DHALOOTA WAA FALAA
Kitaaba Kuusaa walaloo
Barreessaan:-Abdii Nagahoo Huseen (Abdulqaadir Nagaash Huseen)
Roobee, Arsii, Oromiyaa.
Gulaaltonni:
1. Qajeelaa Hambisaa(Barsiisaa,Barreessaa, Gulaalaafi Ogeessa Giraafiksii)
2. Malkaamuu Taarikuu Amoosaa (MA) ( Barsiisaa seenaa,Barreessaa fi gulaalaa)
3. Abdii Abbiyyoo(, Barreessaa fi Yunivarsiitii Arsiitti Barataa Yaala waldhaansaa)
©Mirgi barreessaa seeran eegamaadha.
📞 Yaadaf ,qeeqaf :
lakk. Bil 📞0982598384
📞 0968598841
Facebook: Abdii Nagahoo Huseen
Telegram channel: https://t.me/Abdii_Nagahoo
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula2
Qabiyyeewwan
Qabiyyee Fuula
Qabiyyeewwan............................................................................................................................................4
Seensa.........................................................................................................................................................5
Yaadannoo...................................................................................................................................................6
Galata..........................................................................................................................................................7
1. Hundaafuu gaaffidha.............................................................................................................................8
2. Laafaa kootu caala.................................................................................................................................12
3 DACHEE..................................................................................................................................................15
4. Keenya faalladha...................................................................................................................................17
5. madaa natti taate..................................................................................................................................18
6. ANAAFI JIREENYA...................................................................................................................................21
7.Dhugaan kan eenyuti?............................................................................................................................26
8. Salphoo nama gooti...............................................................................................................................30
9. Maalif nu obsite.....................................................................................................................................31
10. Irbuu haalamte....................................................................................................................................34
11. Oromoota dide....................................................................................................................................37
12.Hin jibbinaa maraataa..........................................................................................................................43
13. Abaarsa moo maali....?........................................................................................................................45
14. Maaf dhiiga kee cobsa?.......................................................................................................................46
15.Seera uumatu dabe..............................................................................................................................48
16.Harmee.................................................................................................................................................50
17. Hayyee jedhi nagaatti..........................................................................................................................53
18. Boru darbaaf obsine............................................................................................................................58
19. Kophaatti na hiite................................................................................................................................59
20. Dhaloota waa falaa..............................................................................................................................61
21.Ulaagaan biraa hin jiru.........................................................................................................................65
22. Yerootu waa fida.................................................................................................................................66
23. Anaa kee guddisuuf.............................................................................................................................68
24.MAALIIF KOOLUU GALTE?....................................................................................................................71
25. Soba faana hin deemu.........................................................................................................................77
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula3
Seensa
Oromoon akka sabaatti saba,saba aadaa, seenaa, duudhaa, afoola,seeraa fi,sirna
mataa ofii qabuudha.Saba seera ittiin wal bulchu liqaa ganda hin deemne ni
liqeessa malee. Maarree qabeenya dilbii inni qabu keessaa tokko afoola, akka
ogeeyyiin afaanii hiikanitti afoolli hambaalee seenaa kan afaanin dhalootaa
dhalootatti darbuudha san keessaa tokko walaloodha.Afoola keessatti fi ummata
oromoo biratti walaloon humni inni qabuu fi gaheen inni qabu
danuudha."Walaloon miiltoo qofa galeessati" jedha Waloo Zalaalam Abarraa
guddichii gumbii walaloo oromoo. Dhuguma miiltoo qofa galeessati kan ittin
kophummaa irraanfattu kan ittiin quuqqaa keessa kee jiru ittiin ibsattu. Kan waan
jaalatte ittiin jajju, kan waan qeequu feeti ittiin qeeqxu. Maarree kennaan xiqqoo
hin qabduu anis kitaaba walaloo xiqqoo mata dureen isaa " DHALOOTA WAA
FALA " jettu tana isiniif hiixadhee narraa fudhaa.
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula4
Yaadannoo
Kitaabni mata dureen isaa "DHALOOTA WAA FALA " jettu bu'aa dhaloota
qubeeti osoo warri qubee uumanii fi qubeef falman jiraachuu baatanii silaa har'a of
hin barru turre, dhaloonni waa falus hin argamu ture. Dhaloonni waa falu akka
uumamuf warri nuuf wareegaman jiru. keessattuu afaan Oromoo guddisuuf qubee
bocurraa kaasee hanga kitaaba nuuf barreessuu gahan fuulli uumaa isaanitti haa
tolu.
Ani nama tokkoodha siidaa isaanii dhaabee hin danda'u Kitaabni tunis siidaa
dhaabbataa isaani naaf haa tahu.Isaan keessaa muraasa maqaaa kaasa:-
1. Dr. Muhammad Rashaad
2. Hayilee Fidaa
3 . Sheek Bakrii saaphaloo
4. Onosmoos Nasiib (Hiikaa)
5. Abubakar Muussaa
6. Generaal Taaddasaa Birruu fa'aaf
Yaadannoo naaf haa tahu.
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula5
Galata
Duraan dursee Faarun kan rabbii guddaati kan na uumee tola isaa natti oole.Kan
nama waa yaadu na godhee qubee fi qubeessaa koo walitti michoomsee michuu
lamaan gidduu Waa baase faarun dhuma hin qabne kan isaati.Isaan galata keessan
galchuu hin dandeenye kan biroo haadha fi abbaa kooti. Haadha koo aadde
Hawwaa Muhammad Nuree fi Abbaa koo obbo Nagaash K/ Huseen Gooli
oolmaan keessan akka rooba Samii fi marga lafaa hedduu waan taheef lakkaa'ee
hin fixu fayyaa faana umrii dheeraa isiniif hawwuu malee maalan jedha
galatoomaa.
