WAAJJIRA AADAA FI TURIZIMII
GODINA HARARGEE BAHAA
QORANNOO SEENAA
DIDDAA GABRUMMAA
OROMOOTNI
HARARGEE BAHAA
SIRNA NAFXANYAA
MINILIK IRRATTI
GAGGEESSAN
SUUFIYAAN ABDALLAATIIN
GURRAANDHALA, 2007
Baafata Fuula
Boqonna Tokko
1. Seensa ……………………………………………………………………1
1.1,Ariirrata (back ground of the study)……… …………………1
1.2. ka`umsa Qoranichaa (Hypotheses of the study)……….2
1.3.Rakkoon Qorannichaa (statement of the problem) …….2
1.4. Gaafiiwwan Qorannoo (Research Questation……………2
1.5.Kaayyoon Qorannoo(objective of the study) ………………3
1.5.1 Kaayyoon Gooroo………………………………………………3
1.5.2. Kaayyoon Gooree…………………………………………...3
1.6.Barbaachisummaa Qorannoo (significance of the study…3
1.7.Rakkoolee Qorannoo kana keessatti nu qunnaman
(limitation of the study)…………………………………………………..3
1.8.HiikaJechootaa/Jibsoo/definitionof terms……………………4
Boqonnaa Lama……………………………………………………….6
2.Og-barruu xiinxaluu (literature reviews)………………………….6
2.1 HAALA QABATAMAA GODINA HARARGEE BAHAA………6
2.1.1 Daangaa (boundry)…………………………………………….6
2.1.2.ARGAMA (LOCATION)………………………………………..6
2.1.3.Taa’umsi lafa (Topography)…………………………………7
2.1.4.Haala Qilleensaa (Climate)…………………………………..7
2.1.5.Biqiloota (vegetation) ………………………………………..7
2.2.Qubannaa Oromoota Harargee Bahaa ……………………………7
2.3. Eegala weeyrara sirna Nafxanyaa………………………………..11
2.4.Miidhaa Ummatni Oromoo Sirnoota Nafxanyaa irraa
dhaale…………………………………………………………………………15
3.Tooftaa Qorannoo (Research methodology)………………………..16
3.1.Maddoota Ragaalee……………………………………………….16
3.2. Meeshaalee Funaansa Ragaalee (Instrument of data
collection)……………………………………………………………………16
3.2.1.Tartiibni ragaa qorannoo kana ittin sassaabnu(procedures of data
collection)…………………………………………………………….16
4. Bu`aa Qorannoo………………………………………………………….17
4.1 Bakar Waaree Eenyu ?.....................................................18
4.2. Lolaa Dirree callanqootiin dura mormii Oromoota Bahaa
irraa weeyrartoota Nafxanyaa qunnamee…………………………...21
4.4.Oromootni Lola Calanqoo lrratti akka injifatamaniif
wantoota sababa tahan/saaxilan:-……………………………………32
4.5. Injifatamuu Lola Calanqoo booda miidhaa Oromoo
Harargee irra gahe. ……………………………………………………….39
5. Yaada (Recommandation) ………………………………………….46
6. Xumura…………………………………………………………………..47
7.Odeeffattoota…………………………………………………………….49
8. WABIILEE (REFERENCE)………………………………………………50
Boqonna Tokko
1. Seensa
1.1,Ariirrata (back ground of the study)
Seenaa Diddaa Gabrummaa Oromoon Harargee Bahaa bara
1887 Minilik irratti taasisan
Jireenya ammaa gaggeefachuu fi isa dhufuuf mala dhawachuuf
akkasumaas jireenya har`aa fi kan dhufuus haala gaariin akka
jiraannuuf kan dabre beekuun shoorri qabu
danuudha.Akkasumaas jireenya dabre kan haala jiruu fi jireenyaa
har`aa fi fuula duraa keessatti badaa fi gaarii adda baafnee
deemuuf nu gargaaru kun seenaa dha.
Seenaan haala waliigala jiruu fi jireenya, cimaa fi
dadhabina,gabrummaa fi bilisummaa saba tokkoo dhaloota isa
amma jiruuf dabarsuun dhaLoonni har`aa kun seenaa gaarii Abbaa
isaa akka jabaatee eeguu fi qaawa seenaa keessatti Abbootiin isaa
qabu akka suphuuf waa’ee saba isaa tan kalleessaa dhaloota
dhufuuf dabarsuudha.
Dhandhama sadarkaa jireenya keenya ammaa fi kallattii isa
dhufuuf Murtii sirrii kennuuf dhaLoonni ammaa dhugaa seenaa
kalleessaa saba isaa qabachuudha qabu.Namni beekkumsa seenaa
qalbiirraa hin qabne akkaataa jireenya har’aa gaariin badaa,badaan
gaarii jechuun ragaa bahuu fi kallattii fuula duraa dogongoraan
tilmaamachuu waan danda’uuf barbaachisummaan seenaa dachaa
dha.
Bara jireenya isaa keessatti dhalli Namaa hundi dhiibbaa isarratti
hojjatamuuf yoo onnee qabaate mormee of kabachiisa yoo luyna
ta`e calliseeti ofirratti laala.Seenaa Saba oromoo keessatti Qabsoon
diddaa Gabrummaa Ummatni Oromoo sirnnoota Nafxanyaa irratti
iddoo adda addaatti Godhan seenaa eenyummaa Saba Oromoo
Addunyaatti himuufi dhalootni Har`aas Oromummaa isaatti akka
boonu kan taasiseedha.kanaafuu Qabsoo diddaa gabrummaa Sabni
Oromoo sirna Nama nyaataa Nafxanyaa Minilik irratti gochaa
turan keessaa Qabsoon Ummatni Oromoo Harargee Bahaa
calanqotti taasisaa turan isa tkko waan ta`eef qorannoon kun kan
xiyyeefatu qabsoo sabni Oromoo Harargee Bahaa bara 1887tti
Nafxanyaa waliin gochaa turan kan bu’uureffate dha.
1.2. ka`umsa Qoranichaa (Hypotheses of the study)
Gocha hammeenya darbee deebi`anii sammuu Qaroomaan
Qorachuun fuula duratti akka hin deebineef ittisuu fi akkasumaas
bifa isaa jijjiirratee yoo dhufellee muuxannoo akka tahuu fi seenaa
kana dhalootni har`aa beekee kan dhufuuf akka dabarsuufi.
Qabxiin biraa immoo Gootota saba Oromoo Harargee Bahaa kan
Birmadummaa biyya isaaniitiif lubbuu wareegan seenaan isaanii
sadarkaa afoolaatiin osoo hin taane gadi fageenyaan akka
qoratamuufi.
1.3.Rakkoon Qorannichaa (statement of the problem)
Qorannoon seenaa Gadi fageenyaan Qoratamee seenaa Saba
kanaa ibsu hin jiru.
Sababa seenaan qabsoo Ummata kanaa kun qoratamee bifa
qindaaheen hin jirreef Goototni sirna kana keessa mirga
isaaniitiif Wareegaman hirraanfatamaa jiran.
Warreen ilaalcha sirnoota dabranii kana Qaban seenaan kun
bal`inaan barreeffamuu dhabuu irraa kan ka`e miidha
Nafxanyaa/malkanyoota kanaan Ummata kana irra gahaa
ture ija shakkiitiin waan ilaalaniifi.
1.4. Gaafiiwwan Qorannoo (Research Questation)
Qabsoon diddaa gabrummaa Ummatni Oromoo Harargee
weeyrartoota Minilik irratti taasisaa turan maal fakkaata?
Bakar Waare Eenyu?
Sababootni Oromoon akka injifataman taasisan maal faadha?
Miidhaan sirna cunqursaa kanaan Oromoo irra gahaa ture
maal fakkaata?
1.5.Kaayyoon Qorannoo(objective of the study)
1.5.1 Kaayyoon Gooroo :-Seenaa diddaa gabrummaa
Oromootni Harargee Bahaa sirna gabroomsaa kan ta`e Minilik
irratti taasisaa turan qorachuundhaan ifa baasuudha.
1.5.2. Kaayyoon Gooree
Qabsoo diddaa gabrummaa Oromootni Harargee Bahaa
sirna gabroomsaa kan ta`e Minilik irratti taasisaa turan
ibsuudha
Toooftaa fi tarsiimoo weeyrara kana ifirraa ittisuuf yeroo
sana sabni kun itti fayyadamaa turan ifa baasuufi.
Sababoota weeyrara kanaaf saba kana saaxile
xiinxaluuf.
1.6.Barbaachisummaa Qorannoo (significance of the study)
Barbaachisummaan Qorannoo kanaa seenaa qabsoo diddaa
gabrummaa Oromoon Harargee Bahaa sirna cunqursaa
Minilikirratti gochaa turan bifa qindaaheen barreeeffamee
waan hin jirreef qoratamee dhaloota dhufuuf dabarsuun
baayyee barbaachisaadha.
Seenaa gootota yeroo Lolaa sana lubbuu dhabanii fi qaamaa
hirratan dhalootni ammaa akka irraa baratuuf ifa baasuu.
Qorannoon kun qoratamee bifa dokumantiitiin yoo taa`e
Namoota seenaa qabsoo saba kanaa bal`inaan qorachuu
barbaadaniif akka ragaatti(referance) tahuun ni fayyada .
1.7.Rakkoolee Qorannoo kana keessatti nu qunnaman
(limitation of the study)
Rakkoon bajataa nu qunnamuu irraa kan ka’e Aanaalee
hunda keessaa ragaa sassaabbachuu dhabuu
Namootni odeeffannoo seenaa qabsoo kanaa beekan tokko
tokko odeeffannoo kana kennuudhaaf kafaltii/ qarshii waan
barbaadaniif odeeffannoo quubsaa kennuu dhabuu
Aanootni Godinichaa tokko tokko fageenya irratti waan
argamaniif odeeffannoo dabalataa argachuuf dhabuu
1.8.Hiika Jechootaa/Jibsoo/Definition of terms
Nafxanyaa:Warrna yokiin Loltoota Sirna Nafxanyaa Minilik
Malkanyaa:Namootta Nafxanyoota faana dhufe Yokiin Warreen
Tajaajila loltummaa fixatanii Lafti Hawaasa naannoo
Irraa fuudhamtee kennamtee fi Hawaasni lafuma ofii
Rratti Gabbaru
Murti Guootoo:Garee Waraana Sirna Nafxanyaatiin Lolu keessaa
Isa tokko tahee isaaniis warreen hanga murtiin
Isaanii guutamtuufitti waraana Nafxanyootaatiin
Lolaniidha
Raaree: Garee Waraana Sirna Nafxanyaatiin Lolu keessaa Isa tokko
tahee Isaaniis Leenjiin kennamuuf kan akka garee Murti
guutootti cimaa miti
Qeeyroo:Isaaniis garee waraana sirna Nafxanyaatiin lolu tahanii
Garuu akka garee Murti Guootoo fi Raareeti fuullee wa
Waraanatti diinaan lolu osoo hintaane warreen akka di
Inni garee lola seenan duubaan itti hin dhufne eganii
fi akka poolisii naannoo eeguutti kan hojjatanii akka
sumaas dargaggoota warren tahaniidha.
Kaluu:Iddoo hawwasni naannoo namoota waraana irratti
midhaman ittiwal’aanaa turan
Damiina :Jichuun namoota gosa bkka bu`amanii filatamanii fi
naannoo murtaa`e tokko akka bulchuuf kan filamuudha
Garaada:nama damiinaan filatamee naannoon murtaa`e tokko akka
bulchu kennameefii ergama gubbaarraa itti kennamu kan
raawwatuudha.
Malaaqa:Nama Garaadaan filatamee naannoo masnoon jirutti ha
Waasaaf bishaan qooduu dabalatee dhimmoota xixiqqaa
Ganda keessatti mul’atan kan raawwatuudha.
Zawd : Adeemsa sirni mootummaa gonfoo taayitaa itti walii
dabarsaa turaniidha.
Betakinat :dhimma mana amantaa ortodoksii olaantummaadhaan
kan hogganuudha.
