiitti raawwate tokkoo ilaalchisee
qabxiileen armaan gadii duraaduuba akka tasaatiin argameera haa jennu.
Gaazexeessichi odeeffannoolee kanniin eega argatee booda qindeeffamam
ogummaa isaatiin deegarame tokkoon odicha barreessuu qaba. Kana keessatti
barreessuuf kan isa gargaaru armaan olitti dursinee kan kaasne gaaffilee akka:
Maaltu ta‟ee? Yoom? Eessatti? Eennyuun ykn eenyuuf? Maaliif? Aakkamitti?
Gaaffilee jedhan ja‟an kanniin kaasee deebilee argate haala walduraa duubaa
ogummaan gaazexeessuu hayyamuufiin kaa‟uudhaani.
Mee armaan gaditti ittiin shaakaluuf kan dhi‟aate qabxiilee dabalataa yookaan
odeeffannoo dhimma Somaleelaandii armaan gaditti duuraa duuba akka
ta‟saan dhi‟aate kana akkamitti akka toora galchinu itti aanee haa ilaalu.
Qabxiilee dabalata oduu keeyyata keeyyataan
1. Biiyiti Somaaleelaadii jedhamtu biyya duraa Somaalee Rippaabliikii
jedhamuun beekamturaa kan isheen addan foxxoqxe bara 1966tti ta‟ee
hanga har‟aatti beekamummaa mootummaa biyya kamii biraayyuu
hinarganne.
114
2. Dhaabbati gargaarsa Teekiniikawaa Jarmanii Jii Tii Zed jedhamu biyya
Somaaleelaandiitti kan inni deebi‟e bara 1996tti biyya sana keessatti
humna riphe loltootaan qabamanii kan turan oogganaan dhaabbatichaa
tokko eega gad dhiifamanii yeroo gabaabaa booda ture. Jii Tii Zed biyya
sana keessatti dhimmi isaa misooma bishaanii geggeessuu akka ta‟e
hubatameera.
3. Ajeesaadha namichi jedhame akka abootiin taayitaa naannoo sanaa
jedhanitti dhukkubsataa sammuu ta‟uun isaa yoo beekamellee
ajjeechichi akka raawwateen battaluma sana qabamee hidhameera.
Biyya Somaaleelaandii keessatti lammiin alaa yeroo jalqabaaf
du‟uudhaan kan beekaman lammiin Jarmanii kun du‟uu isaaniitiif
kallattii ajjeesatiin sababni addaa ajjeesiseef tokkoyyuu jiraachuu akka
hindandeenye abootiin taayitaa ibasaniiru.
4. Hojjetaan gargaarsaa lammii Jarmanii ta‟e tokko guyyaa kibxataa
Somaaleelaand Rippaabiliikii jettee biyya of waamtu keessatti ajjeefamuu
isaanii abootiin taayitaa biyyattiifi namoon ijaan argan beeksisan.
5. Abbaan taayitaa Embassy Jarmanii Naayiroobiitti argamu tokkoo waa‟ee
ajjeechichaa haadhaga‟anillee malee odeeffannoo haala dubbichaa
gadifageenyaan ibsu garuu akka hinarganne ibsaniiru.
6. Jii Tii Zediif hojjeetaa kan turan Obbo Piiter Kraansman kan ajjeefaman
Magaalaa Hargeessaa bakka Burewwaa jedhamutti kan argamu mooraa
Hoteela Gabahaadii keessatti dubara waliin hojjetan takkaa wajjin
115
konkolaataa keessa taa‟anii utuu jiranii liqimsituu isaaniirra bilaadhaan
waraanamanii akka ta‟e beekameera.
Oduun kun kan fudhatame kitaaba Obbo Maa’ireguu Bazzaabiirraa (1995)
Armaan olitti lakkoofsa 1-6tti odeeffannoon ykn qabxiileen dabalataa oduu ja‟a
dhi‟aatanii jiru. Qabxiileen kunneen odeeffannoolee yaada ijoo odichaa tokko
tokkoon kan ibsan yoo ta‟ellee duraa duubni isaanii sirrii miti. Keeyyattoonni
ja‟an kunneen haala seerri ogummaa gaazaxeessuu hayyamuun qindeeffamuu
qabu.
Duraa duuba keeyyattoota kanneenii qindeessuuf gaaffiin jalqaba gaafatamuu
qabu, ja‟an isaanii keessaa isa kamtu liidii ta‟uu qaba? kan jedhuudha. Liidiin
oduu tokkoo akka seeraatti yoo xinnaate gaaffilee maaltu ta‟ee? Yookaan
maaltu uumamee? Yookaan ammoo maaltu wayirra ga‟e? kan jedhu deebisuu
qaba. Haala kanaan fakkeenya armaan olii keessaa keeyyanni ulaagaa kana
guutu kan lakkoofsa 4 irra jiruudha. Kanaaf, keeyyanni kun liidii odichaa ta‟a.
Oduun gararraadhaa gara jalaatti asii gadi ijaarama waan ta‟eef liidii kanatti
aansinee keeyyattoota shanan hafan haala barbaachisumaa isaaniitiin duraa
booda galchinee dhi‟eessina. Liidii filanne lakkoofsa afraffaarra jiru armaan olii
keessatti gaaffileen, maaltu ta‟ee? Yoom? Eenyu? kanniin jedhan deebi‟aniiru.
