[go: up one dir, main page]

100% found this document useful (1 vote)
1K views32 pages

Waaqayyo Fakkaachuu jechuun Maal?

1. The document discusses whether one's name belongs to God or not. It argues that a person's name truly belongs to God, as God is the one who gives each person their name. 2. It provides several biblical references to support this, including passages that indicate God determines each person's name before they are born. 3. The conclusion is that a person's name belongs to God, as He is the creator and giver of all names. A name only has meaning and power because it is given by God.

Uploaded by

Hunduma
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
100% found this document useful (1 vote)
1K views32 pages

Waaqayyo Fakkaachuu jechuun Maal?

1. The document discusses whether one's name belongs to God or not. It argues that a person's name truly belongs to God, as God is the one who gives each person their name. 2. It provides several biblical references to support this, including passages that indicate God determines each person's name before they are born. 3. The conclusion is that a person's name belongs to God, as He is the creator and giver of all names. A name only has meaning and power because it is given by God.

Uploaded by

Hunduma
Copyright
© © All Rights Reserved
We take content rights seriously. If you suspect this is your content, claim it here.
Available Formats
Download as PDF, TXT or read online on Scribd
You are on page 1/ 32

NAMA TA'UUN AKKAMITTI ?

☆Qopheessaan: B/taa
✔Hundumaa Alamaayyoo ti.
Sadaasa, 2015 E.C
SEENSA
• Barruu gabaabaan kun gaaffii ijoo lama qaba.
Gaaffiiwwan kunneen hiikaaf deebii mataa
isaanii qabatanii dhiyaatu Akkuma gaaffiin
jalqabde dhumarratti si'i isa dubbisurraa deebii
barbaaddi.Addunyaan keenya uumamaan kan
guutteedha,kanneen keessaa uumamni "Nama"
jedhamu hiikaaf bartee inni qabu caafii tuqxi.
Ulaagaa ittiin nama ta'an barsiisuu yaalti.
• Yaa dubbisa, akkas siin jetti: akka ta'uttiif
maaliif akka na dubbistu beeki siin jetti!
Hubannaan yoo na dubbiste animmoo siifan
hiikama siin jetti!

❌ YEROO DUBBISAA GAARII!...