Aawota/aawliyoota: Ergamtoota Amantii kanneen Yaman Beta-
Zabiit irraa Harar dhufan dhufan
Boqonnaa Lama
Og-barruu xiinxaluu (literature reviews)
2.1 HAALA QABATAMAA GODINA HARARGEE BAHAA
2.1.1 Daangaa (boundry)
Godinni Harargee Bahaa Godinoota Oromiyaa keessaa tokko
yommuu tahu Maqaan Harargee jedhamu kuniis kan moggaafameef
tarii naannoo bara 1233-1241Abaa Gadaa kan ture Harahar
Hargaayaa kan jedhamu irraa tahuun oolu jedhamee tilmaama.
Godinni kuniis gara Kibba lixaatiin Godina Baaleetiin kan
daangeffamu yommuu tahu Gara Dhihaatiin Godina Harargee
Lixaatiin daangeffama.Akkasumaas Bulchiinsi Magaalaa Dirree
Dhawaa gara Kaabaatii yommuu dangeessu naannoon Somaalee
immoo gara Kaabaa fi Bahaatiin daangessiti.Naannoon Hararii
garuu Godinicha keessatti argamti.
2.1.2.ARGAMA (LOCATION)
Argamni Godinichaa Kaabaan dalgee 7032N-9044 yommuu tahu
gadeen isaa Bahaan 4l012E-420 53E dha. Akkasumaas bal’inni lafa
Godinichaa km2 22,622.60 kan uffisuudha kuniis Godinicha
Ballina lafaatiin Oromiyaa keessatti sadarkaa sadaffaa akka qabatu
isa taasise. Akkasumaas Aanota 19 fi Bulchinsa Magaalaa sadi kan
of keessatti qabateedha.
2.1.3.Taa’umsi lafa (Topography)
Lafti olka’aan jiddu gala gara Dhihaatti sirrii galaanaa irraa ol
ka’insa m1,500 (m.s.t) kan qabu yommuu tahu kunniis lafa olka’aa
ykn Garreen akka Gaara Mullataa (3405m),Gaara Gondola (3138m)
fi Gaara Qunduuddoo kan of keessatti qabateedha. Garuu lafti gad-
taa’an gara Kibba Bahaatti Ballina lafa Godinichaa keessa %55 kan
uffise yommuu tahu kuniis olka’insa sirrii Galaanaa irraa 500-
1500m (a.m.s.l) jiddutti kan argamuudha
2.1.4.Haala Qilleensaa (Climate)
Godinichi haala qilleensa lafa olka’aa fi gadi taa’aa irratti
hundaa’uudhan Qilleensa jidhaa fi qorraas kan qabuudha.
2.1.5.Biqiloota (vegetation)
Godinichi haala teessuma Lafaa gara garaa waan qabuuf Biqiloota
shanyii gara garaa baayyee of keessaa qaba.BiqiLoonni kuniis
Bosona lafa baddaa (coniferous) fi Biqiloota lafa margaan wal
keessaa (woodland savanna) faadha. Naannoo olka’insa 1500-
2500m jiddutti argamtu irratti biqiloota margan biqiloota akka
hindheessa, gaattiraa fi birbirsa faadha.
2.2.Qubannaa Oromoota Harargee Bahaa
Oromootatni Harargee Bahaa keessaa jiraatu ilmaan
Bareentoo kan tahan Humbannaa Bareentoo fi Qalloo
Bareentoo irraa kan argaman yommuu tahu isaaniis:-
ilmaan Anniiyyaa Humbannaa sadachit fi Afran
kodheelle kan jedhamaniidha.Akkasumaas ilmaan Afran
Qalloo (Ala, Baabbile, Daga fi Oborraa) jechuun kan
beekamaniidha.
Qubsumtii maatii Anniyyaatiis lafa gammoojjii daangaa
Bookee irraa kaase hanga mullutti kan qabate yommuu
tahu Bahaan Babbilee fi Somaalee, Kaabaan Alaa fi Ituu,
Lixaan Ituu, Kibbaan Baalee fi Somaaleedhan daangeffamee
argama.Maatiin Anniyyaatiis 7 yommuu tahu isaaniis
sadachiti fi Afran kodheelee jechuun beekaman. Sadachit
(Baabboo, Malkaa fi Dambe) Afran kodheelles (Biduu,
Annaa, Koyyee fi Maccaa) jedhamuun beekamu. Walumaa
galatti ilmaan Anniyyaa kun Aanota sadi Mayyu,Gola Odaa
fi Qumbii kan qabataniidha.
Qubsumti Maatii Qallootiis irra caalatti Aanota Godina
Harargee Bahaa kan qabate yommuu tahu Isaaniis Afran
Qalloo jedhamuudhaan beekaman.Isaan kuniis Oborraa,
Ala, Baabbile fi Daga kan jedhamaniidha.Qubsuma Ilmaan
Qalloo kanaas tokko tokkoon yommuu ilaallu Oborraan
Qallo Ilmaan 4 qaba. Isaaniis (Dag,Akkichuu,Bilii fi
Dooranii) Kan qabu yommuu tahu Isaaniis Aanaa Ddar,
Gooroo Guutuu fi Walakkaa Aanaa Malkaa Balloo gututti
kan qabataniidha.Ala Qalloo immoo Ilmaan 12 qaba
isaaniis:-
(Buubbu,Gutayyu,Diiramu,Eree,Galaan,Arroojjii,Goollo
Abbaadho,Meettaa,Kaako,Abbay fi Nuunnu) Kan
qabu yommuu tahu isaaniis Aanaa Gurawaa,kurfaa,
Fadis,Qarsaa,Baddannoo,Meettaa fi walakkaa Aanaa
Haramaayaa qabataniiti argamu.Baabbile Qallootiis Ilmaan
Guddifachaa Lamaan(Hawwiyyaa fi Girii) waliin Arreele fi
Heeban dabalate ilmaan 4 kan qabu yamuu tahu isaaniis
Aanaa Baabbilee guututti kan qabatanii fi Naannoo
Somaalee keesssatti baayyinaan kan argamaniidha .Daga
Qalloo Immoo Ilmaan 3(Jaarsoo,Noolee fi Hummee) kan
qabu yommuu tahu isaaniis guututti Aanaa
Jaarsoo,Kombolcha,Guursum,Cinaaksan fi Walakkaa
Aanaa Haramaayaa qabatanii kan jiraniidha.Haatahu malee
Ilma Dagaa kan tahe Nooleen Iddoo qubannaa isaanii
kanaan alattiis keessattuu naannoo qubsuma Oborraa fi
Ituu keessatti baayyinaan faca`anii argamu.Kuniis kan
taheef gaaf babalifannaa Ummata Oromoo jaarraa 16 ffaa
keessa yaroo Oborraa fi Ituun Mootummaa Adal wajjiin wal
lolan ilmaan Alaatii fi Ilmaan Dagaa keessaa Nooleen
wamamanii akka hirmaatanii fi injifannoo lola sanaa booda
garuu Gumaa Namoota isaanii kan lola sana irratti
dhumaniif Ala Loon fudhatee iddoo isaatti kan deebi`e
yommuu tahu,Daga immoo Gumaa ilmaan isaatiif Loon
fudhachuu caalaa lafti akka kenamtuuf waan gaafateef
Oborraa fi Ituuniis Nooleedhaaf lafa kennaniifii akka
qubatan godhan jedhamee himama.Gara biraatiin Gosti
Noolee tun Gosoota Oromoo Kan Baha Oromiyaa keessa
jiraatan keessaa kan duursa Horsiisee bulaarraa Gara
Qonnaan Bulaatti ceehe isaan akka tahe dubbatama.Akka
manguddoonni tokko tokko himanitti kuniis kan tahuu
dandaheef Gosti Noolee tun Saba Adaree kan biyya Arabaa
irraa dhufee bakka amma Harar jedhamtu tan qubannaa
Gosa Noolee tanatti dhihoo taate qubatanii Qonnaan
jiraachaa turan waliin hariiroo qabaachaa waan turaniif
isaaniis gara qonnaatti seenan jedhama.Gara biraatiin
Maatiin ykn Ilmaan Dagaa kun Saba Adaree kana waliin
duursanii hariioo qabaachaa akka turan ragaan mullisu
baayyeetu jira.Fkn duursaan Aawliyootaa/sheekota jara
kanaa kan tahe Sheek Abaadir akka lakkoofsa Hijiraatti
naannoo bara 612 A.H ykn bara 1234 A.Dtti Yaman Beeta-
Zabit irraa Aawliyoota 44 waliin Harar dhufee eega qubate
booda Gosa Noolee irraa Nama Sheek Ali jedhamu fi Gosa
Jaarsoo irraa Nama Sheek Usmaan jedhamu gara Yamanitti
ergee Barnoota Amantaa akka baratan godhee akka turee fi
namootni kuniis barnoota isaanii erga xumuran booda gara
biyyaatti deebi`anii Oromoota naannoo kana jiraatan akka
Amantaa Muslimaa fudhatan gochuu keessatti Sheek
Abaadir gargaaraa akka turan himama.Walumaa galatti
Ilmaan Qalloo Afran kun Harka caalaa Godina Harargee
Bahaa qabatanii kan jiran yommuu tahu Dhihaan
Oromoota Ituu,Kibbaan Oromoota Anniyyaa,Kaabaan
Iissa,Bahaan Somaaleedhaan daangeffamanii argamu.
2.3. Eegala weeyrara sirna Nafxanyaa
Akaakayyuun Minilik kan tahe Sahaala Sillaaseen waeeyraramuu
Ummata Oromootiif kan jalqabaa isa tahullee garuu dulluma irraa
kan ka’e fedhiin isaa kun milkaahuuf hin dandeenye.Tahuus
Abbaa Minilik kanta`e ilma isaa Hayla Malkootiif ergaa ‘ በእግር
ያረገጥኩትን በእጄ ያጨበጥኩትን ለልጄ ሰጥቻለው ’jettu waan
dabarseef ilmi isaa kun abjuu abbaa isaa galmaan gahuuf Angoo
qabate.Haylamalakootis Angoo eega qabate waggaa 8 tiif Manzee
Shawaadha bulchaa turullee gargaarsa meeshaa waraana warraa
Awroophaa gaafatee fedhii Abbaan isa hawwaa ture babalifannaa
galmaan gahuu hin dandeenye. Sababniis yeroo sana Mootii
Goondar kan ture Tewdroos Shawaa weyraruudhaaf qophii irra
waan jiruuf Haylaa Malakootiis weyrara Tewodroos kana ofirraa
ittisuudhaaf Oromoota Walloo waliin wal tahinsa uumuudhaaf
karaarra osoo deddeebi’uu lubbuun isaa dabarte. kana booda
Tewdroos Shawaa weyraree qabachuudhaan ilma mootii Hayla
Malakoot kan tahe Minilik (Seõ” M®<M XIKT`ÁU) gara Goondaritti
geessuun hidhuu danda’e. Minilikis yeroo mana hidhaa Tewodroos
ture sana keessatti Dajjach Wube Mootii Tigree kan muuxannoo
dippiloomaasii warraa Awroopaa waliin qabaachaa turee waliin wal
qunnamaa waan tureef muuxannoo dippiloomaasii horachuu
danda’e. Minilikis akkuma mana hidhaa Tewodros keessaa miliqee
baheen bara 1865tti V› ›”ud ²U’ÑÇ ÃG<Ç ÇÓT© T>K=’>¡ Y¿S
Ó²=›wH@` ”Ñ<c ’Ñeƒ ²›=ƒÄâ=Á jechuun of moggaase. kana booda
Minilik abjuu akaakayyuu isaa dhugoomsuuf adeemsa sadii
(zawd, Beta-kinat fi waraana) qabatee weeyrara isaa itti
fufuudhaan Oromoota wallo qabate. Sababni wallo jalqaba irratti
weeyraruu barbaadeefiis meeshaa waraanaa kan warraa Awroopaa
irraa argate galaana diimaa irraa fiduun walloo keessaan galchuu
waan barbaadeef. Itti ansuudhaan weeyrara isaa itti fufuudhaan
dorgomaa isaa Mootii Gojjam kan tahe Takla Haymanot kan
qabeenya Oromiyaa lixaa saamuudhaaf waraana isaa kan Raas
Darasuu Abbaa Xabbootiin hogganamu waliin Horroo Guduruu
lrratti walitti bu’uu danda’an. Kallattii waraana Minilikiiniis
waraana kana kan hogganaa ture Goobanaa Daaceeti.