Haata‟u malee, sadan isaanii keessaa gaaffiin jedhu haala quubsaadhaan
hindeebine. Fakkeenyaaf, maqaan namichaa eenyuu? Kan jedhu
barbaachisaadha. Keeyyattoota shanan armaan olii keessaa kan maqaa
namichaa of keessaa qabu isa lakkoofsa ja‟affaarra jiru waan ta‟eef liidii
116
keenyatti aansinee dhi‟eesina. Keeyyanni liidiitti aanee yeroo dhi‟aatu liidicha
sirriitti waan ibsuuf duraa duuba garrii uuma jechuudha.
Itti aansinee odeeffannoo dubbisaa gaariin oduu kana keessatti baruu
barbaadu namichi hojjetaa gargaarsaa ta‟an kun maaliif ajjeefaman kan jedhu
ta‟uu mala jennee waan tilmaamnuuf keeyyata gaaffii kanaaf deebii ta‟u itti
aansina. Innis keeyyata lakkoofta sadaffaarra jiru ta‟a. Isa booda, odeeffannoo
dubbisaan barbaadu kan dhimma ajjeechaa kanaa waliin walqabate
waanta‟uuf keeyyata sadan hafan keessaa dhimma kana kan of keessaa qabu
filanna. Innis keeyyata lakkoofsa shanaffaarra jiru waan ta‟eef isa itti aansina.
Isa booda dhimma oduu kanaatiin kan kallattiidhaan walqabate hinjiru yoota‟e
kan itti aanuu danda‟u keeyyattoota seenduubee (background) ta‟aniidha.
Haala kanaan akka qindeeffama keenyaa isa haaraa kanaatti akka keeyyata
shanaffaatti kan dhiyaachuu qabu keeyyata lakkoofsa lammaffaarra jiruudha.
Dhumarratti akka keeyyata ja‟affaatti kan lakkoofsa tokkoffaarratti armaan
olitti dhi‟aate ta‟a. Haala qindeeffama haaraa gooneen duraa duubi
keeyyattoota oduu keenyaa kan armaan gadii fakkaata.
Hojjetaan gargaarsaa lammii Jarmanii ta’e tokko
guyyaa
kibxataa Somaaleelaand Rippaabiliikii jettee biyya of waamtu
117
keessatti ajjeefamuu isaanii abootiin taayitaa
biyyattiifi namoon ijaan argan beeksisan.
Jii Tii Zediif hojjeetaa kan turan Obbo Piiter Kraansman kan
ajjeefaman Magaalaa Hargeessaa bakka Burewwaa
jedhamutti
kan argamu mooraa Hoteela Gabahaadii keessatti
dubara
waliin hojjetan takkaa wajjin konkolaataa keessa taa’anii
utuu
jiranii liqimsituu isaaniirra bilaadhaan waraanamanii akka
ta’e
beekameera.
Ajeesaadha namichi jedhame akka abootiin taayitaa
naannoo sanaa jedhanitti dhukkubsataa sammuu ta’uun
isaa yoo beekamellee ajjeechichi akka raawwateen
battaluma sana qabamee hidhameera. Biyya
Somaaleelaandii keessatti lammiin alaa yeroo jalqabaaf
du’uudhaan kan beekaman lammiin Jarmanii kun du’uu
isaaniitiif kallattii ajjeesatiin sababni addaa
ajjeesiseef tokkoyyuu jiraachuu akka hindandeenye
abootiin taayitaa ibasaniiru.
Abbaan taayitaa Embaasii Jarmanii Naayiroobiitti
argamu
tokkoo waa’ee ajjeechichaa haadhaga’an malee
odeeffannoo
haala dubbichaa gadifageenyaan ibsu garuu akka
hinarganne
ibsaniiru.
Dhaabbati gargaarsa Teekiniikawaa Jarmanii Jii Tii
Zed
jedhamu biyya Somaaleelaandiitti kan inni deebi’e
bara
118
1996tti biyya sana keessatti humna riphe
loltootaan
qabamanii kan turan oogganaan dhaabbatichaa tokko eega
gad
dhiifamanii yeroo gabaabaa booda ture. Jii Tii Zed biyya
sana
keessatti dhimmi isaa misooma bishaanii geggeessuu akka
ta’e
hubatameera.
Biiyiti Somaaleelaadii jedhamtu biyya duraa
Somaalee Rippaabliikii jedhamuun beekamturaa kan
isheen addan foxxoqxe bara 1966tti ta’ee hanga har’aatti
beekamummaa mootummaa biyya kamii biraayyuu
hinarganne.
Akkuma armaan olitti agartu, oduu barreessuu keessati walduraa duubi
odeeffannoo dhiyaachuu qabuu liidiidhaan jalqabee haala barbaachisummaa
isaaniitiin isa baayyee barbaachisaadhaa hanga isa odeeffannoo hundaa gadi
barbaadamuutii qindeeffama. Barbaachisummaan odeeffannoo yookaan
dabalata oduu guddaadhaa gara xiqqootti tooreffama/dhiyaata. Akkaataa oduu
itti barreessine sirriifi sirrii ta‟uu isaa malli ittiin addaan baafannu jira.