☑ Waaqayyo inni hundumaa danda'u inni
Qulqulluun, hojiin isaa mudaa yartuullee kan hin
qabne, ogummaasaa bira eenyullee ga'uu kan hin
dandeenye, waan hin jirre jiraachisuu, akkasumas
jiraa balleessuuf aboo guutuu inni qabu, gaafa inni
dubbatu sagalee isaa bantiin waaqaaf lafaa kan
dhaga'u qilleensi ijaan hin argamne isaaf kan
owwaatu inni Waaqayyo isa dinqii, barabarummaa
kan qabu, injifataafi beekaadha! Waaqayyo
DINQIIDHA!
• GUDDUMAA WAAQAYYOO Si yaadachiisuuf
akkas jetti barruttiin!
• Dinqii hojii isaa keessa uumamni namaa
addadha! Sababni bifaafi fakkeenya isaa
godhee uumama nama jedhamu kana uume
jechaadha!
• Baay'ee jaallachuu isaati jechaadha, egaan
uumam namaatiif hiika muraasa laannee haa
ilaallu.
• Hiikni namaa maalii ?
“Kana booddee Waaqayyo, "Kottaa! Akka bifa
keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in
umnaa!... — Uma. 1:26
Waaqyyo jalqaba uumuudhaan gaafa jalqabe
uumamoota hundumaa akka akka isaaniitti uume,
uumamni uumames lafa qabatee jiraachuu
jalqabe. Umamni guyyaa 6ffaa inni 'nama'
jedhames uumameera.
• Waaqayyo uumama uume keessaa kan inni 'na
fakkaata' jedheen isa nama jedhame kana
qofadha. Kunis kan inni agarsiisuu namni
Waawayyoon fakkaatee uumamuu isaati,dubbiin
kun namni Waaqayyoon fakkaata nuun jedha.
• Wanti nuyi asirraa barru, namni Waaqayyoon
fakkaata jechuun, Waaqayyo akkuma nama isa
fooniiti, ykn Namni akkuma Waaqayyo isa
hafuuraati jechuu miti.
Wanti namni ittiin Waaqayyoon isa isa uume
fakkaatu jiraachuu isaa nutti hima.
Jecha "fakkaatti" jedhu kana gaafa ilaallu,
wantoonni lama wal faana kan jiran, amalli, bifi,
eenyummaafi aakkaataan isa tokkoo isa kaan
irraa kan mul'atu yoo ta'e jarri wal fakkaatu jenna!
Egaan nama Waaqayyoon kan fakkeessu amalli
Waaqayyorraa mul'atu nama isa jedhame kanarraa
yoo mul'ate qofa, kanaa achi wal hin fakkaatan.
• Uumamootni biroon addunyaa keenya irra jiran
Waaqayyoon hin fakkaatan xiyyeeffannaan
Waaqayyoos dhala namaati malee isaan kana
miti. Uumamootni biroon wanta Waaqqyyoon
isaan fakkeessu ofirraa ni qabaatu yoo ta'e
isaanumti mataan isaani namadha jechuu
dandeenya, garuu uumamni Waaqayyoon
fakkaatu nama qofadha! Namnis wanta
Waaqayyoon isa fakkeessu ofirraa hin qabu yoo
ta'e innis uumama biraa ta'a.
• Dhugaan bira ga'amuu qabu tokko uumama
tokko "nama" kan jechisiisu ulaagaawwan biraa
osoo hin taane,Waaqayyoon isa isa uume
fakkaachuufi isa beeku qofadha!
• Addunyaa keenya ammaa kanarra namni hin jiru
yoo jenne nu hin sobsiisu, sababni namatu
fakkaattii Waaqayyooti waan ta'eef. Kunimmoo
har'a uumama nama jedhamu kanarraan
fakkaattiin kun mul'achaa jiramoo hin jiru kan
jedhu gaafachuun ta'a. Deebiin keenyas maal
akka ta'u tilmaamuudhaani!
• Waaqayyo nama kan inni uumeef warra kaan
irraa adda godhee, akka inni isuma isa uume
fakkaatuuf, isaafis akka jiraatuuf ture. Namni
namummaa keessaatiin Waaqayyoon
fakkaachaa jiraata. Kanaan uumama biroo irraa
adda ta'ee waamama!
• Namummaa keessaatiin erga jennee, uumama
nama jedhame uumama biraa irraa, uumama
biraas nama irraa maaltu adda godha?
• Fakkeenyaaf
Horii manaa namarraa maaltu adda godha?
Mee Harree fudhannee haa ilaallu: isheen
uumama Waaqayyo uume keessa tokkodha,
fooniifi lafee qabdi.
Harreen ni dhalatti, ni guddatti, guddina booda
umuriin ishee hojiidhaaf gaafa ga'u hojii ishee kan
ta'e ba'aa baachuu jalqabdi isa malees hojii kan
biraa qabaachuu ni malti! Harreen wal hortee
sanyii dabarfachuu dandeessi! Eeyyeen ni
dandeessi!
Umaamni ishee uumama biroo irraa adda, hojiin
ishees akkasuma warra ishee fakkaatan irraa kan
hafee kannneen biroo irraa addadha. Mee yaa
dubbisa yeroo kana dubbistu maaltu sitti
yaadatama yookis sitti dhaga'ama ? Dhuma irratti