Itti aansun namoota yaadaf humnaan na cinaa dhaabbattaniif galata waraabamee
hin dhumne na biraa qabdu.obboleeyyan hundumtuu galatoomaa.Keessattu
obboleessa koo kan maalummaa obbolummaa na barsiise Muhammadyaassin
Nagaash oolman ati naaf oolte danuudha lakkaa'ee hin fixu, galata waraabbamee
hin dhumne na biraa qabda. Itti aansun obbolettii koo Aasha Nagaash oolman
obbolummaa ati naaf oolte tilmaamuf rakkisuus obboleetti jechuun maal akka tahe
an sirraahin bare. Obbolettii akka teetii qabaachuu kootti hedduun gammada maatii
kee faana darbii naaf jiraadhu. Toltuun si hin darbin obbolettii koo. Akkasumas
Gulaaltonni kitaaba kana naaf gulaaltan oolmaa guddaa naaf ooltaniif galata bulee
hin samne na biraa qabdu. Barsiisaa Malkaamuu Taarikuu jajjabinni ati gama og-
barruu akka dhufuuf ati naaf laatte akka ani nama har'a tahuuf bu'uura galatoomaa
barsiisaa. Qajeelaa Hambisaa oolman ati kitaaba koo kana keessatti naaf oolte fi
saxaxa isaa naaf hojjachuu keessatti naaf oolte fi akka ani waa barreessuf
kaka’umsa naaf taate boru seenan akka si kaasu hin shakkin akkuma namni
biqiltuu dhaabe firii isaa sooratu namoonni na cinaa dhaabbattan boru bu'aa
dadhabbii keessanii arguun keessan hin oolu nama kaayyoos tahee dadhabbii
keessan bu'aatti jijjiiru qaba. Waahila koo kan og-barruun Oromoo walitti nu fide
Abdii Abbiyoo kitaaba koo keessatti gahee kee waan bahatteef oolmaa danuu kan
hammaaramee hin dhumne na biraa qabda galatoomi. Akkasumas Hiriyyoota koo
Mana barumsaa saddiqaa sadarkaa Lammaffaa galata keessan lakkaa'ee hin
fixu,warri yaadan na cinaa dhaabbattan hunduu galatoomaa.
✍️Abdii Nagahoo Huseen.
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula6
1. Hundaafuu gaaffidha
Bilisoomuf kaane
Mana keenyaa yaanee
Tokko jalaa bilisa
Tokkoof garba taane
Kichuu itti wareegnee
Horii itti deegnee
Akka taanu taanee
Tokko galmaan geenye
==
Inni nu ol fuunee
Dhiigan achi keenne
Fuula haguugateera
Nu arguu-n dandeenye
==
Maasaraa ol seennan
Nu dhokfate fuula
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula7
Diina durii caalaa
Nutti bane duula
==
Warri kalee lole
Taanki fi qalamaan
Akka sangaa fooni
Albeedhan qalaman
==
Kichuun kichuutti citee
Hayyuun wareegamee
Inni keenya jennuun
Nu fixuuf sardamee
==
Ol jooree gad jooree
Nutti baasee mala
Kan nu falaaf eegne
Nuuf tahe falfala
==
Inni afaan beeknu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula8
Nu naqee gaashiree
Isaan da'eeffatee Ormi
Morma nurraa ciree
==
Namnummaan nu beeknu
Jijjiirratee amalaa fi bifa
Dukkana nu soore
Nu dhoorkatee ifa
==
Kuni raajiidha
Harkatu harka gane
Tokkorraa bilisa baanaf
Tokkoof garba taane
==
Nama keenya jennee
Dhiichifnee shubbifnee
Harka ofiin nu dhaane
Ilmi harkaan guddifne
==
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula9
Nu bilisoomsi jennee
Ofiifis sardamne
waaqallee sardinee
Isa durii caalaa gidiraa argine
==
Qe'een keenya goolamee
Qe'een ormaa cidhaa
Maaltu maal akka tahe
Hundaafuu gaaffidha
==
Dachaan duguugamee
Lubbuun ilma namaa
Hunda ijaan argine
Gocha badaaf hamaa
Garuu................