Akkuma jedhame odeeffannoo oduu barreessinee haala barbaachisummaa
isaaniitn guddaadhaa gara xiqqaatti qindeeffame yoo ta‟e, keeyyattoota oduu
barreessinee keessaa isaan gara dhumaatti tokko yookaan lama yoo irraa
kunne odicha keessaa waanti hir‟atu hinjiru. Kana jechuun oduun keenya
sirriitti barreeffameera jechuudha.
119
Haala kanaan oduu qindeessinee eega barreessinee booda wanti hafu tokko
mata duree odichaa barreessuudha. Mata duree oduu tokkoo barreessuuf
ulaagaaleen ballinaan gaazexeesittoonni fayyadaman, matadurichi:
Dubbisaa ofitti hawwachuu danda‟uu,
Gabaabaa ta‟ee kan bakka bal‟aa hinfudhanne fi,
Dubbisaan odicha guutuu akka dubbisuuf kan afeeru ta‟uudha.
120
Qabxiilee Mirkaneefataa
Boqonnaa afraffaa keessatti qabxiilee armaangadii barachuu
kee mirkaneefadhu.
Maalummaafi keeyyata oduun ittiin jalqabuu ykn liidii
Gosoota liidiifi amaloota isaanii
Akkaataa liidii itti barreessan
Akkaataa mataduree itti barreessan bira nigeessa.
Akkaataa itti qbxiilee dabalataa oduu barreessan bira nigeessa
121
Madaallii Boqonnaa Afraffaa
Barnoota boqonnaa afraffaarratti hundaa'iitii gaaffii
armaan gadii deebissi.
1. Oduu barreessuu keessati walduraa duubi odeeffannoo dhiyaachuu
qabuu maaliin murteeffamaa?
__________________________________________________________________________

2. Maalummaa liidiifi kaayyoo isaa ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
3. Qabxiileen dabalataa oduu eessaa akka argaman tooressi.
122
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
4. Mata duree oduu tokkoo barreessuuf ulaagaaleen ballinaan
gaazexeesittoonni fayyadaman maal maalfaatii?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
123
BOQONNAA SHAN
MALA BARRUU GAAZEXAA QOPHEESSUU
Kabajamaa/tuu barata/ttu, boqonnaa kana jalatti mala qophii gaazexeesuu
baratta. Hojii gaazexeessuu keessatti barreeffamoonni dhi‟aatan barruulee biro
keessatti kanniin agarurraa sababoota tokko tokkoon hamma tokko adda ta‟u.
Barreeffamoonni gaazexaa haaluma boqonnaa darbe keessatti ilaalleen
qabiyyeedhaafi unkaan adda baha.
Kaayyoo Boqonnichaa
Boqonnaa kana barattee gaafa xumurtu,
1. Maalummaa gaazexeessuu barreeffamaa ni ibsita.
2. Seerota guguddoo barruun gaazexaa ittiin bulu ni ibsita.
3. Faayidaalee qusannoon jechootaa barruu gaazexaatiif qabu ni ibsita
4. Akkaataa itti mata duree oduu barreessan ni ibsita.
5. Fuula-bareecha gaazexaa (Page makeup) ni ibsita.
6. Ogeeyyii gaazexaafi ga'ee isaanii ni ibsita
7. Maalummaa gaazexeessuu elektrooniksii ni ibsita
8. Akkaataa oduun gaazexeessuu elektrooniksii itti barreeffamu ni ibsita.
124
Dalagaa 1
Barnoota mataduree kana jalatti baruuf deemtutti
utuu
hince'in gaaffilee armaan gadii mara akka sitti
fakkaatutti
deebisi.
1. Gaazexeessuun barreeffamaamaalii?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
_________________________________________________________________________
2. Seerota guguddoo barruun gaazexaa ittiin bulu ni beektaa? Eeyee yoo
jette ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
3. Qusannoon jechootaa barruu gaazexaatiif bu'aa maalii qabaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
4. Fuula-bareecha gaazexaa (Page makeup) maal ta'uu mala jettee
yaaddaa?
125
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
5. Ogeeyyii gaazexaafi ga'ee isaanii waan beektu barreessi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
6. Maalummaa gaazexeessuu elektrooniksii waan beektu ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
5.1 Seerota Guguddoo Barruun Gaazexaa ittiin bulu
Barreeffamoonni gaazexaa seerotaafi sirnoota barumsaan argannuun alatti
muuxannoolee jireenyaa guyyaadhaa guyyaatti argannuuf bu‟aa bahiilee nu
quunnamaniin fooyya‟aafi guddachaa kan dhufaniidha. Barruun tokko kan
126
ittiin geggeeffamu ykn bulu yeroo hedduu, faayidaa, hiikaafi, humna afaanii
ittiin amansiisuu danda‟uu isaatiin.
Barruun gaazexaan tokko maxxansu, yookaan raadiiyoofi televizi‟oonii tokko
dubbatu namoota barumsa gadaanaa qabanii kaasee hanga proofeeseroota
yuunversitiitiif waan dhiyaatuuf afaan namoonni guyyaadhaa guyyaatti
fayyadaman gargaaramuun barbaachisaadha. Seeronni barruun gaazexaa
ittiin bulu guguddoon:
Yeroo hundaa himoota guayaggabaaboo fayyadamuu.