Gojjamootniis weeyrara yeroo jalqabaa lrratti qabeenya Oromoota
Horroo Loon baay`ee saamuun waan milkaawaniif warreen
saamicha jalqabaa irratti milkaa’an lammmata deebi’uun osoo hin
milkaahin gammoojjii Abbayyaa iddoo Coomman jedhamtu
seenanii dhumuu danda`an.kana irraa kan ka`e har’allee akkas
jedhuun itti makmaaku ‘ ›መጣለሁ ብሎ ጆሮ ትልትል በሬ ጮ T ን
ገብቶ ቀረ የጎጃም ገበሬ ‘
Iddoon waraannii Minilikii fi Takla Haymaanot itti wal lolan tuniis
Imbaaboo jedhamti. Lolli Imbaaboo kan bara 1882tti jara kana
jiddutti gaggeeffame kuniis lola adeemsa seenaa Ummata Oromoo
murteessuu danda’e jedhamee lakkaawama.Sababniis Minilik lola
Imbaaboo booda babalifachuudhaaf lola godhaa ture hundaaf akka
ka’umsaatti itti fayyadamaa kan turaniidhaa. Lola Imbaaboo dura
Gojjamootni Horroo Guduruu qabachuudhaaf waraana Horroo kan
Gooticha Abishee Garbaatiin durfamu waliin wal lolaa turaan.
Garuu dhuma irratti gantuu Oromoo kan tahe Namni Qadiidaa
jedhamu Abishee sossobuudhaan akka harka kennatu taasisee.
Goojjamootniis Abishee fuudhanii gara mana hidhaatti geessanii
baay`ee miidhaa waan turaniif kana irraa kan ka’e Abisheen harka
ofiitiin of ajjeessuu danda’e. Lola Imbaaboo boodaa mootummootni
Habashaa sadan Yohaannis, Minilikii fi Takala Haymaanoot
bakka Boruumeeda jedhamtutti wal gahuudhaan wal dhibdee
Mootii Goojjam Takla Haymaanootii fi Mootii Shawaa Minilik
jidduttii uumamte akka furmaata argatu godhan.Walii galtee kana
lrrattis Murtiin Murtaahe Mootiin Gojjam Takla Haymaanoot lafa
Oromoo tan weeraraan qabate akkuma qabatetti akka turuu fi
hayyama Yohaanisin ala deemee Minilikin waan loleef bifa
adabaatiin lafti Agaw akka irraa fuudhamtu godhame. Minilik
immoo waraana ykn loltoota Gojjaamoota irraa booji’e akka
deebisuufi Shawaa fi Kafaa qabatee dabalataaniis weeyrara isaa
gara Kibbaattii akka itti fufu hayyamameef.
Minilikiis kana booda waraana isaa bifa Daji Azmaach,
Fitawraarii, Giraa Azmaach, Qanyi Azmaach fi k.k.f jechuudhaan
gurmeessee fuula isaa Oromiyaa dabalatee gara Kibbaa Biyyaattii
deebise. Ummata kana weeyraruufiis tooftaan inni itti fayyadamaa
ture duursee loltoota ijaaruu adeemsa Amantiitiin, Maallaqaan ykn
Qarshii, Angoodhaan sossobuu, Humnaan sodaachisuu, adda
qoodee wal lolchiisuu fi k.k.f fayyadamaa ture. Minilik qophii kana
eega xumure booda Oromoota Arsii lrratti weeyrara isaa labse.
Oromoota Arsii kanaas salphattii harkaa kennisisuu waan
dadhabeef weeyrarri kuniis waggaa 6 turuu danda’e.Dhuma irratti
humni Nafxanyootaa kun meeshaa waraanaatii fi deeggarsa
waraanaatiin Oromoota Arsii waan caalaniif injiifachuu danda’an.
Lola Aanolee kana lrrattis Nafxanyootni qabeenya Oromoota Arsii
saamuu dabalatee Dubartoota Harma muree dargaggootaas harka
muree lubbuun Namoota hedduu akka dhumtu taasise. Afowarq
Gabrayasuus weeyrarri Minilik maal akka fakkaatuu fi fedhiin inni
Saboota biroo weeyraruuf qabu hammam daangaa dhabeeyyii akka
taate fardaa Atse Minilik kan Maqaan isaa Abbaa Daanyew
jedhamuun wal-qabsiisee yommuu ibsu.
ያባ ዳኘው ፈረስ አራት አይን ነበረው፡ በራት
ዓይን አራቱን ማዕዘን እያስተዋ K ጭራው
ከውሎ እስከ ሸዋ ሳለ :ያኋላ እንጦጦ: ያ ò ት
እግሩ ቀኙ ከ ó ን ግ^ው እግሩ ጨርጨርን
ረገጠ: ያባ ዳኘው ፈረስ የሚደርስበትን
እንጂ የደረሰበትን አያይም ሆነ፡፡
Xumura weeyrara Arsii booda akkuma olitti ibsametti fardii Abbaa
daanyaaw mirga bu’uraa kan sabootni qabu dhiituudhaan
daanyummaa ofumaaf ofiif kennaa bakka gahe caalaa bakka hin
gahin hawwaa imala weeyraraa isaa gara Harargeetti eegale.
Minilik hawwii isaa tan Harargee weeyraruuf qabu guutachuuf
akka waan hayyama shariikota isaa wara Awroopaatiin ala hin
sochoonee fakkeessuudhaan ergaa Mootii xaaliyaanitiif erge akkas
jetti “Ergaan tun yoo si dhaqabde zoonii Harargee hunda tohannaa
kiyyaa jala oolchuuf shakkii tokkollee hin qabu. Akka naaf beektan”
jechuun ergaa isaa keessatti akkas jedhee ergeef
shaariikonnii koo kan Harargee jiran ji’a 6n dura biyyaattiin
harka Oromootaa seentee jirti.Namootni achi jiraatan hundi
sodaachaa jirraa jechuun guyyaa guyyaadhaan ergaa naaf
barreessaa jiran.Keessattuu amma ergaan dhuma irratti
nadhaqabde Turkootnni biyyattii guutummaatti gadi dhiisanii
jiran. Immoo hawaasni biyyaa biyyaattiin yoo Nama eegu
dhabdee ilmaan Gaallaatiifi Somaalee walitti qabnee
hidhachiisuun biyyattii akka eegan goona jechaa jiran.
Kun garuu kan tahuu miti.Awrooppaa fi Shawaadhaafiis balaa
waantaheef akka Mootii Kirstaanaa tokkootti biyyattii tana
eeguun narraa eegama. Wanti deemeetiin qabadha ana
jechiisisees kana.
Biyyaattiin qarshii akka taate sibeeksisuuf kan jedhuudha.
2.4.Miidhaa Ummatni Oromoo Sirnoota Nafxanyaa irraa
dhaale
Ummatni Oromoo jaarraa tokko oliif sirnoota Nafxanyaa
(Habashaatiin) weeyraramuun akka sirnii Bulchinsaa,Afaan, Aadaa
fi Haalli jireenyaa isaanii gar malee duraa dadhabuuf isa
saaxile.Kana malees Dhaabbiileen Siyaasaa fi Hawaasummaa saba
kanaa akka diigamu gochaa turan. Fkn Dhaabbiilee Amantaa
keessaa Qaalluu Ykn Galma, kan Siyaasaa keessaa Mana Marii
Caffee, Dhabbiilee Abbootii keessaa Gadamoojii fi Dhaabbiileen gara
garaa kanneen akka Dhaabbiilee loltummaa ykn waraanaa akka
diigaman tahaniiru. Keessattuu sirni Gadaa kan Sabni kun ittin
wal hogganaa, barnoota adda addaa ittin wal barsiisaa turan akka
duraa digamu taheera. Barreesitootni seenaa warra Habashaatiis
akka sabni kun waan seenaa hin qabnee gochuu bira dabranii
ol’aantummaa seenaa Nafxanyootaa kijiba dhugaa fakkeessuun
barreessaa turan.
3.Tooftaa Qorannoo (Research methodology)
3.1.Maddoota Ragaalee
Madda jalqabaa (primary source)bu`ura godhachuun
gaafannoo qopheessuun yaada kennitoota yaada
kennisiisuun(interview quatitionaries) , Afoolota fi
jechoota ragummaa kana ijaan arganii bifa barruutiin
jiru(oral and testimony of eye witnesses)tti fayya damuu.
Maddoota lammaffaa (secondery sorce) kanneen akka
kitaabotaa,oduu Namoota dhunfaa ykn Gareetiin
barreeffaman(Histories written by individua or group), fi
maxxansaalee gara garaa kan odeeffannoo kanaan
walqabatanitti fayyadamuudhaani.
3.2. Meeshaalee Funaansa Ragaalee (Instrument of data
collection)
Gaafannoo qopheessuudhaan
Meeshaa sagalee waraabutti fayyadamuun
3.2.Tartiibni ragaa qorannoo kana ittin sassaabnu(procedures of
data collection)
Itti gaafatamtoota Waajjiraa waliin tahuun iddoo Namootnni
Seenaa kana beekan itti argaman adda baasuudhan
Duursanii Namoota odeeffannoo kana irraa argachuu
dandeenyu Aanotni duursanii akka nuuf qopheessan gochuu
Qorannoo tana keessatti odeeffatamtoonni umrii 50 ol
tahaniifi koorniyaa lmaanuu kan ilaallatuudha
Yeroo qorannoo yaadannoo guyyaa qabatame halkan irra
deebi`uudhaan xiinxalaa deemuu.
Erga ragaan walitti qabame Namoota waa`ee kanaa sirritti
keessa beekan marii Garee xiyyeeffannaa (focus group
discssion)gochuudha.
Dhumarratti ragaa Aanota adda addaa kana wirtuu tokkotti
walitti qabuun madaaluunfi yaadota walsiman fi morma adda
baasuun bifa barruutiin qaaccessuun barreessuudha.
4. Bu`aa Qorannoo
Ummanni Oromiyaa Bahaa weerartoota alagaadhaatiin osoo hin
cabin dura yeroo dheeraadhaaf sirna Gadaatiin of bulchaa akka
turan ragaaleen danuun ni mirkaneessu. Ummanni Oromoo
Godina Harargee Bahaa keessa jiraataniis Ilmaan Anniyyaatii fi
Ilmaan Qalloo Ykn Afran Qallo jechuun kan beekamaniidha. Ilmaan
Anniyyaa sadachit fi afran kodheellee jechuun kan beekaman
yommuu tahan Ilmaan Afran Qallo Oborraa, Ala, Dagaa fi Baabbile
jedhamanii waamaman.Mootummaan sirna Gadaa isaan ittin bulaa
turaniis Mootummaa Raabaa fi Doorii jedhamuun beekama. Jiddu
galli teessoo Caffee Raabaa fi Doorri Ilmaan Anniyyaa diida
Anniyyaa naannoo Magaalaa Burqaa bakka laga Burqaa
jedhamtutti yommuu tahu tan ilmaan Afran Qalloo immoo Aanaa
Qarsaa naannoo Magaala Watar bakka Bululo jedhamtu tahuutu
himama.Ittin bulmaatni Mootummaa Raabaa fi Doorii kuniis
laamshaahuu kan eegale eega naannoon Oromiyaa Bahaa tun
Afaan qawwee weerartoota Arabaa jechuun Mootummaan Turkii fi
Mootummaan Misraa jala galteedha.Sababniis Addunyaan tun
iddoo dhugaa fi kijibni, bilisummaa fi gabrummaan, wal
qixxuummaa fi ol’aantummaan bakka wal mormaa jiraatuu fi
dhuma lrratti bakka dhugaan, gaariin bilisummaan, wal-
qixxummaan injifachuudhaan kijibni, ajaan, gabrummaan fi
ol’aantummaan kuftee itti abaaramu waan taheef. Lolli waranaatis
lola ykn qabsoo warra humna ofii abdatanii ummata biroo
gabroomsuuf duuluu fi warra gabrummaa kana ofirraa ittisuudhaa
ka’u jidduutti kan gaggeeffamuudha.Warrii haqaaf, diddaa
gabrummaa fi bilissummaa ofiitiif loluu fi wareegamu immoo
faarfamaa jiraata. kana yoggaa jeenu waa’ee Lola Calanqoo
kaasuun keenyaa hin oolu waa’ee Lola Calanqoo eega kaafne
immoo seenaa Gootoota Oromoo kan diddaa gabrummaa fi
bilissummaa ofiitiif wareegaman kaasuun keenya hin hafu.