Nutu wal hin beekne malee
Akka alagaan nu beekutti
Nutu wal hin taane malee
Akka ormi nu qeequtti
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula10
==
Maqaa tokkoon nu waamu
Addaan hin baasu ormi
Gaafa kiyya citu
Kan isaas cita mormi
==
2. Laafaa kootu caala.
===================
Yoo anaaf jecha diigdee
Anaaf jecha dhaabde baandii
Sagal na ajjeesta malee
Kan koo hin dhiisu daandii
==
Osoo cabbiin dhagaawee
Dhagaan jabaanuu baqee
Eenyummaa kee hin jiraadhu
Eenyummaa koorraa maqee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula11
===
Osoo gaangen dorrobdee
Sangaan jabbii dhalee
Eenyummaa koo hin balfu
Qe'ee ormaa galee
==
Qe'ee ormaatti hin seenu
Faana lafaa kaasee
Loowwan koo hin agabsu
Loowwan ormaa obaasee
==
Qe'een ormaa kan ormaati
Kanuma koottu kan kootii
Kiyyaan boonee jiraadha
Jireenya koof tahee mootii
==
Ooddoo koo daarsee
Ooddoo ormaa hin Kulu
Lammii koo aarsee
Qomoo ormaaf hin duulu
Lammii koorraa fagaadhee
Hin ta'u dalluu gaalaa
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula12
Jabaa nama ormaarra
Laafaa koottu naaf caala
==
Qabaataa nama ormaarra
Naaf wayya dhabeessa koo
Qajeelaa qomoo gandaarra
Naaf wayya dabeessa koo
==
Qomoo ofiiti namana
Kan yoo jirtu si dhungatu
Lammii ofiiti jarana
Kan yoo duute si dubbatu
==
Fageenyarraa ilaaletuu
Siif arga meeluu kee
Fuula kee ilaaleet
Siif beeka eeluu kee
==
Lammiin ofii gaachana
Wantee guyyaa rakkinaa
Dukkana roobaa keessan
Caba walii keenyaa argina
==
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula13
3 DACHEE
=======
Nama addan footu
Hundumaa ni baatta
Yoo duunes nun balfitu
Hunda keenya nyaatta
Sanyii sirra facaasnee
Callaa kan nuuf laattu
Galatoomi dachee
Kan nu hundaa baattu
Qajeelas haa taanuu
Yoo feene jallataa
Balfiteen darbitu
Harka keettu hammata
Garaan kee albuuda
Irra keen biqiltuu
Uumamni akka kee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula14
Dachee koo hin jirtu
Waan uuman gad buuse
Hundumaa dandeessee
Umrii dheeraa jiraattee
Kunoo har'as geesse
Kan lubbuu qabuufi
Kan lubbuu hin qabne
Kan beekkumsi namaa
Itti hin dhaqqabne
Uumama dhala namaaf
Kan akka bineensaa
Isa gaara jiraatuf
Isa goda keessaa
Isaan miilan deeman
Kan lafarra loo'an
Kan hojii hin qabneef
Isaan jirbii foo'an
Kan hammeenyaf gaarii
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula15
Walirratti yaadu
Isa himimsuufi
Hanga isaa aaduu
Diddimaaf buburree
Isa bifti addaa
Magaalaf gurraacha
Isa bifti gaddaa
Wal soorachuuf jedhee
Isa wal adamsu
Wal jalaa waa nyaatee
Isa wal agabsu
Jaarraa hedduu deemtee
Kaleessarraa kaastee
Lubbuun akka-n banne
Hundaaf seera baaste
4. Keenya faalladha
=================
Tolchuun akka badii
badiin akka tolchuu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula16
galchuun akka fuudhuu
fuudhun akka galchuu
~~~
mukni akka baalaa
baalli akka mukaa
dhugaan akka sobaa
sobni akka dhugaa
kormi akka sa'aa
saani akka kormaa
ormi akka firaa
firri akka ormaa
Jibbi nuuf jaalala
jaalalli akka jibbaa
Dhibbi nuuf tokko
Tokko akka dhibbaa
Qal'aan akka furdaa
Furdaan keenya qal'aadha
Namaaf hin galu akki
Keenya kun faalladha!
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula17
5. madaa natti taate.
=====-=-=====≠=====
madaa natti taate
madaa dawaa dhabe
siifan meeqa kufee
sii'if kichuu cabe
jaalalaaf mararteen
laga meeqa ceenee
daba naaf arjoomte
tolli kee maseenee
==
gufuu natti taate
gufuu hulaa duraa
jiraatti na awwaalte
maqaa koo gurguraa
~~~~
ganamuun duruu jira
kan jaalalaa kuni raajii
jaalalaaf jaalatamuu jibbe
kan jibbaa baadhe baajii
garbuun girdii hin dhabne
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula18
akkas tolchee hafarsee
isheen na ganuu hin dhiifne
osoo isheef dhiiguu dabarsee
mukni hunduu mukaadha
mukni salphoon ceeqataadha
keessi kan komii qaba
Irri kan koo seeqataadha
~~~~
kolfa sobaan qasa'a
keessatti waa baadhee
garaan koo ibiddaa baata
akka waan irbuu nyaadhee
~~~
ani irbuu hin nyaanne
irbuu kootu nyaatame.......
keessi koo sadoon qabu
mar'imaan na waadame
~~
Namni ani amane
Na ciniine harka koo
akka koon se'e nama
Naaf hin taane akka koo
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula19
Dhugaan dhugaadhuma
sobatti hin micciiru
Si jaaladha yoomuu
jibbaan sin jijjiiru
hammeenya kee
yoo hasaasee dhibbuu
ani eessaa fuudha
onnee ittin si jibbu
Onneen koo waa'ee keen
Taphatti ulullee fi dibbee
Narra baqatte jedhee
Takkaa hin beeku si jibbee
Jibbaa naaf hin yaaddu
Na jaalatta kalee
Akkanaan nan balfitu
nama si gorse malee
Irbuu kalee dagattee
maalif yaadda hamaa...?
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula20
maaf jaalala balfita...
funaantee jecha namaa..?
6. ANAAFI JIREENYA
===≠==========
Anaa fi jireenyi wal lollee
Wal baasisne aarsaa
Jaarsi biyya-n jiruu
Eenyuu nu araarsa
Ana moo isheedha
Kan daangaa darbe
Sanuu eenyu ilaalee
Eenyu taa'ee arge
Jireenyi akkas jedha …
"Anatu si bulcha
Aangoo koon si moo'ee
Kophaa ke si bulcha
Firarraa si foo'ee
Ana si hooggana
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula21
Jecha kootin bulta
Deemi kootin deemta
Turii kootin turta
==
Qabeen si hiraarsa
Irree kee micciree
Akka kootti jiraatta
Kaayyoo kee jijjiiree
Mootii sitti ta'a
Mataarra si taa'ee
Fedhu si afeela
Fedhu si akaa'ee
Yoo jettu of tuultee
Uhuruu ishee dhaabdee
Yaada ishee dhugoomsuf
Dhagaa muka yaabdee
==
Akka fedhaa kee miti
Fedha koon imaltaa
Maqaa keetis dhiistee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula22
Maqaa koo himatta
==
Addunyaa kanarra
Hayyama koon sochoota
Dhiisii kootin dhiistee
Godhii kootin goota
==
Yoo jedhu ol kaasee
Sagalee moo'ichaa
Galma koon godhuuf
Kan gaddaaf boo'ichaa
Anis akkas jedheen..... ⬇️
Nan bulchitu atis
Jireenya koo mootee
Kophallee nan baastu
Fira koorraa footee
==
Anas hin hooggantu
Siinis hin bulu
Deemii keen deemee
Turii keen hin turu
==
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula23
Narra hin teessu
Harka koo miccirtee
Deemsa nan dhoorgitu
Kaayyoo koo jijjiirtee
Lakki yaa jireenyaa
Akkamiin na mootaa
Yaada sammuu kootii
Akkamiin kee goota...?