Waati ati barreessitu hiikni isaa sirriitti sitti mul‟achuu qaba.
Yeroo hundaa xumuroota raawwataa fayyadami.
Yeroo hundaa barreeffamni kee eenyuuf maal akka dabarsu sirriitti
agarsiisuu qaba.
Wantoota maqaa dhooftu keessaa wa‟ee isa kamii akka bal‟inaan ibsaa
jirtu ifaa ta‟uu qaba.
Jechoonni ati fayyadamtu waan ibsuu barbaadde sirriitti ibsuu qaba.
Barreeffama kee keessatti ibsoota maqaa hinbaayyisin.
Keeyyanni kee tokko yaada tokkicharratti hundaa‟uu qaba.
Barreeffamni kee hiika lamaafi lamaa ol qabaachuu hinqabu.
Himoota gaggabaaboo, ifoofi dafanii namaa galan gargaarami.
127
Ogummaan barreessuu waliin hidhalatamu waan ta‟eef shaakaluudhaan
fooyyeffachuu yaali.
Dalagaa 1: Barnoota mataduree armaan oliirratti
hundaa'iitii gaaffilee armaan gadii deebissi.
1. Barruu gaazexaa barreessuu keessatti afaan namoonni guyyaadhaa
guyyaatti fayyadaman gargaaramuun maaliif barbaachisaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
2. Barreeffamoonni gaazexaa seerotaafi sirnoota barumsaan argannuun
alatti maaliin fooyya‟uu?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
128
3. Seerri barruun tokko ittiin geggeeffamu ykn bulu maaliinii?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
5.2 Qusannoo Jechootaa
Gaazexeessuu barreeffamaas ta‟e kan raadiyoofi televizi‟oonii keessatti
jechoonni itti fayyadamnu itti fayyadamaman filatamanii ta‟uu qaba. Filannoo
isaaniis, humna ergaa dabarsuu isaan qabanfi, humna hiika isaaniitiin ta‟uu
qaba. Itti dabalees, kallattii lakkoofsaafi dheerina isaaniitiin xiqqaachuufi
gaggabaabbachuu qabu. Kana jechuun, jecha tokkoon waan ibsuun
danda‟amu isaa ol fayyadamuun, utuu jechi gabaabaan jiruu dheeratti
fayyadamuuniifi, utuu jechoonni hiikni isaanii dafee namaa galu jiruu kan
hiikni isaanii dafee namaa hingalle fayyadamuun gaarii miti. Jechoonni barruu
gaazexaa barreessuu keessatti itti fayyadamnu xiyyeeffannoon itti kennamee
filatamuu qabu.
Barruu gaazexaa, raadiyoofi televizi‟oonii qopheessuu keessatti jechoonni nuti
fayyadamnu gaggabaabbachuun akka ulaagaatti kan ilaalamaniif sababa
ogummaa qofaaf utuu hinta‟in dhimma diinagdeetiif jedhameeti. Fuulonni
129
gaazexaafi sa‟aatiin raadiyyoofi televizi‟ooniin itti fayyadaman marti qarshii
waan nama baasisuuf qusannoon jechootaa barbaachisaa ta‟a. Waraqaan,
qalamni, humni nama barreessuu, gulaaluufi maxxansuun, akkasumas
sa‟aatiin iitti raadiyoofi televizi‟ooniidhaan dabarsan marti qarshii nama
kaffalchiisa.
Sababa kanaaf, barruu gaazexaa barreessuu keessatti jechoota lakkoofsaan
xiqqoofi bakka qabataniin gaggabaaboo ta‟anii ergaa dabarsamuu barbaadame
sirriitti dabarsan filachuun ogummaa kana keessatti bakka guddoo qaba.
Dalagaa 2: Barnoota mataduree armaan oliirratti
hundaa'iitii gaaffilee armaan gadii deebissi.
1. Barruu gaazexaa barreessuu keessatti qusannoon jechootaa maaliif
barbaachisaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
2. Barruu gaazexaa, raadiyoofi televizi‟oonii qopheessuu keessatti jechoonni
nuti fayyadamnu gaggabaabbachuun akka ulaagaatti maaliif
ilaalamanii?
130
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
3. Qusannoon jechootaa gaazexaa barreessuu keessatti kallattii maallaqaan
maal fakkaataa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
5.3 Mata duree Oduu Barreessuu
Mata dureen oduu faayidaalee lama qaba. Tokkoffaa, ergaa ijoo oduu tokkoo
guutummaa guutuutti utuu hinbeeksisin ykn hindhoksin dubbiisaan akka itti
harkisamee ykn hawwatamee odicha guutummaa dubbisuf akka kaka‟u
gochuudha.
Lammaffaa ammoo, fuula gaazexaa bareedina gonfachiisuudha. Fuulota
gaazexaa bareechuudhaaf jedhamee jechoonni mata dureelee oduu maraa
131
lakkoofsaan kan murtaa‟aniifi qubeeleen isaanii sadarkaa guddina ykn
barbaachisummaa odichaatiin guddifamanii ykn xiqqeeffamanii barreeffamu.