4.1 Bakar Waaree Eenyu ?
Lolli Calanqo lola ittisa imala gabroomfattoota Nafxanyaa
Absiiniyaa ykn Habashaa kan Amajjii 6 bara 1887 Minilikiin
hogganamuu fi waraana Oromoota Harargee Bahaa kan
Gooticha Bakar Waareetiin hogganamu giddutti akka ture ni
beekama.Gootichi kuniis iddoon dhaloota isaa Aanaa Jaarsoo
bakka Laga Mixee jedhamtu keessatti yommuu tahu inniis
Gumii Bultum tan Raabaa fi Doorii Bareentumaa jedhamtee
beekamtuu fi Addeellee maadheffattee Fugug Bulchitu
keessatti Qondaala guddaa birmajii yeroo sanaati.keessattuu
Dhaddacha Mooraa Fugug tan teessuma Man-bultii
gurguddoo kudha lamaan
Alaa(Buubu,Gutayyu,Diiramu,Eree,Galaan,Arroojjii,Goollo
Abbaadho,Meettaa,Kaako,Abbay fi Nuunnu) jedhaman
keessatti haala sochii Siyaasaa fi Hawaasummaa lrratti addaa
durmmaadhaan Murti (Hoggansa) kennaa kan tureedha.
Gootichi kun Nama cimaa gootummaa, hayyummaa fi
dandeettii haggansaa jalqabumaan horateedha.Fakkeenyaaf
warri dubartootaa eenyummaa Nama kanaa ibsuudhaaf hellee
keessatti akkas jedhanii yommuu faarsan “Bada Bakar
Waaree yaa ba’eessa Nama osoo si deessee haatee marraa
lama” warrii dhirotaa immoo akkas jedhaan faarsu
“Innaawaa gamnummaa dubbiin jalangaltuu,
yoo arjummaa taatees dhaabbee biraan galtuu,
gootummaan duranii roorroon ittin galtuu,
Bakariin tuttuqaan killee dhagaan loltuu” jedhanii
faarsuun eenyumma isaa ibsan.Kanaaf Oromootni Godina
Hararge Bahaa keessa jiraatan ilmaan ykn ijoolleen Qalloo
afaranii fi ijooleen Anniyaa Sadachitti fi Kodheellee lola
weeyratoota Nafxanyaa ofirraa ittisuuf godhaan irratti
hogganaan Garee waraana saba Oromoo eenyu akka tahuf
marii eega Imarsaalii ergaa Abbaa gadaa Wadaay Galmoo
Kormoosoo irraa Adeellettii itti kennamte geeyse booda
godhamteen abbaan duulaa kan isaan hogganu akka Bakar
Waaree tahu filatan. Fillannoo kana lrrattis soorayyiin
beekkamoon Gosoota bakka bu’an kan argaman yommuu
tahu isaaniis Anniiyya irraa Hargaaya, Afran Qalloo irra,
Wadaay Galmoo Karmoosoo, Orfoo, Katabee Wadaay Dugaa fi
Mareenyi yommuu tahu kana keessahiis Hargaayaa fi Wadaay
Galmoo Amiir Abdulaahii waliin tahanii haala walii gala
waraana kana akka hogganan Gaafatan.Tahuus Amiirtichi
tole hin jenne. Sababniis yeroo sanatti Amiirtichiis Abbaa isaa
Ka deeggarsa Ummata Oromoo qabu Mootummaa Gibxii
waliin Angoo irraa fonqolchee gara Angooti dhufuun isaa yeroo
gabaabduu waan taheef haala waliigala waraana sanaa
hogganuu hin dandeenye. Adeemsa qophii leenjii waraanaatiin
wal qabatee Gareen waraanaa ykn loltootni weeyrartoota
Nafxanyootaa kanaan loluuf qophaa`aniis bakka sudiitti
qodamu. Isaaniis Gareen tokkoffaan Garee Murti Guutoo
jedhamu yommuu tahu Gareen kuniis akkuma Maqaa
isaarraa hubannutti Garee isa ol’aanaafi hanga Murtiin isaanii
guutamuufitti humna diinaa dura dhaabbachuun kan falmatu
jechuu dha. Garee kanaafiis leenjiin kennamu baayyee cimaa
jedhamee himama fkn waraanaa fi gaachena qabatanii farda
yaabbatanii arihuudhaan osoo fardii fiigaa jiru farda garaajala
naannahuudhaan Hiddii lafaa akka kaasan gochaa leenjiin
kennamaafi jedhama. Hogganaan waraana garee Murti
Guutoo Bakar waareetiis leenjii Garee kanaa waliin akka
fudhate Manguddootni ni himu. Iddoon leenjiin kun itti
kennamaafii turees Aanaa Gurawaa Raadayaayyaa bakka
Gambeella jedhaamutitti fi fiixee Gaara Mullata bakka
Dabbaal Mootii Gaaraa jedhamtutti Nama Maqaan isaa
Lallabaa Lihoo jedhamuun akka leenjiifaman himu.
Lammaffaan, Garee Raaree jedhamtu yommuu tahu Gareen
tuniis akkuma Garee Murti Guutootti tan Fardaan leenjite
taatullee leenjiin Garee kanaa kennamuus akka leenjii Garee
Murti Guutootiif kennamutti cimaadhaa mitti jedhama.
Gareen kuniis leenjii iddoon itti fudhate Aanaa gurawaa
naannoo Rakkoo Barzaalaa bakka Raaree jedhamtuttii
yommuu tahu leenjiisaan Garee tanaatiis Riyyaa jedhamuun
beekkama.
Saddafaan, Garee Qeeyroo jedhamtu yommuu tahuu Gareen
kuniis nagaya eegduu poolisii naannoo jedhamuun beekamti.
Fakkeenyaaf yeroo Gareen Murti Guutoo fi Raaree diina
saanii waliin dirree waraanaa lrratti falmii gochaa jiran akka
diinii kun kallattii biraatiin itti hin dhufne warreen eegan
jedhama. Leenjiin Garee kanaa kennamuus sochii qaamaa
dabalate akka bifa kaaraatee ammayyaa fakkeessanii muka
jajjabaa kanneen akka Ejersaa dumucaan cabsuudhaan
leenjii warreen fudhataniidha. Akassumaas meeshaan
waraanaa kan Gareen kun loluun xiyyaa, mencaa fi kan akka
qottoo, wacaafaa dhagaa furgugsuufii k.k.f lolan jedhama.
Leenjisaan Gareetanaatiis akkuma Garee Raareettii Riyyaa
jedhamuun beekkama.
4.2. Lolaa Dirree callanqootiin dura mormii Oromoota
Bahaa irraa weeyrartoota Nafxanyaa qunnamee
Minilik Lola Calanqootiin dura waggaa sadiif Oromoota Bahaa
Oromiyaa akkaataa jireenyaa fi ijaarsaa Hawaasummaa
isaanii beekuuf jecha basaastuu isaa kan Atsim Goorgiis
jedhamu gara Harar Ergaa akkaa ture himama . Inniis
daldalaa Muslimaa of fakkeessuudhaan keessaa Jogola
Harariifi naannoo isii basaasee erga gabaaseef booda Minilikiis
waraana isaa kan Walda Gabreel Abbaa seyxaanii fi Raas
Dargee Sahalaa Sillaaseetiin hogganamun duula Oromoota
Ituu lrratti labsuu jalqabe.Ormootni Ituutiis duula humna
Nafxanyootaatiin isaanirratii godhame kana callisanii hin
ilaalle. Isaaniis duursaa isaanii Nama Roobaa Abbaa Duulaa
jedhamuun hogganamudhaan naannoo Bordaddeettii miidhaa
guddaa warraana Minilik lrratti qaqqaabsiisuu danda’an.
Guruu waraana kana injifachuu hin dandeenyee jedhama.
Sababniis warraanni Mainilik meeshaa waraanaa kan
ammayyaatiin waan loluufi. Gara Oromoota Ituutiin meeshaan
waraanaa kan isaan lolaniin kanniisa dabalatee waraanaa fi
gachena faa akka tahe himama. Kanarraa kan ka’e
Oromootni Harargee qabsoo diina isaanii Nafxanyaa lrratti
godhaa tura bifa durashiitiin yamm ibsan akkas jedhu “Oromi
waakaraa hin beekuu keenyumaa deddeemaanii,
Kanniisaan itti duule Yaahiyaa Alii Sire faan” jedhanii
afoolan kana waliif dabarsaa jiru. Kana boodaas Oromootni
Harargee bakkaa hedduudhattii waraana Nafxanyaatiin lolaa
turee.Kana keessaa tokko Aanaa Gooroo Guutuu naannoo
laga Burqaa bakka Tulluu jedhamtutti Onkolooleessa bara
1886tti lola guddaa godhme irratti loltoota Minilik kan Walda
Gabreedhan hoggaanamu marsuudhaan barbaadeessaniiru.
Warreen lubbuun hafaniifi isa dabalatee gara dhufanitti
baqachuudhaan lubbuu of baraaruu danda`an.Kana booddees
Minilik waraana isaa deebisee ijaaruudhaan hoggansa isaatiin
karaa Mlkaa Ballootiin Dadar seenuudhaan iddoo Mudhii
Buulee bakka amma Mudhii Ulee jedhamtuutii ji’a jahaf (6)
waraana murteessaa isaa dhumaa Calaqoo lrratti
gaggeessuudhaf of qopheessaa akka ture himu. Iddoon
Maqaan isii Mudhii Buulee irraa gara Mudhii Uleetti jijjiiramte
tuniis sababa warannii Minilik yeroo achii turan sana
keessatti jiraattota naannoosanaa dabalatee Namoota
basaastota isaatiin nagaya eegadoota waraana Qeeyroo
keessaa butaman iddoo sanattii geessanii tumaa waan turaniif
jedhama.kanarraa kan ka’e Dardarrii Harargee yommuu
shanii bu’aanii (Urruuban) akkas jedhun waljalaa
qabuudhaan sirban(wallisan) “Yaa Mudhii Buleedhaa
Wirtuu Msakkaniisaa, wayyaa Mudhii Soonsaa yaa Mootii
Kaniisaa, leeyman biyyoo makkaa ulee harooressaa,
nuraleeynii baanan tan jannata keessaa” yommuu jedhu.
kuun immoo “Dadarii Daaddiftaa Mudhii Buleedhaati,
taduriin waliiftaa Mudhii Uleedhaati” jedhee deebii kennaaf.
