[go: up one dir, main page]

0% found this document useful (0 votes)
320 views7 pages

Hiree Dugda Galte

Abboomsaan and Obbo Gammadaan discuss Abboomsaan's future. Abboomsaan wants to continue his education at a university but Obbo Gammadaan feels he should instead invest in local business opportunities. They consider different options for Abboomsaan's path in life.

Uploaded by

singitan wakuma
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as DOCX, PDF, TXT or read online on Scribd
0% found this document useful (0 votes)
320 views7 pages

Hiree Dugda Galte

Abboomsaan and Obbo Gammadaan discuss Abboomsaan's future. Abboomsaan wants to continue his education at a university but Obbo Gammadaan feels he should instead invest in local business opportunities. They consider different options for Abboomsaan's path in life.

Uploaded by

singitan wakuma
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as DOCX, PDF, TXT or read online on Scribd
You are on page 1/ 7

HIREE DUGDA GALTE

….”Galgalli namaa hin badin!" jedhu obbo Gammadaan yoo jireenya isaanii kan keessa
darbaniifi keessa jiran walbira qabanii madaalan. Dur jedhan,

Dur yeroo jabana koo

Yooman arge rakkoo

Nyaanni dhadhaaf cuukkoo

Murraan gooba tokkoo.

Amma taane jiraa

Guttoo mana biraa

Qottootu nu ciraa

Ollaa hinqabnu firaa!

Jechaa mana jala taa’anii Yeelalu. Abboomsaan haallisaa yaaddoo itti taanaan dabtara
qayyabachaa ture lafa kaa’ee gara isaatti qajeele. “Aabboo aduun kun isinitti hin hoo’inee?
Koottaa mana gallaa,” jedheen farda yaadan gulufsiisan irraa akka bu’aniif. Isaanis, “Aduunillee
erga na gubuu eegaltee turteertii mee koottu,” jedhaniin. Innis dafee bira gadi taa’e.Waan
isaan itti himuuf maal ta’uu akka danda’u yaaduu eegale.Ta’us irra ga’uu hin dandeenye. Ol
jedhee abbaa ija keessa ilaale. Callisaan guuttamanii fuulduratti magaalaa akka abidda saafaa
daran babal’achaa jirtuufi Caffaa dur sangoonni dheedanii badaa baasan, hameessi dheedee
aanna akka galaanaa mirgisu, kan fardeen quuftee walyaabdee himimsitu, kan jabboonni
dheedanii burraaqan ; isa dura babal’ina magaalaaf, amma immoo investimentii abaaboof
suutuma suuta ciibsaa jabbootasaatti deemu ilaala. Abboomsanis dafee gara isaan ilaalaa
jiranitti ijasaa erge. Ta’us waan haaraa arguu hindandeenye . Obbo Gammadaan akka ilma
isaanii yaamaniyyuu dagataniiru .”Aabboo, maaf nayaamtanii?” Jedha Abboomsaan ija keessa
ilaalee. Abbaan isaas, afaan isaanii cufamnaan deebiis ta’uu baatu imimmaan dhiiraan

1
deebisuuf yaalan. Mucaa isaanii ofitti qabanii, “Gama san agartaa?” jennan Salayyuu ilaaleen
homaa dhabe jedheen. “Irra deeb’ii ilaalimee?” jedhan . Deebisee fageessee garayyuu ilaaleet,
“Aabboo, magaalaadhuma Sulultaa akka baha biiftuu miila afuriin qe’eetti nu deemtu malee
maaltu jiraree?” jedheen. “Eeyyee ilma koo. Dirreedhuma isheen akka farda abbaa hinqabnee
irra guluftutu eessatti akka irraa buutu yaaddoo natti ta’e,” jedhan Obbo Gammadaan. Itti
fufaniis lafti amma maqaa adda addaan tuulaa dhagaa taate tun, dhaala abbaakoo kan
akaakayyuu keetiiti. Misooma biyyaaf jennaan biyyee biyya aabboo laanne. Akka dur farda irra
hingarmaamsinu, Sangaa gabbisnee dirran murru, waatii itti yaasnee aannan hindhugnu.
Kooraan farda koo fannifamee qaqaan yaabbatee irra taa’a. Kal’oon boroo hirriiba nu dhoowwu
ekeraa saawwan koo tiiti.