Hin jiraattu yoomuu
Anarratti mootee
Lugaamtee nan ooftu
Farda yaabbii gootee
Jireenyi na mootee
Natti hin taatu mootii
Nan deema -n dhaabbadhu
Hamma galma kootii.
Nan fiiga-n dhaabbadhu
Dafqa koo coccobsee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula24
Cabaaf daba jiruu
Hunduma isaa obsee
Rakkoo daba jiruu
Danda'ee dararaa
Gaaf tokko nan kolfa
Gahee bakka garaa
Irree keen moo'amee
Hin bulu si jalatti
Si ajjeesen du'aa
Nan oofin balaatti
Si kadhe yaa jiruu
Lakki mee si wayyaa
Atis na kabajjee anis si kabaje
Waliin buluu wayya
==
Si moo'een jiraadha
Akka namaatitti
Jiruu koon jiraadha
Akka anaatitti
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula25
Jedheen itti hime
Yaada garaa dhoosee
Wal jalaa haa hafnuu
Wal hin dhaabnuu doosee
Jedheen argisiise
Irree fi hamma koo
Jedheen itti hime
Kaayyoo fi galma koo
7.Dhugaan kan eenyuti?
====================
Abbaan dhugaa eenyuu
Kan humna qabu kan irree jabaatii
Kan dhageetti qabu
Kan gurraan guddaatii
==
Moo isa humna hin qabne
Kan irreen laafati
Kan qaamaa hir'ate
Kan miilaa naafati
==
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula26
Dhugaan kan eenyuti
Isheen uuman uume
Isheen isiif jecha
Kumaatamni dhume
==
Dhugaan kan beekatii
Isa waa madaalu....?
Moo dhugaan kan dofati
Kan hundaa wallaalu
==
Dhugaan kan sooressaati
Isa warqii mana ijaare
Moo kan hiyyeessati
Isa hundaan daare
==
Dhugaan kan eenyuti
Deebii maalif dhabne
Isheen kan maalitii...
Isheen abbaa-n qabne
==
Kan gurraachatii laata
Kan warra miidhamee ...?
Kan Oromooti laata
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula27
Kan warra dhiittamee...?
==
Dhugaan kan eenyuti
Maalif abbaa dhaba
Abbaan ishee dhabee
Maaf hamilee caba
==
Gamtaan wal tumsinee
Tokkummaan ol kaanee
Dhugaa galchuu qabna
Abbaa ishii barbaannee
==
Wanti uumame kamiyyuu
Hunduu abbaa qaba
Dhugaan fi haqni garuu
Maalif abbaa dhaba
==
Maalif deebii dhaba
Gaaffin dhugaaf haqaa
Haqarraa dheessinee
Maalif deemna baqa
==
Haqa baasnee yoo himne
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula28
Dhugaan kan miidhamaati
Dhugaa yoo dubbanne
Dhugaan dhiittamaati.
==
8. Salphoo nama gooti
=====================
Rakkoon xiqqoo hin qabdu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula29
Turte, bultee nama mooti
Wanti gatiin bichuu
Salphoo nama gooti
==
Hinjiraan xiqqoon sunuu
Surree nama baasisti
Wanti gatiin salphoo
Xiqqoo nama taasisti
==
Dhimmi nuti ilaalle
Akka salphaatitti
Gatii nu baasiste
Akka sabaatitti
==
Isheen nuti hin ilaalin
Gatii lukkuutitti
Aarsaa nu baasiste
Hamma lubbuutitti
==
Kan nuti hin lakkaa'in
Hamma xurii qeensaa
Nu waraante kunoo
qoreen dhoqqee keessaa
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula30
9. Maalif nu obsite
================
Yaadaf yaaddoon isheen
Biqilchinus arrii
Maal nama hin goone Barri
Hunda nama taasisti
Garba nama dhaansiisti
Bilee koo yaa bilee
Bilee yaamnu baraanuu
Mana sobaaf shiraa
Yaa isheen ciisne garaanuu
Maalif nutti obsitee
Nutti dhiistee hammeenya
Miidhamtoota kee dhiiftee
Maaf deemte fageenya
Baraan si waamna nuti
Abdii-n kunnu sirraa
Bakka kalee turree
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula31
Har'as achuma jirra
==
Ni dhuftaaf hin dhuftuu
Keetif walii galteen dhibee
Bilisoomu miti yaa bilee
Walii galuun cime
Ni beekna dursinee
Waloomnu malee akka hin dhufne
Nuti garuu wal ijaaruu balfine
Wal diiguu itti fufne
Inni kuun du'aan dhufta jedheet
Waa'ee kee hamata
Situ itti hime moo
Nuuf himi akkaataa
Moo abjuu dhuunfati
Abjuu hikkaa-n qabne
Nutti himi mee bilee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula32
Nutoo fala dhabnee
10. Irbuu haalamte
=====================
Tulluu tokko irratti
Waliin mul'atanii
Adurreef Hantuunni
Waliin dubbatanii
Seera waliin baafatan
Akka baraatitti
Waliin jiraachuf
Akka garaatitti
Yaa adde Adu.........