4.3. Eegala Lola Calanqoo
Lolli calanqoo duula gurguddoo Ormootni diina isaa wajjiin
waldhaansoo hadhooftuu dirree waraanaatti adeemsise
keessaa isa tokkoodha. Minilikiis qophiisaa xumuree lola kana
yommuu eegaluu deemu Ummata kana sodaachisee karaa
nagayaatiin harka kennisiisuuf yaalullee Ummatni Harargee
Bahaaf ollootni isaa doorsisa Minilikii fi waraana isaa
sodaatanii biyya isaanii alagaadhaaf dabarsanii kennuuf tole
hin jenne. Fakkeenyaaf doorsisa oftuulummaa kan Minilik
Abdullaa Mootitti erge akkas jedha. “Ani siifiin dhufe malee
biyya balleessuuf hin dhufne yoo nagayaan bitamte biyya si
hin dhorku jedhuu fi akkasumaas Magaalaa Harar yogguun
seene Masgiida Bataskaanattin jijjiira.Dabalataanis Gaallaa
naannoo keetinis harka nagayaa hin ciniininaa yoo kana
diddan immoo booda ni gaabbitu” tan jettuu turte. Ergaan of
Tuulummaa Minilik kunis saboota dhugaaf lolu kanas
wareegamurraa of duuba hin deebifne. Ummatni kunis yeroo
gabaabduu keessatti waltahinsa uumuudhaan Gooticha
Bakar Waaree hogganaa waraanaa kan walii galaa
godhachuudhaan qophii lolaa jalqaban.Kana booda
Uummatni Oromootis kallattii hundatti ergaa karaa
Hoggantoota Gosaatiin waliif dabarsuudhaan karaa iddoo
walgeettii isaanii Yaabata bakkaa amma naannoo Magaala
Laangeeyitti argamtutti imala isaanii jalqaban. Adeemsa imala
isaanii kana keessattis bakka gahan hundatti halkan ibidda
qabsiisuudhaan dhufaa jirra ykn as geenye jechuun ergaa ifa
ibiddaatiin waliif dabarsaa turan.Erga Yaabatatti walgayanis
haala adeemsa lolaa irratti marii godhanii, booda imala isaanii
gara dirree lolaa Calanqootti eegalan.Boodaas bakka Dusee
jedhamtu qubachuudhaan waardiyaa isaanii kan sochii
waraana Nafxanyootaa toohatu bakka amma Tulluu Eeyduu
jedhamtu tan iddoo qubannaa waraana Minilik bakka amma
Tulluu Raas jedhamtutti dhihoo taate irra kaayyatan. Iddoon
ykn Tulluuleen lamaan kuniis Maqaan isaanii kan mogga’e
yeroo sanaa jalqabeeti jedhama.Sababniis Tulluun Eeyduu
warraana Minilik ofirraa eeguuf ykn tohachuuf waardiyaan
Murti Guutoo tan irra taa`u yommuu tahu, Tulluun Raas
immoo bakka waraanni Nafxanyootaa kan Raas Mokonniniin
hogganamu irraa qubateedha. Kana qofaa miti akka
Manguddootni himanitti iddooleen Tullun Qeeyroo dabalatee
sababaa lola kanaatiin Maqaan moggaafameef fkn bakka
Gareen loltoota Oromoo Qeeyroon irra taa`ee akka waraanni
Nafxanyootaa gara duubaatiin Garee lola seenan Murti
Guutoo fi Raareetti hin dhufne eegan yommuu tahu,
Tuulluun Baloow immoo bakka dursaan Garee Nafxanyootaa
irra taa’e yommuu waraanni gaggeefamaa jiru hamilee
waraana isaa cimsuuf baloow jedhu jechuudha. Lolli kuniis
lola guddaa Amajjii 6, bara 1887 waaree booda warra daangaa
ofii dabranii Ummata walabummaadhaan jiraatu
gabroomfachuuf dhufanii fi Ummata biyya, mirgaa fi Amantii
of kabachiifachuudhaaf wa’ada seenan jiddutti bakka
Calanqoo Laaftoo jedhamtutti gaggeeffameedha.Booda garuu
lola guyyaa sanaa booda sababa lolli kun achitti godhameef
Calanqoo Lolaatiin moggaafamte.Akka Manguddoonni
baayyeen dubbatanitti iddoon lolli kun itti gaggeeffame
calnqoo laaftoo/ calanqoo lolaa dabalatee iddoo saditti akka
gaggeefame himu. Isaaniis, Calanqoo Haraatii fi Calanqoo
Caliiti jedhamu. Iddoo lolaa kana keessattis loltoonni Oromoo
lola dirree Calanqoo Lolaatii fi Calanqoo Haraatti gaggeeffame
lrratti diina isaanii injifachuu danda’anillee garuu lola dirree
Calanqoo Caliitti gaggeefame irratti injifannoo argachuu hin
dandeenye. Sababniis, loltoonni Oromoo Qawwee duraan
hidhatanii fi tan Calanqoo Loolaatiif Calanqoo Haraatti
waraana diinaa irraa booji’an keessaa rasaasa fixuu dabalatee
meeshaan Aadaa kannee akka xiyyaa, waraana, gaachenaa fi
K.K.f kan duraan lolaa turaniin duraa xiqqaachuu saati.
Tahuus lola dirree Calanqoo Calii kana irratti loltoonni
Oromoo madaafa loltoota Minilikniin akka baala mukaatti lafa
irratti horaca’aniillee of duuba hin deebine. Hangaa lubbuun
loltoota muraasaa haftutti hubannoo meeshaa ammayyaa kan
akka Madifii kana dhabuu irraa kan ka’e hanga Madaafa
diinaa Afaan isaa ofirraa cuqqaalla jedhanii horkaan itti
dhaqanitti lolaa turan. Akkasummaas, hanga sagaleen
Hoggantoota isaanii tan “Heey aboo dhumnee xuruurfamnee
adda hafaa, adda hafaa, shanyii nuuf hambisaa, firiin
lamen haftee deeysaa” jettu dhagahamtutti lolaa turan
jedhamee himama.Kana booda warreen lubbuun hafanii fi
qaamni isaanii miidhame deemuu danda’an hunduu gara
iddoo walgeettii isaanii Yaabatatti deebi’uudhaan loltootaa
lubbuun hafanii fi kan du’e dabalatee kanneen miidhaan
cimaan irra gahee fi booji’amanii jalaa hafan adda baafatan.
Warreen Oborraa fi Meettaa irraa hirmaataniin ala warreen
kun immoo Namoota isaanii kan madaawan fudhatanii
kallattii irraa dhufanitti akka galan godhaman. Adeemsi
Namoota madaawan gara iddoo isaaniiti ittin deebisaniis,
Gandootni daandii ykn karaa irra jiran hunduu Namoota
madaawan kana nyaachisaa, obaasuudhaan wal irra
simachaa hanga iddoo isaan itti galanitti gargaaraa turan
jedhama.Garuu warri Oborraa fi Meettaa irraa hirmaatan gara
iddoo isaniiti deebi’uu hin dandeenye. Sababniis iddoon isaan
irraa dhufan waraana Nafxanyaatiin qabatamee waan jiruuf
gara Naannoo Watar bakkaa iddoo Kaluu jedhamtutti
Namoota duraa madaawan akka wallaannatan godhaman.
Garuu as irratti wanti hubatamuu qabu iddoon kaluu
jedhamtu tun Godin Harargee Bahaa keessatti iddoo baayyeti
akka argamatuu fi Manguddootni tokkoo tokkoos yommuu
himan iddoon Kaluu jedhamtu tun bakka Oromootni dur
Namoota qaamni isaanii sababoota adda addaatiin duraa
miidhaman iti wall`aanaa turan jedhanii himu. Adeemsi
baayyina Namoota lola sana irratti hirmaatanii fi lubbuu
isaanii achirratti dhaban itti addaan baafachaa turaniis
jalqaba loltoonni hunduu gara dirree waraanaatti yommuu
seenan Dhagaa iddoo tokkotti darbaa kan seenan yommuu
tahu, duula irraa yommuu deebi’an immoo Dhagaa duraan
kaa’anii gara lolaatti seenan sana irraa fuudhuudhaan gara
Bitaa Dhagaa duraan kaa’ame sanaatti kaa’anii bahu ykn
deebi’u. kana jechuun Dhagaan jalqaba kaa’anii gara lolaatti
seenan baayyina loltoota sanaa kan ibsu yommuu tahu,
Dhagaan dhagaa kana irraa fuudhanii ykn kaasanii gara Bitaa
Tuulii/Dhagaa sanaatti kaa’anii lola irraa deebi`an immoo
Namoota lola irraa lubbuudhaan hafan kan ibsuudha.
Akkasumaas Dhagaan irraa fuudhanii iddoo jalqabaa sanatti
hafe immoo baayyina Namoota lola sana irratti lubbuu
dhabanii fi booji’aman ittin beekuudhaf gargaara jechuudha.
Dirreen calanqoo lolaa bakka ilmaan Oromoo kuma kurna heddutti
lakkaawwaman itti wareegamaniidha.Gotoota dirree calanqoo lolaatti
wareegamanii irbuu lammii isaaniitif seenan galman gahan keessa kanneen maqaan
isaanii beekkame akka armaan gadiitti dhihaatan.
1.Bakar Waaree 13.Waaruyyoo Uukee
2.Galmoo Boorree 14.Roobaa Tunee
3.Galmoo Mixee 15.Qonbor Kotobee
4.Raaree Urjii 16.Waaree Bokkoo
5.Urgee Urjii 17.Aliyoo Tunee
6.Wadaay Dhugaa 18.Aliyoo Dadar
7.Kormoosoo Dhugaa 19.Madhisoo Bikkee
8.Katabee Dugaa 20.Borikkee Bikkee
9.Wadaay Calanqoo 21.Bareentoo Illii
10.Biin baradoo Naggee 22.Bareentoo Erar
11.Duusee Naggee 23.Tunee Argayaa
12.Liibee Yaabata 24.Tunee Calloo
25.Tuuchaa Mixee 48.Waddoo Dhugaa
26.Binee Tuuchaa 49.Dhugaa Corree
27.Bilaal Araboo 50.Wadaay Roobaa
28.Wadaay Raaree 51.Wadaay Bulee
29.Yaaqoo Raaree 52.Fandii Faara’ee
30.Raaree Qiiqqee 53.Calloo Faaraa
31.Raaree Machalloo 54.Guulaa Badhaasoo
32.Abboo Wadaay 55.Jilchaa Roobaa
33.Badhaasoo Igguu 56.Hinnee Barkallee
34.Geeloo Gambeelloo 57.Odaa Tuuchaa
35.Geeloo Furdaa 58.Odaa Dinkoo
36.Faaraa Nageeyyee 59.Dinkoo Arreelee
37.Haamoo Nageeyyee 60.Dinkoo Madhisoo
38.Uumee Goobanaa 61.Jiysoo Unjuu
39.Hurree Qilxuu 62.Daawwee Elemoo
40.Hurreeysoo Qawwee 63.Dinkoo Waaree
41.Jiloo Qawwee 64.Bakar Daalachoo
42.Guraa Roobaa 65.Saafii Waaccoo
43.Halooyyee Qudur 66.Saalii Wadaay
44.Roobsoo Elemoo 67.Yuuyyoo Dilbii
45.Borikkee Huursoo 68.Dilboo Ginnoo
46.Borikkee Tunchaa 69.Dibii Maaroo
47.Kormee Galmoo 70.Fugee Araarsoo
71.Fugee Yaayyaa 94.Jaamii Barkallee
72.Ereroo Wayyuu 95.Barkallee Tuuttoo
73.Araarsoo Wayyuu 96.Roobaa Tuuttoo
74.Ereroo Gootaa 97.Wadaay Elemoo
75.Bareentoo Gulaa 98.Waaddoo Tarree
76.Gurees Wataroo 99.Usmee Tarree
77.Boruu Kuyyee 100.Katabee Boruu:warreen Farda
waraanaa walitti qaban
78.Roobaa Laarraa
101.Baatee Galmoo: warreen Farda
79.Wadaajoo Shawaa
waraanaa walitti qaban
80.Doobiroo Cilaaloo
102.Wadaay Raammis
81.Tuushoo Carcar
103.Maaruu Galataa
82.Buroo Galamsoo
104.Lammii Galataa
83.Carroo Baddeeysaa
105.Hinee Raammis
84.Gaadissa Galamsoo
106.Dagaa Muchaa
85.Yaayyaa Bareedaa
107.Fajaa Muchaa
86.Gariiraa Gooroo
108.Qalboo Muchaa
87.Argayaa Gootaa
109.Alii Saalii
88.Gooliyyee Qoree
110.Booree Aruyaa
89.Haruun Soddomaa
111.Bokkuu Abbaa
90.Daawwee Gololchaa
112.Bakkajjoo Faara’ee
91.Karroo Abbaadhoo
113.Amad Buroo
92.Leencoo Fallaanoo
114.Muussaa Barree
93.Kitar Daallee
115.Nagayyee Turaa 137.Wadaay Tarree
116.Jaarraa Araarsaa 138.Roobaa Bulee
117.Ibroo Jaarraa 139.Roobaa Hammarroo
118.Haamiid Korommi 140.Qummuuxaa Tunee
119.Urgee Habruu Boruu 141.Abdullaa Raaboo
120.Yaqiinoo Ukaash 142.Daalachoo Laangeey
121.Alee Ukaash 143.Amad Mucee
122.Dubaay Gurraachoo 144.Saalii Roobaa
123.Katabee Muussoo :warreen Farda 145.Shidee Koosum
waraanaa walitti qaban
146.Saalii Mucee
124.Galaanaa Dalloo
147.Waadee Girii
125.Suutee Raabsaa
148.Alii Tushaar
126.Barree Raabsaa
149.Haamid duulaa
127.Yaaqub Urgee
150.Fayyee Salalee
128.Abbiyyaa Dabbasoo
151.Daadhii Salaalee
129.Raammis Malaagaa
152.Aalaa Qacalee
130.Daaddoo Toolloo
153.Dillee Raabsaa
131.Daaddoo Hammarroo
154.Dillee Kuraa
132.Dawid Magaagaa
155.Ammee Kormoosoo
133.Katachaa Golee
156.Machalloo Saphaloo
134.Hawwoo Masalaa
157.Gurroo Tarcoo
135.Wadaay Kurfaa
158.Wadaay Corree
136.Wadaay Erer
159.Daadhoo Birbirsaa.
