EDAS-EDANAS
Asafaa Tafarraa Dibaabaa
Edas-Edanas
Asaffaa Tafarraa Dibaaba
© Copyright Asaffaa Tafarraa Dibaabaa 1998
Literature (Hogbarruu),
Poetry (Walaloo)
1. Title Edas-Edanas
kunoo kuunnoo
warra akka Isaaf
Hegeree arguuf
bahee hafeef.
kuunnoo kunoo
warra akka Isiif
Of barbaaduuf
sammuuf’ nafaan
ergarameef;
warra akka Keef’
warra akka Koof
Ardii ‘jaajjee
Arshii arguuf.
Boqqolloon birraa dhufaa
aananni arfaasaa dhufaa
humni ganama dhufa—
qalbiin galagala dhufaa,
eessa abbaa kootiin fida
lameen wal bira lufaa.
Geerarsa
eegan niitii fuudhee
suubboo ta’uu kootii
dubbadhee hinbaafadhu
huummoo ta’uu kootii
du’ee hinobbaafadhu
aadaa deemuu kootii.
Guguumgummii
gadaa dabre hinfiigan
biiftuu jirtu sussukan.
Mammaaksa
To see a world in a grain of sand
And a heaven in a wild flower
Hold infinity in the palm of your hand
And eternity in an hour.
In his ‘Auguries of Innocence’
For a double vision always do I see
Double vision is always with me.
William Blake
For Him I Sing
For him I sing
I raise the present on the past
(As some perennial tree out of its roots,
the present on the past ,)
With time and space I him dilate and
fuse the immoratl laws
To make himself by them the law unto
himself.
Walt Whitman
in his “Leaves of Grass”
If we could only get what we want
when we think we need it life would
present no problem, no mystery, and
no meaning.
In a Buddhist Magazine as
Henry Millerquoted it in his
“Plexus”.
Seensa: Bara— Walaloo Oromoon
(The Concept of Time in Oromo Poetry)
1
Edas-Edanas! Orom-durii ‘rraa kana isaan
dhaalle: bokkuu rirmi murmure—dhaabata
qiinqaniin u’ure—baqqala baaqqee—miiloo
miil’-jal’oo—okolee farquu—cuubata
waakkuu—dibata hanquu—uffata hankaaka—
unata seelkoo—ayyaana fokkoo—simboo
hamma baalaa—qaama hamma gaalaa—obruu
borqaawaa—gumbii qaqaawwaa—gombisaa
duwwaa—saayya masheena—weessoo
qammana—malkaa goggoyidduu—Dachii
gaggabduuf’ hamoo jajjabduu. Daraaraa
mi’aawaa isaantu xuxxuuxe—abaaboo
urgaawaa isaantu suunfate; dhaaba dammaa
dhaaban, nadhii isaan ol kaawan nuy’ hoomaa
hin ‘garre! Damma ofii nyaatanii jiisaa nuuf
hambisan; koomtoo nuuf ol kaa’an. Jiisaadhaa
ilmaan yaafna dukkanaan da’annee, koomtoo
indammeessina guyyaa bishaan qocnee.
Dhalootaaf dabarsina. Kun dirqama keenya,
dirqama dhalootaa. Sun faaruu Haadha
Margoo, wawwaannaa Dachiiti: edas-edanas!
Faaruu san ayyaanni kun faarsa, har’arra akka
bor wayyu faarrisa. Shaayiin, geeraraan,
afooleen, inni guumgumu san faarsa. Faarsaan
kun walaloodhaani.
2
Waloo moo Walaloot’ dursa yoo jennee lukkuu
moo killeet’ dursaa? jechuun wal fakkaata.
Mee walaloon maal akka tahe ilaallee
kaayyoo waloo ‘mmoo ilaaluu yaalla,
maayyiirratti.
Walaloon maali? Waloofi beektoonni
hogbarruu walaloo ‘dhangala’a dhaga’ittiiti’
‘over flow of emotion’ jedhan. Dhugumaan,
Afoola Oromoo keessatti, ajjeesaan yoo
dhaadhatu, geeraraan yoo baannatu, gooti yoo
wal faarfatu onnatee buubee dhaga’ittiin ‘saa
“ol ka’ee” ‘garaan’ fagoo ga’ee, battaluma
(spontaneity) walaloodhaan laakiin faarsa
laakiin arrabsa, dhaadhata, baannata fa’a.
Dhangala’i-dhaga’ittii kun madda ykn burqaa
bishaan-taliilaan fakkaata—laakiin tumaa-
horaan: kan lafa cabsee biyyee foxxoqsee
dhodhowaasee ol fincaawuun. Laakiin immoo
tumaa-seeraan. Andhuuraa (centre) guutee ol
maddee ededa ‘rra (periphery) dhangala’ee
deebisee biyyeetti makama, Dachiitti (Mother
Earth) gad naqma (Gudrun Dahl, 1994). Fulaa
dhufetti deebi’a. Akkasuma geerarsi geeraraa
raasee faarsaan goota rarraasee,
guguumgummiin nama macheesseetu
ardiidhaa dhukkee kaasa samiidhaa qaqaa
harcaasa machaa’ee macheessa. Geerarsi
abbaa dhaga’u marara, isuma dhaga’utus aara.
Muuxannoo ‘saa waliin kan wal fakkaatu yoo
inni tokko tuxxuqu inni tokko ‘mmoo danfee,
aaree, onnatee jalaa-qabee geerara. Geerarti
‘lleen geeraraa ‘rraa jamaa geetti: akka
dhibaayyuu guuttee dhangalaati, jamaa ‘rraa
madditee jamaaf deebiti. Akkasiin dhaga’ittiin
garaa (center) ‘rraa ol danfiti, ededa
(periphery) geetti. Walaloonis. Tumaan-seeraa
‘llee akkana handhuurarraa qarqaratti yaati:
‘waan qarri qabu
qarqarris qabaa
waan hayyuun qabu
makkallis qabaa’
-n Oromoos dhangala’a-dhaga’ittii, akka
Gudrun Dahl jettu. Namni haala naannoofi
muuxannoo ‘saarraa ka’ee waan isa mudate
milkaa’u ililleesaa, hankaakuu guguumgummii
‘saa akka itti dhaga’ametti ibsa: mammaakaan,
geerarsaan, guguumgummiin. Kana inni
Cummings dhaga’ittii-tu dursa, “feelings are
first,” jedhu.
Dhaga’ittii san leenjisuu, sororsuu wal
haa caalu malee ilmoon-namaa dhalootaan
dhaga’ittii inqabaata. Aristotle Poetics
keessatti akka kaa’u akkeessaa (imitation)
dhalli-namaa ganamuma ittiin dhangiyama.
Daa’imti ‘lleen yoo inni dhiirti hordaa muru,
gindii uruu, mana ijaaruu abbaa akkeessuu
dubri immoo daakuu daakuu ittoo qopheessuu
buddeen tolchuudhaan akka haadha ‘sii
‘tolcha’ barti. Akkasiin akka daakaa-bishaanii
ykn akka gulufa-fardaa, dhaga’ittii ‘lleen
inleenjifamti (Smith 1969) jechuuf.
Akaakuu barreeffama kanneen irraa
walaloo kan adda taasisuu yaadi ‘saa waan-olii
(elevated thought), waa-manaabaa
(imagination) ykn dhaga’ittii (feeling) gad
faginaafi bal’ina qabuu jecha sonaan
(appropriate language) dhikkisaan (beat)
yadaloon (rhythm) buusaa-buusaan (foot)
faayamee miidhaginaan barreeffamuu ‘saati.
Buusaan walaloo afoolee Oromoo,
fkn., irra guddaa wal qixa. Safarri (metre)
baay’ina dhikkisa ‘saa akka akaakuu
afoolichaatti (genre) adda adda. Weedduu
jaalalaa armaan gadii yoo ‘laallee
Jim-maa-foo/ Jim-ma Jim-maa
wal-ak-kaat’/Gi-beef ma-lee
jir-raa-foo/ jir-ra jir-raa
wal-ar-gaat’/ dhibeef malee
unka (poetic form) ‘saa keessatti amala
weelluu ykn weedduu jaalalaa kan Prof.
Sumner kaa’e argina: sagalee (sound
parallelism), daddabala sagalee (refrain),
sagalee-keessaa (enter-rhyming), haala jiruuf’-
jireenyaa guyyuu (concrete situation in life)
kkf., argina. Walaloon waloo durdurii kan akka
weedduu jaalalaa toora lamas sadiis haa ta’u
malee yeroo baay’ee toora afuri. Afran keessaa
toorri lameen duraa unkumaaf, sagalumaaf
(sound parallelism) itti-gaalcha (ananlogy)
akkasumas akka itti-seensa ijoo-dubbiitti
“rhythmic introducion to the main theme”
fayyaduufi akka midhaagina weeddichaaf
(aesthetic beauty) dabaluufisi. Kan faarsaa ykn
geerarsaas1 unki ‘saa kan armaan olitti keenya
kan waliin wal haa fakkaatu malee toorri
buusaa tokkoo lamaa hanga digdamii-torbaa
gaha (Sumner 1996: 62).
Bilbilli sagalee (rhyme) gurrattii
malee ijatti miti: Ingiliffa keessatti, fkn.,
‘loving’ -fi ‘roving’, ‘wind’ -fi ‘blind’.
Jechooti kun sagalee takkaan kan dubbifaman
fakkaatu. Akka Southey-n “The Cataract of
Lodore” barreessutti,
So, we’ll go no more a roving
So late into the night
Though the heart be still as loving
And the moon be still as bright
-ykn akka Poe-n “The Bells” keessatti
ashkuraa walitti reebu, sagaleen jechootaa yoo
girrisa kaasu,
1
Mohammed Hassen (1994) faaruu geeraraa
Oromoo ‘faarsaafi geerarsa’ jechuun hira: geerarsi ka
namichi waa jabduu dalage ittiin baannatu, animoo
‘saa himatu, kan ittiin dhaadhatu; faarsaan immoo
namicha waa gaarii dalage takka, fkn., goota, maqaa
dhahanii geerarsaan
faarfatani.
Advancing andprancing and glancing and
dancing…
And dashing and flashing and splashing and
clashing.
Walaloo Oromoo keessattis sagaleen (rhyme)
faayidaan ‘saa ijoo-dubbiin (content) gadi miti
yoo geeraraan
gaafa gaafa jaatanii
utubaan manaa lamaa
gaafa gaafa yaadanii
dhugumaan namaa gamaa
-jedhu.
Faanni (foot) walaloo waloo ammayyaa
‘mmoo wal caccaaluu mala. Akka Shelly-n
walaloo ‘saa “To a Sky Lark” itti barreessetti:
Hail to thee, blithe spirit
Bird thou never wert,
That from heaven, or near it,
Pourst thy full heart
In profuse strains of unpremeditated art.
Unka walaloo akkasii kana Annaan’yaa
(Asaffaa 1998) keessatti agarra:
nimadaqxeef/ malee
adurreen/ adalaa
bineensaa ‘jjin/ guyyaa
namaa ‘jjin/ galgalaa.
Unka san Dissii Style jedheen beeksisuu heda.
Akkaataan unka walaloo kun kan yoo
jechoonni faana (foot) tokko keessaa akkaataa
birsaga saaniin (akka wal qixxaatan ykn
caalanitti) galan toorri (line) buusaa (stanza)
walalichaatu boca (sculpture) durdurii gadaa-
dissii jedhaniin fakkaataafi. Nami
boca akka harkee, qorii-miiloo, qodaa
habaaboo (vase) baattoo-dungoo (candle stick)
bokkuu (sceptre) ykn orooroo (dhaabata) kkf.
mana qabu akkaataa dissii ykn Dissii Style
hubachuu mala. Edas-Edanas garuu akkaataa
saniin barreessuu hinfilanne. Waggaa torbaan
dura yeroon Edas-Edanas barreessuu yaadi
akkaataa-dissii kun naaf hinhifneefi. Osoo
sagaleen wal hinqoomin (blank verse)
walaleessuun amala walaloo hammayyaa
keessaa isa tokko waan taheefis bakka bakkatti
Edas-Edanas keessatti akkaataa sanitti
fayyadameen jira.
Waloon dur-durii (traditional poet)-fi waloon
hammayyaa (modern poet) kaayyoon adda
miti. Lameenuu muuxannoo saanii ‘rraa ka
dabre jaju, ka dhuftu raaju qofa osoo hintaanee
sodaa ‘saanii har’aafi abdii ‘saanii boruu nuuf
hiruu keessatti waa-takka nu qabachiisu. Waa-
takka sun laakiin kajeelloo ayyaana ykn ekeraa
warraa ta’uu mala. Argachuufi dhabuu,
dhalachuu kukkufaa ka’uu, jiraachuuf’du’uu—
seera-uumamaa—ifaajeefi carraa ykn xaarii
ilmoo-namaa, addeessa waarii, goobana barii,
buusaa urjii samii rooba aduu-boosoo,
afarfaajjii waaqaa kkf. ta’uu mala. Waloo dur-
duriis ta’e waloon hammayyaa san ‘laalee
akka ofii argetti nu agarsiisuu akka ofii
dhaga’ettis nu dhageessisuu, amanamummaan.
Sagaleefi ijoo dudubbii (sound and meaning)
wal fudhachiiisee qallaafi boffee yaadaafi
yaaddoo, kolloo walaloon arbii ofiisaatti
manaamaan dhahee manaamaan goodee
manaamaan kutee manaamaan sutee daara nu
baasa: geeraraan ykn barreessaan haala ‘rratti
hundaawee.
Angafa dursee, fkn., eegoon quxisuun
hinfuudhu, hingeeraru, laga hince’u, qadaada
hinfudhatu, dursees hindubbatu, hineebbisu.
Tumaan kun seera oboo-cooraa tumaa
Makkoo Billiiti (Bartels 1983; Triulzi 1990).
Yoo angafi doofee yoo geeraree abbaa
hinwaamne haadha hinfaarsine lammiin
hinboonnee eegoon onnatee battaluma
osoo bakarri jiruu
eeboon mataa si dhahee
osoo angafti jiruu
eegoon maqaa si dhahe
-jedhee eegoon abbaa faarsuun angafa
kakaasuun amala walaloo isa battala
(spontaneity) jennuu sana. Dandeettii waa-
uumuu (geeraruu) yoo qabaatee angafti ‘lleen
geerarsaan deebii laata.
To see a world in a grain of sand
And a heaven in a wild flower
Hold infinity in the palm of your hand
And eternity in an hour
-William Blake akka jedhu san addunyaa
(world) bal’oo bara (time) miil-jal’oo kana
waa-manaabaan (imagination) hanga gurii
cirrachaatti xiqqeessuun hanga lipsuu ilaatti
gaalchuun kennaa hundarra caalu.
Kaayyoon waloo egaa fageenyaan
qofa kan nutti mul’atu gad-fageenyaanis nutti
mul’isee kan nutti cabbaawu nutti o’isee kan
nu gubu nutti qabbaneessee jireenya biyya-
lafaa kana kan- fakkaattuu, mumul’attu
(appearance) qofa ‘laalee osoo
hingowwoomfamin ka-taate (reality) ka
dawoon duubaa soqolee argee agarsiisuuf abdii
akka hinkutanne ayyaana ofii ‘saa naalchee
(meditation) dhibee keenya nuu galaalchee ka
daakee bixxillate soora-jaarii maxinoo-
galaashee dukkanaan tolfate san irraa ifaan nu
sooruudha, walaloodhaan.
4
Durduurri uumamaa nanaanna’a baraaf ragaa
akka ta’etti: fulaa urjiin teettu karaa addeessi
baatu ilaalanii ayyaana hedan. Innikkaa qabee
hanga Bitaatti bultiin digdamii-torba yoo
xumuramuu hanga soddomaatti of-booda
naannayee ayyaana guyyaa sadi’ii lakkaawa,
baatiin itti aanu Arba ‘rraa eegala. Torban
torbii Lammii, Buusaa, Bakkalchaa,
Algaajimmaa, urjii Arbaa, urjii Hulqaaf’ urjii
Basaa ji’a ji’aan nanaanna’an. Akka dhahata
Oromootti Ardiitu Aduu nanaannawa osoo
hintaanee Urjiitu Addeessa faana bu’a. Akka
dhahata Oromootti baatiin takka guyyaa 29.5
waan qabaatuuf waggaan tokko guyyaa 354.