“Kunoo, ammammoo hambaa dhaala abbaa koo, ciibsaa jabboota koo, kanan isinan dhaalchisa
jedhee yaadullee investimentii abaaboof kennamee dhufanii daangessuuf akka murteessanan
dhaga’e,” jedhan. Itti fufaniis, ilma koo qabeenyan isin dhaalchisu biraa hinqabu. Harka namaa
ilaaluu keessantu ….jedhanii osoo hinxumurin imimmaan akka rooba hagayyaa qaqawwee
makatee, doloolloo maddii lamaanii guutee galaana morma jalaan walitti makame.
Abboomsaan, niboo’a. Akka abbaa sagaleesaa too’achuu hindandeenye. Aadde Jiituun akka
gaafa ijoollummaa yoo sagalee boo’icha ilmooshee dhageessuu sana bijij jettee biddeen
tolchaa jirtu osoo hingombisin utaaltee baate. Abbaafi ilmi walqabatanii boo’u. Daftee
mucaashee qaqqabachaa, “maaltu maal ta’e?” jette imimmaan irraa haqachaa. Du’a dhoksanii
awwaala …akkuma jedhan itti himan.

Mataa qabattee, yaa ilmaan koo! … yaa ilmaan koo! … sintu bade! ..”jechaa akka boochistuu
Salaalee asii achi deemtee qe’ee boo’ichaa taasiste. Roobni ijaa ishee qaqqabannaan mariif
gara manaatti galan.Gadi taa’uufi sagalee wayii dhaga’uun tokko ta’e.Sagalee sirbaa haa ta’uu
birmannaa adda baafachuu dadhabanii gurra itti kennan.

Iyyaa iyyaa iyyaa

Iyya dabarsaa,

Sabni cuunqurfamee

2
Ka’aa walitti labsaa, …

Beekaatu waareen geenyaan sirba Qamar sirbaa sa’aafi sangaa morma tokko hoofaa gara
manaatti deema. Sirba ta’uusaa hubataa gara mariitti deebi’an.Beekanis mana seenee taa’e.
Dabtaraafi uleesaa madabii irra kaayatee oolchaa gaafate. Aadde Jiituun oolchaa qophaa’e
dhiyeessitee walumaan nyaatan. Kan nyaatu malee kan dubbatu dhabnaan, ija keessa ilaalee
maaf akka callisan gaafate. Abbaanis, “‘Jabbiin hootu hinmar’attu’ jedhu mitii!” jechuun
gaafumaan deebise. Beekanis taphaaf sardamee dafee nyaatee ka’e.

Yoo gadi ba’u namoonni kudha tokko ta’an ciibsaa keessa yaa’u. Konkolaattonnis akka waan
fuudha deemanii hiriira galanii dhaabbatu. Namoonni lama safartuu qabatanii, tokko ammoo
muka gabaabaa qarame harkatti qabatee faana deema. Namoonni kaan Kilaashii harka
mirgaatti, bishaan harka bitaatti qabatanii konkolaataa isaaniitti hirkatanii kolfu. Beekaan haalli
isaa itti bitaacha’ee jennaan dafee warratti hime.

Obbo Gammadaan eeboo, Abboomsaan immoo shimala butatee achi ga’an. Aadde Jiituun
mudhii ishee hidhachuun mataa qabattee iyyaa duuka buute. “Adaraa seeraa lafa kiyyarraa
deemaa!” jechaa eeboo isaa itti mirmirse. Abboomsaan garuu, obsa hingodhanne. Shimalasaa
adda namticha muka dhaabaa jirurratti boqochiisuun dhiigasaa lolaasee mukkeen inni dhaabe
bubuqqisuu jalqabe. Namoonni konkolaataatti hirkatanii dhaabbattan uleesaanii mirmirsaa
namticha rukutame bira ga’an. Gariin namticha baatanii konkolaatti fiigan. Gariin ammoo,
ulicha Abboomsaan osoo barbaadanuu namoonni ollaa obbo Gammadaafaa dhiirri waraana,
dubartoonni haaduu qabatanii bira ga’aa jiran arganii kotteen nu baasi jedhan.