160.Saddiiq xinnaa:Guraw Muudana 172. Roobaa Usmaan(kombolcha)
161.Muummad Korree:Gurawa Torbii Araddaa Qaqallii
162.Muummad Wadaay 173. Wadaayi Malaaqaa(kombolcha)
Mullataa:Guraw Torbii Araddaa Qaqallii
163.Ammad Muummad Boruu
Tarree:Guraw Mojo 174. Siid Smaan(kombolcha)Araddaa
Qaqallii
164.Gilchaa/
WaariyoElemoo:Haramayaa Daso 175. Muummee Alii Yuusuf
165. Aadam Yuusuf(kombolcha) (kombolcha)Sibiiluu
Araddaa Fal’aana
176.Araarsaa Roobaa Harbuuc
166. Ahmad Heeban (kombolcha)
Burii(kombolcha)Araddaa Hundee
Araddaa Eeguu
Bilisummaa
167, Muussaa Nyaaroo(kombolcha)
178. Abdii Raachoo
Araddaa Eeguu
(kombolcha)Araddaa Hundee
168. Doolaar Barkallee (kombolcha) Bilisummaa
Araddaa warra Mahammad
169. Mahammaad Usmaan
Bulee(kombolcha) Araddaa Warra
Mahammad
170. Ahamad
Daawwid(kombolcha)Araddaa Warra
Mahammad
171.Muummad
Abdii(kombolcha)Araddaa Qaqallii
Dubartoota keessaahiis kan hirmaatan
1.Raadoo Boruu
2.Moommoo Boruu
3.Kinnoo Bakar
4. Qarshoo Habalee
5. Kuuloo Biin Barad
6. Daroo Jilchaa fi kkf Garuu akka barreeffama Afaan Arabatiin Bara san
barreeffame tokko ibsutti baayyinni Dubartoota lola san irratti hirmaatanii kudha
torba (17) kan jedhuutu jira
Waluma galatti Gootoonni dirree calanqoo irratti wareegaman kanneen armaan
olitti ibsaman qofaa miti.Ilmaan Oromoo kuma kurna heddutti lakkawamuutuu
calanqoo lolaatti wareegaman.Barreeffamni kun qorannoo fuulduraatiif akka
ka’umsa ta’uuf namoota maqaan olitti tuqame kana ibsuuf yaalle.Minilik erga
Oromoo cabse booda duula bal’aa oromoo harargee irratti bane gidiraa adda addaa
irraan gahaa turuu isaa seenaan ni ibsa
4.4.Oromootni Lola Calanqoo lrratti akka injifatamaniif
wantoota sababa tahan/saaxilan:-
1ffaa duraan duursee lolli kun kan gaggeeffame warra humna
lolaa walqixxee qabu jidduttii miti akka ragaan barreeffamaa
tokoo tokko jedhutti loltootni Minilik kan Lola Calanqoo irratti
hirmaatan lakkoofsaan 25,000 hanga 35,000 kan shalagamu
yommuu tahu, kana keessaa irra caalaan isaanii meeshaa
waraanaa haarahaafi ammayyaa yeroosanaa kan hidhatanii
dha. Gara Oromootiin lakkoofsi Namoota 4000 tii waytti
shalagamu kana keessaa Nama 1000 qofaatu qawwee dullattii
qabatee ture jedhama. Isaan hafan immoo faradoo fi
waraanaaf gaachena, qottoo,mancaa fi xiyyaa kan qabatanii
dha. Garuu waa’ee baayyina Loltoota kanaa Manguddootni Go
Harargee Bahaa tokko tokko akka himanitti lakkoofsi loltoota
Minilik 70,000 hanga 100,000 yommuu shalagamu, lakkoofsii
loltoota Oromoo immoo 35,000 hanga 60,000 shalagama
jedhu. Tahuus maddi ragaa lamaanuu kan agarsiisu loltootni
Minilik lakkoofsaan kan Oromoodhaa akka caalu agarsiisa.
Kana malees Minilik gorsitootaa fi leenjistoota lammiiwwan
biyyaa alaa danuu qaba ture. kanaafuu loltootni Minilik
tooftaa fi tarsiimoo waraanaatiin akka gaaritti kan
leenjiifaman tahuusaatii.
2ffaa Ummatni Oromoo Harargee weeyrartoota gibxi fi Turk
waliin yeroo wal lolaa turanitti Namoota cicimoo baayyee
dhabuu fi sirni ittin bulmata isaanii Raabaa fi Doriin baayyee
dadhabuu isaati. Fakkeenyaaf, jalqaba Aanaa Cinaaksan
bakka Egguu jedhantutti A.L.A. naannoo bara 1976 tti lolaa
guddaa sa’aatii torbaaf ture lrratti baayyina lakkoofsaa fi
tooftaa lolaa fayyadamuun waraana Misraa caalanii turanillee
meeshaa ammayyaa waan hin qabneef lola kana irratti
baayyee miidhamuun akka moohaman tahaniiru. Kana
boodaas ummatni kun koloneeffatoota kanaaf tole jedhee osoo
harkaa hin kennin iddoo saditti jechuun Aanaa Gursum
naannoo Gaara Qunduddoo, Aanaa Kombolchaa bakka Dirree
Goflee jedhamtu fi Gaara Mullataa bakka Cirracha
jedhamtutti lola waraanaa diinaa kana wallin godhaniin
baayyee akka miidhaman himama.Keessattuu bakka Dirree
Goflee jedhamtuttii loltoota baayyee waraana Misraa irraa
fixuu danda’anillee, lolaa cirrachaa lrratti Hoggantoota Ormoo
cicimoon kanneen akka Ballaa Buubaa, Caammaa Nuurii fi
Shaxaan faan dhumuu fi kan akka Orfoo Jiloo mana hidhaa
keessatti loltoota misriitiin baayyee miidhamanii hamileen
caphuun loltootni Minilik lolaa dirree Calanqoo lrratti
Ormoota injifachuu akka danda`aniif karaa bane. kana
maleess weeyrartootnii Gibxii kun hayyuu Oromoo Nama
Orfoo jedhamu kana erga mana hidhaa keessatti dararaa
turan boodaa Amantii Islaamaa fudhaachiisuudhaan Maqaa
Umar jedhamuuttii jijjiiranii bakka bu’aa isaanii Godhachuun
Aanoota Gaaraa Mullataa keessatti Amantii Islaamaa akka
baballisu godhanii turan. Kana irraa kan ka’e Oromootni
Gaara Mullataa har’allee yommuu makmaakan “Salaata
raadaa sodaa Garaadaa” jechuun itti fayyadamu. Sababniis
Arabootni Orfoo Garaada Gaara Muulataa bulchu godhanii
waan filaniif yeroo sanatti inniis Namoota Salaata hin saganne
Raada/Goromsa tokko akka adabaman waan godhaa tureef.As
irratti wanti hubatamuu qabu Harargee keessatti Maqaa ykn
jechi Damiina, Garaada fi Malaaqa jedhu kana Arabootni
(Tarkii fi Gibxii) akkuma Oromiyaa Bahaa qabataniin ittin
bulmaata sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Sabni kun ittin bulaa
ture laaffisuuf Gosoota Oromoo kan naannoo kana jiran
keessaa Namoota duursitoota Gosaati jedhanii filuudhaan
Maqaa olitti tuqame kana moggaasaniifi ergama ofii ittin lafa
qabsiifachaa akka turan himana.
FKN:- Damiinni:-
Qondaala olaana yommuu tahuu inniis akka bulchaa
Godina tokkootti kan ilaalamuudha.
Lafaa fi qabeenya guddaa kan qabuudha.
Amiiroota Harariitiin kan muudomu.
Manaaf qabeenya Magaalaa Harar keessa kan qabuu
dha.
Angoon akka warra Nugusa/Mootiitt wal-irraa kan
dhaalan/ dabartuudha.Akkasumaas Damiinni kun Kan
Lafaatii fi Kan Gosaatu jira.Damiinni Lafaa Hanga
Dangaa isaaf kennameetti kan bulchu yommuu tahu
Damiinni Gosaa immoo Gosti isaa yoo daangaa damiina
biroo keessa jiraattees dhaqee dhimma gosummaatiif
hogganuudha danda`a.
Garaada
Damiinaan kan muudamuudha.
Nageenyaaf seera kabachiisuu fi gibira guuruf dirqama
qaba.
Akka Bulchaa Aanaatti.
Angoon akka warra Nugusa/Mootiitt wal-irraa kan
dhaalan/ dabartuudha.Boodarraa garuu adeemsi
taayitaa jarreen kanaa kun keessattu sirnna Mootii
H/sillaassee keessa ni jijjiirame.Fkn damiinaa akka
bulchaa Aanaattii Garaadni immoo akka Bulchaa
Araddaatti kan hojjataniidha.Dablataaniis keessattuu
warri Damiinaa fi Garaadaa kun Fuudhaafi
Heerumaaniis wal barbaadu.
Malaaqa
Dhimmoota xixiqoo ganda keessatti mullatan ni toohata.
Akka duursaa Gandaati
Naannoo masnoon jirutti Hawaasni bishaan dabareen
akka itti fayyadaman godha.
Garaadaan muudama.
Gara biraatiin Gibxoonnii akkuma Magaala Hararii fi naannoo isii
toohataniin Hogganaan waraanaa Gibxi/Misraa Ra’uuf Paashaa
walii galtee Nagayaa waliif mallatteessina Maqaa jedhuun
Hoggantoota Oromoo ciccimoo Magaalaa Hararitti akka afeeraman
taasisuudhaan dhumarra garuu hundi isaanii waraana isaatiin
akka ajjefamaan godhe. Ajeefamuun/ dhumun Namoota kanaatiis
yeroo Lola Calanqoo Oromootni Hoggantoota cicimoo danuu akka
hin qabanne isaan godhe.
3ffa. Tarii Ummatni Oromoo Godina Harargee Bahaa waytii lola
calanqoo sana yeroo cee’umsaa keessa waan jiraniif jedhamee
dubbatama. Sabaniis Arabootni yeroo saba kana weyyaranii turan
sanatti ittin bulmaata Sirna Gadaa Raabaa fi Doorii akka
laamishaahu/dadhabu gochuuf adeemsa olitti ibsame Damiina,
Garaadaa fi Malaaqni Abbootii Gadaa waan bakka buufamaniif
adeemsa isa haarayaa kanaan waliin wal baruu hin dandeenye.
Kanaafuu sirna lamaanuu keessaa isaa tokko jechuun adeemssa
ittin bulaa turan Sirna Gadaa ykn Sirnna Arabootni fidan
cimsuudhaan itti fayyadamaa kan hin turin waan taheef haala
cee’umsaa akkasii keessa taa’anii weeyrara Nafxanyootaa kana
karaa qindaawee fi tokkummaan of irraa ittisuun waan hin
dandaa’amneefi.