yeroon ishee gaafa ga'u Harreen ni duuti!
Fakkeenya kanarraa maal hubatta ?
Uumamni nama jedhamu ulaagaalee ittiin inni
Waaqayyoon fakkaatu kan akkamii akka ta'e
hubanna!...
• Harreetti kana uumama biraa irraa maaltu adda
godha? Jiraa ? Yaaduudha yoo naan jette,
isheenillee ni yaaddi, baay'ee malee.... fakkaatti
Waaqayyoo ta'uu hin dandeessu yoo naan jette
garuu ba'eessa! Uumama isa nama jedhame
kanammoo Harree irraa maaltu adda godha?
• Uumamni nama jedhame tokko, ni dhalata, ni
guddata, sadarkaalee addaa addaa keesaa
darbuun umuriin isaa yeroo ga'u waan Jireenya
isaaf barbaachisu barbaadu jalqaba...
☆ Hojii mataa isaa yoo qabaate, ni hojjeta
beekumsa barbaaduufis oliif gadi kaata. Kana
hundumaa booda sanyii dabarfachuuf gaa'ela
geggeeffachuuf dhama'a! Kana hunda booda
garuu carraan isaa inni dhumaa du'adha! Mee
maaltu uumama isa nama jedhame kana Harrettii
irraa adda godha mee adda naaf baasi! Waan
ulaagaa Harreen ittiin Harree akka ishee taatuu fi
uumamni nama ofiin jedhu ulaagaa inni ittiin
nama akka isaa ta'u keessaa maaltu adda?
• Deebiin kee maal akka ta'u hin beeku!
Mee filadhu deebii sirriisaa ofuma keetiif kenni !
HUBADHU!
Ati uumama biroo irraa kan ati ittiin adda taatu
waan biraan yoo jiraate ha dhiyaatu, garuu adda
kan si godhu isa si uumee fakkaachuufi beeku
qofa malee, dhalachuun, guddachuun, barachuun,
hojii dhuunfaa keetii qabaachuun, gaa'ela horattee
sanyii kee dabarfachuuniifi kanneen kana
fakkaatan hundi isaanii...
Fakkaatti Waaqayyoo si gochuu hin danda'an.
☆ Dhaga'i, isaan kun akka uumama biroo yoo si
godhan malee Waaqayyoon beekuufi fakkaattii
isaa si gochuu hin danda'an! Akkuma Harretti
sanaa yoo si godhan irraa kan hafe, gaafan akkas
jedhu dalga hin hubatin!
Kun arrabsoo mitiim°•°
Kanaaf....
• Waaqayyoon fakkaatanii Nama ta'uun
akkamitti?
• Siif haa galu ulaagaa uumamni ittiin
nama of godhu hundumti uumamicha
nama hin godhan maarree
uumamicha nama kan godhu
uumaasaa fakkaachuudha! Kanaafan
jedhe addunyaa keenyarra namani hin
jiru .
• Egaan uumama nama jedhame kana kan nama
godhu tokkoof tokko Waaqayyoon
fakkaachuudha. Namni akkamitti Waaqayyoon
fakkaachuu danda'a kan jedhuuf namummaa
keessaatiin! Namni keessaan Waaqayyoon isa
isa uume fakkaata jechuudha!
• Gabaabaatti uumama nama jedhame kana kan
nama godhu; akka macaafa qulqulluutti, waa
muraasa kaasna!
• Efeson. 4:24 akkas jedha,
namummaa haaraa isa qajeelummaafi
qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin
uumame uffadhaa!
Kanarraa wanti hubannu, fakkaattiii Waaqayyoo
namumaa haaraa uffachuu akka ta'e argina.
Kanaaf: Dhugaan, Qulqullummaan, Qajeelummaan
fakkaattii Waaqayyoo akka ta'an nutti hima!
Nama ta'uun isaan kana qabaachuufi beekuudha!
• Uumama nama jedhame kanarraa wantoonni
armaan olitti eeraman hin jiran yoo ta'e,
uumamichi ani "nama" utuu ofiin jedhuu inni
uumama biraadha! Sababni wanti uumamicha
Waaqayyoon fakkeessee nama isa godhu hin
jiru waan ta'eefidha!
• Karaa biraadhaan gabaabsinee yoo ilaallu
1Yoh.4:7 akkas jedha, Michoota ko! Jaalalli kan
Waaqayyoo waan ta'eef kottaa wal in jaallanna!...
... Namni jaallatu hundinuu mucaa Waaqayyooti,
Waaqayyoonis in beeka!
Kutaan kun kan inni nutti himu, eenyummaan ykn
amalli Waaqayyoo jaalala akka ta'e hubanna!
Namni hin jaallanne Waaqayyoon hin beekne
jedha. Waaqayyoon beekuun kan danda'amu
jaallachuu qofaani! Innichi jaallatu immoo mucaa
Waaqayyooti, mucaan abbaa fakkaata,
jaallachuun fakkaatti Waaqayyoo "nama" godha!
Ykn uumamicha jaallatu sana nama taasisa
jechaadha!
• Gabaabaatti fakkaattiin Waaqayyoo kan
uumama tokko 'nama' isa jedhame gochuu
danda'u; amalaaf eenyummaa/ibsitu/
Waaqayyoo ofirraa qabaachuuuudha.