Bakki isaan qabatanis bal‟inni isaa kan murteeffamu haluma kanaani. Mata
dureen oduu bakka murteeffameef kanatti akka galaniif jedhamee, ergaa
dabarfamuu barbaadame giddugaleessa godhachuun jechoonni isaanii
lakkaawamee filatama. Sababa kanaaf, jechoonni mata dureelee oduu
gaggabaaboofi hiikaan sasalphaa ta‟uu isaaniitiin filatamu.
Dubbistoota ofitti harkisuu ykn hawwachuu ilaachisee gumaachi mata dureen
godhu baayyee guddaadha waan ta‟eef mata dureeleen oduu garee
gaazexeessitoota muuxannoo qabaniin irratti mar‟atamee qophaa‟a.
Dubbistoonni gaazexaa dhimma mata duree tokko jalatti dhi‟aate dubbisuuf
kan filatan na ilaallatamoo hinilaallatu? yaada jedhurra dhaabataniiti waan
ta‟eef salphaatti akka isaan gaaffii isaaniitiif deebii argatanitti mata dureeleen
qophaa‟an ifaafi bareedaa ta‟uu qabu.
Dalagaa 3: Barnoota mataduree armaan oliirratti
hundaa'iitii gaaffilee armaan gadii deebissi.
1. Faayidaalee mata dureen oduu qabu ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
132
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
1. Sadarkaa guddina ykn barbaachisummaa oduu tokkoo haala
barreeffama isaarraa kaanee baruu attamiin dandeenyaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
2. Mata dureeleen oduu garee gaazexeessitoota muuxannoo qabaniin
irratti mar‟atamee maaliif qophaa'aa?

5.4 Fuula-Bareecha Gaazexaa (Page makeup)
Fuula-bareecha gaazexaa jechuun hojii gaazexaa maxxansuu keessaa unka
(form) barreeffamaafi wantoota garaagaraa fuulota gaazexaarratti
dhi‟eeffamaniin aartii walqabateedha. Kun afaan Ingliziitiin „page makeup‟
jedhama.
133
Haala ogummaan isaa gaafatuun odeeffannoo funaanuu, barruu gaazexaa
qindeessanii barreessuufi, amansiisummaa dhugaa ta‟uu yaada dhi‟aatuu
to‟achuutti dabalee, fuula gaazexaa bareechuun jaallatamummaa gaazexaan
tokko dubbistoota biratti argatuuf gumaacha guddaa godha.
Gaazexaan tokko dubbistoota hedduu biratti fudhatama argatee tamsa‟iinsa
bal‟aa qabaachuu barbaachisaan. Haata‟u malee, kun akka salphaatti waan
fiixaan ba‟uu danda‟u miti. Sababni isaa, gaazexoonni ittiin dorgoman
hedduun waan jiraachuu malaniif. Dubbistoota hedduufi tamsa‟ina bal‟aa
qabaachuun bu‟aa inni gaazexaa tokkoof qabaatu kallattii maallaqaatiini.
Iduustroonniifi dhaabbileen daldalaa hedduun hoomishaafi tajaajiloota isaanii
kan beeksifatan qarshii kaffalaniifii gaazexaa namoota hedduu biratti
jaallatamummaa argaterratti. Sababni isaa, beeksisni isaanii bal‟inaan akka
namoota hedduu bira akka ga‟uuf waan fedhaniifi. Haala kanaan gaazexaan
tokko kan dubbisaa ofitti harkisu ta‟ee argamuudhaaf, wantoota biroo kaafnee
ilaalaa turretti dabalee, fuulonni isaa bareedanii mul‟achuu qabu.
Gaazexoonni bal‟inaafi dheerina fuula isaaniirratti hundaa‟anii bakka lamatti
qoodamu. Inni tokkoffaan kan fuula bal‟atu ykn afaan Ingliziitiin „Broad sheet‟
jedhamuun beekama. Fakkeenyaaf, biyya keenya keessatti kanniin
maxxanfaman keessaa, Addis Zaman fi Bariisaan gaazexoota fuula
balataniidha. Inni lammataa ammoo kan fuulli isaa xiqqaa ta‟e, afaan
Ingliziitiin „Tabloid' kan jedhamuudha. Gaazexaan fuula bal‟atu hojjaan isaa
134
walitti dachaafamee hanga isa fuula xiqqaa sana ta‟a. Fakkeenyi gazexaa fuula
xiqqaa kanniin akka Xoomaarii fi Xoobbiyaati.
Qabiyyee wantoota gaazexoota gasa lamaan irratti maxxanfamanii yoo ilaalle,
akka addunyaarratti beekamutti, gaazexoonni fuula babal‟oo fuula isaanii
jalqabaarratti oduufi barreeffamoota biroo gadifageenya qaban dhi‟eessu.
Kanniin fuula xixiqqoo garuu wantoonni isaan dhi‟eessan kanniin fuula bal‟aa
irraa lakkoofsaanis kan baayyee xiqqoo ta‟aniifi gadifageenya kan
hinqabneedha.
Gaazexoonni fuula xixiqqoo (tabloids) yeroo hedduu fuula isaanii jalqabaarratti
oduun isaan dhi'eessan kanniin dhimma quunnamtii saalaa, yakkaa fi,
maallaqaa irratti xiyyeeffatani. Mata dureeleen oduu isaanii, qabiyyeen oduu
isaaniifi, suraaleen isaan dhi'eessan yeroo hedduu waan xiqqoo kan guddisanii
agarsiisuu yaalaniidha. Gaazexoonni fuula babal'oo (broad sheet) ammoo,
oduulee, barreeffamoota gaggabaaboofi dhedheeroo gadifageenya haala qabuun
dhi'eessu.