" Waliin Bullaarree
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula33
Garaa waliif laafnee
Itti hojjannaarree
Seera kan baafnee "
Jedhee yoo gaafatu
Garaa shakkii qabuun
Isa shakkisiisnan
Seerri kuni cabuun
" lakki jetteen
Yaa obbo hantuuta
Ani waadaa hin cabsuu
Waan jedhe nan guutaa
Ati na-n shakkin malee
Narraa anarraa qoolifattee
Ormaan hin firoomin
Qe'ee koo baqattee
Jetteetuu dubbatti
Qoma ishee bal'istee
Akka waan amala ishee
Kan durii san dhiistee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula34
Waadaa isaaf seente
Waaqaf dachee yaamtee
Hantuuta boojitee
Jaalalaan kudhaamte
Yoo an si gane
Dacheen na haa gantu
Yoo waadaa kee nyaadhe
Albeen na haa qaltu
Ilmoon ani dhalu
Na jala hin guddatin
Yoo guddattes
Afaan ishee hin dubbatin
Jettee hunda yaamtee
Tooftan qabdee obboo
Waadan jaraa hin turre
Tahe ulee qobboo
Osoo waggaa hin gahin
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula35
Harki harka gane
Amanuun hantuutaa
Du'aaf karaa bane
Hirriba isaa keessaa
Suuta jettee qabdee
Ilkaan ishee sanaaf
Kottee irra dhaabde
Akkasin akkas tahee
Cabe waadan kalee
Namni kan jiraatu
Waadaf miti amalaadha malee
Osoo waadaf jiraatte
Kakuu kana hin gantu
Waadaa kalee sentee
Sila har'a hin gattu
" Amalli abbaa hin dhiisu
Tulluun hin godaantu "
Amala kee qaaccessi
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula36
Yeroo waadaa galtu
11. Oromoota dide
====================
Gootummaa keenya
Hin argineef malee
Addunyaa kanaafuu
Wabii turre kalee
Loluu fi lolchiisuu
Hoggantummaa dabalee
Orma bulchine malee
Ormaan hin bulle kalee
Itoopiyaa hanga Eeshiyaa
Mirga namaa kabachiisnee
Mootota naaf sagadaa jedhan
Ummataaf sagachiifne
Mootota Onneen jaraa
Hin beekne namaaf nahuu
Lolleet argisiisne
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula37
Aangon kan sabaa tahuu
Warra dhiiga namaa dhugee
Ummatatti baase irree
Warra akka ilaalcha jaraatti
Namni jara caalu hin jirre
Jiraachuu argisiisne
Goottan onnee sibilaa
Kan akka Abdiisaa Aagaa
Goottan guddisa dhiiraa
Goota dachee ormaatti
Diinaf gantuu raase
Dhiira lolee lolchiisee
Diina biyyaa baase
Goota ragaa bahee
Diinni isaaf firruu
Leenca salaalee bahe
Kan akka Taaddee Birruu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula38
Osoo jarri hin jiraannee
Diinni nu nyaachuu yaadam
Dhiira diinaf summii
Kan akka Haaji Aadam
Tokkichi goottan keenya
Miliyeena bakka buutu
Kan akka Huseen Bunee
Kan akka waaqoo Guutuu
Kan akka Malik Anbaar
Kan adii bulche ce'ee
Oromoo saba guddaa
Ormi maaf bicuu se'ee...?
Gabayyoo ilma Gurmuu
Leencicha gaafa Adawaa
Goota lolee lolchiisee
Biyya isaaf tahe dawaa.
Bakka bu'aa Gabayyoo
Baalchaa abbaa Nabsoo
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula39
Kan kallattii sochii
Nu agarsiise qabsoo .
Kan akka xaayituu
Gameetti dubra walloo
Halloo Daawwetu teenya
Ogeettii Afran-qalloo
Goottan danuu qabna
Kan hin beekne ormaaf sagaduu
Injifannoon Adawaa keenya
Kan ormi ittiin ragadu.
Gaafa Minilik mallatteessu
Waligaltee wucaalee
Barreeffani faalla'uu
Eenyu afaan beeka
Eenyu banee ilaale
Bakka kanaadha
Iddoon kaa'umsa lolaa
Eenyu dubbisuu danda'a
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula40
Eenyutu kanaaf tola
Jedhanii barbaadanii
Nama afaan itaalii dubbisuu
Maal akka jedhuu hin beeku
Jarri mallatteessuf shubbisu
Achiin Gabree Goobanaa dhufe
Mucaan Ijibtiin turee
Rakkoo habashaa qabde
Isatu dhufee fure
Osoo lolaaf hin qophaa'in
Osoo hin deemin addicha
Eenyu hin tahuu jedhe
Eenyu didee wanticha
Oromoota dide
Xaayituu dabalee
Itoophiyaan duwwaadha
Oromoota malee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula41
12.Hin jibbinaa maraataa
======================
Sammuu guutuu kan qabu
Niitii fuudhee warrooma
Fayyaan Kennaa uumati
Rabbi namaa arjooma
Namaan adda tahee miti
Sammuu dhabuun carraadha
Isa fayyaa-n qabneef
Fayyaa argachuun dharraadha
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula42
Inni sammuu dhabe
Karaarra jiraata
Sammuu namummaan yoo laaltu
Garaa nama nyaata
Inni isaaf qoode
Nuuf qooduu danda'a
Maaloo kan fayyaa dhabeef
Haadhaf abbaa ta'aa
Uuman haa laatuf
Kan dhoorgates rabbii
Fayyaa baraa dhabdus
Sin dhoorgatin qalbii
"Sa'a jechuun jabbi
Nama jechuun qalbii "
Isa fayyaa dhabeef
Fayyaa laatif rabbi
Fayyaan kennaa uumati
Rabbi namaa laata
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula43
Maraatummaa jibbaa malee
Hin jibbinaa maraataa
13. Abaarsa moo maali....?
======================
Akka waan haati isaa
Nu laattee handhuuraa
Nurraa bahuu dide
Nu qabee handhuura.
"Dandeenyu hundeen buqqifna
Dadhabnu ilmoo itti guddifna "
Mammaksi kun hindhumu
Barumaan dubbifna
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula44
Hundumtuu ni mammaka
Hin arganne hiikkaa
Isa durii caalaa
Baraanuu nutti hiiqa
Ilmaan ni wareegamu
Nurraa-n deemu sokkee
Mataarra nu taa'aa
Socho'uu nu dhoorkee
Dhalootaa dhalootatti
Dhandhamnee gidiraa
Abbaan kalee boo' u
Har'as boo'a jira
Hedduu itti dhabne
Ilmaan gootaf qaalii
Keenya kun jarana
Abaarsa moo maali....?