Durduura uumamaa kana: kan
halkanii-guyyaa, kan bonaa-gannaa arfaasaafi
birraa, kan dhalootaa kkf.-tu falaasama bara
heduu Oromoo kana ‘gar-tokkee’ ykn ‘one way
flow of time’ osoo hintaanee ‘gar-lamee’ ykn
‘cyclical (recurrent) flow of time’ taasisa.
Durduura akkasiitu bara bara taasisa, carraa
dhala-namaa murteessa, ayyaana ibsa.
Guyyaaf’ halkanni arfaasaaf’ birraan bonaafi
ganni wal jijijjiiruun san calaqqisan. Waloon
durdurii (traditional poet) keenya
kan koo barumaan baraa
yaa Abbaa koo dhibba koo
fardatu garbuu didee
baratu darbuu didee
yoo jedhu, geeraraan.
Ayyaanni guyyaa torbii tarbanii: Dafinoo
guyyaa- ekeraa, Facaasaa guyyaa-biqilaa,
Roobii guyyaa-cagginoo, Kamisa guyyaa
Ateetee, Jimaata jimuu-dhiigaa, Sambata
dhaabaa-lakkuu jiruuf’-jireenya Ilma-Or’maa
akkasumas ifaajee ‘saa mul’isan. Ayyaanni
soddomman baatii tokkollee heduun kan
magarfatan akka misuuf kan dhalfatan akka
guddatuuf.
Akka falaasama Oromootti haalli namaa:
sansakaan, amalli, ifaajeen, carraan, kkf.,
ayyaana guyyaa gaafa dhalateen murtaawa,
san fakkaatas. Innika, fkn., guyyoota baatii
takkaa keessaa isa duraati. Ayyaanni kun
angafa waan ta’eef karra-saaqii jedhaniin.
Guyyaan kun guyyaa Uumaan waqaaf’ lafa
uume waan jedhamuuf ayyaanota kanneen
caalaa ulfaataadha. Bitootessa keessa urjiin
Lammii yoo addeessa haarawaan wal kiphxee
mul’attu guyyaa kanaan ayyaana haxxiyya
Oromooti jedhan; gaafa kan wixinan namaa
kaayyomu, atoomu jechuuf (Gadaa Melbaa
1981: 24). Soorri ayyaana-abbaa ykn Nabii,
soorri ayyaana-haadhaa ykn Ateetee2, ayyaana
Abdaarii, ayyaana Jaarii, kan Aayyoo-baar
ykn Haadha Bahiraa (haadha Ateetee ykn
Maaram dhalte) kkf., guyyaa itti bahuufi
sooratamu ayyaantuutu fulaa torbii urjii
torbaniifi addeessaa ‘laalee heda. Torban torbii
urjii Gadaa Melbaa nuu himu kan lubi Dafaa
Jammoo ‘mmoo ‘urjii-sadeeniif’ buusaa’
jedha. Ayyaanni carraa- hamaa ayyaana
Gidaada (18ffaa). Ayyaanni guyyaa kanaa
feetu isa Lubi Dafaan ‘ayyaana-sareeti’ jedhu
taha: osoo qabuu kajeela. Ilma dhalate
2
2 kan Greek-oonni Attis jedhani; waaqee hoomishaa, ‘deity
of fertility’.
ayyaanni yoo hedamee carraan isaafi guyyichi
kan akaakayyuu ykn abaabayyuu ‘saan wal
kiphee maqaa akaakayyuu ykn abaabayyuu
saan moggaasan. Ayyaanuma durii santu
ayyaana abbaa caalee lamuu dhalate jechuun
fakkaata. Mammaakaan illee,
abbaa gaarii ‘rraa dhalachuu ‘rra
ayyaana gaarii dhalachuut’ caala
-waan jedhaniif.
Ilmi inni ayyaana-hamaa dhalatee
boqqolloon birraa dhufaa
aananni arfaasaa dhufaa
humni ganama dhufaa
qalbiin galgala dhufaa,
eessa abbaa kootiin fida
lameen wal bira lufaa?
-jedhee carraa ‘saa kan edaa guguumgummiin
hammeessa, ifaajee ‘saa edanaa geerarsaan
ibsa.
Falaasami bara-heduu inni biroon gogeessa
ykn marsaa gadaa kan waggaa saddeetiin
nanaannawu. Sabni Oromoo duri ‘rraa qabee
osoo sirna gadaan buluu yeroo tokkotti sababa
hinbeekamneen gara gadaa 9 kan ga’u citee
ture jedhama. Achirraa bara 1457 qabee, fkn.,
Oromoo Booranaatiin sirna gadaa
geggeeffamaa jira. Sirni gadaa falaasama
bara-heduu Oromoo keessaa isa tokko
ta’uusaa hayyoonni mirkaneessanii jiran
(Asmarom Lagesse 1973; Baxter 1978;
Mohammed Hassen 1994). Mohammed
Hassen illeen,
“the term gadaa has a very strong resonance of
time” jedha.
Hawaasa Oromoo keessatti dhiirti akkaataa
lamaan qoodama: gogeessa-gadaafi gadaa.
Marsaa gadaa guutuun sadarkaalee gadaa
kudhan qaba. Tokkoon tokkoon ‘saanii waggaa
saddeetiin nanaanna’an. Marsaan shanan
Oromoo Booranaa biratti gogeessa jedhama;
kaabatti miseensa jedhama. Marsaan shanan
duraa gadaa abbaati; ka lammaffoo kan
ilmaati. Umriin abbaa haga fedhe ‘llee ta’u
akka seera gadaatti abbaaf’ ilmi gadaa shan
garaa-gar fagaatan. Marsaan shanan sirna
gadaa kanneen duraa bakka adda-addaatti
maqaa garaa-garaa qabaatan: Melbaa,
Muudana, Kiilolee, Biifollee, Michillee
(Bahrey 1593; Mohammed Hassen 1994;
Gadaa Melbaa 1981). Murna duraa kana
keessatti ‘mmoo sadarkaa guddinaa keessa
lufaniin (advancement through time)
daa’immanii dabballee, foollee, qondaala,
raaba, doorii jedhamanii hiramn. Murna kana
keessa kan jiran siyaasa, aangoo, aadaa waliin
shaakalan. Kanaaf marsaan shanan duraa kun
akka leenjii daa’immanii (initiation ceremony)
Greek durii ‘practical school’ jedhaniin.
Daa’immanni Oromoo waggaa afurtama kan
keessa tooftaa waraanaa, farda-gulufuu, aadaa,
siyaasa, dudubbii (oratorship) eega
shaakalanii aangoo qabatan.
Oromoon buusaa urjiifi fulaa addeessa
haarawaan (astrology) yoo dhahata (calendar)
dhahatuufi ayyaana heduu kan asiif’-ammaa
—‘here and now’ qofa osoo hintaanee carraa
Ilma-Or’maa kan hegereef’ kan iddoo-dhugaa
illee raajuufi. Deemsa jiruufi-jireenya keessa
lufan keessa (the flow of time and
advancement through time) eda maaltu akka
isaa guute maaltus akka isa hanqate bor
ammoo maaltu akka isa mudatu raajuufi. Jila
ykn jaarraa, buuttaa, bakka ayyaanessuufi
waaqessuu maratti ayyaanni hedamee barri
taramee yoo ta’uu walaloon
afoolee Oromoo iddoo guddaa qaba: siyaasaaf,
hawaasummaaf, waaqessuuf kkf .
Orom-durii irraa kunoo kana dhaalle. Waa
danuun nu caalan; waa duwwaa isaan caalle.
Asaffaa Tafarraa Dibaabaa
1998, Jimma Abbaa Jifaar.
Qabeentaa
I
Edas
1. Muuxannoo
2. Dhiiteefi Bariitee
3. Badanaa Kiyya Isa Guddaa
4. Kakuu Dhalootaa
5. Du’aafi Dulluma
6. Nu Haa Oolchu
7. Mandii
8. ...baay’ee hinbeeku
9. Eegala
10..harki kun
11. Dhugaa ba’uu
12. Hamee
13. Siddisa Birraa
14. ...bofti ‘llee
15. ...leenca ciisee gadoodu
16. ...maddi gidiraa koo
17. ...urjiif hiree
18. Dhidhaa
19. ...sabbati kun kan
Waaqayyooti
20. ...barrichis haaraa
21. Gugee Koo Xiqqoo Koo
22. Seexaa
23. ...namni kun nama kooti
24. Biyya Abbaa
25. Buphaa Gurraattii
26. Taakke-tarakke
27. Awu-Laan-Gey
28. Tokkooyyee-Lamooyyee
29. Ilillii-Lafa-Birraa
30. Atee-Loon
31. Tulluu Abbalti
32. …eelofnaan kan nyaannu
33. …ilaalaa holota na
34. …Alaabaa Oromiyaa
35. ...jimii-jimiitee-Jimmaa
36. …nama mirga ‘saaf ka’e
37. ‘Dukkanaan Duuba’
38. …bara nuyi hinturin
39. Aayyoo Ayyaantittii
40. Hirmii
41. Mana Rabbi ‘jaaru
42. ...iyyaaseen iyyoodha!
43. Faaruu Qocaa
44. Arfii-Afran
45. ‘Abbaa Oduu’
46. ‘Tokkeen-Maali’
47. ‘Abbaa-Oduu’
II
41. Edanas
ykn
Faaruu Haadha-Margoo
1. Muuxannoo
mar’ataan,
sagal hanqaaqee
kaakkisee kaakkisee
ulmaa3 ciisee
saglan baasee,
(ilmaan isaa sooruuf)
holqa-dhagaa bahee...
daka bu’ee:
boolla afaan rifeensaa
ol lixee waa dhabee
3
a ceremonial cult of meditation in confinement.
qoraattii afaan qaraa
yaabbatee waa dhabee
karaa marsaa gundoo
shan marsee dadhabee...
Ilmaan ‘saa saglnuu
kaan kaan loccuu taate
kaan hawaayii taate
tokko Isatti baate.
ilmaan-hankaakaa
hanqaaqee,
muuxa sagal muuxatee
muuxannoo sagal booddee
hadhaa ofii ‘saan of hidde.
2. Dhiiteefi Bariitee
har’a maal uumuree
hunduu dur uumamee
har’a maal tolchuree
hunduu dur tolfamee
har’as maal himuree
hunduu dur himamee
Gaarrii-dha jedhamee.
guyyaan tokko
guyyaa tokkotti
nama dabarsa jennaan
dhugaan se’ee,
indhiya inbari’aa
wal-qixxee hinbari’uu
biiftuun lixxee inbaatii,
wal-qixxee hindhiyuu
guyyaan nama qoodaa
(edaa akkasumaan)?
kaaniif inbari’aa
kaanitti edaa indhiyaa
madaaliin nihafee,
madaan garaa taa’ee
dhugaan soba ulfaa’ee
sobni dhugaa da’ee.
3. Badanaa Koo Isa Guddaa
qallaba qoonqoo koo
Aabboot’ qotee galchee
irbaata qoonqoo koo
Aayyoot’ dhaabee tolchee
iddoo ciisicha koo
anatu tolfatee
hiriyyaa waammatee
natu hafaa itti haammatee.
jooraan ayyaanni koo
mar’ummaan isaa maree
ana jala bulee
golollisa bahaa,
kan tolchet’ fafeessee-
f’ kan qotet’ xiqqeessee
walii ‘saa wallaalee
yaadaan fagoo gahaa,
deemee sorongahaa.
hirribi hinjiruu
garaan ‘saayis dhooqaa
‘yyaanni koo hinboqatu
ciisni ‘saas inquuqaa.
4. Kakuu Dhalootaa
boroodha moo balbalaa
ol moo gadi karaan isaa,
biyyi oogummaan mi’aa
biyyii nagaan rakasaa?
Nama ‘rraas dhalachuun
biyya-lafaa jiraachuun
gatii gatii caaluudhaa,
dhaloota ooluuf miti
dhalatanii baasuudhaa.
5. Du’aaf’ Dulluma
biyya dullumi hinjirre
biyya duuti hinjiraanne
achi dhalooti hinjiruu.
biyya dhaqaan hingalle
biyya galan hindhaqne
du’aaf dullacha qaluu.
warri dullumaa indhaqa
warri dullachaa ingala
warri dhaqu inromma,
warri galu inseeggala
biiftuun lixnaan galgalaa,
hunduu man’ tokko bulaa!
6. Nu Haa Oolchu
duulanii mirga dhabuu
du’anii seenaa dhabuu,
nu haa oolchu.
daldallaan bu’aa dhabuu
qonnaan barakaa dhabuu,
nuu haa oolchu.
waaqaa nagaroo dhabuu
firarraa simboo dhabuu,
nuu haa oolchu.
dhaamsa biyyaa hirraanfachuu
galfata hiriyyaa nyaachuu,
nu haa oolchu.
gabroomanii jiraachuu
dhaamsa Abbaa ofii dagachuu,
nu haa oolchu.
7. addunyaa kana ‘rraa
umrii koo guutuu
yaadees nan dadhabee
barbaadees nan dhabee:
kan akka Haadha ofii
namaa ‘jjin dhiphatuu
akka biyya ofiis
nagaa namaa laatuu.
8. Mandii4
gaafas tole:
moggaan gidduu taha
gidduun moggaa taha
jedhanii raajani.
dhibbi kee dhiibbiidhaaf
dhiibbii goomattuudhaaf
kumaa-kitilli kee
Kumaa kee
Horaa kee,
Hora-Gaantiin5 horoomee
coommoo Daabbusiin6 coomee
mandiidee dilga’ee
umbaawoo diratee
4
4 magaalaa Mana-Sibuu, gara il-aduutti Finfinnee ‘rraa km
590
5
5 Hora
6
6 bishaan dhiha Wallaggaatti argamu
umbaa’ee mar’atee
diilloo cabsee yaa’ee
karra banee ba’ee
umba’ee! umba’ee!
hee-hee! hee-hee!
kan Yabaloo dheedee
kan Bishawoo dheedee
kan tulluu naannawee
kan dugda qaari’ee
Hawaasiin dharra’ee
kan Gibetti ol yaa’ee
Gaantiin osoo dhuguu
gaana da-ddalaguu
Finfinnee araadee
goggoobee baroodee,
goromsi ga’ee randee
dhaltii gurruun mandiidee
caattoo ‘saatiin hoofkalee
karri mandi’aa galee!
8. baay’ee hinbeeku,
baay’ee hinwallaalu.
beekumsi kooyis
wallaala hincaalu.
uumama kooyis
waan an komadhu
akkuma Namaa
mudaa hindhabu
gaarii hinbalfuuf,
aarii hindufadhu.
uumama kooyis
waan an jaaladhuu,
akkuma Namaa
yaaduu hindadhabu
sammuun garboomuu-
fi tuffatamuu,
gonkumaa hinfedhu.
9. Eegala
eega eegalanii
meeqa hinseeggalani.
sagal hindhaqani
sagal hingalani
sagal aggaamanii
lubbuu hinsona’ani.
sagliin bahanii
yandoo hindheessani.
yandee uffatanii
yaada of bal’eessanii
yaaddoo of kaa’anii
bara hinkomatani.
eega eegalanii
meeqa hinseeggalani.
sagal hindhaqani
sagal hingalani
sagliin bahanii
yandoo irraa hindheessani.
dhidhaa of didhanii
kaayyoo irraa hinseesani.
silga Haadhaa hodhanii
horogaa hinta’ani.
dafanii hinquufani
da’ee ofii hinopsani.
Eega eega eegalanii,
meeqa hinseeggalani
sagal hindhaqani
sagal hingalani
muccisaa oolanii
rimaa hindabarsani
kan gu’uun hinoollee
ofumaan gu’uudha,
kan du’uun hinoollee
ulfinaan du’uudha,
eega eegalanii
meeqa hinseeggalani
sagal hindhaqani
sagal hingalani,
lamallee dhalatan
lamallee hindu’ani,
eega eegalanii…
10. harki kun
harki Jawwee kun
harki Jawwee-dhalaa kun,
akka qawweessa arfaasaa
inni quwa’u
akka morma ofirroo
inni waccawu
akka mudhii misirroo
inni dachawu:
akkam ofitti hawwata
akkam ofitti ammata
akka guutuu galaanaa
fuudhee deebisa,
akka qilleensa bonaa
ajjeesee kaasa
akka tuujjuba gannaa
fayyaa liqimsa.
harki kun
harki Jawwee kun
harki Jawwee-dhalaa kun…
11. Dhugaa Ba’uu
kanan jaalla,
kanan jibbas:
yaadee yaadda’uu malee
yaadda’ee gadduu malee
gaddee gadaduu malee
osoon karooree
wixinee xumuree,
maal yaadda’een yaada
maal gaddeen gadada
harmeen hamma isiittii
obsi amantii kootii
abdiin humna kootii!