Gaazexaa tokkorratti lakkoofsi bo'oolee (Columns), guddinni qubeelee
matadureefi, irraa-jalli qaama gaazexichaa oduun irratti dhiyaatu ramaddii
oduu keessatti sadarkaa isaaf kenname agarsiisu.
Qaama gaazexaa keessaa kan gara oliitti argamu isa gara gadiitti argamurra
sadarkaa ol aanaa qaba. Kanaaf oduuleen sadarkaa tokkoffaan kennamuuf
qaama gaazexichaa keessaa kan mudhiidhaa olitti argamurratti yeroo
135
dhi'aatan kanniin sadarkaa lammaffaan kennamuuf ammoo mudhiidhaa
gaditti dhi'aatu.
Wanti ittiin sadarkaan oduulee madaalamu inni biroon ammoo, bal'naafi
baayyina bo'oolee (columns) ta'a. Gaazexoota gosa kamiifuu, yeroo hedduu
lakkoofsi bo'oolee isaa afurii hanga torbaa ta'a. Fakkeenyaaf, fuula gaazexaa
bo'oo shan qabuurratti mata dureen oduu tokkoo mataa bo'oo sadiirratti yoo
diriirfame, oduu biroo mata dureen isaa bo'oo lama gubbaarra diriirfamerra
sadarkaadhaan guddaadha.
Fuulonni gaazexaa tokkoo maal fakkaachuu akka qaban kan murteessu
oduudha. Qopheessitoonni fuula gaazexaa (page editers), qopheessitoonni
dizaayinii duraa fuula gaazexaa (layout designers) fi, gulaaltonni qindoomina
oduu fuulta gaazexaa tokkoo keessumaayyuu, fuula jalqabaa maal fakkaachuu
akka qabu maxxansaa tokkoo kan biraatti garaagara kan godhan baayyinaafi
sadarkaalee oduulee guyyichaarratti hundaa‟aniiti. Qopheesitoonniifi
gulaaltonni fuula gaazexaa bareechan kunneen sadarkaalee oduu murteessanii
bakkaafi akkaataalee isaan qabachuufi ittiin dhi'aachuu qaban dizaayin
godhu. Itti dabalees, suuraalee, fakkiileefi wantoota barreeffama duukaa
dhi'aatan dizaayin godhu.
136
Dalagaa 4: Barnoota mataduree armaan oliirratti
hundaa'iitii gaaffilee armaan gadii deebissi.
1. Fuula-bareecha gaazexaa (page makeup) jechuun maal jechuudhaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
___________________________________________
2. Gaazexoonni bal‟inaafi dheerina fuula isaaniirratti hundaa‟anii bakka
meeqatti qoodamuu? Tookkoon tokkoon isaanii ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
__________________________________________________
_______________________________________________________________________
3. Fuulonni gaazexaa tokkoo maal fakkaachuu akka qaban kan murteessu
oduudha jehdama. Dhugaan kun akkamitti fuula-bareecha gaazexaa
tokkoo kallattii qabsiisaa?
137
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
4. Qopheesitoonniifi gulaaltonni fuula gaazexaa bareechan maal maal akka
godhan ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
138
5.5 Caasaa Dhaabbata Gaazexaa
Caasaa Dhaabbata Gaazexaa Biyyoolessaa
Qopheessaa Olaanaa
Ittaanaa Qopheessaa olaanaa
Gargaaraa Gargaaraa Gargaaraa Gargaaraa Gargaaraa
Qopheessaa Qopheessaa Qopheessaa Qopheessaa Qopheessaa Halkanii
Oduu barruu adda Ispoortii Qophii Addaa
addaa
Qophe Qophe Qophe Qophee Barre Qophee Dhi'eess Qopheess Qopheess
essaa essaa essaa ssaa essaa ssaa ota aa aa Aartii
Oduu Footoo barruu Gulaala Ispoo Gulaala Barruu Gulaalaa
adda a rtii a Addaa olaanaa
addaa olaanaa olaanaa
barruu Ispoortii
adda
addaa
Ittaan Ittaan Ittaan Ittaana Ittaana Ittaanaa Ittaanaa
aa aa aa a a Qopheess Qopheess
Qophe Qophe Qophe Qophee Qophee aa aa Aartii
essaa essaa essaa ssaa ssaa Gulaalaa
Oduu Footoo barruu Gulaala Gulaala
adda a a
addaa Ispoortii
Rippoo Footoo Hojjetto Hojjetto Hojjettoot Aartistii
rteroot Kaast Barree ota ota a Dizaayinii
a uu ssota Gulaalu Gulaalu Gulaaluuf
Oduu barruu u u i Hojjettoot
adda barruu Ispoortii sirreessuu a
addaa adda Dizaayinii
addaa
139
Caasaa Dhaabbata Gaazexaa salphaa torbaniin maxxanfamuu
Qopheessaa
Ittaanaa Qopheessaa
Qopheessaa Qopheessaa Qopheessaa Qopheessaa Qopheessaa
Oduu Gulaalaa barruu adda Footoo Ispoortii
addaa
Rippoorteroota Hojjettoota Barreessota Footoo Barreessaa
Oduu Gulaaluu barruu adda Kaastuu Ispoortii
addaa
5.6 Ogeeyyii Gaazexaafi Ga'ee Isaanii
5.6.1 Qopheessaa olaanaa
Walumaagalatti, murtiin dhimma gaazexaa tokkoo marti qopheessaa olaanaa
malee hinraawwatu. Ga'een isaa isaan guguddoon ammoo dimshaashumatti
kanniin armaan gadiiti.