4ffa Namootni tokko tokko kan akka Mucee, Aligalmoo, Katabee
Qomboorroo fi k.k.f ilmaan Oromoo tahanii badhaasa Minilikiin
sossabamuudhaan diina isaanii karaa duubaatiin Oromotti fiduun
waraannii Oromoo akka caphuuf gahee guddaa taphachuu
isaaniiti.Kana malees waraanni Nafxanyootaa gantoota saba ofii
ganan kanneen akka Maqaan isaanii olitti tuqaman kana
fayyadamuudhaan jiddugala teessoo ittin Bulmaata Sirna Gadaa
Raabaa fi Doorii Oromoota kanaa dafanii weeyraruudhaan akka
isaan walqunnamanii weeyrara isaan qunname kana ofirraa ittisuuf
fala hin kaayyanne gochaa turan.Fkn humni Nafxanyootaa Minilik
jiddu-gala ittin Bulmaata Sirna Gadaa Raabaa fi Doorii Oromoota
Anniyyaa Kan taate naannoo laga Burqaa bakka Burqaa Tirtiraa
jedhamtu erga qabatan booda naannoo iddoo kanatti dhihoo taate
bakka Ganammi jedhamtu qabatanii turan.Iddoon tuniis Maqaa
Ganammi jedhamu kun akka moggaafamuuf sababa kan tahe
Namni Qanyi Azmaach Ganammi jedhamu hogganaan Waraana
Nafxanyaa Katamaan(Magaalaan) akka achitti hundeeffamtuu fi
Beeta Kiristiyaanni akka achitti ijaaramu waan godheef Maqaa
Nama kaanaatiin moggaafamuu dendeesse jedhama.Gara biraatiin
Namni kun Magaalaa /Katamaa Gurawaa tan duraan Aanaa Gaara
Mullataa bakka Cirracha jedhamtutti hundeeffamuuf kaate akka
iddoo amma jirtutti hundeeffamtu godhuu bira dabree Beeta
kiristiyaana Goorgis jedhamu kan Magaalaa sana keessaa akka
ijaaramu kan godhe isa akka tahe himu.Iddoon maanni Amantaa
kun itti ijaaramees duraan iddoo Waaqeffannaa Oromootaa akka
turteefi yeroo sanaas Orommoota achitti Waaqeffatan achirraa
arihuudhaan Beeta Kiristiyaana kana akka achitti ijaaramu godhe
jedhama.Garuu Manguddoon jiraataan Magaalaa gurawaa tahe
tokko odeeffannoo akka nuuf kennanitti Qanyi Azmaachi Ganammi
Katamaan Gurawaa tun iddoo amma jirtutti akka hundeeffamtu
godhuu isaatiif galata akka qsabu himu.Sababniis Naannoo bara
1969 A.L.E Gaafa mootichi Mootummaa Somaalee kan tahe Ziyaad
Barre Baha Itiyoophiyaa weeyraru Magaalaan tun sababa iddoo
tarsiimo qabeeytitti ijaaramteef weeyrartoota Somaalee kanaan
qabamuu dhabuun ishee Lubbuun Namoota baayyee du`a jalaa
akka baraaramtu godhuuf sababa taate jedhu.Akkasumaas, faallaa
kanaatiin manguddoon biraa kan jiraataan Magaalaa tanaa ta`e
tokko odeeffannoo akka nuuf kennanitti Namni Qanyi Azmaach
Ganammi jedhamu kun gantuu Oromoo akka taheefi akkasumaas
Nama jalqaba Oromoo Harargee keessaa Amantii kiristiyaana
Ortoodoksii fudhatee Oromoota miidhaa ture akka tahe
himu.Garuu dhuma irratti Namni Qanyi Aazmaach Ganammii
jedhamu kun Magaalaa Dirree Dhawaatti ajaja Mootii
H/Sillaaseetiin barmeela bishaanii irra bororfamee akka du’u waan
ta’eef du’a akka malee du’e jedhamee himama.Walumaa galatti
karaan waraanni Nafxanyootaa kun iddoo jiddu gala Oromoota
Anniyyaa kana too’achuuf itti seenan bakka amma Aanaa Malkaa
Bal’oo keessatti argamtu tan Maqaan isii yeroo sanirraa eegalee
Shawaabar jedhamtee beekkamtu yoommuu ta’uu Maqaan iddoon
tun jalqaba ittin beekkamtus Burqaa Sawaa akka taate
himu.Weeyraramuun jiddu gala Mootummaa Raabaa fi Doorii
Oromoota Anniyyaa tun humniti waraana Oromo tan dirree
Calanqoo irratti waraana Nafxanyootaatiin loltu akka xiqaattuuf
sababa ta’e .Sababniniis diinni iddoo tana seenuu dhageenyaan
waraanni Oromoo hammi tokko diina kana ofirraa deebisuuf garas
waan deebi’aniif Nafxanyoonni dirree calanqoo irratti injifannoo
akka argatan karaa bane.Waraanni Oromoo kan dirree Calanqoo
irraa gara iddoo duubaa diinaan qabame tanatti deebi’aniis
dhiichisa hamilee isaanii cimsuu fi maaluummaa muurti Guutoo
ibsu akkas jechuun dhiichisaan “murti Guutoo koottu mirree
dannabaan dachaafna gurbee leenca horree’’jechaa deebi’an
jedhama.Iddoon dhiichisa kana keessatti ‘Dannaba’ jedhamtee
Maqaan isii tuqamte tuniis Aanaa Baddannoo keessatti bakka
waraanni Minilik kun jalqaba qubatee meeshaa qunnamtii
telefoonaa kan Fifinneen waliin wal qunnamsiisu itti dhaaban
Ganammitti tan dhihoo taateedha.
4.5. Injifatamuu Lola Calanqoo booda miidhaa Oromoo
Harargee irra gahe.
Nafxanyootni akkuma injifannoo lolaa Calanqoo lrratti
gonfataniin abjuu isaanii kan hawwaa turan dhugoomfachuuf
imala isaanii gara Magaalaa Hararitti jalqaban. Imala isaanii
kana keessattis hangaa Magaalaa Harar gahanitti Oromoota
lubbuudhaan Lola Calanqoo irraa dandamatan kan lubbuu of
baasuuf gara iddoo irra dhufanitti deebi’aa jiran yommuu
argan gataa/ajjeesaa akka turanii fi keessatuu akka
Manguddootni tokko tokko himanitti ajjeechaa kanaaf warri
saaxilaman Oromoota warra Dagaa fi Baabbilee akka tahan
himu.Sababniis daandiin isaan kana gara iddoo irraa
dhufantti geessu daandii Harar geessu kana waan taheef akka
Oromoota Alaatii fi Anniyyatti kallattii Harartti geessu irra kan
maksuu mitti. Itti ansuudhaan Amajjii 14/1887 Magaalaa
Harar toohatan.Erga Harar toohatan boodaas Amiir
Abdullaahi barbaacha Baabbile dhaqan.Amiiriticha
argachuudhabnaaniis harka duwwaa hin dachaane.Qabeenya
Oromoota Baabbilee kan tahe Loon samuudha akka Minilikif
gara Shawaatti ergaman taasiisan. Qabeenya Loon Baabbilee
kan saamaman kana ilaatchisee akka Manguddotni tokko
tokko himanitti Minilik Loon Baabbilee saame kan gaafa intala
isaa Zawdituu ilma Atsee Yohaannis kan tahe Ariyaa
Sillaasseef kennu akka kennatti kenneef kan jedhuu fi
akkasumas Arsii irra Dhiira, Shawaa irraa Dubartii gabra
godhuudhaan akka keenef himu. Minilik Hararii fi naannoo
isii erga toohate boodaas haala Bulchiinsa isaa lafa qabsiisuuf
akka tohuuf Katamaa ykn Magaalaa hundeessuu eegale.
Katamaan hundoofte tuniis iddoo hawaansini naannoo
qabeenya qabuu fi hin qabne bifa bittaa fi gurgurtootiin itti
argatu osoo hin taane iddoo Malkanyotni qubaatanii
Bulchiinsa isaanii hanga Gandaatti gad-buusuudhaan lafa
qabsiisanii fi iddoo Oromoontni naannoo sanajiraatu
gabrummaan itti gurguramanii naannoo biraatti ergamaniifi
akkasumaas bakka Oromootni naannoo biraa fkn Shawaa,
Arsii fi Godinoota Oromiyaa kan biroo irraa dhufanii itti
gurguramaniidha. Gara biraatiinis, naannoo Malkanyootni
kun qubata hundattii iddoo Oromootni itti waaqeffachaa turan
tan Arabootni Maqaa Aa’ota/Aawliyoota isaanii 44tiin fkn
Aaw-sa’id, Awshariif, Aw-Dubbis, Aw-Ngus AW-Kaaba,Aw-
Jinjim fi k.k.f jechuudhaan Maqaa moggaasan dabalatee
iddoo Maqaa 44n Aw-lihoota/Sheekkoota Arabootaa kanaan
moggaafamuu jalaa dandamatan hundatti Mana Amantii
Kirstihaana Ortoodoksii ijaaruun Maqaa Taabota 44 tiin fkn
Gabri’eelii, Gorgis, Sillaasee, Madaani Alam fi k.k.f
jechuudhaan Maqaa moggaasan. Adeemsa kuniis, Hawaasnii
Oromoo naannoo kana jiraatu akka Aadaa, Afaan Amantii fi
eenyummaa isaa dagatu kan godhuudha. Keessattuu adeemsa
warraa Nafxanyootaa kanaan caalattii kan miidhaman
Oromoota naannoo lafa baddaa jiraatu fkn Gara Mullattaa,
Oborraa fi Jaarsoo faadha.
Akkasummaas Aadaa, Amantii fi eenyummaa ofii guututti
dagachuun caalatti Oromootni miidhame Oromoota Shawaa
irraa waraana Nafxaanyootaa kana waliin dhufanii Lola
Calanqoo lrratti hirmatan kan xumura waraana kanaa booda
biyya kanatti hafanii fi eegas boodaas sababa adda addaatin
warreen dhufanii dha. Eenyummaa isaanii dagachuu
kanaafiis akka sababaattii kan kaa`amu gochii Nafxanyootaa
kun jalqaba Oromoota Shawaa kana lrratti raawwatamuu kan
jalqabe waan taheef sabni kun eenyummaa ofii dagachuu
danda`an kan jedhuu fi erga biyyaa kana dhufan boodaas
hawaasni Harargeetiis sirna weeyrartoota Arabaa irraa dhaale
irraa kan ka’e Oromoo jechuun Muslima qofa akka taheefi
Kiristiyaana jechuun Amaara qofaa akka tahetii laalaa turan.
Dabalataaniis, Oromootni Shawaa dhufan kuniis weeyrara
Minilik kan irraa kaasee hanga kufinsa sirna Dargiitti Namni
Amaara tahe ykn Amaara jechuun akka ol’aantummaattii
ilaalamaa waan tureefi isaanumanu ilaacha kana qoodatanii
nuti Amaara ofiin jechaa turuudha kan jedhuudha.
Qabeenya Oromoo guddaa kan tahe lafaan wal qabateetiis,
Oromoon dur irraa eegalee ilmoon Abbaa irraa dhaluun waliif
dabarsaa kan turan tahaniillee injifatamuu dirree Lola
Calanqoo booda baasa/ajaa’iba takkaa hin argin arguu
jalqaban. kunii warreen waraana Minilik keessatti Maqaa
sadarkaan hoggansa isaanii Qanyii Azmaacha, Giraa
Azmaach, Fitawraarii, Daji-Azmaach jedhamuun
moggaafamanii tajaajila hoggansa waraanaa kennaa turanii fi
qubattootni jara duuka dhufan kan Malkanyaa jedhaman
Teepha/ Funyoo lafa abbaa qabdu itti addaan qooddatan
qabataanii abbaa lafa tana kan tahe Oromootaaf
hiraman.Kanaas hawwii Nafxanyoonni lafa fi qabeenya isaanii
saamanii irraa fudhatan darashaan yeroo ibsan akkas
jechuun darashan ‘’Malkanyaan Mojo buutee buna imee
garraanii,jaartiin jaarsa kaddaatee boolla haruu garraanii’’
jechuudhaan darashaan ibsatan. Oromootni haasawa isaanii
keeysattii bifa makamaaksaatiin “Keeysumaan mirga hin raftu
bitaraftii, Abbaa Manaa mirga rafa” jedhanii ergaa
dabarfachuun waan baratame tahullee kana booda garuu
dubbiin adda itti taate. sababniis, qabeenya ofii irratti abbaa
mirgaa tahuunsaanii sarbamee malkanyootann
dhaalame.Niitiin malkanyicha Giifitii jedhamtee malkanyichi
Goftaa jedhamuun Maqaan Rabbii/Waaqaa Goftaan
hirraanfatame.
Oromotittin Gabritti taatee malkanyichaaf miila dhiquun
faltii gaangee malkanyiichaa jalaa haruuf dirqamte.
Dabalataaniis hojii mana keessaa hundaa ibida, biddeena
buusuu, bishaan warraabuu, Farsoo naquu, qoraanii fi
hammii xafii baatitti daakuu qabdu itti murteeffame.