12. Hamee
osoo hindu’in
biyyoo hinta’in
gaarii godhuuf
wixinanuu,
hamaan ta’us
tolaan ta’us
maqaan Namaa
ka’uu hinooluu!
osoo hindu’in
biyyoo hinta’in
waa dalaguuf
wixinanuu,
(yoo tolanuu,)
maqaan Namaa
bulee oolee
hoomaa hintoluu!
Jiruun Namaa
Nama haa baasus
Nama haa nyaatus
galaanni ‘saa,
kofalsiisaa boboossisaa
sossoosisa dhahaan isaa.
13. Siddisa Birraa
ababoon tahe,
abaaboo birraa
kan qoraattii qabu
waraantoo kan qabu
kan qiinqaniin nyaatte
sariitiin kan dhaalte.
midhaan waraantoo qabuu
akkamiin sanyii tahaa
akkasumaani malee
yoo waaqaa gad roobe ‘llee.
osoo kanniisni
gurmuun dhufee
daraaraa koo
siphate tahee,
xuxuxxuuxee
dammeesse tahee,
firii malee silaa
karaatti hinhafu
baalli koo hincooligu
daraaraan koos hinbu’u
mogoleen koos
na hinlaafu,
yeroo malee hinkufu
bonnis natti hinfufu.
14. boftillee
duruumaa qabee
kakuu-moofaa jalqabee
eega hammina yaadee
gaarii tuffatee
eega hamaa dalagee
eebba lagatee
Uumaa qaana’ee
ija baqatee,
garaa ‘saaf garaan ba’a
garaa ‘saaf garaan bu’a
garaa ‘saaf garaan lo’a
garaaf kufaa garaan ka’a
jiru garaaf jiraata,
du’ullee
garaaf du’a
Boftillee…
15. leenca ciisee gadoodu
korma cabee gadadu
sangaa goobee baroodu
goota quphanee aadu
falaasaa mugaa yaadu
luba lubbuu ‘saan badu
wayyoo yaa maqaa lubaa…
gursummaa mana warraa
meeqa heerumtee galtu
niitii miili karaarraa
Haadha dhala isii gantu,
dachii caattoo ‘siin ooddu
Haadha dhalaan badaddu
wayyoo yaa maqaa biyyaa
wayyoo wayyoo Or’maaniyaa!7
7
7 Oromiyaa
16. maddi gidiraa koo
maaddiin gammachuu koo
kan bona hincinne
kan ganna hinboorofne
gad kan hinhir’anne
yaa’i ‘saa burqaan ‘saa
kan hawwii koo
kan fedha koo,
jireenya koo miti
jiruu kooti.
17. urjiif hiree
ji’aaf hiree
dachiif illee,
dungoo dhihaa
lafaaf qabee
waaqaaf qabee,
guca guyyaa,
anaaf dukkanaa,
isiniif ifaa,
gaddus gadadus
yaalus yeelalus
(yaadaan weenna’us,)
dhiheen bari’aa
koflaa, basha’aa.
18. Didhaa
Haati ilmi isii gabroome
garbummaa-ma faarsiti,
isa faarsaa garmaamti:
karaa guutuu mana koo
karaa ciisa Nama koo
karaa gubbee mataa koo
karaa teessoo ‘Yyaana koo
karaa qaawwaa lammii koo
karaa qaawwaa wayyaa koo
karaa qaawwaa golgaa koo
qaqaawwaa foon qaama koo
darbatee na waraanee
gogaaf’ foon gidduu seenee!
eega gaafa sanaatii
gaafa-gaafoo saniitii
kan ari’ee hinqabne
daa’imee kan na qaqqabu
baqadhee jalaa hinbaane
hiixatee kan na qabu
fiige kan si qaqqabu…
tir-tirii koomee kee
gonjii ‘rra keewwadhu
didhaa sanyoottan kee
booraatii godhadhu
iddoo sii hafeeraa,
bir-kaa’ee kee nyaadhuu
tolchee sii baaseeraa,
dhama kee unadhuu
qoraasee naqeeraa,
yaa miiraan gabaabaa koo
Ilmoo qalbiin garbaa koo.
kun jireenyaa o’a
ifa goobana-ji’aa
goobana boolla du’aa…
kan wareeganii hinsobne
Caattoo isa gurraachichaa
kan ari’anii hinqabne
jabbii isa orogichaa
kan fiiganii hinqaqqabne
Ilma isa sabboontichaa
didhaa masaaneet’ didhaa
gooba goobaa-tu fuudha.
barri hamma gufuuti
dhaqaa-gala si dhoofti
gatii lubbuu dubbifti
karaan kee caalaan tabba
karri kee caalaan garbaa
dhidhaan sirratti hafaa ree
yaa Ilma Abbaan abaaree
hoo’u gundoo-booree!8
8
8 Dubri Oromoo gaafa heerumtuu ‘gundoo-booree’ kan
jedhantu qophaawa. Gundoo kana kan fuudhu laakiin
waa’ila intalaati. Rukuttaafi arrabsoo dubraa kan soodaatee
dheessu yoo tahe ‘booreetu irratti hafe’ jedhaniin.
19. sabbati ‘un
kan Waaqayyooti;
laakiin kan Dubartiiti:
sabbata gaafa shoraa
shora gaafa lolaa
lola tapha gootaa
goota mootii moototaa.
sabbati ‘un kan Dubartiiti
Dubartii utubaa manaa
mana burqaa jireenyaa
jireenya rooba Bonaa
Bona masaanuu Gannaa
Dubartii Namaan olii
Nama masaanuu walii.
sabbati ‘un kan Waaqayyooti
Waaqa gaafa gidiraa,
sabbati ‘un kan Dubartiiti
Dubartii Haadha Dhiiraa.
20. barrichis haaraa
‘bara araaraa.’
arfaasaan dhufee dabre
gannis dhufee
gannis dabre
boqonnaa moofaa
jireenya duraa
jiruu baraa
har’as borus
boqonnaa biraa.
geengoon ‘saa
hindhaabatu
jaliitiin isaa
hincitu.
bubbulaa,
oolaa haaraa.
kan dabrerra
kan dhufutu caalaa,
yaa isa har’aa?
qannoo’llee ta’u gidiraa
sanumatu,
abbaaf xaariidha,
carraadhaaf malee
kan dhumi ‘saa hintolle
jalqabuurra,
jalqabnii dhiisuurra
jalqaba dhiisuut’ caalaa!
21. Gugee Koo, Xiqqoo Koo
Ganni dabree
Birraan lixnaan
Gugeen kooyis,
Birraan lixnaan…
habaaboon dardartee
Siiqqe korma argattee,
……………………..
cuquliisi jennaan,
daka buutee hidda kuttee
baddaa baatee muka murtee
mana ‘jaarte,
lafaan olitti
waaqaan gaditti
ooguma duriitiin:
kan ‘kaakayyuun
kan ‘baabayyuun
kan ‘kaakiliin
kan ‘baabliin,
anaafis ofiifis.
anillee hingargaarree
kan Ganna ‘sa dabree
jaatanii ‘rran turee.
Ganni dabree
Birraan lixnaan
Gugeen kooyis,
Birraan dhufnaan
habaaboon dardarraan
Siiqqe korma argannaan…
bortu har’a mooree
kan dhufutu oolaaree
kan dabret’ dhufaaree9
booreet’ itti hafaaree?
9
9 Kun falaasama bara heduu Oromoo keessaa isa
‘pantarei’ Heraclitus-iin fakkaatu. Laakiin immoo deemsa
baraa gar-lamee ‘two-way’ view / ‘cyclical flow of time’ san
kan mormu.
22. Seexaa
har’as nan yaadadha
ji’a sana ji’a arfaasaa sana
manni koo,
namni koo kan naa laate
nama koo isan dhaale
irraa latee inni an caale
mana jireenya koo
kan abbaa koo durii
kan abbaa isaa durii
ganna hedduu dagadhee
ajjeerraan isaa bulee
kabaan isaa bubbulee
citaa muk’ tokkittiin
keessaa luluqqaatee
akkuma alaa buusee
qaqaa gad arcaase.
utuun tugga’ee balloon qabee
utuun ajjeeree baballiin kabee
dhala-dhala koof darbee…
ji’a sana, ji’a-sokkaa sana,
dukkanaa’ee yeroo hifu
hifee yeroo deebi’u
tulluun fagaaraan ka’ee
muki lafaaf qoomma’u
baalli muka ‘rraa ‘rca’u
cabbiin babbaqee yaa’u
ardii garaan cabbaa’u
an Leeqaa10 bal’oon mura,
Sibuu11-tii hiddan guura
dakaa baballiin haama
baddaa qaqalliin waama
yaadaan muka ol luugaa
yaadaan gogaa gad duugaa
qalbiidhaan dakkuu suphaa
abjuudhaan mana yaabaa:
gaafa gaafa jaatanii
utubaan mana lamaa
gaafa gaafa yaadanii
dhugumaan namaa gamaa
geeraraa,
yaadaan yeelalaa
ji’a sana
ji’a sokkaa sana
itillee ciisa koo
ciccittuu qomee koo
dakkuu Haadha-Worraa koo
halkanii-guyyaa uffannu-
raafuu huuroo gugguutee
ibidda gubbaa qoqu
cuunfinee ittiin rafnu
bara ittiin dabarfannu
10
10 Damee latiinsa Oromoo Maccaa jala
11
11 Damee latiinsa Oromoo Maccaa jala (Triulzi, 1990).
lolaan keessa lola’ee
daaraaf’ beelli nu dha’e…
biddiqqoon natti aantee
gogaa koo achi aansitee
huuroonis baasa baasee
raafuu of keessaa dhimmisee
bishaan qofa hambisee.
eega bara sanaatii
Arfaasaa fuulaan jiru
osoo roobi hinroobini
biyyeen osoo hinurgaa’in
lafti osoo hindhoqqaa’in
safaraan qoqophaa’ee
duroon dura’ee kaa’ee.
23. nami kun nama kooti:
hama koo hindubbatu
hamaa koo hinjaalatu.
nami kun baattuu kooti:
gu’aa na hoosise
naqee na obaase
hafee na raffise
baatee na guddise,
haati koo da’een too
da’een, ulfaattuun too
ulfa anaan kan duute
of ciniinsifadhee
du’aarraa dhaladhee
gad rom’ee jiita’ee
harka dooluu ta’e
har’a Nama ta’e!
nami kun yaalaa kooti:
madaa garaa kootii
hidda andhuura kootii
isa haati-hormaa
harkatti marattee
doomaan rigdee kutte,
andhuura koo gubbaa
kan godaannis ‘saa
hamma qarree durbaa,
inni naaf dhukkubee
moofaan naa guggubee,
nam’ kun hiriyyaa12 kooti:
hiriyyaa gooran-takkaa
guyyaa tokko uumamne
waliin biiftuu argine
wajjiniin silga hoone
wajjiniin biyyoo daakne
wajjiniin dhoqqee laaqne
waliin daa’imnee kaane
wajjiniin kaarra baane
wajjin tulluu qaarine
waliin yaafnee galchine,
nami kun miiltoo kooti:
qofa-qofaa ‘mmoo baanee
addaan-adda babbanne.
inni ofii ‘saa barbaada
an ofii toon barbaada
Ofii walii argannee
miiltoo walitti taane,
nami kun Nama kooti.
12
Akka seera Oromootti dhalooti yoo gadaan isaanii
jaarsolii waliin tokko isaan taasise jaarsa (akaakayyuu)
waliin hiriyyaa jedhaman. Dirqamas wal qixa qabaatan.
Kanaaf ‘akkoon akka/ gayyaan akka-maleedha’ jettee
akkoon saala akka qoosaa ilmaan ilma isiitti mammaakuun.
24. Abbaa Biyyaa
jaalala jaalaa
kan maddi ‘saa
hidda handhuura jalaa,
jaarsa jaarii surraa
hojjaan namaan olii
umriin isaa dheeraa
kan maddiin isaa qoore
fuulli isaa kan shuntuure
kan coraan isaa wal guure
jaarsa harriin bukoo
kan arrabi gurraachaa
kan dhaabataan tiratu
jaarsa qoma dabbasaa
kan dugdisaa machallaa
kan Dachii ‘saan fakkaatu
Aabboo Abbaa Muudaa
Aabboo Abbaa Gadaa
Gadaa Uumaan boodaa
Gadaa Uumamaan duraa
sokaa sookka’uu ‘saa
sokaa eebbisuu ‘saa
sookkoo lafa dhiqu
dhiqee hinqulleessine
akka lolaa Arfaasaa
eebba dhahaa roobu
roobee hindhoqqeessine
akka rooba caamsaa.
25. Buphaa Gurraattii
waaqa baatti!
Abbaa-warraatu
mataarra qabatee
warajoo hidhatee
ayyaana araarfate,
kanaaf waaqa baatti.
saqalaa ‘rra haa buluu
barii haa kuukuluu
kormaa kaa’aa jennaan
gurra afarsanii
tokko hafatanii
tokko uffatanii.
iddoo tolchaa jennaan
qoommii cabet’ dhibee
fayyaa akka hinkeenyee
fayyaa wal hingeenyee…
baallee qabaataniif
fagoo hinqubatanii
ilaan ilaalaniif
hundaa hinhubatanii.
ka’uu ganamfattus
gataa ‘rraa hinfagaannee
babbattii qabaattus
balali’uu hintaanee
Abbaa-Baddaa taatee
samiirra hinqubannee
kormaa ollaa hindhaqxuu
gandatti hinhanqaaqxuu
akka wanta hankaakaa
ol fuutee guddistee
gad qabdee kaakkistee
qilleensaaf hanqaaqaa
waan fafaa mammaakaa
suuqa suuqa of suuqxee
suuqatti haharcaastee.
hantuutni haa hammatu
bashoon haa babaastu
osoo golgaa hincabsin
ala osoo hinfafeessin
(gidduun moggaa tahee
moggaan gidduu tahaa)
keessaa-duubaan nyaachaa
boo’aa wawwaachaa:
woo buphaa! woo killee!
woo ‘nqaaquu,
gurraachaa!
26. Taakke-tarakke
(Kuulanii, Ibsituufi Jiksituuf;
Addooyyee walii,
tiira akka walii.)
* * *
magaallee Haadha Magaal
obbolleettii Abbaa Maggal
dhallaadduu dhala dooraa
ilillii bishaan biraa
loosha burqaa qarqaraa
suuraa surraa dachiirraa
gaaddisa qarree gaaraa
daraaree lafa birraa
gaaddidduu Ayyolee uumtuu
giiftii simboodhaan guutuu
waaqee guntuta biilaa
kan aggaamtee hindhabne
qaroo qara sibiilaa
yaa Sibiil nyaara kuulaa
ajjeeftee lubbuu hinbaafne
fayyiftee hin-nuffine
kan samii foxxoqsitu
koobii worqee jiksitu
aduu mil’uun dhaamsitu
kan biiftuun irraan dhiitu
boruun irraan diimattu
ji’a qarree irraan baatu
magaallee Haadha Magaal
obboleettii Abbaa Maggal
qadaadaa kootu hir’uudha
Aayyootu irraa buufate
Shayeetu irraa abbuuqqate
dhiyaana koot’ seelkoodha
ekeraatu soorate
caattootu irraa cabsate
eker-dubbiftuut’ nyaate
cabaan walitti haafayyuu-
ree hir’uun keenya
haa guutuuree?
waree keen deebii dhabewoo
wareegat’ si hingeenyeeree?
yoo foonni lafa tuqe
biyyoo hinfuudhin hafaaree
yennaa dammi hadhaawe
yoo eebichi miyaawe
hireen keenya wal biraaree
anaafoo kana hiree?
wareegami du’aaree
duuti wareegamaaree
dhugaan badee hafaaree…
27. Awu-Laan-Gey13
Dachii gurraattii lilaa
Waaqni ‘gurraachi’ jiraa!