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula45
14. Maaf dhiiga kee cobsa?
======================
Yaa ishee garaa bal'attu
Tan hundaafuu naatu
Harka keen osoo soortuu
Maaf harka kee nyaatu
Warra sirraa nyaata
Si dhoorge hormaata
Ilmaan safuu-n beekne
Adabu furmaata
Maalif si waraanuu
Xiqqaaf guddaan jaraa
Maaf ilmoo kee jibba
Maalif si dararaa
Sirraa nyaattee
Maalif si hifattii
Sirra baatee
Maalif si jifattii...?
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula46
Sirratti jiraattee
Maalif sitti koorti
Daba kee oomishuuf
Maaf badaaf laga joorti
Osoo hundaaf laattuu
Jaalala fi obsa
Maalif si waraanaa
Maaf dhiiga kee cobsa...?
15.Seera uumatu dabe.
========================
Inni nama nyaatee
Naqe hiyyummaa keessaa
Inni nama sakaalee
Miila dhoorge deemsa
Inni ilkaan malee
Nyaate nama keenya
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula47
Inni rakkoon michoomsee
Kaffalchise beenyaa
Harki harka hin nyaatu
Irraa nyaatee ka'ee
Inni sabbata jedhame
Bofa erga nuuf ta'ee
Ilma barsiisun yoomifi
Erga tanaa nun baasnee
Gaafa dadhabnee kufnu
Erga lafaa nuun kaasnee
Ilmi kalee soorre
Erga wallaalee safuu
Barsiusun haa taa'uu
Dhaluun nutti hin hafuu
Rakkoo nu baasu jennee
Fuunee barsiifannee
Boru nu sooru jennee
Karaa garsiifannee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula48
Ilmoon ofii dhalle
Nutti taatee sakaallaa
Ilmoo ofii guddisne
Afaan ishii wallaalla
Afaan jijjiirrattee
Harkaan deemi jetti
Malaan mala maltee
Kiisii seeni jetti
Seera uumatu dabee
Jedheen gaggaafadha
Isheen malaan maluu
Reef adda bafadha
16.Harmee
===================
Harmee koo deessee
Dandeessuu waa hundaa
Harmee harmi lakkuu
Haadha oolmaa guddaa
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula49
Naaf jecha meelattee
Anaaf jettee cabdee
Bifa ijoollummaa kee
Nu'iif jecha dhabde
Nuuf homtuu si-n dhibu
Waa hundumaa taata
Danddeessuu harmee koo
Nu'iif kuftee kaata
Garaatti nu baattee
Baatii sagal guutuu
Addunyaa jiru kun
Bakka kee hin buutu
Nu guddisuuf jettee
Iddoo hunda joortee
Yeroo nyaata-n nyaanne
Harma kee nu soortee
Osoo jiruun lafaa
Rakkoo si afeeruu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula50
Osoo roobaf aduun
Waadee si afeeluu
Nu ilmaan kee kanaaf
Lagaaf baddaa baatee
Oolmaa eenyuun oolle
Waa hunda nuuf taate
Olmaa kee awwaalun
Harka kee ganuudha
Lakkaa'ee hin fixu
Olman kee danuudha
Danda'ee sin obsu
Garaan kan koo sarmee
Eessayyuu haa taa'uu
Sin dagadhu harmee
Amala koo hamaa
Hundumaa obsitee
Nama tahi jettee
Jechaan na gorsitee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula51
Ati nuuf warqiidha
Kan gatiin hin buune
Ati nuuf kennaadha
Ameessa hin guune
Ilma ilma keetii
Harmee koo argiitii
Umrii naaf dheeradhu
Jiraadhu darbiitii
17. Hayyee jedhi nagaatti.
========================
Ana maraataa jaalala keetii
Dirretti dhiistee gattee
Maalif ormaaf abboomte
Maalif kooluu galte....?
==
Osoo akka killee
Suuta qabee si tiiksuu
Osoo jaalala keef jedhee
Mormaa citee of dhiigsuu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula52