Oromtichi Gabricha tahee lafti isaa malkaanyaaf kennamtee
qalaaxa abaluu jedhamuun moggaafamte. Kana booda lafuma
isaa malkaanyichaaf torbaniitti guyyaa meeqa akka qotuu
qabu itti murtahe. Kana gubbaaniis nyaata/Qoonqoo gaangee
malkaanyichaa galgalatti akka galkchuu fi dallaha mana
malkanyichaa ijaaruudhaan yeroo yerootti harhoomsuu akka
qabu godhame.yoo kana gochuu dadhabe adbni isaa halkan
gaangee malkanyichaa jalatti hidhamee dhidhiitamaa bula.
Akkasumaas, qabeenya argatu keessa fkn damma waggatti
kiiloo 200, midhaan waggatti kiiloo 450 bifa gibiraatiin hamni
galchuu qabu itti murtaahe. yoo kana galchuu dadhabe ilma
isaa kan dhale bifa gabraatiin irraa fudhatamuun dirqama
taate.keessatuu, bifa gibiraatiin midhaanii fi maallaqa kana
gaafa galchuun geesse farsoo naqudhaan mataatti ba’atanii
midhan harree ofiitti fi’anii imala deeraa deemuun Magaalaa
Hararitti galchaa akka turan ni himu. Akka Manguddootni
tokko tokko himanitti adeemsa kan keessatti warrii garmalee
miidhame warraa Gaara mullataa fi Oborraa akka tahe ni
himu.Sababniis Gaarri Mullataatiifi Oborraan Magaalaa
Hararirraa fagoo waan tahaniif.
Bulchiinsii Minilik kun akka lafa qabatu gochuu keessatti
warreen olitti tuqaman kan akka Damiinaa fi Garaadaa
dabalatee warreen Baalaan Baras ykn Baariyam Baraas
(Gabra Gabrumaan) jedhamuun Minilik Aangeffaman gahee
guddaa taphachaa akka turan dagatamuu hin qabu.
Sababniis yeroo sana keessatti warreen lafa Ummataa
Malkanyootaaf qooduu bira dabree ofiifiis hirmaata hiramu
kana keessaa 1/3 lafa kana qooddachaa warra tureedha.
Kana malees jarri kun lafti Malkanyootaaf hirmaatu kun akka
galmooftu gochuu, Ummata qabeenya Mootummaa lrratti
hirmachisuun hojjachiisuu, Gibirri yeroodhaan Mootummaaf
akka galu, Gochuufi ergama gubbaa irraa gadii dabru hojii
irraa oolchuu keessatti adda durummaadhaan hojjachaa
warreen turaniidha. Kana irraa kan ka’e Oromoostni Harargee
hanga arraatti bifa darshii dabalatee afoola gara garaatiin kan
Shawaa Ankoobar/ Marahabiit irraa dura bu’ee fideefi
Namoota erga Nafxanyootni kun dhuufan sirni Nafxanyaa fi
Malkanyaa akka lafa qabatuuf gargaaraa turan akkas jechuun
ibsu “Lafeen walkeessaa hin caphuu lamaan waliin
cabsanii, Ormoo lammii tiyyaa numa waliin cabsanii”
jechuun waliif himaaa turan. kana qofaa mitti kuunis akkas
jedha
“Yaa Odaa yaa Odaa Odaan kan Bultumii,
yaa Danbii yaa Dambii atihoo Gostamii.
Barii hamni dhufee Danbiin guyyaa heltee,
ofiif bakka hin qabduu Odaarraan biqiletee” jechuun
Afoolaan waliif dabarsaa turan.Gara biraatiini yommuu
miidhaa gabrumm ibsatan.
Gaafattii Calanqoo gabrummaadhaan lollee,
Dhignii gabroomsaadhaa faana nuuf hin tollee.
Gaafattii calanqoo qawwee kuusaan sehee,
Aara qawwee sanii hurree roobaan sehee,
Wayyaa Afran Qalloo wajjiin gallaansehe.
Je’e jaarsi dhiiraa,
Kan hafe du’arraa.
Hoggaa himu seenaa,
Waan isa mudatee.
Madaafan dhaqqabduu,
Eeboon yoo darbamtee.
Jarrii tumsa qabaa,
Bahargamaa hille,
Dirmachuun ni dhuftee,
Oromoon ko’eessaa,
Onnee qofaan loltee,
Gootootiin Calanqoo,
Akkasiin Caltaatee.
Gaafattii Calanqoo,
Lafee bobbeesanii.
Dhiiroo eessa geessan,
Daaraa lafeesanii.
Lafeen daaraan qabduu,
Daaraan barbaadinii,
Dubbiin lafee galtee,
Mooji gals saanii.
Dardara keenya fixanii filaa waan gaara ciisaa,
Shamarraan keenyaa fixanii callee waan gaara ciisaa,
Manguddoo teenyaa fixanii Arrii waan gaara ciisaa,
Hawwan keenya fixanii guftaa waan gaara ciisa,
Tana hundaan arkaa, gurraaniin dhagayaa yoomiin rafee gad
ciisa.
Dadarittin deemaa Mana Haboo tiyyaa,
Calanqo callisee halkaniifii guyyaa,
Waakophaandhalannee hafe kophaa tiyya.
Miidhaa roorroo NafxanyaaS tan Aanolee gara isaaniitti dhufte
Yommuu darashiidhaan ibsatan akkas jechuun
“Harmallaa Harmi shanii Asheelleen Harmalladha,
Way Asheen Harma hiqabdu Way Asheen Harma hiqabdu,
Dhirateenya Dhaloota moo Aanoleedhaa.
Aanoleen Ati baantu eentu Aashee fafeeyse,
Way warra abbaa sangeeti gaa eentu yaameeti geeysee,
Goobanaa Daaceetigaa yoo daddeemtuu dhageeysee,
Daddeemtuu waandhageenye osoo deemtuu Na geeysee.
Walloluulleen nijirtii ta warra abbaa sangee sun raaja,
Walganuuleen ni jirti ta ilma Daacee sun raajaa.
Jechuudhaan roorroo alagaatii fi faa`idaa yerootiif jecha Nama
lammii isaa irratti shira hojjatu ittin waliif hima turan himaas jiru.
5. Yaada (Recommandation)
Waraana Calanqoo yommuu kaafnu akka warreen Nafxanyootaa
kan dheebuu sirna sanii qabanii fi biiftuun wal qixxummaa itti
calaqifte jedhanitti osoo hin taane seenaa lolaa kanaa kaasuun
warraa saba Oromoo waliin hadhaaf busha, beelaaf hiyyummaa,
gadadoo miidhaa sirana dabree qooddachaa ture saba Amaaraa kan
Oromiyaa ykn goodina kana keessa jiratan rifachiisuufi haloo durii
saba Oromoo yaadachiisuun Saboota kana lamaan walibusuu fi
miti. lolli kun seenaa Ummata Oromm keessatti lola bakka guddaa
qabuu fi lola Ummata Oromoo jaarraa tokko ol gabrummaaf
gadadoo jala galche waan taheef yaadachuun barbaachiisaadha.
Kanaafuu, ummatni ballaan saba Amara kan yeroo sanaatiis tahee
dhalootni harraatiis badii kanaaf itti gaafatamummaas tahee
abaaramuus hin qaban. itti gaafatama badii kanaa ta’uu kan
danda’an warreen dheebuu taahitaa fi fedhii saamichaa isaanii
bakkaan gahachuudhaaf saba ballaa Amaaraa fi Ummata biroo
jiddutti jibbi akka uumamu godhanii dha. Akkasumaas lolaa kana
wayitti Maqaa kaasnee yaadannuu warreen ilaalchi of
tuullummaatiifii deebuun sirna sanii keessaa calaqiftuun ala,
sabaa fi sablammootni mirgaa wal qixummaatti amanan hundi lola
kana ilaalchuma Oromootni ilaaluun kan ilaalan tahuudha
abdanna.
6. Xumura
Lolli Calanqoo lola Oromootniis kallattii isaaniitiin gooticha
bakar Waaree hogganaa godhachuudhaan saboota ollaa
isaanii jiratu waliin ilmala gabrummaa Nafxanyootaa
habashaa ofirraa ittisuuf godhaniidha. Akkasumaas lola
Nafxaanyootni habashaa Minilikiin ergamee Raas
Mokonnoniin duurfamu meeshaa ammayyatti
fayyadamuudhaan lubbuu Gootoota meeqa itti
Calagodhan/fixaniidha. Kana malees lolli kun lola
Nafxanyootni injifannoo lrratti argatanii fi injifannoo argatan
kanaafiis Tulluu Qullubbii gubbaa buluudhaan dhagaa
bu’uraa itti kaayyataniidha. Kanaafuu lolli kun lola Oromoo fi
saboota olla isaa jiru jarraa tokko oliif gabrummaa jala galche
waan taheef sabootni kun seena gaddisiisa lola kanaa
yaadachuu bira dabree dhalootni dhufu akka irraa baratuuf
dirqame. Fkn Ummata Oromoo birattii siidaa yaadannaa
wareegamtoota Calanqoo akka fakkeenyaatti kan fudhannu
yommuu tahu saba Hararii/Adaree blrratti guyyaa
Nafxanyootni injifannoo lolli kun isaan gonfachiiseef dhagaa
bu’uraa qullubbii itti kaayyaatan umata Hararii biratti
gaddaan kabajamee ooluu isaatti. Walumaagalatti lolli dirree
Calalnqoo callii lola hogganaan waraana Oromoo Gootichi
Bakar Warree jedhamu miilla isaa bakka bu’e itti dhabe kan
harrallee hawaasni Oromoo Haragee haasawa keessatti
yommuu wanti tokko eessatti akka baade hin beekamne “achi
buutee miila bakar taa’ee ykn taate” jedhanii waliif
himuudhan Maqaan Gooticha kanaa akka hin
irraanfatamne/ hin dagatamne godhaa jirniifii lola
Akaakayyuun ykn Abaabayyoonni keenya hedduun meeshaa
lolaa ammayyaa kan Nafxaanyootaa osoo hin sodaatin
gabrummaa mormuudhaan haqaaf lolanii dhiigni isaanii akka
galaanaatti kor godhanii lafa irra yaasanii itti
waregamaniidha. Kanaafuu, wareegamni karaa dhugaa
Abboottii keenyaa kan jaalatamuufii kan nu boonsu waan
taheef yeroo hunda ijoolee isaanii biratti ni yaadatama.
Odeeffattoota
Lak. Maqaa odeeffattootaa Umurii Godina Aanaa Araddaa
1 Kaamil Haassan 80 H/Bahaa Gurawa Magaalaa Gurawaa
2 Yuusuf Ibroo 56 ” Kurfaa Arreelee Xiqqaa
Callee
3 Diyaaqoon Nugusee 96 ” Gurawa Magaalaa Gurawaa
4 SheekGazaalii Muummad 60 ” Kurfaa Arreelee Xiqqaa
Garaadii Callee
5 Siraac Kodheellee 60 ’’ Gurawa Magaalaa Gurawaa
6 Barsiisaa Sufiyaan Yuusuf 40 ’’ Malkaa
Balloo
7 Hassan Waaqoo 90 ’’ Gurawaa Beerree
8 Abduramaan Yuuyyaa Meettaa Magaalaa Calanqoo
9 Hamzaa Bakkajjoo Meettaa Magaalaa Calanqoo
10 Toofiq Alii Baddannoo Dannaba
11 Sheek Aliyy 36 “ M/Harar
WABIILEE (REFERENCE)
Jan,B.(1996).Being And Becoming Oromo Historical And
Anthropological Enquiries .The Red sea press
Oromia Culture And Tourism Bureau.(1998).History Of The
Oromo To The Sixteen Century.2nd Edition,Addis
Ababa.Berhanena Selam Printing Enterprise
v^Uv^e Ëu?d ›=Ëà ¾*aV vQM ›ß` Ã]¡. ›”Å— SêNõ
¨/ÄN”e ¨`p’Q ›“ ÑS‡ SM" /1986/. *aT>Á ¾}Åuk¨< ¾Óõ Ã]¡. ¡õM ›”É
ÑÇ T@Mv / 1985/ *aT>Á ›.›