☆sirrummaan
☆garraamummaan
☆amanamummaan
☆ gad-of qabummaan
☆ wal- danda'ummaaniifi kanneen kana
fakkaatan uumamicha 'nama' godhu!
• Phawuloos Ergamaan, Ximootewoosiin gaafa
gorsu akkas jedhaan; 《Nama Waaqayyoo
ta'uuf of qopheesi!》(1Xim.4:7) Asirraa maal
hubattaa?
• Ximootewoosiin yoo ilaalle, geggeessaa ykn
jaarsa waldaati, garuu Phawuloos, "nama
Waaqayyoo ta'uuf..." jedhaan......
• Har'a nuyi ulaagaalee adda addaatiin nama of
goonee jiraanna, garuu ulaagaan keenya kufanii
utuu nama nu hin godhin hafu! Nama nu hin
godhan jechuudha!......
• Xiyyeeffannaan Waaqayyoo uumama isa "dhala
namaa" jedhame kanadha, garuu yeroo keenya
kanatti namni sababii dhiibeef, Waaqayyo
uumama kamii waliin akka hojjechaa jiru
namaaf hin ifu!
• Qorannoo addunyaalessaan hanga ammaa kan
hin qoratamin jiru, "nama ta'uun akkamitti ? " isa
jedhuudha, anis hamma naaf gale akkamitti
akka nama ta'an waan bicuu kana gabaabsee
siif katabeera! Maalan jedhe beektaa ?
Akkamitti akka nama ta'an siif katabeeran jedhe!
✔ Gabaabumatti, uumamni nama jedhamu kun
kan Waaqayyooti!
☆ Jireenya keerraa wanti Waaqayyoon fakkaatu,
guutummaa jireenya keetiiti! Ati kan ofii keetii miti
jechuudha! 1Qor. 6:19 ...isin kan ofii keessanii
miti! Jedha! Nuyi ofii keenya keesaaa homaa
akka hin qabne nutti hima! Guutuun jireenya kee
kan Waaqayyoo isa akka fakkaatti isaatti si
uumeeti! Ofii kee harkaa homaayyuu hin qabdu
jechaadha! Waan kan isaa ta'e kan kee gootee yoo
fudhatte kan isaa ta'uun kee ni hafa!
• Mee waan sitti himaa na caqasi,
✔ Arrabni ati ittiin dubbattu kan kee miti, kan
Waaqayyooti, ati arraba Waaqayyoo baattaaf
jechuudha! Kanaaf ofii keef dubbatta osoo hin
taanee Waaqayyoof dubbatta jechaadha!
Hiikaan isaa, ati waan barbaadde dubbachuuf
mirga hin qabdu, yoo dubbatte fakkaattii
Waaqayyoo ta'uun kee ni hafa! Sababni inni ati
ittiin waan feete dubbatte sun kan kee miti waan
ta'eef....
✔ Iji ati ittiin ilaaltu kan kee miti, kan
Waaqayyooti! Iji sitti jiru Waaqayyoof arga
jechuudha! Waan barbaadde ittiin ilaaluu/ arguu/
hin dandeessu, maaliree yoo naan jette, waan
abbaan ijichaa fedhu qofa ilaalta! Kanaa achii yoo
ni ilaalta ta'e wanta isa si uume si fakkeessu
keessaa tokkotu qaama hir'uu si duraa ta'a! Ijaan
waan hin barbaachifne yoo ilaalte nama ta'uun kee
hafee uumama biroo taata!
✔ Miilli sitti jiru, kan kee osoo hin taanee kan
Waaqayyooti! Isaaf deemta, bakka barbaadde
ittiin deemuufi ittiin dhaabbachuuf mirga hin
qabdu, kan kee miti waan ta'eef waan mirga kee
hin taane yoo goote ati itti gaafatamta! Mee
afachu, Garuu siif galaa jiraayi ?
✔ Garaan / yaad-qalbiin/ ati ittiin yaddu, kan
Waaqayyoo baattee jirta, waan fedha kee ittiin
yaadee, ittiin kalaqxee warra kaaniif gumaachuu
hin dandeessu, sababni ammas kee miti!...
☆ HUBADHU!
Atumti mataan kee qabeenya wanta biraa akka
taate hin dagatin! Kanaaf isa qabeenya isaa taate
sana fakkaachuufi isa beektee jiraachuu qabda.
◇Siif galee? Irra deebi'ii dubbisi siif galaa!
GOOLABA DUBBII KEENYAA, Nama ta'uu jechuun
kiristoosiin dabalachuu jechuudha! Inni nama ta'-
eera waan ta'eef*
• Kanaaf gaafan siif xumuru, Kiristoosiin ofitti
dabalii, nama ta'i! Uumama biraa taatee hin
jiraatin xiyyeeffannaan Waaqayyoo uumama
biraa miti, atimmoo uumama biraa yoo taate
xiyyeeffannaa Waaqayyoon ala taateetta jecha!
• Ammas irran siif deebi'a nama ta'uu jechuun
kiristoosiin dabalachuudha!!!
Barruttiin an xumureera waan jettu fakkaatti!

Waan dubbisteef galatoomi!


WABII
1. Macaafa Qulqulluu( Waldaa Macaafa
Qulqulluu Itoophiyaa Addis Ababaa Waggaa
Araaraa Bara 1997 Maxxansa Tokkoffaa)
2. Akka barbaachisu... ( Barreessichaan
kan qophaa'e)
☆ Yaadaaf gaaffii:
Mob. 0917841282

You might also like