Qabiyyeedhaafi unki gaazexaa tokkoo maal fakkaachuu akka qabu
murteessa.
140
Yeroo itti gaazexaan tokko maxxanfamee raabsamuu qabu isatu
murteessa.
Kallattii seeraatiin, badii gaaxexaan tokko bal'eessuuf isatu itti
gaafatama.
Itti gaafatamummaan isaa inni guddaan, dhimmoota jireenyaa
keessatti ta'umsoota haaraa raawwataman, deemsa hojiilee
milkaa'aniifi milkaa'uu dhabanii dhugaa jiruratti hundaa'ee oduun
qindaa'ee akka dhi'aatu gochuudha.
Itti dabalees, oduu cinaan, dhugaa amala ittin gaazexaan isaa
beekamuu irra dhaabbatee barreeffamoota ergaa dabarsan kanniin
yaadota haaraafi fayyida qabeessa ta'an of keessaa qaban
qopheesuudhaan ykn akka qophaa'u gochuudhaan raawwii hojii
to'achuun ga'ee isaati.
5.6.2 Gulaaltota
Gulaaltonni hojii gaazexeessuu keessatti ga'een isaanii guddaadha. Biyyoota
hojiin gaazexeessuu keessatti babal'atetti, oduun tokko yoo xinnaate gulaaltota
sadii'ii hanga afuriitiin utuu hinilaalamin maxxanfamee hinraabsamu.
Walumaagalatti, oduun tokko kallattii qabiyyee barruutiin, kallattii qophii
ogummaan gaazexeessuu gaafatuun, kallattii dhugaa ta'uu odeeffannoofi,
dimshaashumatti sadarkaa ogummaan gaazexeessuu barbaaduun kan
qophaa'e yoo ta'uudhaabaate, maxxansuu, raadiiyoofi televizi‟ooniin
141
tamsaasuun akka hindanda'amne ga'ee gulaaltotaati. Oduun tokko gulaaltota
bira yeroo ga'u, haala ogummaan isaa gaafatuun qulqullaa'ee akka mul'atu
godhanii gulaalu; kan kutan kutanii kan itti dabalamuu qabu dabalanii
qopheessu; yoo gatamuu qba jedhanis gatuu danda'u.
5.6.3 Rippoortaroota
Rippoortarri gaazexaa, raadiiyoofi, televizi‟oonii tokko, maddoota irraa odeeffannoo
walitti qabee, malaafi teekiniikota barreeffamaa ogummaa gaazexeessuu keessatti
beekaman fayyadamuudhaan oduu sadarkaan isaa guddaa ta'e qopheessa.
Rippoortarri raadiyoo ykn televizi‟oonii takka takka, ta'umsoota garaagaraa bakka
isaaniitti argamuudhaan yerosuma dabarsuu nidada'a.
Dalagaa 5: Barnoota mataduree armaan oliirratti
hundaa'iitii gaaffilee armaan gadii deebissi.
1. Ga'een qopheessaa olaanaa gaazexaa tokkoo maali maal akka ta'e ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
142
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
2. Ga'ee gulaaltota gaazexaa tokkoo ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
3. Ga'ee rippoortaroota gaazexaa tokkoo barreessi.

143
5.7 Akkaataa Oduun Gaazexeessuu Elektrooniksii
itti barreeffamu
Gaazexeessuu elektrooniksii jennee raadiiyoofi televizi‟ooniidha. Kallattii
gaazexeessuun elektrooniksii gaazexeessuu barreeffamaarraa wantoota adda
isa taasisu qaba. Sababa kanaaf, haalli ittiin qopheessaniifi dhi'eessan
xiyyeeffannaa addaa isa barbaachisa.
Garaagarummaa gosoota gaazexeessuu lamaan kanniin gidduu jiru kan uume
haalaafi yeroo isaan ittiin dhi'aatani: gaazexaan barreeffamaan, raadiiyoon
sagaleedhaan, televizi‟ooniin suuraa sosocho'uun jechuudha.
Kallattii oduu qopheessuutiin yoo ilaalle, haaxinnaatullee malee
garaagarummaan amalaa nijira. Kanniin keessaa warri guguddoon sadan:
Rippoortarri gaazexeessuu barreeffamaa tokko oduu kan qopheessu
haala ittiin gaazexichi maxxanfamurratti hundaa'ee, guyyaatti al tokko
yookaan al lama hincaalu. Raadiyoofi televizi‟ooniif yoo ta'e garuu,
guyyaatti daqiiqaa soddoma soddomaan yookaan sa'aatii sa'aatiidhaan
oduu dhi'ayaatuuf ta'a.
