Lakkoofsa Atoomaawaa
Appearance
Lakkoofsi atoomii ykn lakkoofsi chaarjii niwukilaraa (mallattoo Z ) elementii keemikaalaa lakkoofsa pirotoonii niwukilasii atoomii ti. Lakkoofsi atoomaawaa maalummaa atoomii tokkoo beekuuf nama gargaara. Fakkeenyaaf, atoomiin pirootoonota sadii niwukilaasii isaa keessaa qabu tokko, lakkoofsi atoomaawaa isaas 3 ta’a. Atoomoonni lakkoofsi atoomaawaa isaanii sadii ta’e hunduu immoo atoomota elementii litiyeemiiti. Atoomii idilee chaarjii hin qabne keessatti lakkoofsi atoomii lakkoofsa elektiroonotaa wajjinis walqixa .