Galgalli guyyaa sanaa garuu obbo Gamadaafaaf keessummaa taate.Halkan sa’a sagal ta’a yeroo
namoonni meeshaa hidhatan itti nam’anii Beekaafi Obbo Gammadaa ukkaamsanii deemaniin.
Rirriittaa torbee tokkoo booda lafti biraa kan bakka bu’amuuf ta’uu amansiisanii gallakkisan.
Obbo Gammadaan har’a, boru lafti biraa nuuf kannama jedhanii osoo eeganuu abaaboon
dhaabbate daraaree hambi qarshii ammaare. Obbo Gammadaan hidhii isaanii xuuxxachaa
godoofi gadadoo keessa jiraachuun dirqama itti ta’e. Dhibeefi rakkinni waan itti hammaateef

3
hojii umnaallee hojjachuu hindandeenye. Aadde Jiituun kun abdii kan nama hinkuchisiisne ta’uu
murteeffachuun qoraaniifi kaboota gurguruun maatiishii utubaa jirti. Ijoolleen isaaniis xiiqiifi
abdii warraa galmaan ga’uuf cimanii barachuu itti fufan. Abboomsaan qabxii seensa
Yuunivarsiitii olaanaa fiduun Yuunivarsiitii Finfinneetti barumsasaa jalqabuun immoo warraaf
abdiifi umna ta’eera. Abboomsaan injifannoon acuuccaafi roorroo alagaa cimee barachuun
galmaa’uu kan danda’u ta’uu hubachuu qofa otuu hintaane qomatti fudhateera. Haatis haga
humnashee gargaaruu cimsitee itti fufte.Obbo Gammadaa garuu dhibeen yeroo yerootti umna
dhabsiisuu itti fufteerti. Beekaan, “Karaa hangafti baase quxusuun deddeebi’a,” akkuma
jedhamu qormaata seensa Yuunivarsiitii fudhatee qabxii eeggachaa jira. Abboomsaan osoo
rakkinni isa hindaangessin qabxii guutuu galmeessisuun alaabaa injifannoo barnootaa ‘A’
mirmirsiise. Kunimmoo, ijoollee finfinnee waggaa lamaaf dorgomaaniinii milkaa’ina dhabaniitti
inaaffaa uume. Karoora injifannoo Abboomsaa baafatanii waggaa eebbaatti beellamatanii
galan.Inni garuu isaaniin qofa osoo hintaane dorgommiinsaa abbootii isaanii dhaala
akaakayyuusaa dhaalaniini.

Barnoonni waggaa 2ffaa waan xumurameef boqonnaaf maatii bira ga’ee hojii umnaa
hojjachuun barnoota waggaa itti aanuuf akka qophaa‘u murteeffatee sulultaatti qajeele.
Simannaa godhameef dhandhamaa haala jiruufi jireenya isaanii kan darbeefi isa dhufuu
haasawaa waarisan. Ganama firootaafi namoota ollaa gaggaafatee waaree booda Beekaa waliin
hojii barbaacha deeman. Osuma deemanuu beeksisa dhaabbanni abaaboo ciibsaa isaaniirratti
ijaarrame maxxansan argan. Dhaqanii galmaa’us yaadanii garaa hiran. Ta’us “Garaa madaala
afaan qadaada godhanii nama waliin bulu,” akkuma jedhamu galmaa’uuf gaafatan. Garuu
hinmilkoofne. “Nama barbaannu arganneerra,” jedhaniin. Beekaan, “Beekkanneen yoo jalaa
ba’an” jennaan; Abboomsaan immoo, “Shan bulti malee shanee geessii,” jedhee aariin biraa
deemanii bakka ganna darbe hojii umnaa hojjachaa ture deeman. Milkaa’eefi ganamasaa hojii
jalaqaban. Akkuma ganni birraatti harka kennachuuf arreedu qalbiin Beekaas bu’aa qormaata
seensaa herreeguu baay’isnaan mana barumsaatti bilbile. “Baga gammadde, qabxii olaanaa
fiduun asuma Yuunivarsiitii finfinneetti barnoota fayyaan ramadamte,” jedhe dura-bu’aan mana
barumsichaa. Hojii waaqaa, “Nama ilkaan hin qabneef waaqatu alaanfataan,” dhuguma.
Abboomsaadhaan walitti maramanii gammachuusaanii ibsatan. Harka waaqatti olqabanii