13
Awuliyyaa Laan-gey
Bara-jilba- na-ga’ee
bara ibilisni mo’e
Biinii-Adam ardii raa’e
bishaantu samii bahe
ifatu dukkanaawe
guyyaatu baatii tahe
baatiitu waggaa da’e
Biinii-Adam sagal caale
umriidhaan dheerate
ardii gubbaa bubbule
lubbuun cubbuun wal saalte
sheexanni mirga argatee
jinnii mandoo yaafatee
Biinii-Adam cabsee bite.
bara-jilba-na-ga’ee
bara ardiin xuraawe
Uumaan Uumamaaf boo’e
foonni akka cabbii baqee
laga irraa dhufe dhaqe
imimmaanni lola’ee
Calanqotti wal ga’e
bara weedduun shimbiraa
‘jilba-na-ga’ee!’ ta’e
bara-jilba-na-ga’ee
bara soora Awu-Laan-Gey
bara Noho raamate
Rabbi ‘rraa adda argate
Biinii-Admiif dhaabate
bara ‘arraagettii’ adii
duuti ardiidhaan gadii
osoo taa’anii mugu
fuula Nabii dalagu
Awliyaa wajjin fagu
Nab’ waliin dorgee fiigu
raaga iddoo-dhugaa raagu
bara-jilba-na-ga’ee
muka takkatu ture
Rabbi jala boqatee
dalaga ‘saa raawwate
muka dhaaba Nabii
ka Risaan irra bulu
ka Leenci jala oolu
bakkalchi irraan addaatu
ji’i irraan quuqxee baatu
ka shimbirroon faarsitu
ka addooyyeen faarfattu
Halloo Dheekkaa waammattu
Ilma-Or’maan jila baatu
muka Ate-Loon jala ciiftu
waatiin ‘sii jala ejjitu
muka urjiin irraan baatu
biiftuun irra ijaajjitu
kan qorsi irraan dabramu
duumessi irra marfamu
jennati irraan argamu
waaqni irraan guguumgumu
kan baakkalchi irraan ifu
samiin irra gugguufu
muka dibaaba Nabii
Rabii jala boqatee
seera-uumamaa raawwate
gaaddidduu waaqa Nabee
gaaddisa Waaqa Bultum
gadaa ayyaana Bisil
Nabi ergamaa Rabbii
furaa qalaaxee qalbii
muka hiddi ardii dhise
kaabaafi kibba hulluuqsee
Ilma-Or’maa luba baasee
ardii guutuu qubsiisee
dibaaba Or’maa cufa
dawoo surraa biyya-lafaa
faatii Halloo Dheekkaa fa’a
bakka bulltii Awliyaa
galma murtii Ogliyaa
madda tuujuba Ateetee
ulaa Ayyoleen boqatte
teessee dhiiga itichite
masheenaaf Ilma arjoomtee
bakka Or’maa itti ulfooftee
Halloon qarree ‘ishii buufte
Ilma-Oromaan dhalate
Or’maaniyaan maqaa argatte.
bara-jilba-naga’ee
muka takkatu ture
kan Rabbi itti boqate
dalagaa ‘saa raawwate
lubbuun itti boqattu
Dachii Halloo Dheekkaa gubbaa
Gubayyaa Rakkoon duubaa
Dachii aanan jalaa burqu
aanan Annoolee Nabii
aanan raamata Rabbii
Ogliyaa Atee-loon-
kan ofii daaree uffisu
beela’aa beela baasu
kan dheebotaa obaasu
kan harka qabee kaasu
imimmaan Jiloo Garbii
kan bona yaa’ee hincinne
ganni ‘saa wal hincaalle
raagduun raagaan hinceene
dhiiga ilmaan Halloo Dheekkaa
kan kaaba ‘rraa gad yaa’u
hara Laan-geeyn boora’u
samiin balaqqeessa’u
Calanqoon yaa’ii taa’u
Calanqo ilkaan dammeessu
dhugan nama hirmeessu
ekeraa keessumsiisu
lubbuu bulchee geggeessu
Atee-Loon farda Nabii
yoo fe’an ba’aa gattu
gaadi’an gaadii cirtu
yoo yaaban nama urguftu
Hormaaf’ Ilma-Or’maa
addaan beektu!
bra-jilba-na-ga’ee
bishaan takkatu ture
kan laga Ogliyaa oolee
malkaa Awliyaa bulee
malkaa Rabbii boqatee
seera-uumamaa raawwate
harka ‘saa itti dhiqate
laga inni itti salaate
laga dhaloota Dhiibaa
dhaabaa miiloo iddoo dhibbaa
Dhiibaa Waataa Abaa Gadaa
Dhiibaa Dalloo Abbaa Bunaa
daraaraa jahan Garbii
gad’ dhaabaa miiloo Nabii
mallattoo badhaadhumaa
ejjannoo bilisummaa
nageenya Biinii-Or’maa
injiffannoo ilmaan-kormaa
hundee bokkuu ganamaa.
bara-jilba-na-ga’ee
Awuuf’ Ogliyaat’
wal gaye:
Awuliyyaatu gad bu’e
Awu-Laan-Geey ‘rra taa’ee
Awuliyyaa Halloo Dheekkaa
isa atoorara bulu
isa qaaxiraan lolu
isa geeraraa oolu
Awuu ‘sa lafa hinteenye
saqalaa ‘rraa hinbuune
waaqa isa falaan falu
killoo-bunaatti galu
isa killee fagsiisu
teepha harkaan deemsisu
Haroo Laan ijaajjisu
samii gadi foxxoqsu
Halloo gubbaa ceesu.
Awuu Waaqa Laan Dheekkaa
Dheekkaa Haadha Gubayyaa
Gubayyaa Warra Rakkoo
Rakkoo qooda Ilmaan Or’maa
Or’maa ilmaan Or’maaniyaa
Biinii-Or’maa warra biyyaa
dubbataa Afaan Or’maa
afaan seera-uumamaa.
Or’ma ziqaaya uffatu
Awliyaa ‘yyaaneffatu
isa roobi ‘dhee roobsu
caaami yoo jedhe caamsu
Or’maa afaan Waaqoo beeku
Or’maa daangaa Waaq’ eegu
Awuliyaa Laaniif’ Eeboo
nyaataa dhangaggoof’ qobboo
Waaqa Cooroofi Hoboo14
Awuliyaa warra Oyiluu
Nabi Abbaa Boriifi Iluu
Ateetee beera Or’maa
waccaaftuu qaccee mormaa
qoodduu qooda ilmaan namaa
soortuu caama ganamaa
ulfaattuu haadha biyyaa
14
Hoboofi Coora kan Oromoon Maccaa akka abbaaf’
ilmootti ykn angafaa quxisuiutti (booranaaf’ Gabbarotti)
safuu walii qabaatu (Triulzi 1990).
baattuu ilmaan Or’maaniyaa
hoosiftuu harma Mandiyaa
deemtuu karaa qilleensaa
fokkoo fuula rifeensaa
jaartii areeda leensaa
dhidhiibduu caba ogeessaa
dhiibduu masaanee Irreessaa
Biinii-Adam gaafa aruuzaa
gaafa aruuza Awu-Laan-Gey
ayyaana Hormaa dhaalee
Awuliyaaf Korma qalee
bishaan muka itti ol yaabee
Dhaaba Muusaa dhaabatee
bidiruu Noho yaabbatee
‘woo! jilba-na-ga’e!’ jedhe
Calanqoon ragaan ce’ee
Hara Laanitti bu’ee
Annooleetti gad yaa’ee
Shaggooyyeen beera yaamee
beerri Heelleen garmaamee
dubreen heelluu facaaftee
jimaan dirree facaatee
bishingaan daarotaatee,
Binii-Adam waa falatee
Ogliyaaf Atee faarsee
bishaan muka itti yaabee
Hara Addeellee bubbbisee
bidiruu Nohoon gulufaa
‘woo! woo!
jilba-na-ga’e!’
jedhe.
allaa-huu-akubaruu!
ka’iir manaama gaarii
Or’maaniyaatu ifa ba’e
beeratu ulma ciise
bishaan-badiisaa ingu’e
lafoo lafa ceesise
niyyaatu bara eeggate
kunoo gulubii ga’e!
28. Tokkooyyee-Lamooyyee
foon tokkotti
lubbuu lama
tokko yoo du’u
tokko jiraacchuuf
laphee tokkotti
onnee lama
tokko yoo jibbu
tokko jaalachuuf
mataa tokkotti
arraba lama
tokko sookka’u
tokko eebbisuuf
garaa tokkotti
yaada lama
tokko yoo dhaabu
tokko buqqisuuf…
foonni foon ajjeesee
foonni foon madeessee
onneen onneen dhiigee
onneen onnee dhiigsee
onneen onnee doomsee
lubbuun lubbuu ajjeesee
lubbuun yoo labuu labduu
kan qabdee dhiiftu dhabduu
“ta’uu-”fi “hinta’uu” gidduu
yoo guggubdee of qammattu
yoo gar-lamee taatu
yoo maraan-martoon kuftu
yoo ibidda hawwiin of waaddu
yoo gidirtu badaddu
tokko tokko gidirsu
tokko tokko adamsu
tokko tokko basaasu
yoo tokko dhabamsiisu
maalii,
Uumaan seera wallaalee
seera Uumamaa malee
tokko lama tahaaree
kan tokkoo maaltu tolee?
29. Ilillii Lafa Birraa
duumessaan marfattee
hurriidhaan makamtee
ji’a-sokkaan baatee
dukkana ibsitee
qorsa-barii taatee
waaqa ‘rraa gad buutee,
kan Ayyoon handhuurte
Maareen kan boojite…
hurursee si hinraffisu
ciisni koo wal nu hingayu
qoraasee si hinobaasu
Irree kootu hindachayu
yaa ‘Lillii,
Ilillii uumamaan lilaa
kan kee ‘mmoo
carraan maal-laa?
30. Atee Loon
1
silgi kee,
dhiigi ilmaan kee
dhiigi dannaba-aabbaa
akka madda hora kee
akka saglan eela kee
akka afran mucha kee
lolaan lola’a
hededa ‘rraan cabsee
guutee danbali’a
kaabaafi kibba ‘rraan
barbaadee wal gaha
haroo hingogne taha
humna waaqaa qaba
gaara cabsee burqa
akka dhiiga gootaa
akka imimmaan haadhaa
in guba inbulluqa.
2
silgi kee,
dhiigi ilmaan kee
madda sagaliin yaa’a
sagliin tokko taha
waliisaan baddaa baha
walii ‘saan daka bu’a
waliin buuba
waliif boo’a
waliin boona
bulluqee bubulluqee
danfee waaqa gaha
hurrii dhaabee haddaatee
duumessaan marfatee
waaqa tahee angaasa
uumama garaa raasa
biliqqee ‘saan boba’a
bakakkaa tahee bu’a
bokkaa tahee gad roobsa
Dachii dugda isii jiisa
foon maddii ‘sii isa qoore
fuula ‘sii isa shuntuure
qaama ‘sii isa walguure
magariisa uffisa
faana bineeyyii hamoo
dhiqee irraa qulqulleessa.
3
dhiigni kee
dhiigi ilmaan kee
maddi ‘saa yaa’ee hincitu
bonaafi ganna hingogu
loon warra Odaa Nabee
kan warra Odaa Bisil
kan warra Odaa Bultum
kan warra Makkoo Billii
loon warra Odaa Bulluq
loon kan warra Sadachaa
-tumaa hara kee dhugu.
4
dhiigi kee,
dhiigi ilmaan kee
dhiigi ilmaan kee qoricha
dhibamaa ciisaa kaasa
beela’aa beeluu baasa
lubbuu rafu abjoochisa
raadden quufee didicha
kormi goobee mirriicha
ari’ee qabuu malee
fiigee qaqqabuu malee
du’a saree hindu’u
lafeen ‘saa hinligidaa’u
foon isaa koobii hinta’u
lubbuun isaa du’ee hindu’u
amajaajiin isaa hinoofkaltu
gumaan isaa baddee hinhaftu
ekeraan isaa hinookoltu
qurxummii horii-waaqaa
angafa Uumamaa taha
galaana galee daaka
olii-gadi hulluuqa
tuujuba keetti hanqaaqa
hora keetti wal hora
Uumama hundaa caala
mootii lafa ‘rraa taha
biyya-lafaa isat’ dhaala.
5
dhiigi kee
dhiigi ilmaan kee
dhiigi ilmaan kee soogidda
jiruufi jireenya namaa
isa hadhaawe mi’eessaa
dhiigni imimmaanni kee
dhiigni ilmaan kee ibiddaa
jireenya biyya-lafaa
isa doome qaroomsa
imimmaan kee qoricha
loollifataa fayyisa
imimmaan kee aanan kee
lolaa tahee lola’a
rooba tahee gad rooba
Dachii dugda qulleessa
lubbuu qooqxe gabbisa
dameen keeyis gaaddisa
quxubii gaaddisiisa
6
laalaan laalaa dhala
laalaa guboo dhiitoo
laalaa kuukkii tahu
kan keessaan dhiita’u
keessatti mala’u
hidda dhiigaa muddee
foon keessa tamsa’u
kan mataatti ol yaa’u
dhiitoo gadamoojjii
yoo kaan hinmalaane
nagaa namaa hinlaanne
laalaa, maalaa
dhullaa madaa bal’aa
7
hiddi kee akka rirmaa
lafa keessa deema
dameen kee bargaagee
dhihaa ‘rraa argama
saglan ilmaan Or’maa
sitti hirreeffata
biqila guuttatee
sitti dhibaafata
jilba jabbii saglan-
tu sitti jilbeenfata
halagaan baala keen
biqila ukkaamfata
anxaxii kee cabsee
ibidda o’ifataa
bukeessee tolfata
mataa sitti haaddata
eela kee goomata
hora kee gad tuma
reeffa sitti gata.
gaaddisa kee
leencaafi qeerramsa-
tu si jala boqata
bantii kee,
mootii kanniisaa-
tu keessatti gudddata
waaqummaa keet’ dharaa
maaliif hinfalmattu
maaf sobaab si waamu
maaliif siin dhaadhatu?
8
ganna meeqat’ darbee
bona meeqat’ dhufee
biftuu meeqat’ lixee
halkan meeqat’ fufee
dhiiga hammamiit’ cobee
lafee meeqat’ kufee?
shimbirri-galgalaa
muggduun teessoo gaaraa
himtuun magaggaraa
sii gumaachitiiree
hurunguun halkanii
boossuu ija imimmaanii
gaarii farriftiitree!
9
waraabbii laga kee
ekeraa hormaat’ dhuga
lammiin kee dheebotee
of irratti muga
horma harma hoosiftee
ilmatti guddiftee
kan kee garaan gogee
keessi tatarsa’ee
of keessatti dhiiga
kan kee koflaa boo’a
kan kee qotaa deegaa
hormi ol fuudhee ililchaa
kan kee imimmaan cobsa
hormi nimirriichaa
lammiin kee ingidiraa
hormi worqee ungulaala
yoo qote dilbii dhaaba
baloo bu’ee dibata
kan keen sitti geerara
kan kee maa mirga dhabaa?
Maaf gurgudduun gubataa,
maaliif yaadaan yeelalaa?
10
angafti doofaadha
doofaan niarjooma
osoo qabuu deega
deegaan nioogoma
ekeraa ilmaan hormaa
maaliif araar jettaa
maaf itti firoomtaa
maaliif dhibantoomtaa
maaliif wajjin nyaattaa
damma waliin makanii
summii afaan si kaa’u
si qaluuf si hoossu
elmuuf si gaadi’u
11
odaa waaqa Fooqaa
maddiin keewoo qooree
qaami kee shuntuuree
hiddi qaama keetii
nyaarri fuula keetii
wal xaxee wal guuree
jaftaan areeda kee
rifeensi mataa kee
sirratti daraaree
ba’aan sitti ulfaattee
duuftee goophoo taatee
waaqummaa keet’ dharaa
maaf hininjifattuu
maaliif hindhiibbattuu
wayyaanis gogaanis
lachuu kan ofiitii
kan namatti aanuu
kan addaan hinbaane
qofat’ qaama ofiitii
didi abshaalomi
dhalli hormaa hormumaa
nyaattee karaa ilaaltii
lilmoon kan ishee hinbeektuu
qaawwa hormaa duuchitii
qotee dilbii hindhaabu
duulee haainjifatu
daabee bassaa haa dibatu
lubaan wal haa waammatu
lammii keetti hinarjoomtuu?