Oduuleen raadiiyoofi televizi‟ooniidhaan dabarfaman kan labsaman
daqiiqaa 20 hanga 30 keessatti; yookaan yoo baayyate daqiiqaa lama
keessatti. Kanaaf, haala salphaatti namaa galuun qophaa'uu qabu.
Yookaan ammoo ibsa gadi fagoo kan barbaadan ta'uu hinqabani.
144
Oduuleen raadiiyoo sagalee ta'umsaatii, kan televizi‟oonii ammoo viidiyoo
ta'umsaatiin deeggaramanii dhi'aatu. Kun dhugaa ta'umsichaa akka
gaariitti ibsa.
Oduuleen raadiyoofi televizi‟ooniidhaan dhi'aatan yeroo tokko tokko
kallattiidhaan ta'umsichi utuu raawwatuu ta'uu isaaniitiin alatti yeroo hedduu
akkuma oduu gaazexaa barreeffamanii qophaa'u. Sababa kanaaf,
dimshaashumatti gosti lamaanuu ogummaa barreeffamaarratti hirkachuun
isaanii dirqama.
Akka waliigalaatti, oduuleen raadiyoofi televizi‟oonii qabxiilee armaan gadii
hordofaniiti barreeffamu.
Oduu raadiyoo keessatti maqaan nama tokkoo yeroo waamamu
taayitaa, maqaa kabajaa, ykn ga'ee hojii isaa itti dabaluudhaan ta'uu
qaba.
Oduu raadiyoofi televizi‟oonii keessatti, kottoonfachiisi maqaalee
fayyadamamuu hinqaban. Sababni isaa, dhaggeeffatoonni ykn
do'attoonni yeroo gabaabaatti kottoonfachiisa maqaalee yaadachuu
dhabuu waan malaniif.
Oduu raadiyoofi televizi‟oonii keessatti, mallattoolee akka mallattoo
waraabbii fayyadamanii dubbii kallattiin fudhatame (direct quotation)
agarsiisuun waan hindanda'amneef bakka isaa dubbii alkallattii
(indirect quotation) gochuu barbaachisa.
145
Oduu raadiyoofi televizi‟oonii keessatti, lakkoofsa heddumina qaban
tokko tokkoon dubbisuurra walitti butanii kaa'uu barbaachisa.
Fakkeenyaaf, Doolaara Ameerikaa 4,999,980 jechuurra, Doolaara
Ameerikaa gara mili'oona shanii jechuu wayya.
Oduu raadiyoofi televizi‟oonii keessatti, wantoota akka mallattoo
qarshii biyya garaagaraa fayyadamuurra barreeffamaan kaa‟uu
wayya. Fakkeenyaaf, mallattoo $ kaa'uurra Doolaara jechuu wayya.
Oduu raadiyoofi televizi‟oonii keessatti,maqaan namaa yeroo dha'amu
irra deddeebinee waa'ee namichaa dubbachuuf bamaqa (fknf, isaan,
inni, isheen kkf.) fayyadamuun sirrii miti. Kanaaf yoo barbaachisaa
ta'e maqicha irra deebinee waamuu wayya.
Dalagaa 6: Barnoota mataduree armaan oliirratti
hundaa'iitii gaaffilee armaan gadii deebissi.
1. Gaazexeessuu elektrooniksii gaazexeessuu barreeffamaarraa maaltu adda
godhaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
146

1. Oduu raadiiyoofi televizi‟ooniidhaa qopheessuu keessa qajeelfamoota
jiran tooressi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
2. Rippoortaroota raadiiyoofi televizi‟oonii kanniin gaazexaarraa maaltu
adda godhaa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
147
________________________________________________________________________
________________________________________________________________________
148
Qabxiilee Mirkaneefataa
Boqonnaa shanaffaa keessatti qabxiilee armaangadii
barachuu kee mirkaneefadhu.
Maalummaa gaazexeessuu barreeffamaa
Seerota guguddoo barruun gaazexaa ittiin bulu
Faayidaalee qusannoon jechootaa barruu gaazexaatiif qabu
Akkaataa itti mata duree oduu barreessan
Fuula-bareecha gaazexaa (Page makeup)
Caasaa dhaabbata gaazexaa
Ogeeyyii gaazexaafi ga'ee isaanii
Maalummaa gaazexeessuu elektrooniksii
Akkaataa oduun gaazexeessuu elektrooniksii itti barreeffamu
149
Madaallii Boqonnaa Shanaffaa
Barnoota Boqonnaa armaan oliirratti hundaa'iitii
gaaffii armaan gadii deebissi.
1. Seerota barruun gaazexaa ittiin geggaaffamu tooressi.

1. Barruu gaazexaa, raadiyoofi televizi‟oonii qopheessuu keessatti
jechoonni nuti fayyadamnu gaggabaabbachuun akka ulaagaatti maaliif
ilaalamanii?
150
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
2. Mata dureeleen oduu garee gaazexeessitoota muuxannoo qabaniin
irratti mar‟atamee maaliif qophaa'aa?
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
3. Garaagarummaa gaazexaa fuula bal'aafi fuula dhiphaa gidduu jiru ibsi.
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
______________________________________________________________________________
151

4. Ga'een qopheessaa olaanaa gaazexaa tokkoo maali maal akka ta'e ibsi.

152