4
uumaas galateeffatan. Yeroon seensa Yuunivarsiitiis dhiyoo ta’uun waan ibsameef maallaqa
argataniin waan barbaachisu bibbitatanii warraafis waa bitanii galan. Haatiifi abbaan isaaniis
baay’ee gammadan. Takkaa wal ilaalanii waaqa millatanii yaa waaq,

Hin dadhabdu omaa

Baraan turi uumaa

Yaasa maqaa kumaa

Abdiin keenya sumaa

Jechuun waaqa galateeffatan. Karaan injifannoo deegaafi deegsaa bal’achaa dhufuu hubatan.
Hanga umna isaanii qoqopheessanii gaggeessan. Beekaan osoo akka barataa haaraa mooraan
Yuunivasiitichaa hinrakkisin barnootasaa eegale. Abboomsanis falmii ilmaan finfinnee waliin
qabe cimsee itti fufe. Karaa dandeettiin injifachuu dadhabnaan akka jaalalaaf jilbiiffatuuf
shamarra finfinnee afaan baruuf cabaqxu itti erguu jalqaban. Inni garuu hiriyaa dhugaa ija duraa
hindeemne, amartii booree baasuu gufachiisuuf kan ergamte ta’uu waan beekuuf madaalarra
hinkeenye. Intalti garuu abdii hinkutanne. Kiyyoo isaan qabattu karaa inni irra deemu hundarra
diriirsuu itti fufte. Gaafa tokko garuu qofaatti argattee abbaan ishee Oromoo akka ta’eefi
finfinneetti waan guddatteef Afaan Oromoo kan rakkisu ta’uufi jaalalasaafuu qayyabachuu akka
dadhabde boossee itti himte. Innis dhiiga kooti jedhee jaalala obbolummaan qayyabachiisuuf
yaade. Isheettis himee abdachiise. Akka tasaa osoo isheen haala itti laamshessitu qaama ishee
erge waliin mariyattu Beekaan dhagahee obboleessatti hime. Innis durayyuu shakkaa waan
tureef dugda itti kennee barnoota isaatti cime. Qormaata semisteera 1ffaas akkuma xumaraniin
galan.

Ta’us gammachuun isaanii hanga yeroo kaanii ga’uu hindandeenye. Abbaan isaanii
dhukkubsatanii ciisu. Aadde Jiitunis dhiibbaan dhiigaa darbee darbee kan ishee gaaga’u ta’uu
himatti. Hospitaala geessuuf maallaqni ga’aan hinjiru. Horanii horiin mooraa hinjiru. Qotiyyoo
morma tokkoo qixxee kennatan qofatu jira. Dirqama waan ta’eef gurguranii geessan. Manni
yaalaas qoricha kenneefii dhukkubni itti laafnaan galan. Torbee booda yeroon boqnnaa
dhmnaan barnootatti deeb’an. Qabxiin maxxanfameera. Kan Beekaan guutuu, kan Abboomsaa

5
immoo tuqaa lama hir’ate. Ta’us walajajjabeessanii barnoota isaanii itti fufan. Guyyaanis osuma
fuulduratti fiiguu Beekaan kan waggaa xumure. Abboomsaan immoo eebbaaf ga’e. Akka
hiriyootasaa wayyaa eebbaa bitachuus baatu ,barnoota qonnaan eebbifamee gale. Warris
hanga umnasaanii qophii maatii hirmaachisu qopheessuun simatan. Firriifi ollaan gammachuu
qaban ibsan.