12
dubbadhu maal calliftaa
maaliif calleensa taataa
maaf yaadaan calii yaaftaa
jirba gurraacha footaa
qalamii meeqa baaftee
dhooftee eenyuun daara baaftee
Taaddee biyyee uffiftee
dhagaa boraafachiiftee
yaadaan ganda hinlabinii
deemtee hinsoronga’inii
tumaa eela kee eegi
madda hora kee dhugi
nutti surraa hinbadinii
eebbi sookkoo hinta’inii
aarsaa ijoollee kee fudhuu
kan ofiitu mi’aawaa
kan hormaa turee hadhaawaa
kormi goobee haabarooduu
goromsi ga’ee haa randuu
loon gurruun haa mandiiduu
cobi, yaa’i
maddi, lola’i
dhiigni kee imimmaan kee
eelli kee dhiigi ilmaan kee
bishaan torbatti haa naqmuu
galaanatti haa makamuu
biyya-lafaa haa naannawuu
halaalatti haa makamuu
dhugaan sirraa haa madduu
dheebotaan dheebuu haa ba’uu
cobi, yaa’i
maddi hinwaakkatinii
waaqummaa kee hinshakkinii
afran-qilleensotaa
madda keerra taa’uu
biyya-lafaa marsuu
iddoo-dhugaa ga’uu
madda keerraa geessuu
ulfina kee himuu
boora’uu kee jibbuu
gu’uu kee dheekkamuu
balaqqeessaan hifuu
bakakkaa ‘jjin hifuu
duuessaa ‘jjin deemuu
cobi, yaa’i
lo’i, lola’i
kormi goobee haa barooduu
dhugaan sirraa haa madduu
dheebotaan dheebuu haa ba’uu
aarri kee araarri kee
iddoo-dhugaa haa ga’uu
mee miili mataa haa ta’uu
eegeen dura haa deemuu
sammuun si haa bilisoomuu…
31. Tulluu Abbalti15
waa jaha jaju,
jaha qofa maal jaju
Abbalti lafa hankaakee
samii ‘rraan gad ijaajju
Tulluu ergamoo Rabbii
waardiyaa galma Nabii
15
Utubaa Jaanjaroo. Gibeen ol bahanii bitatti argama yoo
Jimma dhufan
Abbalti ‘rraan gad ba’u
Gibee ‘rraa jimaa bu’u
du’aaf Rabbiin salaatu
jannata akka argatu
jiraaf duwaayii taa’u
duuniyaa akka argatu
duumessaan maratanii
yandoodhaan makatanii
qorsa waarii tahanii
biyya-lafaa tohatu
magaariisa uffatanii
magartuu fakkaatanii
Dachii hooda gaafatu
korommii gooba lamaa
Atee-Loon mucha lamaa
jiboota ancafa torbaa
dilloota maala dhibbaa
raadden randa wataraa
bookkiftuu boontuu Gibee
lallabduu raajii durii
raajjuu Abbalti gaaraa
himtuu sheenaa bara har’aa
waa jaha jaju!
jaha qofa maal jaju
tulluu gaara-arbaa malee
sami inkufa hinijaajju
Atee-Loon roggee dheeraa
faarfattuu haadhoo dhiiraa
Ateetee ayyaana beeraa
gaarren kan abbaa gaaraa
lageen kan abbaa lagaa
muummeen kan
abbaa muummee
Dachiin kan Waaqa uumee
qubillee wal caccaala
laftillee lafa caalaa
mukillee muka caala
qomoonillee akkasuma:
kaan ziqqaaya uffata
dhagaa siidaa dhaabbata
kan ziqaaya uffatuyyuu
kan Odaa irreeffatu ‘yyuu
Odiniin kan faarsu ‘yyuu
Rabbi hundi beekaa uumaa
hammana seerri uumamaa
waa jaha jaju!
waa jaha maalsaa jaju,
Gibe-shan hedduu raajuu
osoo Uumaa hinyakkinee
Haati Margoo hinbajajjuu
goodaan Caffee-Bal’oo
madabiin Tulluu Boolloo
Dachiin dachaaftuu Gibee
qoraattii waaccuu malee
dhisaa ogeessaa malee
ofii ‘saan hindiriirree
uummoon osoo hindheekkamnee
Uumaa osoo hinkomannee
gofla buusee hingaddu
karaa samiirraa dhiisee
Dachii gubbaa hinbaddu
weenniin osoo hindhibamnee
bariin ka’ee hinkorrisu
Dachii raftee hindammaqsu
Haadha Or’maa garaa hinraasu
Waaqni osoo hindal’annee
seerr’-uumamaa hinjallannee
maddi walaabuu hinguunne
Odaan osoo hingubannee
Hormi gubee hinqammannee
Waaqni silaa hindheekkamu
angaasaan Dachii hintumu
Adduuniyaan biyyeedha
silaa hammaaramee hindhumuu
Haati Bunaa hinmasheentuu
Bona illee Gibe guutu
waatiin horogaa hintaatuu
Rabbii du’atti hingatu
waa jaha jajuu
jaha qofa maal jajuu
Ilma-Or’maan raajii raajuu
Lafa ofiin ka’ee ‘jaajjuu
jaamaa moora ilaaltuu
re’ee qullaa dhoqfattuu
harree daaraa lagattuu
damma daamuu filattuu
bookee bokkaan bookkiftu manqallii
dhodhowaaftuu
harreen mi’aa dammaa hinbeektuu,
gadadoon gadaa hinfeetuu
jaha qofa maal jaju
warri Limmuu ‘yyuu raajuu
roggee samii ‘rra ijaajjuu
karri karra ‘saa malee
lammiin lammii ‘saa malee
halagaa bira hinejju
Abbalti utubaa Waaqaa
Rabbi ittiin gad bu’u
akka riqaa befrosti
Frigga-n yaabdee buutuu
Nabi ‘rraan deddeebi’uu
Oromiyaa ususee waamuu
mirga abbaa mirgaaf himu
tumaa Abbaa Seeraa tumuu
Ilma-Or’maatti araaramuu
hinjigdu hinkuftu lamuu
waa jaha jejuu
jaha qofa maal jajuu
Tulluu Gaar’ Arbaa malee
sami inkufa hinijaajjuu
raajonni duruu raajuu
Gibe gaarren ol yaatuu
cilalluu korma haatuu
koomoo gaanfa qarattuu
mixii duboo suuqqattuu
guchii gofla isiin kaattuu
Arba ciiftee foolattu
qocaa yeeyyiin dorgomtuu
giiftii gharbaan garboomtuu
xomboreef miila dhiqxuu
‘mirga ilmaan-namaaf!’ jettuu
biiftuu Abbalti ‘rraan baatuu
ji’a Roggeen goobantuu
waa jaha jajuu
jaha qofa maal jajuu
waliyyiin raajii raajuu
gaaddisa Odaa jaajjuu
jaha qofa maal jajuuu
biiftuu dhiha ‘rraan baatuu
bakkalcha guyyaan iftuu
Oromtittuu injifattuu
Or’maaniyaa luba baatuu
raajonni duruu raajuu
du’aa ofiin ka’ee ijaajuu.
32. beelofnaan kan nyaannu
dheebonnaan kan dhugnu
daarraan kan uffannu-
f’ kan nama oolchinu
miti rakkoon keenya,
midhaaniif’ bishaanni
uffanniifi manni
martuu nuuf qabeenya
gadaatiifi aadaan
afaanniifi amantiin
hunduu nuuf jireenya
garuu, biyya biyya
eessa teenyaa?
33. ilaalaa holota ‘na
yeeyyii keessa ooluu
bineensaa ‘jjin buluu
hormaata warra dakaa
aannan rooba bokkaa
kan qaroon bakakkaa
qorsa saglan duukaa
ilaa hoolaa Rabbii
hoolaa duboo doombii
kan qooqni isii bookaa
hoolaa gurruun bilchoo
kan muchi isii xiyyoo
darbattee hindabduu
seeggaltee hindhadhabduu
ilaa hoolaa Rabbii
bantuu karra Nabii
dhugduu Hara Lukkuu
dheedduu coommoo Dambii
boontuu qalbii gabii
kuullee duboo doombii
mirriissuu shubbisuu
cerceree raasuu ‘shee
duboo urgufuu ‘shee
daabee facaasuu ‘shee
dabbasaa harcaasuu ‘shee
ilaa hoolaa Rabbii
seeggaltuu ilmoo Nabii
yeeyyii ‘rraa hafuushee
hiyyaa hoofkaluushee
yaa quruphisuu ‘shee
duboo facaasuu ‘shee
ilaa hoolaa Waaqaa
fakkoo durbee Sibuu,
Oromtittii, Leeqaa.
34. Alaabaa Oromiyaa
afarfaajjii Waaqaa
Aayyolee ulmaa diinqaa
loltuu farda booqaa
laliftuu Or’maaf maqaa,
aayyaantuu ayyaana hedduu
samiif’ ardii gidduu
‘jalli kee bishaanii
irri kee midhaanii…’
sitti hirreeffannaa,
bishaan kee imimmaanii
midhaan kee foon dhiiga
magartuu Abbaa Margoo
ibsituu ibsaa dungoo
afarfaajjii Waaqaa
faajjii Bilisummaa
Birmadummaa-
f’ Nagaa.
35. jimii jimiitee Jimmaa
jimaa jannata jamaa.
jimii kee kana,
jimii jimiitee Jimmee:
sobni dhugaa ulfaa’ee
sobee hinciniinsifatuu
haqa ‘rraa haqa malee
dhugaa ‘rraas dhugaa malee
sobni takkaa hindhalatu
dhalatus hinguddatu.
36. nama mirga ‘saaf ka’e
haqa ‘saaf manaa bahee
gufuun isa hinrukutu
hamaan isa hinmudatu
yoollee sheexanni gaanfaa
jiniin dhibantaan golfaa
karaatti isa quunnamtee
qoree dura horditee
aarsaa hintaane gaafattee
osoo haqa ‘saaf loluu
du’us of hinawwaalu
fagoof ka’ee dhiyoo hinbulu
gofla baasallee malee
kan Rabbi jedhe hinoolu.
37. ‘Dukkanaan Duuba’
bara baraariin dhibe
barariit’ weessoo dhaala
ameessat’ ala bula
waatiit’ mar’achaa oola
wallaalaat’ Luba caala
Lubatu hiika wallaala
lammiit’ lammiitti duula
namat’ bosonaan tola
bineensat’ qe’ee gala
muka-bunaat’ gofola
dheeruutu irraan biqila
bara ‘baharri’ goguu
qoreen keessaan dagaaguu
bara Abbaan Biyyaa deeguu
halagaan quufee faguu
bara qeerramso daaguu
dullachi qocaa fiiguu
bara sareen baroodduu
leenci quphanee aaduu
bara dhiigi abbaa-dhugaa
imimmaanni haadha-iyyeessaa
roobee bonaan dhoqqeessuu
lola’ee garba ciisuu
galaana booruu ta’uu
ardiin balaqqeessa’uu
qurxummiit’ qabduu bara
Rabbiit’ garbicha maara
sangaatu waanjoo capsa
reeffat’ ka’ee taammisa
guyyaatu dukkanaawa
boora’ee qulqullaawa
ji’at’ guyyaan gulufa
dukkana-duubaan ifa.
38. bara nuti hinturin
warri turan,
warri Orom-durii
bara nuyi jirru
har’a hinjiran
warri durii-durii.
bara nuyi jirru
warri hinjirre
warri Orom-borii
Bokkuu nu gafaatu,
Seenaa
Tumaa-Willeef’ -Bilii.16
39. Aayyoo ayyaantittii
kofli cichi
boo’i ililchi
rirmaan sirra deemuu
16
Akka Alessandro Triulzi (1990) seenaa isaa barreesetti
“Makkoo Bilii is claimed in turn by most major descent
groups of the western Mac’a (he is alternatively said to be
Leeqaa, Sibuu, Sayyoo, Tummee, or Jimma); his politico-
religious functions are diffuse (to some he is an Abbaa
Bokkuu, to others an Abbaa Duulaa; some informants claim
he was a raajii or prophet); as for his deeds it is unclear
where he performed them: all details concerning his life are
purposedly left in a geo-historical haze that facilitates
regional or ethinic appropriation (Tesema 1980; Bartels
1983; Mohammed 1983; Negaso 1984).
faayaa kee si saamuu
faayaa Oromtittii
Aayyoo
Aayyoo Oromtittii
kofli ccichi
boo’i ililchi
qurciin si qabatu
hir’uun sirra ejjatu
weessoo kee goomatu
gaadiin si elmatu
horanii hinqabanii
nyaatanii hinquufanii
dhufan hingalanii
galata hinjedhanii
warra-fidaa-infixnaa
warra-‘dhumu-inbinnaa’
warra-dugda-harree
warra-garaa-saree
warra-Waaq’-abaare
Habashaa-Abbaa-Baah’ree!
40. Hirmii
hinfayyu hinwayyaa’u
madaa-saree hinta’u
hingodaannisaa’u
ddho’ee hinmala’u
onnee ‘rraan dhiita’ee
foon xannacha tahee
madaa’ee madaa’ee
kulkulee xiraa’ee
keessatti gad coba
dhiigatti makama
qaama keessa naqma
ilkaan nama hooressa
foon nama xureessa
yoo dhowaase malee
silaa ofii hindhowuu
innuu du’aa hindu’u
du’aaf duuti hinhilu,
hirmii tufan malee
bullaan namaa hintolu.
41. mana Rabbi ‘jaaruu,
saqalaa Waaq’ dhaabuu
nama-Rabbii malee
iblisni hinyaabu
yaabullee hingomboobu
dhugaa osoo sobu...
42. iyyaaseen iyyoodha
iyyi gadadoodha
miila lafaan reebaa
Horma garaa gubaa
harka walitti reeba
misiraachoo himaa
daboon gala malee
dhaqa weeddiftiiree
gaddi har’a dhumaa
koflaan xumuramaa
mirriissaa didichaa
dhiichisaa ilichaa
hoo-qubaa Isaaf galchaa
boruun yoos diimattii
‘aajaan’ yammus baatii
Haadha Ruufoo kadhaa
aajaa! aajaa! jedhaa
miila lafaan reebaa
Horma garaa gubaa
Dachiin himburuqxuu
quxubiin himbaqxuu
halagaayyuu baattee
bar-dhibba dhiitamtee
ilmaan isii hindhadhabduu
mirriissaa dhiichisaa
urjii gad arcaasaa
duudaa dubbachiisaa
jaamaa agarsiisaa
du’aa du’aa kaasaa
lugana garaa raasaa
geeraraa dhiichisaa
miila lafaan reebaa
dibbee dudubbisaa
ulullee boossisaa
quxubii sossobaa
urursaa raffisaa
samiin gad hinkufuu
waaqni hnkukkufuu
Adiin ta’aa yuusaa
farda ta’aa imimsaa
lubbuun duutee hinhaftuu
dhidhiitattee kaatii
nuu ‘jjin quruphiftii
aduun dhiitee hinhaftuu
dukkanooftee iftii
boruun indiimattii
barii dhugaan baatii
dhugaan sobaan dhiitee
mirriissaa dhiichisaa
Heellee dhahachiisaa
kottee lafaan reebaa
faradoo feesisaa
lugna garaa raasaa
samiin gad hinkufuu
hinjigu hinkukkufuu
miiloo gubbaa ‘jaajjaa
jiruu Rabbii jajaa
Dachiin gad hincabduu
Amba ‘yyuuwoo baattee
bar’ dhibba dhiitamtee
Tulluu-Waaq’ ol baatee
ilmaan isii hindhadhabduu!