==
Osoo siif jecha fiigee
Miilaa cabee meeladhuu
Osoo siif rakkadhee
Eeluu baraa eeladhuu
==
Osoo siif jecha dhiisuu
Maatis tahee fira koo
Osoo siif of laatuu
Keessas tahee irra koo
==
Osoo siif hunda jibbee
Soora didee lagadhuu
Osoo waaqa dhiisee
Maqaa keen kakadhuu
==
Ati immoo na salphiste
Harka na jalaa fudhatte
Ormatti kooluu galuun
Jaalala koorraa muratte
==
Ormaaf sirbaa ragadaa
Hiriyyummaa na haaltee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula53
Jira jedhee otoo yaaduu
Jiraatti na awwaalte
==
Hirkoo waliif taana
Jedheen yaade malee
Nama dacheerra jiru
Sin caalchisu kalee
==
Siif hin saaqu ture
Galma onnee kootii
Ofirratti sin muudu
Si taasisee mootii
Osoo dursee hubadhee
Tahuu kee gaararraa
Kophaatti sin jaaladhu
Si baasee namarraa
Osoo akka bofaa
Na nyaattaa beekee
Halaalatti ofirraa
Fageessee si eege
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula54
Tahuu kee otoo beekee
Bofa afaa jalaa
Silaa hin eegalu
Daandii kan jaalalaa
Osoo tahuu beekee
Ati Salphoo wahii
Si faana hin raafamu
Deemee bu'aa bahii
==
Hayyee jedhi nagaatti
Amala gantuuttu kanaadha
An ammas jibbaa-n yaadu
Onneen jaalalaa koo banaadha
18. Boru darbaaf obsine.
======================
Bara namaa darbe
Arba qambaa godhu
Bara namaa gamte
Harma garbaat hodhu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula55
Iddoon kalee nu miite
Har'as qabdee nu hiite
Iddoo kalee salphanne
Har'as dhaqnee dhaabbanne
Ormaaf darbee argina
Keenya har'as salphina
Barri darbuu nuuf diddee
Rakkoo dachaa nuuf fidde
Rakkoon baraan nu iddaa
Keenya garaan ibidda
Bahas ,lixallee joorree
Keenya madaan hin qoorre
Imimmaan lakkuu cobsinee
Boru darbaaf............... obsine
Sirka jechuun gamasi
Roobe jechuun gamana
Kunoo dubbiin hammana
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula56
19. Kophaatti na hiite.
=======================
Osoo jiruun dachee
Gubdee na affeeltuu
Gidiraaf rakkinaaf
Otoo na affeertuu
Tahe jettee hundaa
Otoo anaan waamtuu
Ulee laafaa jabaa
Osoo anaan dhaantuu
Yakkamaa na gootee
Baastee nama keessaa
Wantoota fokkisaa
Anatti fakkeessaa
Laphee koo na buustee
Daddarbaan na miitee
Namaan adda baastee
Kophaatti na hiitee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula57
Yakkamaaf yakkamtuu
Maqaa kootin waamaa
Seenaf qabeenya koo
Dhoksitee na saamaa
Daddarbaa fi cinqii
Na soortee gidiraa
Akka isheef mitii
Akka uumaf jira
Kan na uume jiraaf
Deema nama ta'ee
Silaa akka isheef
Addunyaarraa ka'e
Baga waaqa tahe
Abbaan murtii dachee
Isatu naaf falmee
dhugaa koo naaf galche
20. Dhaloota waa falaa.
=====================
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula58
Inni deeme hin deebi'u
Hin yaadinaa namuu
Inni du'e du'eera
Nuuf hin yaadu lamuu
==
Kan jiru waa fala
Kan du'e hin galuu
Dhaloota kanaadha
Dhaloonni waa falu
Rakkoo keessa jirru
Akka sabaatitti
Dhaloota Waa fala
Akka namaatitti
Kan biroo hin jiru
Kan saba baraaru
Dhaloota kanaadha
Kan saba wal'aanuwal'aanu7
Rakkoo akka sabaatitti
Nutti tahe gufuu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula59
Dhaloota waa fala
Kan biraa hin dhufu
Gaarif qajeellummaa
Ormarraa hin eegnu
Galmaa Kaayyoof milkii\
Sabaaf haa akeeknuu
Rakkoo ormi uumeen
Yoo dhabnes waa mala
Dhaloonni haa kaanuu
Dhaloota waa falaa
Dhaloonni waa mala
Dhaloonni waa fala
Waa malee
Waa falee
Beekkumsa haa kuusu
Nagaha haa buusu
Ofii walii galee
Sabaaf mala malee
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula60
Hangafa kabajee
Quxisuu guddisaa
Ofii wal mari'atee
Beekallee dubbisaa
Walirraa barataa
Gurra walii laatee
Osoo wal mararree
Dacheen nagaa taatee
Seenaa kalee bade
Barbaadee qajeelchee
Rakkoon eeluu balfee
Rakkinnicha eelchee
Dhaloota qubeeti
Maaf taana wallaalaa
Dachee nagaa dhabde
Dhaloota walaana
==
Ayyaana haadhaf abbaa
Kabajee Gijaaree
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula61
Aadaf safuu tiiksee
Biyyallee ijaaree
==
jibbaa kalee balfee
Ijaaree riqicha jaalalaa
Dachee golgolooftef
Dhaloota waa fala
21.Ulaagaan biraa hin jiru
============≈=========
Nama waan taatef
Sin kabaja namana
Qabeenyaf aangoo miti
Namummaattin amana
Abbaa feete tahi.......
Adii ,yoo feete diimaa
Bifaaf halluu keetti
Yoomuu-n qabu dhimma
Nama waan taatef
Siif laadha kabaja
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula62
Ulagaa namummaattu
Kanaaf na ajaja
Eessattuu yoo uumamne
Kaaba, kibba baha ykn lixa
Waaqa tokkichaan uumamne
Nu hundumtuu wal qixa
Anaaf si obboleessa
Tahuu baannus tiruu
Nama tahuu keen ala
Ulaagaan biraa-n jiru
22. Yerootu waa fida
==================
Firaaf orma hin jettu
Hundumaa ciniinti
Fagoo dhihoo-n qabu
Bakka hundaa fiigdi
Tartiiba hin qabdu
Horoomummaa baati
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula63
Mana ofii lagatte
Horii alaa taati
Haadhoo ishee soorte
Ciniinudhaaf ilaalti
Fira tahuu lagatteet
Diina tahuu yaalti
Kan dur warraaf loltee
Maatif eegdu qe'ee
Har'a isaayyuu eegu
Maatif diina ta'ee
Isa gaafa rakkoo
Falaaf waamu warri
Diina warraaf godhe
Waa jijjiira barri
Yerootu waa fida
Badas tahee gaarii
Lafti halkan dukkanaa
Guyyaa ifaa ilaali
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula64
Hunduu ni jijjiirrama
Yeroo eegata malee
Inni har'a guddaa
Xiqqaa ture kalee
23. Anaa kee guddisuuf.
========================
Mahaddisa jireenya
Barsiisaa jiruu koo
Akkam fayyaa keetii
Abbaa koo tiruu koo
Anaa kee guddisuuf
Bakka meeqa seentee
Ilmoo kee uffistee
Ofii qullaa deemtee
Waa'ee kee dubbachuuf
Hin qabu hamilee
Ati hundee kooti
An sirraan biqile
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula65
Ofii keeti beelaa
Ana beela baastee
Utubaa naaf taate
Kufarraa na kaastee
Dhagaaf muka yaabdee
Kiyyoo kiyyeesitee
Anaaf obbolaa koof
Jiruu mijeessitee
Ati naaf gaaddisa
Gaaddisa jireenyaa
Addunyaa kanarraa
Situ naaf fakkeenya
Si jechuun anaaf
Waa hundumaa kootii
Akeekaa jiruu koo
Jireenya koof mootii
Akkas godhi jettee
Daandii na qabsiistee
Akka jiruu moo'uf
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula66
Karaa na garsiiste
Illachaan kee cabee
Anaaf baastee arrii
Si kiisa abbaa koo
Yoo naaf tarte barri
Hojjadhee jijjiirramee
Jireenya koo moo'ee
Si soora abbaa koo
Nama keessaa foo'ee
Utubaa siif taha
Gahee bakka guddaa
Umrii Siif haa laatu
Waaqni abbaan hundaa
24.MAALIIF KOOLUU GALTE?