Hiyyeessiifi qilleensi hintaa’u, akkuma jedhan torbee booda hojii barabaacha deeme. Finfinnee
keessa bakki inni hindhaqin hinjiru. Nidorgoma hindarbu. Ijoolleen qabxii isaa gadi qaban yoo
darban inni nikufa. Gariin, “Afaan Amaaraa waan sirriitti hinbeekneef kufte,” jedhuun. Kallatti
geeddaree loon gabbisuufi horsiisuurratti hojjachuuf wixinee qopheessee maallaqaafi bakka itti
hojjatu waajjira IMX gaafate. Isaanis har’a boruudhaan obsa fixachiisan. Haalli saamamuu lafa
warrasaa, haalli fayyaa warrasaafi shirri bakka adda addaatti irratti hojjatamu abdii isa
kuchisiisee jennaan gaafa beellama dhumaa dubbtee baafate. Akka nama maraatee
hojjattoota isa dararaa turan arrabse. Isaanis “Ergama biraa qaba. Dhiphaadha;
shororkeessaadhafaa” jechuun mana hidhaa Maayikalaawwiitti darbatan. Gaaffii malee waggaa
sadiif dhiitichoofi ulee sooranii achumatti du’e. Reeffsaas akka waan dhukkubsatee du’ee
hospitaala Minilikitti gatan.

Duutisaas warratti himame. Dhaga’uufi ofwallaaltee kufuun Aadde Jiituu tokko ta’e. Hafuurri
isheefi hafuurri ilmashees dafee walsimate. Awwaalli haadhaafi ilmaas guyyaa tokko ta’uun
raajii ganda sanaa ta’e. Abbaafi Beekan garuu nama ta’u jedhee kan eege hinturre. Guyyaa sadi
booda ture obbo Gammadaan kan ofbaran. Beekaan suuta suuta humna hinjirre horachaa
dhufe. Abbaas jajjabeessee shira qabeenyaafi maatii isaa dhabsiise injifachuuf qormaanni
waggaa dhumaa geenyaan barnootatti deeb’e. Hawwiin isaa milkaa’ee guyyaa eebbaaf ga’e.
uffannaa gaddaa dacha uffatee maqaan yaamamnaan ka’e. Badhaafamaa waggaa kanaa
jechuun yoo faarsan rukunnaan harkaa lafa gaggalgalche. Hojiidhanis achumatti akka hafu
murtaa’e.

Waggaa booda carraa barnoota sammuu baqaqsanii hodhuu argatee abbaaf waan barbaachisu
hunda mijeessuun Ameerikaa deeme. Barnootasaas haalaan hordofee akkuma badhaafametti
eebbifme. Carraan achitti hojjachaa barachuus dabalataan kennameef. Ta’us biyya galee dhiiga

6
obboleessaa haadha dabalatee deeme haruuf akka yeroon ga’aa ta’e kennamuuf gaafate. Ni
kennameef .

Bariituu hiriyootasaa waliin Boolee ga’e. Maatiifi firoonni hiriyootsaa yoo simatan garaan
boora’uu eegale. Ofjajjabeessee taaksii qabatee gara lafa dhaloota isaatti imale. Taaksii keessa
taa’ee yaadaan maatiisaa lubbuun jiraniifi qaamaan jiru, shira dhaala akaakayyuusaa
dhabsiiseefi maal godhee booree akka baasu deddeebisa. Abboomsaa, Abboomsaa…

Dhiigakoo Abboomsaa

An siif harmee obsaa!?

Lapheen dhiiga cobsaa

Dhufe kunoo cabsaa.

Dhufeera obbolee

Biyya caaltu oolee

Gumaanbaasa qalee

Sammuu jaare kalee.

Diidan bulu laalee

Ciibsaa keenya malee

Kennaa hambi dhaale

Aabboof kennu malee.

Jedha, booree baasuuf keessa isaatti muddamee. Galaana yaadaa keessaa ba’ee of dura, bitaafi
mirga mil’achaa deema. Taaksiin inni ittiin deemu waanuma qilleensarra balaliitu fakkaatti.
Suuta hoofi jechuus kajeelee yeroon ga’uu yaadee itti dhiise. Ta’us hinmilkoofne. Booreen
karaatti hafte. Taaksittiin konkolaataa fe’umaa jala buutee daaraa taate.

You might also like