43. Faaruu Qocaa
yaa Waaqa Boorantichaa
ba’aan koo ulfaataa
dhagaa gurraachichaa
ayyaana Oromtichaa
yeroon yeroo qabaa
ba’aa baadhee hinhafuu
booddee akka an hafetti
eegee akka an tahetti
jabanni indaddarbaa
jabaan indhadhabaa
laafaan injabaataa
hir’uu Waaqni inguutaa
dhadhabaan inkaataa
dhagaan incaccabaa
cabbii tahee yaa’aa
gaara ‘rra ol lola’aa
gadi konkolaataa
yeroon yeroo qabaa
jabanni indaddarbaa
eegeen mataa tahaa
mataan faana dhaha
Qocaa tahee inhafuu
Qocaa dugda dhubbaa
ba’aan koo insalphataa
ba’aan waggaa dhibbaa
gaafas nan utaalaa
kan dugdi machallaa
duraa mannaa booddee
Waaqni turee tolaa
kan Waaqaatu caalaa!
44. Arfii Afran
waaqa Nabiitti iyyannaan
waaqni Caaccuu owwaatee
waaqa Kallachaa waamnaan
Ogliyaan wawwaatee
Maaran Aayyoof wareegnaan
waaqni Halagaa nyaatee
Nabi Jiloo Abbaa Dhiibaa
gurraacha garaa-garbaa
korma sagalin qabaa
sadii ciincessaa baatee
sadii nikaa hidhamtee
sadii jiraatti duutee
maaltu hafaan siif wareega
Booranticha Abbaa Dhugaaa
gataa koo gubbaa nyaatu
dirree koo gubbaa kaatu
dirree koo ‘rra kaachisu
dhangaa baraa wal nyaachisu
naan nyaatu Hormaaf dutu
iyya ollaa dirmatu
Rumicha firoomfatu
lama buluuf jiraatu
Nabi Dalloo Abbaa Dhiibaa
gurraacha garaa garbaa
maaltu hafaan sii wareega
Booranticha iddoo-dhugaa
qaracoon maal sooratu
horati kee maal nyatu
Noolee keeyis maal fagu
Leeqaanis maal dalagu
dhabaatu mirga argatee
Dhiibat’ rafee boqatee
bokkuut’ miiloo ‘rraan latee
arfiit’ dhiiga dibatee?
samiin kun gad haa bu’u
addunyaan haa socho’u
urjiin gad haa harca’u
nadhiin dammaa haa hadhaa’u
eebicha muddee haata’u
aannanni haa gurraacha’u
taliilli haa boora’u
bishaanni haa boora’u
dhagaan baqee haa yaa’u
Dhugaan iddoo haa taa’u
arfiin dachii haa xuqu
jinfuun samii haa xuxxuqu
qaqaan gad haa harca’u
samiin gad haa kukkufu
koflaa yoo boo’e malee
nami osoo boo’uu hinkofluu
qaracoon maal sooratu
horati kee maal nyaatu
nooleen keyis maal fagu
Leeqaanis maal dalagu
qurxummiit’ nama tahee
garbatu luba bahee
jalqabeetu iddoo gahee?
imimmaanni inni cobuu
lafeedha inni caccabuu
dhiiga inni lola’uu
fooni inni baqee yaa’uu
nama inni boba’uu
dungoo dukkanaa tahuu
imimmaani inni cobu
arfaasaa tahee roobuu
Nabi waataa Abbaa Dhiibaa
gurraacha urjii torbaa
dhibee dhidhiibaat’ baasaa
dabaa dhiibaat’ qajeelchaa
Nabi Jiloo Abbaa Garbii
gurraacha maqaa Rabbii
waaqa Tuullamaaf’ Maccaa
waaqa arjaa Boorantichaa
kaabaan haa dhiibbatuu
kibbaan qalee haa dibatuu
moora haa ilaallatuu
biiftuun bahaan haa dhiituu
ji’i boroo haa naannoftuu
karaa dhihaa haa goobantuu
ardiin haa galagaltuu
andhuurri daangaa haa taatuu
daangaan andhuura haa taatuu
Dhiiba ajjeesee haa muratuu
dhiiga addaan haa xuqatuu
galma keetti haa boqatuu
waltajjii ‘un kan Dhiibaatii
seenaa waggaa dhibbaatii
miiloon gad haa dhaabatuu
bokkuun irraan haa latuu
burqaan jalaan haa burquu
yaa’ii iddoo-dhugaa
haa dhaquu
Nabi Jiloo Abbaa Dhiibaa
baataa kaallacha dhibbaa
qaracoon maal sooratu
horati kee maal nyaatu
Noolee keeyis maal fagu
Leeqaanis maal dalagu
dhabaatu mirga argatee
Dhiibat’ rafee boqatee
arfiit’ dhiiga cuubatee
bokkuut’ miiloo irraan latee
imimmaani inni cobu
lafeedha inni caccabuu
dhiiga inni lola’uu
fooni inni baqee yaa’uu
nama inni boba’uu
dungoo dukkanaa ta’uu
Nabi Dalloo Abbaa Bunaa
ajajaa gannaaf’ bonaa
toltee gatii hinfudhttuu
laattee turtee hingaabbituu
korommii kee hoofkalchi
qoreef’ gufuu isaan oolchi
bariituu mirgaan galchi
dhinaan mirga ‘rra bulchi
korommiin koo sagalii
sadii ciincessaa baatee
sadii nikaa hidhamtee
sadii jiraatti duute
Nabi Jiloo Abbaa Dhiibaa
Gurraacha urjii torbaa
maaltu hafaan sii wareega
Booranticha Abbaa Dhugaa?
45. ‘Abbaa Oduu’
(Adiif, Raadoof, Diireef’, Gadaf
awarra Tumsaaf warra Karrayyuuf.)
-Abbaa Oduu
-yaa
-oduu qabdaa
-waanan qabu hinqabuu
daddarbata hindhabu
-mee waa nuu daddarbadhu
-Odaa guddaa
-guddaa
-kanniifni jalaan galee
-galee
-bookeen irraan galchitee
-galchitee
-bookee rirmaa
-rirmaa
-gaadulleessi balleessee
-balleessee
-gaadulleessa ajaa diinaa
-diinaa
-taffii bareeduma jilaa
-jilaa
-iji waan cocorriyyoo
-cocorriyyoo
-corree gumaataa galtu
-galtu
-qocaan mogolee buusee
-buusee
-Haadha Maanyoo
-Maanyoo
-kan bira teettu
-teettu
-guntutni sii’ magan
-magan
-kan daakaa hinbeekne
-hinbeekne
-dibittii moosiftee
-moosiftee
-Boqoo korma Nuuraa
-Nuuraa
-gaadulleessi balleessee
-balleessee
-gaadullaa ajaa diinaa
-diinaa
-Haadha Maanyoo
-Maanyoo
-isii kuftee ciiftu
-ciiftu
-qadadduun agartee
-argitee
-qadadduu man’-jilaa
-man’-jilaa
-taffii bareeduma jilaa
-jilaa
-isii re’ee luuddu
-luuddu
-qadadduun agartee
-agartee
-qadadduu sardiidaa
-sardiidaa
-kophee namaa sirbu
-sirbu
-waraabettiin fudhattee
-fudhattee
-waraabettii yuuyyaa
-yuuyyaa
-gumboo udaan daaroo
-daaroo
-Hawaas daaraan du’aa
-du’aa
-buutiin rifeensa hinqabu
-hinqabu
-bofti misooma hinqabu
-hinqabu
-kale’an Hawaasii gale
-gale
-jedhe Boruu Moluu
-Boruu Moluu
-faltii horii keessa ejjadhee
-ejjadhee
-Boruu Dammaqoo
-Dammaqoo
-dammaqee woyyaa gatee
-gatee
-Raaree Mattoochiin
-Mattoochiin
-asiin gad yaana jedhee
-jedhee
-kanniisa lama nyaatee
-nyaatee
-albaatii gumgumsiisee
-gumgumsiisee
-ballaan ballaa jaldeessaa
-jaldeessaa
-nioogomna jettee
-jeettee
-hudduudhaa gubatte
-gubatte.
-hagana egaa
waa hoomaa dhibiin hinjirtu
roobaaf’ nagaa malee....
46. ‘Tokkeen-Maali?’
(Roobaa xiqqoof)
-tokkeen maali?
-tokkeen tokkuma.
-lameen maali?
lameen mucha re’ee
tokkeen tokkuma.
-sadeen maali?
-sadeen suunsummanii
lameen mucha re’ee
tokkeen tokkuma.
-afur maali?
-afran mucha saayyaa
sadeen suunsummanii
lameen mucha re’ee
tokkeen tokkuma.
-shanan maali?
shanan quba harkaa
afran mucha saayyaa
sadeen suunsummanii
lameen mucha re’ee
tokkeen tokkuma.
-jaha maali?
-jahan jabbii qaraxaa
shanan quba harkaa
afran mucha saayaa
sadeen suunsummanii
lameen mucha re’ee
tokkeen tokkuma.
-torba maali?
-torban torbii sambataa
jahan jabbii qaraxaa
shanan quba harkaa
afran mucha saayyaa
sadeen suunsummanii
lameen mucha re’ee
tokkeen tokkuma.
-saddeet maali?
-saddettan dhaabaa manaa
torban torbii sambataa
jahan jabbii qaraxaa
shanan quba harkaa
afran mucha saayyaa
sadeen suunsummanii
lameen mucha re’ee
tokkeen tokkuma.
-sagal maali?
-saglan yaa’ii Booranaa
saddettan dhaabaa manaa
torban torbii sambataa
jahan jabbii qaraxaa
shanan quba harkaa
afran mucha saayyaa
sadeen suunsumanii
lameen mucha re’ee
tokkeen tokkuma.
..............................
Kutaa II
Edas-Edanas
ykn
Faaruu Haadha Margoo
Taatota:
Haadha Margoo
Shaayii (traditional poet)
Jamaa Ekeraa
* * *
Fulaa:
Arshiifi Ardii gidduu
Yeroo:
dukkanaan-duuba
Jaloo
(Luboonni Caffee adda-addaarraa yaa’ii kana
‘rratti wal gahan. Dhangaa Buttaa har’aa eebbaan
yoo banan seeraafi heeras tumsan.)
i
-yaa Luboo
-a’aan
-safuu jira ka
-eeyee safuudha ka
-Ilmiifi Abbaan
waliif safuudha ka
-eeyee safuudha ka
-Intalliifi Haati
waliif safuudha ka
-eeyee safuudha
ii
-yaa Luboo
-a’aan
-safuun jira ka
-eeyee safuudha ka
-hangaftiifi quxisuun
waliif safuudha ka
-eeyee safuudha ka
-guddaafi xiqqaan
waliif safuudha ka
eeyee safuudha ka
-daaraafi daakuun
waliif safuudha ka
-eeyee safuudha ka
-qoraattiifi faanni
waliif safuudha ka
-eeyee safuudha ka
-gufuufi qubi
waliif safuudha ka
-eeyee safuudha ka
-huubiifi agartuun
waliif safuudha ka
-eeyee safuudha ka
-yaa Luboo
-a’aan
-safuun kun kan maal?
-safuun kun kan Waaqaa-
fi kan Lafaa
iii
-yaa Luboo
-a’aan
-seerri Makkoo Billii
jira ka
-eeyee jira ka
-seerri Tumaa Willee
jira ka
-eeyee jira ka
-seerri Odaa Bisil
jira ka
-eeyee jira ka
-seerri Odaa Bultum
jira ka
-eeyee jira ka
-seerri Odaa Nabee
jira ka
-eeyee jira ka
-Tumaan Madda Walaabuu
tumaadha ka
-eeyee Tumaadha ka:
-Garbichi Luba baha ka
-eeyee inbaha ka
-Garbittiin Luba baati ka
-eeyee inbaati ka
-Dhaabati dhadhaa
ol muudama ka
-eeyee ol muudama ka
-lammii bade
lammiit’ barbaada ka
-lammiit’ barbaada ka
-kan dhibame
ammiit’ wal’aana ka
-eeyee lammiit’ wal’aana ka
-kan du’e lammiit’ awwaala ka
-eeyee lammiit’ awwaala ka
-ibsaan waggaatti ka
-eeyee waggaatti ka
-Buttaan bar’ saddeeti ka
-eeyee bar saddeeti ka
iv
-yaa Luboo
-a’aan
-safuun kun kan Waaqaa-
fi Lafaati jettee
-a’aan
-Waaqni lolaa
ya’aa keessa qaba ka
-a’aan
-Waaqni qilleensa
tulluu duuba qaba ka
-a’aan
-kan facaafanne
funyaan sagaliin marga ka
-a’aan
-kan dhalfanne
nuu guddata ka
a’aan
-uffannaa koomeen
cuubannaa ciqileen
nu gaha ka
-a’aan
-korma cirrii nuu godha ka
-a’aan
-rimaa haphee godha ka
-a’aan
-waatii manyee
nuu jabeessa ka
-a’aan
-hamaa deemee dhufu
nurraa qaba ka
-a’aan
-tolaa nutti qaba ka
-a’aan
v
-yaa Luboo
-a’aan
-Jaartiin Jaarsoo,
Haati Margoo,
Hoo-qubaa keenya
hingattu jettee?
-a’aan
-Jaarsi Jaarsoo,
gomboobaan gomboo
Waaqni garaa gurraachaa,
gurraachi garaa garbaa,
nagaroo keenya hingatu jettee?
-a’aan
(Jamaa/Chorus)
-toli yaa Waaq’
toltee hingaabbituu toli
-duraa mannaa booddee
nuu toli
-nuu tolii dhalaa keenyaa toli…
-a’aan!
(Biqila walitti biifuudhaan eebba
raawwatan. Dhangaa dhiyaate
nyaatan. Shaayiin walaloon,
Geeraraan geerarsaan, Afooleen kkf
tapha eegalan.)
Shaayii
Haati Margoo,
Muka Jireenyaa duubaa
qixa-lamaan dawoo ji’aa
liilana qal’oo gubbaa
miila tokkoon dhaabatti
galaanni jireenyaa
jalaan kooba darba
huursaa bubbisa
dhufaa daddarba
guutaa hir’ata
haafa bubbuta
naachiifi qarcabboon
boftiifi qarcoon
haada kutuudhaaf ol itti wargamu
ayyaannii kitilli
Afran-Qaqallayyoon
galaana-jireenyaa
marsanii argamu
galaanatti aggaamu
seera dullumaaf’ du’aa
kan dhalootaaf’ jireenyaa
kan jaalalaaf’ gaa’ilaa
dhahanii goggoodu
goodanii diddiigu,
cooma muratanii
damma muuxatanii
bookan machaa’anii
aanan gad diddigu
Lubi walii taa’ee hihirkatee
garaa aduutti gatee
gaaddisa Odaa
Muka Jireenyaa
dawoo manaabaa
gaaddidduu ilmii
gaayyaa bakkisa
aaraan marfatee
hurriin makatee
ayyaanni gurmuun
irra naannaya.
* * *
….faaruu ekeraa Sibuu
faaruu ekeraa Leeqaa,
ekeraa Ilma-Or’maa
ayyaanatut’ ittiin mammaaka
eker-dubbiftuut’ hiika
cigoo kan biyya-lafaa
hibboo kan jiruu Waaqaa.
Abbaa Muudaa
(Jila ‘rratti.)
taakke-tarakke!
iddoon kun iddoo maali?
Haadha Margoo
qixa-lamaan waaqaaf’ lafaa
Arshiifi Ardii gidduu
bakka Jilli iddoo-dhugaa-
fi hoomaan Jinii iddoo-sobaa
lamaan irratti wal gaadu.
Abbaa Muudaa
taakke-tarakke
barri kun bara maali?
Haadha Margoo
bara du’a lama-lamaa
bara jiraan awwaalamaa
bara lafeen albuudome
bara ekeraan namoome!
Abbaa Muudaa
taakke-tarakke
dubartiin daangaa
indabartii Aayyoo,
kunis baatuudha
dur-hinjirreedha
Haadha Margoo
dhirsa qe’ee hinjirre
warteessuut’ dhirsa taha
barcuma dhirsaafi
diinqa gomja’a
Abbaa Muudaa
nami gurra wallaalee
Haadha Margoo
dhiiro hinwallaalle,
itti goomatan
Abbaa Muudaa
eenyu fa’a?
Haadha Margoo
maqaan isaanii
maqaa ekeraati
waamuuf hintolu
Abbaa Muudaa
maal fakkaatu?
Haadha Margoo
fafa fakkaatu:
kaan dugdi quuruu
kaan mataan dhiita
jifuu higir’uu
kaan ilkaan seelaa
kaan hidhiin farquu
kaan iji ballaa
arrabi dhaanquu
kaan miili meeluu
kaan sammuun naafa
kan qubi dooluu
hundumaan fafa!