=====================
Dachee koo dubbadhu mee
Osoo-n beekin nuun oodde
Furmaataf osoo si eegnuu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula67
Rakkinaaf maaf nu qoodde
Diinni keenya sirratti
Taphateetuu kolfaa
Dachee koo maaf taate
Nu'iif dhibee golfaa
Ormaaf kan sagaddu
Nuuf maaf hin ciifnee
Nuti ilmaan keef
Maaf nagaa hin biifne
Ilmaan kee qaqaalii
Maaf nagaa dhoorkita
Madaa dur madaa'e
Maaf qubaan horfita
Dirra keerra deemun
Maaf nuuf tahe dharraa
Nutti himi yaa dachee
Icciiti isaa ni barraa
Dachee koo osoo hin beekin
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula68
Maaf nurraa fagaatte...?
Ilmaan kee kanatti
Maaf garaa jabaatte...?
Ilmaan ormaa baattee
Soortee dammaaf dhangaa
Ilmaan kee ofirratti
Qaltee akka sangaa
Ormaaf gamoo dhaabda
Waa hundaan simattee
Nu maal yakkineeti
Maalif nu himatte
Jiraa keenya mitii
Du'aa baachuu didde
Amaanaa goototaa
Dachee koo eessa fidde
Lafeen Jamoo Dabalee
Lafeen Guraaraa Lataa
Garaa kee keessa jiru
Waa sin gaafannee laata
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula69
Si hin gaafannee laataa
Hacee koof Eebbisaa
Jalaa cal'iste moo
Maal ture deebisaan
Goota ragaa baheef
Diinni isaaf firruu
Si hin gaafannee
Waa'ee Taaddee Birruu
Mirga sirraa qabnu
Maaf dhabne argachuu
Boqonnaa sin lagnee
Lafeen Yoosef gammachuu
Moo hin duune jetteet
Jara sobuuf yaalte
Osoo teenya jennuu
Maaliif dhugaa haalte
Kan biraa qubsiistee
Dirree dhibaafannaa
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula70
Goottan keenya kalee
Hundaa si gaafanna
Rakkoo gumaachitee
Saba keef salphina
Qabeenya ormaa gootee
Iddoo ulfoof ulfinaa
Jireenyan eessa jira
Dachee koo oduun qabduu
Nadhis nuuf iyyaafadhu
Finfinnee quba-n dhabdu
Maaf hormaata kuttaa
Lammiin koo haa horuu
Baqqalaa Dawwaanoof
Loltuu lammeessaa boruu
Achi buutee dhabne
Lafeef dhiiga jaraa
Barbaannee-n arganne
Taanee jooraa baraa
Eessa buutee dhabne
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula71
Iyyaafachaa teenya
Osoo teenya jennuu
Nu baasiste beenyaa
Sirratti dhabnee jirra
Qaxalee ilmaanii
Harmee ijji hin qoorre
Har'as imimmaani
Yoosef kan du'e
Si keessa walakkeessaa
Hacee Hundees ni nyaatte
Urjii aartii keessaa
Haylee fidaa awwaaltee
Taaddee Birruu dabalatte
Kan hayyuu filtee nyaattu
Bu'aa maal maal argatte
Garaan keenya madaa
Ijji hin qoorre takkaa
Rakkoo nuuf arjoomte
Teessetoo walakkaa
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula72
Keenya ni balfita
Kan ormaaf urgooftee
Kan si fuudhe nu'ii
Ati ormaaf ulfoofte
Saba koo rakkiftee
Itti mala malte
Nu gantee dachee koo
Maalif kooluu galte
25. Soba faana hin deemu
=======================
Funyoo dharaa footee
Gaafa na sakaalatu
Nama hamaa gootee
Gaafa na madaaltu
Gocha kee kaleessan
Gubatus keessi koo
Daba ati uumten
Gufatus deemsi koo
Xiyyeeffadheen deema
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula73
Galma kan koo gahuuf
Shira har'aa moo'ee
Nama boruu tahuuf .
Madaala kee faallan
Yoo na madaaltu sana
Keessa koo ni beektaa
Ati garuu ana
Ani garuu beeka
Bareechee keessa koo
Fulduratti deema
Fageessee deemsa koo
Ilaalaan adeema
Galma kan koo boruu
Waca tafkiif bookef
Daandii koorraa-n goru
Ani hin raafamu
Gocha namaa ilaalee
Soba faana hin deemu
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula74
Lakki dhugaa haalee
=//=
Xumureera
☆ Barressan: Abdii Nagahoo Huseen
(Abdulqaadir Nagaash Huseen)
Abdiin Abbaa isaa obbo Nagaash Huseen fi Haadha isaa aadde Hawwaa Muhammad Nuree irraa godina
Arsii Aanaa Roobee dida'aatti kan dhalate yoo tahu yeroo ammaa barataa mana barumsaa saddiqaa
sadarkaa Lammaffaati.
☆ 𝔼𝕓𝕝𝕒 10/2015 𝔸. 𝕃. 𝕀
Dhaloota Waa Falaa Abdii Nagahoo HuseenFuula75