Abbaa Muudaa
kan hunduu fooni
foonni hundi garuu hindu’u
kan ka’u lamuu hindu’u
kan du’u hunduu hinka’u
foonni ‘llee du’ee badu
ayyaanni fagoo hinga’u
gurraachoon sossobanna
Haadha Ulmaa faarfanna
yoona! yoona!
utubaa malee dhaabee
dhisaa malee diriirsee
hunduu gaariidha jedhee
uumee wal qiqixxeessee
seera uumamaaf uumee
sirna ilmaan-namaaf baasee
jiruuf’-jireenya namaa
eebbisee qiqqixeessee
uumama hundaa keessaa
namiyyee caalchifata
uumama lafaa ‘irraa
kaan nimararsiifata
isa kaan injaalata
tokko-tokko ingabrooma
tokko ingabroomfata
qulqulluun qullaa du’a
cubbamaan niuffata
tokko jooree jawwara
kaan osoo hinjoorin nyaata
kaan-kaan kadhatee dhaba
kaan kadhaa malee argata
nama kaan namat’ tiksa
nama kaan Waaqat’ tiksa
namni kun maaf hammaataa?
Shaayii
(Dimimisa galchaa-maa’essaa)
sagalee saglan waaqoo
akka aaduu Haadha-Iyyeessaa
akka boo’a ilma-xinnaa
akka fiiguu qilleensaa
akka siiquu sheexanaa
akka weedduu sariitii
akka huursaa galaanaa
akka iyyata iyyeessaa
qaqawweessa hasaasa
akka gurmuu kanniisaa
akka kofla obbo guddoo
kofla galchaa-maa’essaa
Waaqa waaqotaa
qaalluu qaallotaa
kan kaabaa kan kibbaa
kan bahaa kan dhihaa
kan Gabraafi Booranaa
kan Gujiifi Saakuyyee
kan Leeqaafi kan Sibuu
kan dakaa kan baddaa
Caattoo malkaa-obaa
shaayee eedduu maddaa
ayyaana Aabboofi Aayyoo
kajeelloo ganda hundaa
ayyaana akaakilii
ayyaana abaabilii
hunduu afaan tokkoo
hunduu garaan tokkoo
hunduu yaadni tokko
muummeen isaa tokko
kan tokkootti yaa’a
dameefi hiddi hundaa
muka tokkoo baha
muka hundee tokkoo
mauka birkii hedduu
lafeen lafa tokkoo
lafoo tokkoof taha
afuurris foonnisi
laga tokkoo baha
ijoollee Abbaa Bokkuu
ijoollee abbaa tokkoo
jaarsa jaarii bahaa
jaarsa areeda bissii
kan moluun qaariyaa
sariitiin ni footi
ofii hinuffannee
kanniisni intolchitii
ofiisiitii hin-nyaannee
haati ilma deessee
waamtee hinergannee
baattee hinwallaannannee
boottee hinawwaallannee
warajoo hidhattee
‘araarii’ hinbaafannee
abbaan biyyaa deegee
qotee dilbii hindhaabnee
muummitaa ofiisaa
dhugee dheebuu hinbaanee
osoo jiruu du’ee
osoo hindu’in hafee
awwaalamuu dhabee
ofii ‘saarraa of dheessee
ofii ‘saa of ganee
barbaachallee dhabee
nameenyaan isaa onee!
akka nuun jedhanii
yaa Abbaa Muudaa kiyyaa:
fe’an hinjigfattu
gaalliifi ‘Gaallaani’
beekee hininjifatuu
qomoo wallaalaani
garaan isaa akka saree
kan laataniif nyaataa
sammuun isa akka garbaa
lafa itti ergan kaataa
dugdi isaa akka harree
kan fe’atan baataa
gosa arjaa doofaa
kan ajan laataa
cirracha Daabbusii
hammaaramee hindhumuu
urjii garaa waaqaa
hangi ‘saa hinbeekamuu
silaa hinqabnuu
hinhaaddannu
kan warra qabuu haadna
silaa qabnuu
walii hinlaatnu
kan warra qabuu nyaanna
maasii bal’oo
lafa furdaa
itti oofnee qotanna
oobdii bal’oo
siisayii ‘na
harree cagadanna
maaddii guutuu
sugaawaa ‘na
nyaannee harraabbanna
xomboree doofaa ‘na
miila dhiqsiifanna
daakuu daaksifanna
garbicha gowwaa ‘na
waammannee erganna
waardiyaa dhaabbanna
qadaada kee guunna
sitti dhibaafanna
naannoftuu waggaatiin
ciincessaa sii baafna
uummata gowwaa ‘na
garaa nuu laaffisi
dhalchee akka hinergann-
qotee akka hingalchanne
nuu gadarraasisii…
jedhanii sossobuu
Waaqa Ilma-Or’maa
Waaqa ayyana kee
warajoo hidhuufi
korma wareeguufi
ilmaan Haadha Margoo
ilmaan kee dhiiga kee…
(Waarii aadumsaa Hurunguu.
Hurunguun Haadha Margootti
manaamaan (abjuun) akkas farrifti.)
…reeffoo reeffa gogaa
hoolaa hidhatanii
haalbee itti qaratuu
sangaa kuffisanii
baala itti cabsatuu
hinrafin dammaqi
dhugaadha abjuun kee
dhiigaan araarfadhu
irreessa buufadhu
laakiin wareegami
kitimaa itti arjoomi
‘ilmi makkannoo qabuu
makkanniisa hinyaabuu
dhala osoo qabanii
Haada-Iyyeessaa ta’uun
dhugaa osoo qabanii
mirga ofii sarbamuun
Waaqi ofii osoo jiruu
Waaqa Ambaaf gabroomuun
Biyya-Abbaa ofii jiru
war’-teessuu fafakaachuun
haqa ofiillee dhabuun
osoo arganii jaamuun
osoo dhagahanii duuduun
cancalaan lugaa hidhamuun
badanii of dheessanii
barbaacha ‘llee dhabuudha
jiraamatti du’anii
fayyaa awwaalamuudha,
……………………………
…reeffoo-reeffa-gogaa-
jira-of-seeta- yoona- egaa-
goggogaa-jiidhaa-gogaa
Haadha Margoo
(Naatee gaggatantaraa kaati.)
1
edas kana, edanas!
kan koo barumaan baraa
Waaqni kun yoom na furaa?
dullumi indhufee
mogoleen na laafee
roorrootu baay’atee
deegni natti dhuufee
hiikkatee baafatee
natti injiratee
Haadha Iyyeessaan tahee
injige manni koo
halagaat’ na dhaale
inbadde qe’een koo
hamoot’ natti gale
inbadde seenaan koo
irreessa buufachuu
Waaqa safeeffachuu
seerri durii inhafee
yoon ulmaa ciisellee
hawaayii qe’ee koo
kakaan dur wal kakan
inhirraanfatanii
amaanaa fuudhanii
gidduutti nyaatanii
Lubatu xuraa’ee
Abbaa Muudaat’ raa’ee
waaqa Ambaatu abshaalee
waaqa Ilma-Or’maa caalee
aarsaa ijoolle koo
kitimaa ilmaan koo
nyaatee dhugee gale
boorantichi inkufe
miiloon inkukkufe
kanaaf na adaba
na loollifachiisa
ayyaanni-bantii koo
loolli natti dhiisa
ayyaanni geerii koo!
maaloo yaa Abbaa Muudaa
naa mul’isi haqa koo….
2
sagalee saglan waaqoo
akka aaduu haadha iyyeessaa
akka boo’a ilma-xinnaa
akka fiiguu qilleensaa
akka siiquu sheexanaa
akka weedduu sariitii
akka huursaa galaanaa
akka iyyata iyyeessaa
akka iyya korma-hinadaaqqoo
akka qawweessa arfaasaa
akka kofla obbo-guddoo
kofla galhaa-maa’essaa
osoo Daabbus hinboora’in
osoo Ilma-Or’maan hingoora’in
jedhu ji’iifi urjiin
yammuu kaarraan bahan
Daabbusis boora’ee
Mormor hoomachaa’ee
Oromoon goora’ee
ardiin golgolooftee
biiftuun dhihaan baatee
dhabduun ilma argattee
ji’oo diimaa uffattee
du’aan lafa ta’ee
kan jiru inhaara’ee
kottaa waa hojjennaa
kan darbe galaanaa…
jedhu urjiin waaqaa ‘rraa
ji’a maroo martuuf
dubaroo faarfattuuf
qeerroo gooba fuutuuf
suubboo mararfattuuf
guca qabatanii
waardiyyaa ijaajjanii
yammuu weedduu dhahan
gurmuun waliin faarsan
warri waaqaan olii
Ilma-Or’maa jajatu
warri lafaa gadii
Hawaasiin hamatu
Caattoo ‘saatu hamaadhaa
matta’aas inbaree
ciincessaa gaafachuu
aarsaa-hintaane nyaachuu
kitimaa Ilmaan-Or’maa
waaqa ilma Hormaaf laachuu
obbolaa addaan baasuu
garaa-gara hiree
aseennaa aseensisuu
kooluu hormaa galchuu
qeerroof’ beera qarree
Daabbus dhihaa dhiyoodhaa
garaat’ fagaate malee
Mormoriin waliin tokkoo
bakka dhalootaa malee
kumala Akkoo Manooyyee
gogaa qaama Haadha Margoo
erguma durii miicuu
jaartii qaama dhiqanii
Adiyoof wareeganii
reeffa qayya ulanii
waaqa hormaaf galchii galchuu
Daabbus daboo ollaa
hinoolu jedhanii
osoo hinwaamin dhaqaa
awwaalcha halagaa
kan firaa caalchisee
lammii ‘saan callisee
biyyoo guuree dhaqaa
mana kan lammii ‘saa
kan tugga’u dhibee
duufee osoo jiruu
baddaa bal’oo muraa
dakaa hidda kutaa
haafa guuree siqaa
mana Hormaa ijaaruu
gaangee ergisanii
kooraa hinlakkisanii
intala kennanii
tirmaa hinhambisanii
biyya gurguranii
biyyootti hinhafanii
ekeraa haadha hormaaf
mijuu hinqalanii
ayyaana abbaa hormaatti
hinhirreeffatanii
horma miila hindhiqanii
halagaaf hindaakanii
gabraaf hingabroomanii
kooluu itti hingalanii
lachuu duute-hinmararree
Daabbus inbujunjuraa
Moor’ akkasumaan jooraa
hunduu maqaa hinhedani
3
uumami lafaa ‘rraa
raagaan malkaa gogsa
uummati waaqa ‘rraa
lafee lafa tahe
dhuka keessaa yaasa
lubbuu itti deebisa
ummatni kun garuu
fagoodha seenaan ‘saa
falaan falaa bahee
mixiif duboo baasa
seenaa darbe haaressa
jireenya addunyaa-
fi jiruu Mana-Waaqaa
maal beeku dhoksaa ‘saa
Gibeefi malkaan Hawaas
gurri ‘saa guddaadha
uummati ‘saa jooraadha
naachatu adamsa laataa
maal maqaan wal adamsuu
hunduu gara biyya ‘saa
hunduu gara galoo ‘saa
qurxummiin galaana ‘saa
naachi gara dhagaa isaa
seerri-uumamaa tokko
adda seerri-dhalootaa
4
dhallaadduun inhollatti
akka busurtiin qabee
muki lafaaf qoomma’a
akka waaqaan wal dhabe
shimbirroon inbarrifti
akka waan manneen dhibee
nami bosona bula
akka waan qe’een jibbee
mucaan quba ‘saa hodha
akka duuti haadha sarbee
kan beela’e hatee
kan quufe bulfatee
garraamiin budoomee
cubbamaan hafatee
kan du’e ergaramee
kan ajjeese nyaatee
kan hiyyoome gaddee
raroo gaddaa uffatee
yeroon injijjiiramaa
jabanni ingeeddaramaa
dhiyee bari’uu hinoolu
baatii biiftuu diiramaa
5
akka loon abbaa hinqabnee
garaa-gar faffacaanee
karri bibittinnaa’ee
jiraa keenyatti wal dhabnee
cinqamnee wiinamnee
maraannee wal waammannee
waluu dhaga’uu dhabnee
malkaa hirreessaa citnee
kaloo irraa dhorkamnee
firri waluu wallaallee
horma walitti taanee
diilloo ofii keenyaa
muka biyya abbaa keenyaa
yoo ququufne hallannu
gafaa boboonnu haanu
muummee laga keenyaa
dhugnee dheebuu baanu
dirree lafa keenyaa
ariinee itti qabnu
fiigne itti qaqqabnu
weedduu dubra keenyaa
ittiin wal faarfannu
sirba goota keenyaa
maqaa ittiin wal dhaadhannu
yookii ittiin wal faarsinu
geerii geerarasa keenyaa
ittiin wal wajjin boonnu
yookii ittiin waliin boonyu
mirga namummaa namaa
kan uumamaa sarbamane
duumessa aduu waaree
hurrii galgalaa taanee
akka baala waaqa keessaa
bubbeen wal harkaa buutuu
akka muka gubbee tulluu
qilleensi ittiin taphatuu
akka ekeraa waaqaan olii
akka mugduu lafaa gadii
duuti ittiin mari’atuu
akka duumessa dhihaa
biiftuun guura godhattuu
yaadni nu bujunjura
ayyaanni keenya injoora
qalbiin keenya injawwara
qaami uffataa nu daara
garaan koflaa nu aara
lubbuun keenya indhiphatti
qadaada willeetti galti
abjuun keenya infacaati
abdiin keenya infagaatti
akka fixeensa barii
akka duumessa waarii
argaa qabuu dadhabna
fiigaa qaqqabuu dhabna
obsaan suuta sossoona
osoo hinkaatin arganna!
baala bubbeen bubbutu
lafa hinga’in hinhafuu
muka qillensi raasu
osoo raafamuu hinhafuu
du’aaf’ hirribii tokkoo
awwaalliif’ qqofaan tokkoo
ekeraaf’ abjuuf safuu.
yaa ayyaana bantii koo
yaa Ayyolee giiftii koo
waaqa hormaa faarfatuuree
yoo godeettii taatellee
Haadha Hormaan jijjiiruuree
yoo wallaaltuu taatellee
Haadhummaa isii ganuuree
urursaan inraffiftii
ofii wajjin hinraftuu
raffiftee biraa kaatii
walaba dagatanii
garbicha waliin raftii
xomboree lakkuu ulfooftii
jaarsa garbichaa dhqaltii
didhaa abbaan of didhu
hamma ulfa sheexanaati
hullufa ulfa sheexanaa
yookaan ga’ee hindhalatu
yookaan namarraa hinba’u
hamma qaalluu hamaati
torbii eegee hinfagu
baataa wajjin hindalagu
6
hidhaa qalaaxee
Abbaan Muudaa hidhe
eenytu hiikaree
qoraattii inni ‘jaare
qaaxellaa inni dhaabe
eenyut’ qaqqabaree
madda irreessa isaa
qarree tulluu isaa
qarree dubraan duubaa
eenyu hirreeffataree?
7
(Sagalee Saglan waaqoon…)
akka faaruu haadha iyyeessaa
akka fiiguu qilleensaa
akka siiquu sheexanaa
akka weedduu sariitii
akka huursaa galaanaa
akka iyyata iyyeessaa
qaqawweessa hasaasa
akka gurmuu kanniisaa
akka kofla obbo-guddoo
kofla galchaa-maa’essaa
osoo Hawaas hinboora’in
osoo Oromoon hingoora’in
jedhu ji’aaf’ urjiin
yammuu kaarraan bahan
Hawaasis boora’ee
Mooris hoomachaa’ee
Ilmaa-Or’maan goora’ee
Ardiin ilma argattee
jihoo diimaa uffattee
du’aan lafa tahee
kan ture inhaara’ee
kottaa waa hojjennaa
kan dabre galaanaa
jedhu urjiin waaqarraa
ji’a maroo martuuf
lubbuu tolcha bartuuf
yammuu guca qaban
qeerroo gooba fuutuuf
suubboo mararfattuuf
dubra Hoboon faarsituuf
Cooroon arrabsituuf
waardiyyaa dhaabatan
yammuu gurmuun ka’an
bilisummaa faarsan:
bilisummaa bilisummaa
mi’aawaa akka dammaa
yoo dhugan aannanii
yonnaa nyaatan dhangaa
yoo dow’tan midhaaga
yoo dubbatan dhugaa
yoo ittiin kahan milkii
yoo dhagahan aagaa
yoo hojjetan jiruu
jiraatan jireenyaa
yoo du’aniif mirgaa:
bilisummaa, bilisummaa
mirga jaalaa
Haadha Ilma Or’maa.
8
kan du’u hunduu fooni
foonni hunduu garuu hindu’uu
kan ka’u lamuu hindu’u
kan du’u hunduu hinka’u
Arshiitu wal hinga’u
Ardii ‘na sossobanna
Haadha Uumaa faarfanna
Uumeen ‘nu nagar!’ jenna
yoona yoonaa…
Abbaa Muudaa
taakke-tarakke!
yaa ifaajee mucaa-namaa
yaa xaarii ‘saa ganamaa
gabroomee hindhalatu
dhalateetu gabroomaa
yaa xaarii ilma-namaa
yaa carraa ‘saa ganamaa
yaa yagboo ‘ddnyaa kanaa
yaa hibboo jireenya ‘naa
yaa Haadha Margoo
akkoo shayee Baaroo
akaakilii Gibee
abaablii laaloo
duumettii Abbaa Duumessoo
magaallee nyaara dossoo
guyyaa guyyaa hinbaatu
dukkana hinsodaattu
dhugaa hinhambifattu
sbaan dhugaa hinbaatu
akkam oduun Ardiirraa
waan aagaa maaltu jiraa
gabroomee hindhalatu
dhalateetu gabroomaa
yaa carraa ilmoo-namaa
yaa arjaa akka waaqaa
yaa garraamii akka Haadhaa
hundaa argan himuuree
miidhagi silaa fafaa
hundumaa dubbatuuree
garaatu qullaa hafaa
‘morma kana qal’isuun
dubbii akka hambisuuf,’
akka jedhan!
gataa Waaqaa taa’anii
qileetti hingatamani
qiliilee hinbu’ani
sanyiin hingabroomani
uumami hunduu walaba
birmaduu hingabroomsani
yaa carraa dhala-namaa
yaa haxxissoo-‘saa-ganamaa
hortee ilmaan Habasti
gurra ‘saa dhaga’ee
gabroota Misiraa
gosa turan se’ee
masaraa Solomoon
siidaa ejja-ilmaan-Habasti
qe’ee adaamiif’ laaftoon
wal dhidhiissaa buluu
qe’ee jaboofi laafoon
wal dhidhitaa oolu
hinooliniif goreen
ooluudhaaf deebi’ee
goraan hinbilchaannee
ganna-fuudhanii -‘ruu
biyya kadhaan bulu
warra fannoon lolu…
taakke-tarakke!
adaadaa Hawaas
teessuma gootaa
deessuu moototaa
tirattuu akka qocaa
taphattuu akka mucaa
fokkiftuu akka ekeraa
badii mil’uu halkanii
boossuu ija imimmaanii
godeettii akka du’aa
yaa badii akka ji’aa
maal wageen Dachii ‘rraa
iyyati indhagahamaa
wawwaannaan ilmoo-namaa?
uumama har’aatu
harka uumama
har’aatuwoo ofittoodhaa
hiixatee deebifate
lubbuwoo rooraasaa
kenneetu fudhataa
hurursaa boossisa
raffisaa wareersa
uumama har’aatu
onnee uumamaa
kanatu, gojuun
gojuu jedhaa
jaalatuusaa caalaa
jaalatamuu fedhaa
bara isaatuwoo hodhee
dhahee goodee diigaa
sigigoo sigigaa
foqoqoo taphataa
ijaaree jijjigsaa
yoo damma muuxate
hadhooftuu diddigaa
hadhaa bofaa kuusaa
carraa eenyuu
carraa maalii-
ti kuni laataa
carraa Uumaacarraa Uumamaacarraa
namoomaamoo, carraa namummaa?
Namis waaqawaaqa baatacarraa ‘saa
uumama ofiimaganfata.akkuma Adam
kufeakkuma Samson kufeakkuma
Cessar kufeinni ‘llee Suubiin
kufaamiidhagi edaa waan fafaa?an
Haati Margoobeera
loolliffattuudeemtuu ji’a sokkaajoortuu
miila awwaaraaroobsituu
bakakkaawaardiyaa mana-
waaqaaluffituu abdaarii‘keraa garaa
ruurriiulfa hullufa geerii…
Shaayiiwaayee biyyoo sanaabiyyoo
kaabbaa sanaawaaqa tuulet’
beeka,waayee biyya sanaabiyya Lubaa
kanaawaaqa eegut’ beeka, waayee
lubbuu kanaalubbuu labduu
kanaaUumee uumtet’ beeka,waayee
seenaa kanaaseena biyya kanaaAbbaa
Biyyaat’ beeka,calliseen calii
yaasacalii yaaftuun calluma calleensa
ji’a sokkaa…as mana waaqotaagiddu-
galeessa jirraakka gudeeda jigaawadoo
maaf na gaafattakuukkii koo natti
kaafta!akka biyya diidaabiyya
aananiif’ dammaagaloo ji’a
halkaniibaha biiftuu
diiramaaergamoonni
Waaqaagaarummaa kee
himushimbirroonni
Waaqaagaarummaa kee
himuugaarummaa kee himuhallaattiin
waaqarraaabbumaa kee himumixiin
lafa yaatutolummaa kee
himubineeyyiin bosonaahaadhummaa
‘sii himuRisaa gugurraafigugee
a’adaadiinarjummaa kee himu,lubbuun
Arshii gubbaaoobdii kee
sooraturumichaaf’ joobioraan gataa
kee araadukeessummoonni
Waaqaaqe’ee kee boqatuwal-makoo
ilmaan-hormaaosoo lilmoo
hintuminqonyeellee osoo
hinmarinseera sirna
uumamaaganamoo-ganamaaifaajee
ilmaan-namaatokko tokkoon
faalanililmoo akka waan tumaniijinfoo
maruu beekaniibokkuu waan
tolfataniimaaliif nuun
tauffatani,qonyee waan
dachaasaniilubbuu du’a of
oolchanii‘dur yeroo durii-durii…’kan
durii maaltu odeessakan ‘iddoo-
dhugaa’ kanaakan sobaan dhugaa
bahutukarra mana-waaq’ banaa?hojiin
Rabbii eessaa maddaahaa odeessu
mee hayyichihaa himu mee Abbaan
Muudaa Abbaa Muudaataakke-
tarakke!bofa gaafaasiissaa
saafaaabdaarii naafaokkoltuu
fooggaltuutirattuu akk qocaataphattuu
akka mucaabadii abjuu halkaniiboottuu
ila imimmaaniiwaaritee haadha
waariiduumettii Abbaa
Duumessoomagaallee nyaara
dossooatis akkuma beeraadubbii kee ol
kaawwattaamaal oduun biyya-
lafaaiyyati indhagahamaaiyyati
ilmaan-namaa?yaa ifaajee mucaa-
namaayaa xaarii ‘saa ganamaayaa
hibboo jireenya ‘naayaa yagboo
addunyaa kanaadammaan
mi’eessaniisummii afaan kaa’aniibutaa
qarataniiitti wal korataniiitti
ariirrataniidaabee isaa jigsaniidabboo
hodhataniigogaa ‘saa baasaniiraroo
‘saa uffataniidiinqa hafataniikooree
‘saa baasaniifaacha ‘saan sirbanii…yaa
ifaajee ilmaan-namaayaa xaarii ‘saa
ganamaa Haadha Margooedaa
amantiin hamaadhaadamma summiin
makaadhaayaa qulqulluu akka
Waaqaayaa xurii raroo diinqaahunda
argan himuureemiidhagi silaa fafaa
hundumaa dubbatuureegaraatu qullaa
hafaamorma kana qal’isuundubbii
akka hambisuufakka jedhan.
yammuu Arshiitti ol
bahuuIlmaan Haadha Margooilmaan
haadha kan koogataa hormaa
tataa’ujirbii gurraacha foo’ugaayyaa
yaadaan kororsuaarii walitti
obsukumala-gaddaa dhahatuirbaata-
du’aa nyaatucalii hingalle
yaasugeerarsaan garaa wal raasuyaa
caarraadhala-namaaseenaan inni dur-
duriihururseetu raffisa raaseetu
hirribaa kaasawawwaamee
owwaachisamisirroo hirkoon
bulchaUumaan yoo nu
uumeeuumamaan caalchiseekaaniin nu
qixxeesseeqooda ‘saa nuuf hireewaaqa
nu taasiseewaaqee harka-
magarsuuArdiin galagaltuArshiin gadi
kufusbiiftuun bahaan dhiituuummatni
Ilma-Or’maafedha Uumaa wajjin
kitimaa ilmaan ‘saanturee
inbilisoomaa! Abbaa Muudaataakke-
tarakke!boorantichi argeereeBooranaaf
Bokkuu isaaGabbaroof dhaabata
isaaHaati Uumaa argiteereeibsaa isa
gumbii keessaagumbii isa daannoo
keessaadaannoo isa dawoo
keessaadawoo dukkana
keessaadukkana ifaan duubaaifa
tulluun dudduubaaifa dukkana
boodaaifa ibsaa baattoon gadiidukkana
uumamaan duraadukkana uumamaan
boodaadukkana halkaniin
sadiiBoorantichi argee
kenneeBooranaaf Bokkuu
RabbiiGabbaroof dhaabaa
NabiiOgliyaatu argee laateedhaabata
Loon Ateeteeifa ibsaa gumbii
keessaaifa ibsaa baattoon gadiiifa
biiftuu diiramaakan qarree tulluun
duubaabaakkalcha ibsaa ganamaayaa
carraa dhala-namaayaa ‘xxissoo-saa-
ganamaayaa hibboo jireenya ‘naayaa
yagboo ‘ddunyaa kanaa Haadha
margoowaa hojjetee gaabbuuUumaatu
jalqabeekan kennee fudhatu ofittookan
dubbatee gaabbu soobduukan dhaabee
buqqisu ijoolleekennuuf fudhatan
illeedhaabuuf buqqisan illee‘osoo’
waliin jiraatuhar’as gaabbiin
hinoolleemakata miti afaan kooafaan
maaliin dubbadheen isaan
dhageessifadhamaal fakkaadhee
dhiyaadheensimboo biraa argadha
lugaan makata taheedhugaan dhokata
taheeafaan koonis makataNoolee
qaalluutiiisaanidubiftuu Abbaa
Jaarsootiinam ofiin hindubbatuuafaan
isaan dhugaa hinba’uu?Waaqatu uume
eega taheemaaf afaan nu lagatasiidaa
waraaneen kakadha makkaa hinqabu
affaan kunmakaa waa
qabaatulleemudaa hinqabu afaan
kunimaal wacu shimbirroonniOdaa
kaabbaa Abbaa isaaniirraakoo ‘noo
makata jeduuhiikuu afaan shimbiraa…
Shaayiiakka jettuu, Aayyoshimbirri-
halkaniiOromtittii jabanaa
kanaan:bosona oolee bosona
buleesomaa eeboo ‘saafta’u murachuu
lafatti himateewaaqatti himateegumaa
Aabboo ‘saagumaa Aayyoo ‘saadurii
baafachuuosoo ta’ee dhirsa adeemee
jirugunfura hinfilataniigataa ‘raa
hinfagaataniiosoo ta’ee akka kee
hinrafaniisa’a-galchaa ciisaniibiiftuu
baate hinka’aniiosoo ta’eemaasii
dhirsi-ofii baaseqobboo
hindhaalchisaniiosoo ta’eemaaddii
dhirsi ofii baasewaaqa hormaa
hinsooraniiosoo ta’eemaatii abbaan
irra hinjirrewar-teessuu
hindhaalchisaniiosoo ta’eeteessoo
dhirsa ofii gubbaattiwaaqa-hormaa
hinsooraniiosoo ta’eekorma abbaan
moosifateganda hinergisaniiyoo iddoo
isaa maleeyoo yeroo isaa maleeguura
ofii hinlakkisanii“utuu-f’ gaabbiin
booddeedhaa”eegeen booddeedhaaf
maleemataa eegee godhaniieegee
mataa godhaniiseera uumamaaf
maleebiiftuun lixxee ji’is
baateeOromtittii dammaqii(seenaan
sitti hafaa)maqaa beeki qe’ee
eegibosona deemeenBoonga’iin
bu’eenkalaalaa kutaadhaamsa Abbaa-
worraasiif fidee dhufaa… Haada
Margooakka jettuu gugeen-
horaaOromtittii har’aa
kanaaniiBoongayiin turee dhidhaa
baafachuuCaattoo kadhateeDachii
qabateeWaaqa waammateemirga
argachuucufaa yeroo bantuuf‘gol’
hingodhiniigoolii ‘rra tureegollobee
galeegataa hindhaabiniimiila yeroo
dhiqxuufhindhukkubsinikoomeen
buruqeetirtirii qabaaqeensa yeroo
qortuufhinfolloqsinidhiira akka
isaatiidhagna irraa muree kooree ‘saan
sirbaanan dhabe jetteefaara
hinbadiniargadhe jettees hiarjoomini
mararteef jetteehingaalominiidhihee
bari’aabor hinbeekaniiakka
tahaniieeboo ‘saa hirkisiiulaa
olittiiborootti sooridiinqa
keessattiqaawwa kee duuchaahorii siif
tahaaqaama kee tolchaawoyyaa siif
tahaayeroo dhiphinaa-fi yeroo
gidiraakooluu itti galtaa daannoo siif
tahaadalasaa midhaan keetiibineentiin
aargee hinlixxuudallaa korommii
keetigaadduun karaa kee
hinseentuukaloo dullacha keetiigsltuun
ejjaa hingodhattuuitillee rakoo
keetiiutubaa mana keetiigoomattuun
hingoomattuutolfattuun
hintolfattuugaadduun gaaddidduu
keetiihamma rifeensa keetiiyaa
‘Ddooyyee tooqacceen keenya
hincituusiinqeen keenya
hinligidaa’uudhallaadduun keenya
hingoguucalleen keenya
hindhangala’uuna hinbuusin an si
hinbuusuubar’uu kee natti haa
ta’uuyaa ‘Ddooyyee too…akka jettuu
shimbirri magaggaraaOromtittii
intaloo waaqooniimisiraachoon
guumaachaa‘gumaadda’i’ naan
jedhaagumaa baasuu ‘saan
faarsaamirgan isaa farrisaagumaacha
argadhu jedhaawaameetan
owwaachisaafaarseetan
gammachiisaamataa kee ciniin
dhaaleqeensa kee quba caalefiffiladhu
qoradhuilmi kee jaalaan galeemijuu
abbaa isaa qaleeqaata itti sii
oofkaleekaamettii intala waaqooyaa
iftuu akka ji’aaulfaattuu akka
duumessaaibsituu lafa lafa
dhihaahimtuu seenaa
gameessaakaamettii jaartii
jaarsaaqunniif’ qumbii
aarfadhuayyaana kee araarfadhuilmi
kee siif ga’eeraaharka fuudhi
dhufeeraawareegi kee
guuteeraamaddiin kee si
hinqooriniiqaami kee
hinshuntuuriniikaamettii intaloo
waaqoowaaqee-harka-magarsuuyaa
niitii dhirsa dhiiraamee qori seenaa
duulaameeqat’ dhaqe abbaan
warraameeqat’ gale abbaan
karraagameettii jaartii jaarsookaamettii
intaloo waaqoowaaqee-harka-
magarsuuulfattuu akka
duumessaaibsituu lafa-dhihaayaa iftuu
akka ji’aahimtuu seenaa gameessaayaa
niitii dhirsa dhiiraadullumi si
hinjijjiiruduuti siin hingeeddaruhiree
kee hirmaadheerawareegi kee
ga’eeraaarsaan kee
qaqqabeera“magaggar keessi
bonaaegaa hinroobu deebi’eehalagaan
keessi hoormaalama hinboonnu
deebineeamma haa boonyu
deebifnee…”yaa ‘Ddooyyee too Ol-
galahoo-qubaa Waaq a-Ilma-
Or’maaibsaa eegalaa-f’-
dhumaa.A’aan!